Warra Yihowaa Jaallatan ‘Wanti Gufachiisu Hin Jiru’
“Warri seera kee jaallatan sun nagaa guddaa qabu, wanti isaan gufachiisus hin jiru!”—FAR. 119:165.
1. Fakkeenyi shamarree tokkoo, abdii kutachuu akka hin qabne kan argisiisu akkamitti?
MEERII Diiker ijoollummaasheetii kaastee fiigichaan addunyaarratti beekamtuu turte. Dorgommee olompiikii bara 1984 godhamerratti, fiigicha meetira 3,000 moʼattee badhaasa meedaaliyaa warqee argachuuf hawwii guddaa qabdi turte. Haataʼu malee, sarara isa dhumaa qaxxaamuruu hin dandeenye. Miilla shamarree ishee wajjin fiigaa turte tokkoo gufachuudhaan karaarratti kufte. Kanaan kan kaʼes, waan miidhamteef utuu imimmaan dhangalaastuu dorgommicha keessaa baatanii ishee baasan. Haataʼu malee, Meeriin abdii hin kutanne. Waggaa tokko utuu hin guutin fiigichatti deebiʼuudhaan, dorgommii fiigicha dubartootaa bara 1985 godhamerratti qabxii haaraa galmeessisteetti.
2. Kiristiyaanonni dhugaan dorgommii fiigichaarra kan jiran karaa kamiini? Galmi keenya maal taʼuu qaba?
2 Kiristiyaanota waan taaneef, akka fakkeenyaatti dorgommii fiigichaarra jirra. Galmi keenya fiignee moʼachuu taʼuu qaba. Dorgommiin keenya, fiigicha gabaabaa moʼuuf saffisa qabaachuun barbaachisaa taʼe ykn fiigicha gidduu gidduutti dhaabachaa suuta jennee fiignu miti. Kanaa mannaa, fiigicha maaraatoonii moʼuuf obsa qabaachuun barbaachisaa taʼeetti fakkeeffamuu dandaʼa. Phaawulos Kiristiyaanota Qorontos bakka dorgommiin fiigichaa beekamaa itti taʼe keessa jiraataniif ergaa barreesserratti nama dorgommii fiigichaarra jiru akka fakkeenyaatti caqasee ture. “Warri wal dorgoman hundinuu yoo fiigan iyyuu, kan dura darbee kennaa argatu garuu, tokkicha akka taʼe hin beektanii ree? Isinis akkasuma kennaa sana akka argattaniif fiigaa!” jechuudhaan barreesseera.—1 Qor. 9:24.
3. Namoonni dorgommii jireenya barabaraarratti hirmaatan hundi ni moʼu jechuun kan dandaʼamu akkamitti?
3 Macaafni Qulqulluun dorgommii fakkeenyaan ibsame kanarratti akka hirmaannu nu gorsa. (1 Qorontos 9: 25-27 dubbisi.) Badhaasni dorgommii kanaa jireenya barabaraa siʼa taʼu, Kiristiyaanonni dibamoon samiirratti, warri kaanimmoo lafarratti argatu. Dorgommii atleetiksiirraa haala adda taʼeen, namoonni dorgommii kanarratti hamma dhumaatti obsaan hirmaatan hundi badhaasa argatu. (Mat. 24:13) Namoonni dorgommii kanarratti hirmaatan badhaasa kan dhaban, seera fiigicha sanaa yoo cabsan ykn sarara dhumaa utuu hin qaxxaamurin yoo hafan qofadha. Kana malees, gosi fiigichaa badhaasa jireenya barabaraa argamsiisu kana qofadha.
4. Jireenya barabaraa argachuuf dorgommiin goonu ulfaataa akka taʼu kan godhu maalidha?
4 Sarara dhumaa qaxxaamruun salphaa miti. Seeraa fiigicha sanaa eeguufi galma keenyarratti xiyyeeffachuu gaafata. Namni al tokkoyyuu utuu hin gufatin, sarara dhumaa kana qaxxaamure Yesus Kiristos qofadha. Haataʼu malee bartuusaa kan taʼe Yaaqoob, namoonni duuka buutuu Kiristos taʼan ‘hundi baayʼee akka irraa kaatan’ barreesseera. (Yaq. 3:2) Kun dhugaadha! Cubbuun dhaalleefi kan warra kaanii dhiibbaa nurraan gaʼa. Kanaaf yeroo tokko tokko gufachuudhaan gatantaruu dandeenya. Kufuu kan dandeenyu taʼus, kaanee fiiguu keenya itti fufna. Namoonni tokko tokko kufaatii cimaa kan kufan siʼa taʼu, kaʼanii hanga sarara dhumaatti fiiguusaanii itti fufuuf gargaarsi isaan barbaachiseera. Kanaaf, yeroo tokko tokko ykn siʼa baayʼee gufachuu darbees kufuu ni dandeenya.—1 Mot. 8:46.
YOO GUFATTANIYYUU FIIGUU HIN DHIISINAA
5, 6. (a) Kiristiyaana tokko ‘wanti gufachiisu hin jiru’ jechuu kan dandeenyu akkamitti? Bakka kufee kaʼuuf maaltu isa gargaara? (b) Namoonni tokko tokko erga gufatanii booda kan hin kaane maaliifi?
5 Tarii namni tokko karaa hafuuraa haala akkamii keessatti akka argamu ibsuuf, jecha ‘gufachuu’ ykn ‘kufuu’ jedhutti ni fayyadamtu taʼa. Haataʼu malee, jechoonni Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman kun yeroo hundaa hiika tokko hin qaban. Fakkeenyaaf, Fakkeenyi 24:16, “Namni qajeelaan siʼa torba utuma kufee iyyuu, deebiʼee in kaʼa; namni jalʼaan garuu, wanta hamaa keessatti in kufa” akka jedhu hubadhaa!
6 Yihowaan namoonni isatti amanaman hamma waaqeffannaansaanii jeeqamutti ykn hamma deebiʼanii isa waaqeffachuu hin dandeenyetti akka gufatan ykn akka kufan hin heyyamu. Yihowaan bakka kufnee ‘kaanee’ garaa keenya guutuu isa waaqeffachuu keenya akka itti fufnuuf akka nu gargaaru nuu mirkaneesseera. Kun namoota garaadhaa Yihowaa jaallatan hunda baayʼee kan jajjabeessudha! Cubbamoonni bakka kufanii kaʼuuf fedhii akkasii hin qaban. Namoonni akkasii gargaarsa hafuura Waaqayyoofi sabasaa hin barbaadan ykn gargaarsa akkasii hin fudhatan. ‘Warra seera Yihowaa jaallatan’ garuu wanti dorgommii jireenya barabaraarraa isaan gufachiisuu dandaʼu hin jiru.—Faarfannaa 119:165 dubbisi.
7, 8. Namni tokko yoo ‘kufeyyuu’ surraa Waaqayyoo argachuu kan dandaʼu akkamitti?
7 Namoonni tokko tokko dadhabina qabaniin kan kaʼe, cubbuu xixinnoo irra deddeebiʼanii raawwatu. Haataʼu malee, ‘kaʼanii’ jechuunis yaada garaa geddaratanii amanamummaadhaan tajaajiluusaanii yoo itti fufan, Yihowaan ammayyuu qajeelaa akka taʼanitti isaan ilaala. Kun dhugaa taʼuusaa akkaataa Waaqayyo Israaʼeloota durii itti qaberraa hubachuu dandeenya. (Isa. 41:9, 10) Fakkeenyi 24:16 olitti caqasame, ‘kufaatii’ keenyarratti utuu hin taʼin, gargaarsa Waaqa keenya isa ooʼa qabeessa taʼeen ol ‘kaʼuu’ keenyarratti xiyyeeffata. (Isaayaas 55:7 dubbisi.) Yihowaafi Yesus Kiristos kaʼuu akka dandeenyu amantii nurratti qabaachuudhaan, ‘Kaʼaa!’ jedhanii gaarummaadhaan nu jajjabeessu.—Far. 86:5; Yoh. 5:19.
8 Namni fiigicha maaraatoonii dorgomu tokko yoo gufate ykn kufellee dafee tarkaanfii kan fudhatu taanaan, kaʼee hamma dhumaatti fiiguuf yeroo qaba. Dorgommii jireenya barabaraatiif goonurratti ‘guyyaafi yeroo’ dorgommichi itti xumuramu hin beeknu. (Mat. 24:36) Taʼus, irra deddeebinee hin gufannu taanaan, sirriitti fiiguu, dorgommii keenya keessa turuufi akka gaariitti xumuruu dandeenya. Kanaaf gufachuurraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti?
WANTOOTA NU GUFACHIISUU DANDAʼAN
9. Wantoota nu gufachiisuu dandaʼan kamfaa qorra?
9 Kanatti aansuudhaan wantoota nu gufachiisuu dandaʼan shan ilaalla. Isaanis dadhabina dhuunfaa, hawwii foonii, jalʼina namni hidhata amantii keenyaa taʼe nurratti raawwatu, rakkinaafi ariʼatama, akkasumas dogoggora warri kaan cubbuu dhaaluusaaniitiin kan kaʼe raawwatanidha. Haataʼu malee, yoo gufanneyyuu Yihowaan akka nuu obsu yaadadhaa. Amanamoo akka hin taanetti nu ilaaluuf hin ariifatu.
10, 11. Daawit dadhabina akkamii wajjin qabsoo gochaa ture?
10 Dadhabinni dhuunfaa dhagaa karaa fiigichaarra kaaʼametti fakkeeffamuu dandaʼa. Of qabu dadhabuufi nama sodaachuun dadhabina akkasii keessaa tokko siʼa taʼan, wantoota jireenya Daawit Mootichaafi jireenya Phexros keessatti raawwatamanirraa kun dhugaa taʼuusaa hubachuu dandeenya.
11 Daawit Mootichi Baat Sheebaa wajjin haala wal qabateen wanti inni raawwate of qabuu dadhabee akka ture argisiisa. Naabaal yommuu isa arrabses ariitiidhaan tarkaanfii fudhachuuf jedhee ture. Eeyyee, Daawit of qabuu dadhabuunsaa kan isa gufachiise taʼus, abdii kutatee Yihowaa gammachiisuuf carraaqqii gochuusaa hin dhiisne. Gargaarsa warra kaaniitiin karaa hafuuraa bayyanachuu dandaʼeera.—1 Sam. 25: 5-13, 32, 33; 2 Sam. 12: 1-13.
12. Phexros gufatus fiiguusaa kan itti fufe akkamitti?
12 Sodaan namaa Phexrosiin gufachiisee kan ture taʼus, Yesusiifi Yihowaadhaaf amanamaa taʼee jiraateera. Fakkeenyaaf, al tokko qofa utuu hin taʼin, al sadii namoota duratti Gooftaasaa ganeera. (Luq. 22:54-62) Yeroo boodas, Kirstiyaanonni dhagna hin qabanne, akka Kiristiyaanota Yihudoota taʼanii gaarii akka hin taanetti ilaaluudhaan amala Kiristiyaana tokkorraa hin eegamne argisiiseera. Phaawulos garuu, gumii Kiristiyaanaa keessatti namoota wal caalchisuun sirrii akka hin taane hubateera. Ilaalchi Phexros dogoggora ture. Haataʼu malee, amalli Phexros obbolummaa amantootaa jeequusaa dura Phaawulos fuulleetti gorsa isaaf kenneera. (Gal. 2:11-14) Phexros koorri gorsa fudhachuu akka isa dhowwu gochuudhaan dorgommii jireenyaaf godhu dhiiseeraa? Gonkumaa! Kanaa mannaa, gorsa Phaawulos fudhatee hojiirra oolchuudhaan fiiguusaa itti fufeera.
13. Dhibeen fayyaa nama tokko gufachiisuu kan dandaʼu akkamitti?
13 Yeroo tokko tokko dadhabinni keenya fayyaa dhabuu wajjin kan wal qabate taʼuu dandaʼa. Kunis nu gufachiisuu dandaʼa. Dorgommii karaa hafuuraa goonurratti danqaa nutti taʼuu, akkasumas akka gatantarruufi akka laafnu nu gochuu dandaʼa. Fakkeenyaaf obboleettiin Jaappaan keessa jiraattu tokko erga cuuphamtee waggaa 17 booda fayyaa dhabdee turte. Karaa hafuuraa hamma dadhabdutti dhukkubasheerratti xiyyeeffattee turte. Yeroo boodas sochii hafuuraa gochuu dhaabde. Achiis jaarsoliin lama ishee daawwatan. Yaada isaan gaarummaadhaan isheedhaaf hiraniin jajjabaattee walgaʼiirratti argamuu jalqabde. “Obboloonni miira hoʼaadhaan nagaa waan na gaafataniif nan booʼe” jetteetti. Amma obboleettiin keenya kun dorgommii hafuuraatti deebiteetti.
14, 15. Yommuu fedhiin dogoggoraa nu keessatti uumamu tarkaanfii cimaa akkamii fudhachuu qabna? Fakkeenyaan ibsi.
14 Hawwiin foonii namoota hedduu gufachiiseera. Gama kanaan qorumsi yommuu nurra gaʼu, karaa sammuu, amalaafi hafuuraa qulqulluu taanee jiraachuuf tarkaanfii cimaa fudhachuu qabna. Yesus akka fakkeenyaatti ijaafi harka keenyallee yoo taʼe wanta nu gufachiisu kamiyyuu akka ‘gannu’ nu gorsuusaa yaadadhaa. Kunis, yaadaafi gocha gadhee namoonni tokko tokko dorgommii keessaa akka baʼan godhan kan dabalatudha.—Maatewos 5:29, 30 dubbisi.
15 Obboleessi maatii Kiristiyaanaa keessatti guddate tokko saala wal fakkaatuu wajjin saalqunnamtii raawwachuuf yeroo baayʼee akka qoramu barreesseera. Obboleessi kun, “Wanta kamiifiyyuu akkan hin malle natti dhagaʼama ture” jedheera. Umriisaa waggaa 20tti qajeelchaafi tajaajilaa gumii taʼe. Achiis garmalee waan gufateef, adabni Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe isaa kenname; jaarsoliinis gargaarsa isaa godhan. Achiis, kadhannaa gochuu, Dubbii Waaqayyoo qayyabachuufi warra kaan gargaaruurratti xiyyeeffachuudhaan kaʼee dorgommii hafuuraasaa itti fufe. Waggoota hedduu booda akkas jedheera: “Ammas yeroo tokko tokko miirri akkasii kan natti dhagaʼamu taʼus, miirri kun akka na moʼu hin heyyamu. Yihowaan hamma dandeenyu caalaa akka qoramnu akka hin heyyamne baradheera. Kanaaf, Waaqayyo ‘Qorumsa kana moʼuu ni dandeessa’ akka naan jedhe natti dhagaʼama.” Obboleessi kun, “Qabsoon ani godhe hundi addunyaa haaraa keessatti na kiisa. Anis kanan barbaadu kanadha. Hammasitti garuu qabsoo gochuukoo ittan fufa” jedheera. Obboleessi kun karaa hafuuraa fiiguusaa itti fufuuf murteesseera.
16, 17. (a) Wanti obboleessa jalʼinni akka isarratti raawwatame itti dhagaʼame tokko gargaare maalidha? (b) Gufachuurraa fagaachuuf maalirratti xiyyeeffachuu qabna?
16 Jalʼinni namoonni hidhata amantii keenyaa taʼan nurratti raawwatan gufuu nutti taʼuu dandaʼa. Obboleessi Faransaay keessa jiraatuufi jaarsa ture tokko jalʼinni akka isarratti raawwatame waan yaadeef baayʼee aaree ture. Kanaan kan kaʼes, walgaʼiirratti argamuu ni dhiise, karaa hafuuraas ni dadhabe. Jaarsoliin lama isa bira dhaquudhaan yommuu inni wanta itti dhagaʼame dubbatu utuu gidduu hin seeniin gaarummaadhaan isa dhaggeeffatan. Wanta baʼaa isatti taʼu Yihowaarratti akka gatu kan isa jajjabeessan siʼa taʼu, wanti hunda caalaa barbaachisaa taʼe Waaqayyoon gammachiisuu akka taʼe isaa ibsan. Innis gorsa isaa kenname fudhatee dorgommichatti deebiʼuudhaan sochii gumiirratti dammaqinaan hirmaachuu jalqabe.
17 Kiristiyaanonni hundi ilmaan namootaa cubbamoo taʼanirratti utuu hin taʼin, Yesus Kiristos isa Mataa gumii taʼerratti xiyyeeffachuu qabu. Yesus inni ijisaa akka “barbadaa ibiddaa” taʼe, hamma nuyi arguu dandeenyu caalaa waan hundumaa akka gaariitti arguu dandaʼa. (Mul. 1:13-16) Fakkeenyaaf, jalʼinni akka nurratti raawwatame nutti dhagaʼamuunsaa dogoggora mataa keenyaan ykn karaa sirrii hin taaneen hubachuu keenyaan taʼuu akka dandaʼu beeka. Yesus wanta gumiidhaaf barbaachisu tokkoof yeroosaatti karaa sirrii taʼeen furmaata ni kenna. Kanaaf, gochi ykn murtoon Kiristiyaanni hidhata keenya taʼe tokko akka nu gufachiisu heyyamuu hin qabnu.
18. Qorumsa ykn haala rakkisaa taʼe tokko moʼuu kan dandeenyu akkamitti?
18 Gufuuwwan hafan lamaanimmoo, rakkina ykn ariʼatama, akkasumas obboloonni cubbuu kan dhaalan taʼuusaaniiti. Yesus fakkeenya waaʼee nama sanyii facaasuu dubbaterratti, dubbichaaf jedhanii ‘rakkachuu ykn ariʼatamuun’ namoota tokko tokko gufachiisuu akka dandaʼu dubbateera. Ariʼatamni kan dhufu, maatiirraa, ollaarraas taʼe abbootii taayitaarraa, keessumaa nama ‘hundee hin qabne,’ jechuunis nama karaa hafuuraa cimaa hin taane miidhuu dandaʼa. (Mat. 13:21) Garaa qajeelaa yoo qabaanne garuu, sanyiin Mootummichaa amantii keenya keessatti akka hidda gad fageeffannu nu gargaaruu dandaʼa. Qorumsi yommuu nu mudatu wantoota gaarii taʼanirratti kadhannaadhaan xiinxaluuf carraaquu qabna. (Filiphisiiyus 4:6-9 dubbisi.) Jabina Yihowaan nuu kennuun, qorumsa dandaʼuufi haalawwan nu gufachiisanirraa fagaachuu ni dandeenya.
19. Namni tokko yoo nu mufachiise gufachuu dhiisuu kan dandeenyu akkamitti?
19 Kan nama gaddisiisu namoonni tokko tokko waggoota hedduu booda, cubbuun obboloonnisaanii dhaalan dorgommii keessaa akka isaan baasu heyyamaniiru. Murtoowwan nama tokkoof dhuunfaatti dhiifamanirratti ilaalcha garaagaraa qabaachuun gufuu isaanitti taʼeera. (1 Qor. 8:12, 13) Namni tokko yoo nu gufachiise dhimma sana arbeessinee ilaallaa? Macaafni Qulqulluun Kiristiyaanonni namootatti akka hin faranne, akkasumas dhiifama akka godhaniifi mirga kooti jedhanii falmuurraa akka fagaatan gorsa. (Luq. 6:37) Wantoonni nama gufachiisuu dandaʼan yommuu isin mudatan akkas jedhaa of gaafadhaa: ‘Filannaa koorratti hundaaʼuudhaan warra kaanitti nan faradaa? Obboloonnikoo cubbamoota taʼuusaanii utuman beekuu, cubbuun namni tokko dhaale dorgommii jireenyaa keessaa akka na baasu nan heyyamaa?’ Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu, wanti namni tokko raawwatu kamiyyuu sarara dhumaa qaxxaamuruu akka nu hin dhowwine nu gargaaruu dandaʼa.
GUFUURRAA MAQUUDHAAN OBSAAN FIIGUU KEESSAN ITTI FUFAA
20, 21. Dorgommii jireenyaaf godhamurratti maal gochuuf murteessiteetta?
20 ‘Dorgommicha raawwachuuf’ murteessitaniittuu? (2 Xim. 4:7, 8) Taanaan qayyabannaa dhuunfaa gochuun keessan barbaachisaadha. Macaafni Qulqulluuniifi barreeffamoonni keenya, qorannaa gochuu, xiinxaluufi wantoota isin gufachiisuu dandaʼan hubachuuf waan isin gargaaraniif itti fayyadamaa. Hafuurri Waaqayyoo karaa hafuuraa jabina barbaachisu akka isinii kennu kadhadhaa. Namni jireenya barabaraa argachuuf fiigaa jiru tokko, waan gufateef ykn waan kufeef qofa dorgommicha dhiisee akka hin baane yaadadhaa. Namni kun kaʼee fiiguusaa itti fufuu dandaʼa. Qorumsa amantii kamirraayyuu barumsa gaarii argachuudhaan, wantoota isa gufachiisan akka riqichaatti itti fayyadamuu dandaʼa.
21 Macaafni Qulqulluun dorgommii jireenya barabaraatiif godhamu hamma dhumaatti fiiguu akka qabnu ibsa. Dorgommiin kun bakka moʼichaa sana gaʼuuf otoobisii yaabbatanii deemuu wajjin tokko miti. Dorgommii jireenyaa ofuma keenyaan fiiguu qabna. Kana kan goonu taanaan, “nagaa guddaa[n]” Yihowaa biraa argannu akka qilleensa duuba keenyaan fuulduratti nu dhiibuu nuu taʼuu dandaʼa. (Far. 119:165) Dorgommicha hamma dhumaatti yoo fiigne ammaas taʼe gara fuulduraatti Yihowaan eebba dhuma hin qabne nuu kennuusaa akka itti fufu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Yaq. 1:12.