Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Qorumsa Kamiyyuu Moʼuuf Humna Argachuu

Qorumsa Kamiyyuu Moʼuuf Humna Argachuu

Qorumsa Kamiyyuu Moʼuuf Humna Argachuu

“Jabina gooftaan anaaf kennuun waan hundumaa gochuu nan dandaʼa.”—FILP. 4:13.

1. Sabni Yihowaa rakkoon garaagaraa kan isaanirra gaʼu maaliifi?

SABNI Yihowaa rakkinni garaagaraa isaanirra gaʼuunsaa isaan hin dinqisiisu. Qorumsawwan tokko tokko cubbuu dhaalleen ykn sirna biyya lafaa keessa jiraannuun kan kaʼe nurra gaʼu. Kaanimmoo, sababa diinummaa warra Waaqayyoon tajaajilaniifi warra isa hin tajaajille gidduu jiruun nutti dhufu. (Uma. 3:15) Jalqaba seenaa ilmaan namootaatii kaasee, Waaqayyo tajaajiltoonnisaa amanamoon ariʼatama, dhiibbaa gadhee hiriyaan geessisuufi rakkoowwan garaagaraa akka moʼan isaan gargaaraa tureera. Nuyis rakkina kamiyyuu akka moonu hafuurri qulqulluun humna nuu kennuu dandaʼa.

Ariʼatama Amantii Dandaʼuuf Gargaarsa Argachuu

2. Kaayyoon ariʼatama amantii maalidha? Ariʼatamni akkasii karaawwan kamiin dhufuu dandaʼa?

2 Ariʼatamni amantii, doorsisa ykn miidhaa taʼe jedhamee sababii amantiisaaniitiin namootarra gaʼudha. Kaayyoonsaa amantiisaanii balleessuu, akka hin babalʼanne dhowwuufi ejjennoosaanii akka laaffisan gochuudha. Ariʼatamni yeroo tokko tokko kallattiidhaan, yeroo kaanimmoo karaa hin beekamneen dhufuu dandaʼa. Macaafni Qulqulluun, miidhaa Seexanni geessisu miidhaa leenciifi marʼataan geessisanitti fakkeessa.—Faarfannaa 91:13 dubbisi.

3. Ariʼatamni miidhaa leenci geessisuufi marʼataan geessisutti fakkeeffame garaagarummaansaa maalidha?

3 Seexanni yeroo baayʼee akkuma leencaa, namoonni humnaan akka nurratti kaʼan, akka hidhamnu ykn hojiin keenya akka dhorkamu gochuudhaan kallattiidhaan lola nurratti bana. (Far. 94:20) Gabaasni Kitaaba Waggaa, wanta Dhuga Baatonni Yihowaa yeroo harʼaa jiran raawwatan ibsu, muuxannoowwan Seexanni mala akkasiitti akka fayyadamu argisiisan hedduu qabateera. Namoonni seera hin beekne tokko tokko geggeessitoota amantiitiin, kaanimmoo namoota siyaasaatiin oofamanii, saba Yihowaa biyyoota addaddaa keessa jiranirra miidhaa geessisaniiru. Miidhaan, miidhaa leenci geessisuu wajjin wal fakkaatu akkasii, namoonni tokko tokko Yihowaa tajaajiluu akka dhiisan godheera. Seexanni sammuu namootaa mancaasuufi jaalalasaa akka raawwatan gochuuf, akkuma marʼataa dhokatee miidhaa geessisuus ni dandaʼa. Miidhaan akkasii karaa hafuuraa nu dadhabsuufi nu mancaasuuf kan qopheeffamedha. Haataʼu malee, gargaarsa hafuura qulqulluutiin ariʼatama karaa lamaanuu dhufu moʼuu dandeenya.

4, 5. Wanti hunda caalaa ariʼatamaaf akka of qopheessinu nu gargaaru maalidha? Maaliif? Fakkeenya kenni.

4 Gara fuulduraatti ariʼatamni akkamii akka dhufu tilmaamuun, ariʼatama sanaaf qophaaʼuuf nu hin gargaaru. Ariʼatamni akkamii akka nurra gaʼu waan hin beekneef, wanta utuu hin raawwatamin hafuu dandaʼu tokkoof of dhiphisuun faayidaa hin qabu. Haataʼu malee wanti gochuu dandeenyu jira. Namoonni ariʼatama isaanirra gaʼe karaa buʼa qabeessa taʼeen moʼan hedduun, kana gochuu kan dandaʼan amantii namoota ejjennoosaanii eeganiifi seenaansaanii Caaffata Qulqullaaʼoo keessatti barreeffamerratti, akkasumas barumsaafi fakkeenya Yesusirratti xiinxaluudhaan ture. Kana gochuunsaanii jaalala Yihowaadhaaf qaban isaanii jabeesseera. Jaalalli kunis, qorumsa isaanirra gaʼu kamiyyuu moʼuuf isaan gargaareera.

5 Mee fakkeenya obboleettota keenya biyya Maalaawwii jiraatan lamaa haa ilaallu. Obboleettonni kun kaardii paartii siyaasaa bitachuu waan didaniif, namoonni baayʼeen itti dachaʼanii isaan reebuudhaan uffatasaanii kan irraa baasan siʼa taʼu, akka isaan gudeedanis isaan sossodaachisan. Namoonni kun, miseensonni maatii Betʼelillee kaardicha akka fudhatan itti himuudhaan obboleettota kana sobaan gowwoomsuuf yaalan. Obboleettonni kun deebii akkamii kennan? “Nuyi Yihowaa qofa tajaajilla. Kanaafuu, obboloonni waajjira damee keessa jiran kaardii kana bitachuunsaanii jijjiirama nurratti fidu hin qabu. Yoo nu ajjeestanillee ejjennoo keenya hin jijjiirru!” jedhan. Obboleettonni kun ejjennoosaanii ija jabinaan erga ibsanii booda gadhiifamaniiru.

6, 7. Yihowaan, sabnisaa ariʼatama isaanirra gaʼu akka moʼan kan isaan gargaaru akkamitti?

6 Phaawulos ergamaan, Kiristiyaanonni Tasaloniiqee keessa turan waaʼee dhugaa kan dhagaʼan ‘rakkina baayʼee’ keessa utuu jiranii taʼus, “gammachuu hafuura qulqulluu biraa dhufu” akka argatan ibseera. (1 Tas. 1:6) Kiristiyaanonni duriis taʼe yeroo harʼaa jiraniifi ariʼatama isaanirra gaʼe moʼan hedduun, qorumsi cimaan yommuu isaan mudatu, nagaan inni ija hojii hafuuraa keessaa tokko taʼe keessasaaniitti itti dhagaʼamaa akka ture dubbatu. (Gal. 5:22) Nagaan argatan kunimmoo garaasaaniifi yaadasaanii isaaniif eegeera. Eeyyee, Yihowaan hafuura qulqulluutti fayyadamuudhaan tajaajiltoonnisaa qorumsa akka dandaʼaniifi rakkina isaanirra gaʼu ogummaadhaan akka moʼan isaan gargaara. *

7 Namoonni Dhugaa Baatota hin taane, ejjennoo sabni Waaqayyoo ariʼatamni cimaan yommuu isaanirra gaʼuttillee qaban yeroo argan baayʼee dinqisiifataniiru. Dhugaa Baatonni, humni humna namaa caalu waan isaanii kenname fakkaata ture; dhugumasimmoo isaanii kennameera. Phexros ergamaan, “Maqaa Kristosiif jettanii yommuu arrabsamtan, isin warra gammadanii dha; hafuurri ulfinaa inni kan Waaqayyoo isin irra in boqota” jechuudhaan nuu mirkaneesseera. (1 Phe. 4:14) Seera Yihowaan qajeelummaadhaaf baase eeguu keenyaan kan kaʼe ariʼatamuun keenya, Waaqayyo biratti fudhatama akka qabnu kan argisiisudha. (Mat. 5:10-12; Yoh. 15:20) Yihowaa biratti fudhatama argachuun keenya baayʼee nama hin gammachiisuu?

Dhiibbaa Hiriyaa Moʼuuf Gargaarsa Argachuu

8. (a) Iyaasuufi Kaaleb, dhiibbaa hiriyootasaanii akka moʼan kan isaan gargaare maalidha? (b) Fakkeenya Iyaasuufi Kaalebirraa maal baranna?

8 Tooftaa dhokataan Kiristiyaanonni moʼuu qaban garabiraan, dhiibbaa gadhee karaa hiriyaa dhufudha. Haataʼu malee, hafuurri Yihowaa hafuura biyya lafaa caalaa humna waan qabuuf, yommuu namoonni nutti gaʼisan, waaʼee keenya soba babalʼisan ykn ejjennoosaanii akka qabaannu nu dirqisiisuuf yaalan jabaannee dhaabachuu dandeenya. Fakkeenyaaf, Iyaasuufi Kaaleb, gaaddota kurnan biyya Kanaʼaan akka gaadan ergaman kaanirraa ilaalcha adda taʼe akka qabaatan kan godhe maalidha? Hafuurri qulqulluun, “hafuura” ykn ilaalcha warra kaanirraa adda taʼe akka qabaatan isaan godheera.—Lakkoobsa 13:30; 14:6-10, 24 dubbisi.

9. Kiristiyaanonni, namoota kaanirraa adda taʼuu kan qaban maaliifi?

9 Hafuurri qulqulluun, ergamoonni Yesusis warra barsiistota amantii dhugaa jedhamanii namoota hedduu biratti kabajaman caalaa, Waaqayyoof akka abboomaman humna isaanii kenneera. (HoE. 4:21, 31; 5:29, 32) Namoonni baayʼeen warra kaanii wajjin wal loluu ykn walitti buʼuu sodaachuudhaan wanta namoonni naannoosaanii jiran godhan godhu. Kiristiyaanonni dhugaan garuu, wanta sirrii akka taʼe beekan deggeruu qabu. Taʼuyyuu, hafuura qulqulluutiin jabina waan argataniif, ilaalcha warra kaanirraa adda taʼe qabaachuuf hin sodaatan. (2 Xim. 1:7) Mee karaa itti dhiibbaa hiriyaatiif moʼamuu hin qabne tokko haa ilaallu.

10. Kiristiyaanonni tokko tokko yaada rakkisaa akkamiitu isaan mudata?

10 Dargaggoonni tokko tokko hiriyaansaanii tokko gocha Caaffata Qulqullaaʼoo wajjin wal hin simne raawwachuusaa yeroo beekan waan godhan wallaalu. Hiriyaansaanii kun gargaarsa jaarsolii akka argatu yoo godhan isa biratti fudhatama akka dhaban kan isaanitti dhagaʼamu taʼuusaarrayyuu, iccitii eeguu waan barbaadaniif callisuu filatu. Namni balleessaa raawwate tokkos, hiriyoonnisaa balleessaasaa warra kaanitti akka hin dubbanne dhiibbaa isaanirratti geessisa taʼa. Rakkoon akkasii kan jiru dargaggoota bira qofa miti. Obboloonni gaʼeessa taʼan tokko tokkos, hiriyaansaanii ykn miseensi maatiisaanii tokko balleessaa yoo raawwate jaarsoliitti himuun itti ulfaachuu dandaʼa. Haataʼu malee, Kiristiyaanonni dhugaan dhiibbaan akkasii yeroo isaanirra gaʼu maal gochuu qabu?

11, 12. Miseensi gumii tokko balleessaasaa akka jalaa hin himne yoo si gaafate maal gochuutu gaariidha? Maaliif?

11 Mee fakkeenya armaan gadii ilaalaa. Dargaggeessi Boonaa jedhamuufi Dhugaa Baatuu taʼe, hiriyaansaa Caalaan inni gumii tokko waliin hirmaatan, barsiifata fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan ilaaluu akka qabu hubate haa jennu. Boonaan wanti Caalaan gochaa jiru kun baayʼee akka isa yaaddesse hiriyaasaa kanatti hima. Caalaan garuu wanta Boonaan dubbate kana wayittuu hin lakkoofne. Boonaan, Caalaan wanta gochaa jiru jaarsoliitti akka himu yeroo itti dubbatu, innis kana isaanitti jalaa himnaan dhuguma hiriyaasaa akka hin taane itti hima. Boonaan hiriyaasaa kana akka dhabu itti dhagaʼamaa laata? Boonaan, Caalaan wanti kun hundi dhugaa taʼuusaa yoo haale, jaarsoliin eenyuun amanu yaanni jedhummoo gaaffii isatti taʼuu dandaʼa. Kanas taʼe sana, Boonaan dhimma kana callisee bira darbuunsaa haalli kun akka fooyyaʼu hin godhu. Akkas gochuunsaa, Caalaan walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabu akka dhabu akka isa godhu beekamaadha. Boonaan yaada, “Nama sodaachuun kiyyootti nama galcha, Waaqayyoon amanachuun garuu fayyina” jedhu yaadachuunsaa gaariidha. (Fak. 29:25) Wanti garabiraan Boonaan gochuu dandaʼu maalidha? Ammas jaalala isaaf qabuun kakaʼee waaʼee dogoggorasaa Caalaa haasofsiisuu dandaʼa. Kana gochuun ija jabina gaafata. Haataʼu malee, yeroo kanatti Caalaan waaʼee rakkinasaa hiriyaasaa wajjin haasaʼuuf fedhii qabaachuu dandaʼa. Caalaan wanta raawwate kana dhaqee jaarsoliitti akka himu Boonaan irra deebiʼee isa jajjabeessuu qaba; yeroo murtaaʼaa keessatti isaanitti himuu baannaan garuu, ofiisaatii akka isaanitti himu isa akeekkachiisa.—Lew. 5:1.

12 Haalli akkasii yoo si mudate, jalqabarratti hiriyaankee carraaqqii ati isa gargaaruuf gootu hubachuu dhiisuu dandaʼa. Yeroo booda garuu, kana kan gootu faayidaasaatiif jettee akka taʼe hubachuu dandaʼa. Namni balleessaa raawwate sun gargaarsa godhameef yoo fudhate, ija jabinaafi amanamummaa ati argisiifte kanaaf yeroo hunda si galateeffata taʼa. Karaa garabiraammoo, jaarsoliin akka isa gargaaran waan isaanitti himteef kan sitti aaru yoo taʼe, namni kun dhuguma nama ati hiriyaa godhachuu barbaaddudhaa? Wanti sirriin yeroo mara gochuu qabnu, Yihowaa michuu keenya isa hundarra caalu gammachiisuudha. Yihowaadhaaf dursa kennina taanaan, namoonni isa jaallatan kaan amanamoo taʼuu keenyaan nu kabaju, michoota gaariis nuuf taʼu. Gumii Kiristiyaanaa keessatti matumaa Seexanaaf iddoo kennuu hin qabnu. Seexanaaf iddoo kan kenninu taanaan, hafuura qulqulluu gaddisiisuu dandeenya. Haataʼu malee gumiin Kiristiyaanaa qulqulluu akka taʼu eeguudhaan, wanta hafuura qulqulluu wajjin walsimu gochuu dandeenya.—Efe. 4:27, 30.

Rakkina Hunda Dandaʼuuf Humna Argachuu

13. Sabni Yihowaa rakkoowwan akkamiitu isaan mudata? Rakkoowwan kun kan baayʼatan maaliifi?

13 Rakkinni, karaa garaagaraatiin jechuunis karaa dinagdee, hojii dhabuu, balaa uumamaa, namoota jaallatan duʼaan dhabuu, fayyaa dhabuufi kan kana fakkaataniin gaʼuu dandaʼa. Kan jiraannu “yeroo sodaachisaa” keessa waan taʼeef, hundi keenya dhihoottis taʼe turee, qorumsi tokko akka nurra gaʼu eeguu qabna. (2 Xim. 3:1) Haataʼu malee, yeroo haalli akkasii nu mudatu naʼuu hin qabnu. Hafuurri qulqulluun rakkina nurra gaʼu kamiyyuu moʼuuf humna nuu kennuu dandaʼa.

14. Iyoob rakkoowwan isarra gaʼan moʼuu kan dandaʼe akkamitti?

14 Iyoob rakkinni hedduun isarra gaʼee ture. Qabeenyasaa, michootasaa, fayyaasaafi ijoolleesaa dhabeera; haati manaasaas amanannaa Yihowaarratti qabdu dhabdee turte. (Iyo. 1:13-19; 2:7-9) Taʼus Iyoob, Eliihuu isa akka gaariitti isa jajjabeessu argateera. Yaanni Eliihuufi Yihowaan Iyoobitti dubbatan ijoonsaa, “Hojii Waaqayyoo isa dinqisiisaa yaadaan qabi!” kan jedhu ture. (Iyo. 37:14) Iyoob qorumsa isarra gaʼe akka dandaʼu wanti isa gargaare maalidha? Nuhoo qorumsa nurra gaʼu dandaʼuuf kan nu gargaaru maalidha? Karaawwan garaagaraa hafuurri qulqulluufi humni Yihowaa itti mulʼate yaadachuun, akkasumas kanarratti xiinxaluun nu gargaaruu dandaʼa. (Iyo. 38:1-41; 42:1, 2) Jireenya keenya keessatti rakkinni nu mudatee yeroo itti Waaqayyo nu gargaare ni yaadanna taʼa. Waaqayyo ammas nu gargaara.

15. Phaawulos ergamaan rakkoowwan isa mudatan dandaʼuuf wanti isa gargaare maalidha?

15 Phaawulos ergamaan amantiisaatiif jecha rakkoowwan duʼaaf isa saaxilan hedduu keessa darbeera. (2 Qor. 11:23-28) Haalawwan rakkisaa akkasii keessatti, ilaalcha sirrii qabaachuufi tasgabbaaʼuu kan dandaʼe akkamitti? Kadhannaa gochuufi Yihowaatti amanamuudhaan ture. Phaawulos yeroo qorumsi akka wareegamu isa godhe irra gaʼee turetti, “Wangeelli karaa koo guutummaatti akka lallabamuuf, warri saba Waaqayyoo hin taʼinis akka isa dhagaʼaniif gooftichi na bukkee dhaabatee na jabeesse; afaan leencaas na oolche” jechuudhaan barreesseera. (2 Xim. 4:17) Kanaaf, Phaawulos muuxannoosaarraa kaʼuudhaan ‘waanuma tokkotti yaaddaʼuun’ akka isaan hin barbaachisne, namoota hidhata amantiisaa taʼaniif mirkaneessuu dandaʼeera.—Filiphisiiyus 4:6, 7, 13 dubbisi.

16, 17. Yihowaan yeroo harʼaa sabnisaa rakkina isaanirra gaʼu akka moʼan, akkamitti akka isaan dandeessisu fakkeenya kenni.

16 Qajeelchituun Roksaanaa jedhamtu, Yihowaan sabasaatiif wanta isaan barbaachisu akkamitti akka kennu argiteetti. Obboleettiin kun walgaʼii koonyaa tokkorratti argamuuf heyyama guyyaa muraasaa yeroo gaafattu, hogganaanshee hojiidhaa akka ishee ariʼu aariidhaan itti hime. Taʼus, Roksaanaan walgaʼicharratti argamuuf kan deemte siʼa taʼu, hojiishee kanarraas akka hin ariʼamne garaadhaa kadhannaa dhiheessite. Sana booda tasgabbiin isheetti dhagaʼame. Hogganaanshee, akkuma jedhe walgaʼiin koonyaa darbee gaafa Wiixataa hojiidhaa ishee ariʼe. Roksaanaan baayʼee dhiphatte. Mindaan argattu baayʼee xinnoo taʼus, maatiishee gargaaruuf waan ishee dandeessisuuf hojiin kun ishee barbaachisa ture. Ammas kadhannaa kan dhiheessite yommuu taʼu, Waaqayyo walgaʼicharratti wanta karaa hafuuraa ishee barbaachisu akkuma isheedhaaf dhiheesse, wanta karaa foonii barbaachisus isheedhaaf dhiheessuu akka dandaʼu yaadde. Gara manasheetti deebiʼaa utuu jirtuu beeksisa, namoonni warshaa keessatti makiinaa hodhaarratti hojjechuudhaan muuxannoo qaban hojiidhaaf akka barbaadaman ibsu maxxanfamee argitee, achumaan galmeeffamte. Hogganaan dhaabbatichaa, Roksaanaan muuxannoo akka hin qabne kan hubate taʼus, mindaa isa duraarra gara harka lamaa taʼuun ishee qacare. Roksaanaan kadhannaanshee deebii akka argate itti dhagaʼameera. Eebbi hundarra caalummoo, namoota ishee wajjin hojjetan hedduutti misiraachicha himuu dandaʼuusheeti. Hogganaashee dabalatee namoonni shan dhugaa fudhachuudhaan cuuphamuu dandaʼaniiru.

17 Al tokko tokko, kadhannaan keenya yeruma sana ykn karaa yaanneen waan hin deebifamneef, deebii akka dhabne nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Yihowaan deebii nuu kennuu dhiisuusaatiif sababii gaʼaa akka qabu beekamaadha. Sababa itti deebii nuu kennuu dhiiseef beeka; nuufis gara fuulduraatti nuu galuu dandaʼa. Taʼus, Yihowaan namoota isaaf amanamoo taʼan akka hin gatne mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Ibr. 6:10.

Qorumsa Moʼuuf Gargaarsa Argachuu

18, 19. (a) Qorumsi akka nurra gaʼu eeguu kan qabnu maaliifi? (b) Karaa buʼa qabeessa taʼeen qorumsa moʼuu kan dandeessan akkamitti?

18 Sabni Yihowaa qorumsi, abdii kutachuun, ariʼatamniifi dhiibbaan hiriyaa isaanirra gaʼuunsaa isaan hin dinqisiisu. Biyyi lafaa akka nu jibbu beekamaadha. (Yoh. 15:17-19) Haataʼu malee hafuurri qulqulluun, rakkina yeroo Waaqayyoon tajaajillu nu mudatu kamiyyuu moʼuuf humna nuu kennuu dandaʼa. Yihowaan qorumsi humna keenyaa ol taʼe akka nurra gaʼu hin heyyamu. (1 Qor. 10:13) Yoomiyyuu taanaan nu hin gatu ykn nu hin dhiisu. (Ibr. 13:5) Dubbiisaa isa geggeessaa hafuuraatiin barreeffameef abboomamuun keenya nu eega, akkasumas humna nuu kenna. Kana malees, hafuurri qulqulluun namoonni hidhata keenya taʼan, baayʼee yeroo nu barbaachisutti akka nu gargaaran isaan kakaasuu dandaʼa.

19 Hundi keenya kadhannaa gochuufi Caaffata Qulqullaaʼoo qorachuudhaan, hafuura qulqulluu argachuuf carraaqqii goonu itti haa fufnu. Akkasumas, ‘obsa hundumaafi gammachuudhaan dandaʼuuf akka aangoo isa ulfina Waaqayyoo keessaa dhufuutti, jabina hundumaan jabeeffamuu’ keenya itti haa fufnu.—Qol. 1:11.

[Miiljalee]

^ key. 6 Fakkeenyaaf, Masaraa Eegumsaa, Caamsaa 1, 2001, fuula 16, (Amaariffa); Dammaqaa! Guraandhala 8, 1993, fuula 21fi 22 ilaali. (Ingiliffa)

Maal Jettee Deebista?

• Ariʼatama moʼuuf of qopheessuu kan dandeessan akkamitti?

• Namni tokko balleessaa raawwate akka jalaa hin himne yoo isin akeekkachiise maal gochuu qabdu?

• Rakkinni kamiyyuu yoo isinirra gaʼe amanannaa akkamii qabaachuu dandeessu?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 28rra jiru]

Iyaasuufi Kaalebirraa barumsa akkamii arganna?

[Fakkii fuula 29rra jiru]

Hiriyaa keessan balleessaa raawwate tokko gargaaruu kan dandeessan akkamitti?