SEENAA JIREENYAA
Jireenyi Keenya Kaayyoo Qabeessa Kan Taʼe Akkamitti?
ILMIKOO Gaariin bara 1958tti akkuma dhalateen, rakkina tokko akka qabu hubadheen ture. Haataʼu malee, doktaroonni dhukkubnisaa maal akka taʼe hubachuuf jiʼa kudhan kan itti fudhate siʼa taʼu, hamma ispeeshaalistoonni Landanitti argaman mirkaneessanittimmoo waggaa shan fudhateera. Intallikoo Lawiiz isheen Gaariin dhalatee waggaa sagal booda dhalatte, dhukkuba kan isaarra baayʼee cimaa taʼeen qabamuunsheemmoo garmalee na gaddisiise.
Dooktaroonni, “Ijoolleenkee lamaanuu dhukkuba LMBB (Looreensi-Muun-Baardeet-Biidil) jedhamuun qabamaniiru; * dhukkubni kun fayyuu hin dandaʼu” jedhanii gaaruummaadhaan natti himan. Yeroo sanatti waaʼee dhibee dhalootaan darbuufi darbee darbee uumamu kanaa beekumsi guddaan hin jiru ture. Dhibeewwan dhukkuba kanaan dhufan keessaa tokko tokko, dadhabina ijaa gara jaamuutti nama geessu, garmalee furdachuu, quba harkaa ykn miillaa dabalataa qabaachuu, guddina harkifamaa, qaamni ajajamuu diduu, dhukkuba sukkaaraa, artiraayitasiifi dhukkuba kaleeti. Kanaafuu, ijoolleekoo kunuunsuun baayʼee rakkisaa ture. Biritaaniyaatti namoonni dhukkubni kun rakkina guddaa isaanirra hin geessisne baayʼeen jiraachuu dandaʼanis, qorannaan dhiheenyatti godhame tokko, namoota 125,000 keessaa dhukkuba kanaan kan miidhame nama 1 qofa akka taʼe ibseera.
YIHOWAAN “DAʼOO OL JEDHAA” NUUF TAʼE
Gaaʼela godhadhee utuun baayʼee hin turin dubartii Dhugaa Baatuu Yihowaa taate tokko kanan haasofsiise siʼa taʼu, barumsisaanii dhugaa taʼuusaa yeruma sanan hubadhe. Abbaan manaakoo garuu matumaa fedhii hin qabu ture. Sababii hojiisaatiin kan kaʼe iddoo addaddaa waan deemnuuf, gumii dhaquu hin dandeenyen ture. Taʼuyyuu, Macaafa Qulqulluu dubbisuufi Yihowaatti kadhannaa dhiheessuukoo itti fufeen ture. Yaada, “Waaqayyo, warra gad qabamaniif daʼoo ol jedhaa dha, isaan yeroo rakkinaatti daʼoo isa in godhatu” jedhu, akkasumas ‘warra isa barbaadan kan hin gatne’ taʼuusaa dubbisuun baayʼee nama jajjabeessa!—Far. 9:9, 10.
Gaariin ijaan arguu dadhabaa waan dhufeef, umriisaa waggaa jaʼaatti mana barumsa bulmaataa dhaqee barumsa adda taʼe akka baratu ergame. Yeroo hunda wanta isa dhiphisu bilbilaan kan natti himu siʼa taʼu, anis seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu akka hubatu bilbilaan isa gargaaruu dandaʼeen ture. Lawiiz erga dhalattee waggoota muraasa booda, anis dhukkuba maltiippil Iskilarosis jedhamuufi faayibroomaayaaljiyaa jedhamuunan qabame. Gaariin umriinsaa waggaa 16 ennaa taʼu, mana barumsa bulmaataatii deebiʼee manatti gale. Haataʼu malee, ijisaa baayʼee dadhabaa waan dhufeef, bara 1975tti warra ijisaanii jaame keessaa tokko taʼee galmeeffame. Bara 1977ttimmoo abbaan manaakoo nu dhiisee deeme.
Gaariin manatti deebiʼee baayʼee utuu hin turin, gumii jaalala qabeessa taʼe keessatti sochii hafuuraa gochuu kan jalqabne siʼa taʼu, anis bara 1974tti nan cuuphame. Jaarsi gumii tokko Gaariin jijjiirama qaamaa umrii dargaggummaatti isa mudatee wajjin haala wal qabateen isa gargaaruunsaa baayʼee na gammachiiseera. Dhugaa Baatonni kaanis hojii mana keessaatiin na gargaaraa kan turan yommuu taʼu, yeroo boodammoo, waajjirri tajaajila hawaasaa naannichaa, obboloota kana keessaa shanansaanii kunuunsa akka nuu godhan qacare. Kun eebba guddaadha!
Gaariin karaa hafuuraa guddina gaarii godhee, bara 1982tti cuuphame. Qajeelchaa gargaaraa taʼuuf fedhii guddaa waan qabuuf, tajaajila kanarratti isaa wajjin hirmaachuuf kanan murteesse siʼa taʼu, waggoota hedduudhaaf tajaajila kanarratti hirmaadheera. Yeroo muraasa booda ilaaltuun olaanaa aanaa keenya, “Gaarii, maaliif qajeelchaa hin taatu?” jedhee ennaa isa gaafatu, ilmikoo baayʼee gammade. Gaariin jajjabina xinnoo akkasii qofa barbaada ture; kanaaf, bara 1990tti qajeelchaa taʼee muudame.
Gaariidhaaf yaaliin luqqeettuu baqaqsanii hodhuu al lama kan godhameef siʼa taʼu, inni jalqabaa bara 1999tti, inni lammaffaanimmoo bara 2008tti godhameef. Dhukkubni Lawiiz garuu kansaarra baayʼee cimaa ture. Yeroo dhalattee kaasee ijishee guutummaatti jaamee ture. Kana malees, miillashee tokkorratti quba dabalataa akka qabdu yeroon argu, isheenis dhibee LMBB jedhamu akka qabdun hubadhe. Utuu baayʼee hin turin, kutaawwan qaamashee keessaarra rakkinni gurguddaan akka jiru qorannoo isheedhaaf godhameen beekame. Yaalii baqaqsanii hodhuu kalee dabalatee, waggoota baayʼeedhaaf yaaliin baqaqsanii hodhuu gurguddaan isheedhaaf godhameera. Isheenis akkuma Gaarii dhukkuba sukkaaraa qabdi.
Lawiiz yaaliin baqaqsanii hodhuu godhamuu kan qabu yoo taʼe rakkinni akkamii akka uumamu waan beektuuf, doktaroota baqaqsanii hodhaniifi qorichaan nama hadoochan, akkasumas garee bulchiinsa hoospitaalichaa dursitee haasofsiisuudhaan, murtoo dhiiga akka hin fudhanne goote isaan beeksisti turte. Kana gochuunsheemmoo, namoota dhibee qaamasheetiif ishee kunuunsan hunda wajjin michuu akka taatu ishee godheera.
JIREENYA KAAYYOO QABU JIRAACHUU
Mana keenya keessatti sochii waaqeffannaa Yihowaarratti xiyyeeffate hedduutu godhama. Meeshaawwan elektirooniksii ammayyaa argachuu keenya dura, Gaariifi Lawiiziif dubbisuurratti yeroo dheeraan dabarsa ture. Yeroo ammaa siidiin, diiviidiiniifi sagaleewwan weeb saayitii www.jw.org jedhamurraa argaman, hundi keenya yeroo addaddaatti sagantaawwan qayyabannaa Macaafa Qulqulluu akka hordofnu nu gargaaru. Kanaafuu, walgaʼiiwwan gumiirratti hirmaannaa gaarii gochuu dandeenyeerra.
Gaariin yeroo baayʼee deebii kan kennu yaadatti qabateeti; Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirratti kutaa yeroo qabaatus, jechuma mataasaatiin dhiheessa. Bara 1995tti tajaajilaa gumii taʼee kan muudame ennaa taʼu, yeroo hunda miseensota gumii simachuufi kutaa sagaleerratti hojjechuudhaan Galma Mootummaa keessatti hojiidhaan kan qabamedha.
Obboloonni, barcuma konkolaataa Gaariin sababii dhibee artiraayitasiitiin irra taaʼee ittiin deemu oofanii isaa wajjin tajaajilu. Obboleessi tokko, Gaariin nama fedhii qabu tokko akka qayyabsiisu isa gargaareera. Kana malees Gaariin, Kiristiyaana waggaa 25f karaa hafuuraa dadhabdee turte tokko jajjabeesseera. Namoonni kun lamaanuu, yeroo ammaatti walgaʼii gumiirratti ni argamu.
Lawiiz umriinshee waggaa sagal ennaa taʼu, akkoonshee shurraabii dhahuu, aniifi obboleettiin nu kunuunsitummoo xilfii hojjechuu ishee barsiisne. Hojii xilfii waan jaallattuuf, ijoollee xixinnoodhaafis taʼe maanguddoota gumii keenyaatiif birdilibsii babbareedaa dhoofti. Kana malees, fakkiiwwan maxxanfamanitti fayyadamtee kaardii hojjetti turte. Namoonni kaardiin kun kennamuuf, kaardicha baayʼee dinqisiifatu. Lawiiz umrii waggoota kurnanii keessa yeroo turtetti taayippii barattee turte. Yeroo ammaatti kompiitara addaa ittiin haasaʼaniin fayyadamtee, yeroo hunda michootashee wajjin iimeeliidhaan wal qunnamti. Lawiiz umriishee waggaa 17tti ni cuuphamte. Yeroo duulli tajaajilaa adda taʼe jirutti, waliin qajeelchaa gargaaraa taana. Akkuma Gaarii, Lawiizis caqasawwan waaʼee abdii Waaqayyo kennee dubbatan yaadatti qabatteetti. Abdiin Waaqayyo kenne, addunyaan ‘iji warra jaamotaa itti banamuufi’ ‘namni “na dhukkuba” jedhu keessa hin jirre’ akka dhufu dubbata.—Isa. 33:24; 35:5.
Dhugaawwan gati jabeessa Dubbii Yihowaa isa hafuuraan barreeffame keessatti argamaniif baayʼee galateeffanna! Gumiin keenya jaalalaan kakaʼee gargaarsa utuu nuu gochuu baatee sochii goonu keessaa baayʼeensaa kan hin dandaʼamne waan taʼeef, qophii nu gargaaruuf godhame baayʼee dinqisiifanna. Keessumaammoo gargaarsa Yihowaatiin jireenyi keenya kaayyoo kan qabu taʼuu dandaʼeera.
^ key. 5 Dhukkubni Looreensi-Muun-Baardeet-Biidil jedhamu kun, maqaa dooktaroota arfan, dhibee yeroo haatiifi abbaan rakkina kana qabanitti dhalootaan darbu kana addaan baasanii beekaniitiin kan moggaafamedha. Yeroo harʼaa dhibeen kun yeroo baayʼee, Baardeet-Biidil jedhamee waamama. Dhibeen kun qoricha hin qabu.