Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Guyyaan Yihowaa Inni Guddaan Dhihaateera,” Kanaaf —Gara Ga’eessummaatti Haa Darbinu

“Guyyaan Yihowaa Inni Guddaan Dhihaateera,” Kanaaf —Gara Ga’eessummaatti Haa Darbinu

“Guyyaan Yihowaa Inni Guddaan Dhihaateera,” Kanaaf —Gara Ga’eessummaatti Haa Darbinu

‘Gara ga’eessummaatti haa darbinu.’—IBR. 6:1.

1, 2. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa Yerusaalemiifi Yihudaa keessa jiraachaa turan, ‘gara gaarotaatti baqachuuf’ carraa akkamii argatanii turan?

YESUS yommuu lafarra ture bartoonnisaa garasaa dhufanii, “milikkinni dhufa keetii, kan dhuma barichaas maali?” jedhanii isa gaafatanii turan. Raajiin Yesus yommuu gaaffiisaaniitiif deebii kenne dubbate, jaarraa tokkoffaatti raawwiisaa isa jalqabaa argateera. Yesus wanti baramaa hin taaneefi dhumni sirna sanaa dhihaachuusaa argisiisu akka raawwatamu dubbateera. Raajiin kun raawwatamuusaa yommuu argan, “warri Yihudaa jiran gara gaarotaatti” baqachuu qabu turan. (Mat. 24:1-3, 15-22) Bartoonni Yesus milikkiticha hubatanii akkuma inni isaaniin jedhe godhuu laata?

2 Phaawulos, Yesus raajii kana erga dubbatee naannoo waggaa soddomaa booda, jechuunis Dh.K.B. bara 61⁠tti xalayaa jabaa Ibroonni Kiristiyaana ta’aniifi Yerusaalemiifi naannooshee jiraatan ilaalchasaanii akka jijjiiran gargaaru barreessee ture. Phaawulosiifi Kiristiyaanonni hidhatasaa ta’an hubachuu baatanis, yeroo sanatti mallattoon “rakkinni guddaan” dhihaachuusaa argisiisu raawwatamuuf kan hafu waggaa shan qofa ture. (Mat. 24:21) Dh.K.B. bara 66⁠tti, waraanni warra Roomaa Seestiyas Gaalasiin geggeeffamu Yerusaalemirratti waraana banuudhaan magaalattii to’annaasaa jala galchuu ga’ee ture. Haata’u malee, waraanni Sestas Gaalasiin geggeeffamu sababii hin beekamneen duubaatti deebi’uunsaa, Kiristiyaanonni haala rakkisaa kana keessatti argaman akka baqataniif carraa baneera.

3. Phaawulos, Ibroota Kiristiyaanota ta’aniif gorsa akkamii kenne? Maaliif?

3 Kiristiyaanonni sun, wantoonni yeroo sanatti mul’atan raajiiwwan Yesus dubbate raawwatamaa akka jiran kan argisiisan ta’uusaanii beekuufi baqachuuf, hubannaa cimaa qabaachuu isaan barbaachisa ture. Haata’u malee, warri tokko tokko ‘wanta dhaga’an hubachuutti daagii’ waan ta’aniif, karaa hafuuraa, akka mucoolii “aannan” kan isaan barbaachisu ta’anii turan. (Ibroota 5:11-13 dubbisi.) Kiristiyaanonni naannoo waggaa soddomaatiif daandii dhugaarra deddeebi’aa turanillee, amala ‘Waaqayyo isa jiraataarraa isaan garagalchu’ argisiisuu jalqabanii turan. (Ibr. 3:12) Tokko tokkommoo, ‘guyyichi dhihaachaa yeroo adeemu sanatti,’ walga’iiwwan Kiristiyaanaarraa hafuu ‘amaleeffatanii’ turan. (Ibr. 10:24, 25) Phaawulos, “dubbii waa’ee Kristos isa gara jalqabaa dubbachuu dhiifnee, gara barsiisa isa warra ga’aniif kennamuutti in darbina” jedhee gorsa yeroosaatti barbaachisu isaaniif kenneera.—Ibr. 6:1.

4. Karaa hafuuraa dammaqoo ta’uun barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Kana gochuuf maaltu nu gargaara?

4 Nutis, raajiiwwan Yesus dubbate yeroo raawwiisaanii isa dhumaa itti argatan keessa jiraanna. Guyyaan guutummaa sirna Seexanni seerratu kanaa itti balleeffamu, jechuunis “guyyaan Yihowaa inni guddaan dhi’aateera.” (Sef. 1:14, NW) Kanaaf, yeroo kamiyyuu caalaatti, raajiiwwan Macaafa Qulqulluu raawwataman dammaqinaan hordofuufi hariiroo Yihowaa wajjiin qabnu jabeeffachuu qabna. (1 Phe. 5:8) Marree akkas gochaa jirraa? Karaa hafuuraa ga’eessota ta’uun keenya, yeroo keessa jiru dammaqinaan hordofuuf nu gargaara.

Ga’eessa Ta’uu Jechuun Maal Jechuudha?

5, 6. (a) Karaa hafuuraa ga’eessa ta’uun maalfaa dabalata? (b) Karaa hafuuraa ga’eessa ta’uun karaawwan kam lamaan carraaqqii gochuu gaafata?

5 Phaawulos, jaarraa jalqabaatti Ibroonni Kiristiyaanota ta’an gara ga’eessummaatti akka darban gorsuu qofa utuu hin ta’in, gama hafuuraatiin ga’eessota ta’uun maalfaa akka dabalatus itti himeera. (Ibroota 5:14 dubbisi.) ‘Ga’eessonni’ “aannan” dhuguu qofatti gammaduu mannaa, “Nyaata jabaa” nyaatu. Kanaaf, dhugaa Macaafa Qulqulluu, jechuunis “Dubbii Waaqayyoo isa gara jalqabaa” qofa utuu hin ta’in, “isa gad fagoos” beeku. (1 Qor. 2:10) Kana malees, sammuunsaanii hojiidhaan akka itti baru leenjisuunsaanii, waan beekan hojiirra oolchuudhaan hamaafi gaarii gargar baasuu akka danda’an isaan gargaara. Leenjiin akkasii haalli akka murtoo godhan isaan dirqisiisu yommuu isaan mudatu, seerawwan bu’uuraa Caaffata Qulqullaa’aa hojiirra oolchuu qaban warra kam akka ta’aniifi isaaniinis akkamitti hojiirra oolchuu akka danda’an hubachuuf isaan gargaara.

6 Phaawulos, “Nuyi karaa irraa akka hin gorreef, dubbii isa dhageenye kana caalchifnee yaadaan duukaa bu’uun in barbaachisa” jedhee barreesseera. (Ibr. 2:1) Amantiirraa goruun akkasii kun, utuu itti hin yaadin nu mudachuu danda’a. Mana keenyattis ta’e walga’iiwwan gumiirratti Macaafa Qulqulluu yeroo qayyabannu, ‘caalchifnee yaadaan duukaa bu’uudhaan’ balaan amantiirraa goruu akkasii kun akka nurra hin geenye gochuu dandeenya. Kanaaf, hundi keenya akkas jennee of gaafachuu qabna: ‘Ammayyuu barumsa bu’uuraa isa gara jalqabaarra darbuu hin dandeenyee? Sochiiwwan hafuuraarratti kanan hirmaadhuu garaa guutuumoo narraa haa ba’uuf qofadha? Karaa hafuuraa guddina dhugaa argisiisuu kanan danda’u akkamitti?’ Gara ga’eessummaatti guddachuun, yoo xinnaate karaa lamaan carraaqqii gochuu gaafata. Dubbii Waaqayyoo akka gaariitti beekuu qabna. Akkasumas abboomamuu barachuu qabna.

Dubbii Waaqayyoo Akka Gaariitti Hubachuu

7. Dubbii Waaqayyoo caalaatti hubachuudhaan faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?

7 Phaawulos, “Namni aannaniin jiraatu immoo, mucaa waan ta’eef, akka itti Waaqayyo duratti qajeelummaatti jiraatan isa barsiisu hin hubatu” jedhee barreesseera. (Ibr. 5:13) Ga’eessota ta’uuf, Dubbii Waaqayyoo, jechuunis ergaa Isa biraa nuu kenname akka gaariitti hubachuu qabna. Ergaansaa kun Macaafa Qulqulluu keessatti waan argamuuf, Caaffata Qulqullaa’oofi barreeffamoota “hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” qopheessu sirriitti qayyabachuu qabna. (Mat. 24:45-47) Karaa kanaan qayyabachuun keenya, ilaalcha Waaqayyoo hubachuufi sammuu hojiidhaan itti bare qabaachuuf nu gargaaruu danda’a. Mee fakkeenya Kiristiyaana Oorkiid jedhamtu tokkoo haa ilaallu. * Akkas jetti: “Wanti jireenyakoo keessatti jijjiirama guddaa fide, yaadachiisa guyyaa guyyaan Macaafa Qulqulluu akka dubbisnu nuu kennamedha. Macaafa Qulqulluu dubbisee fixuun waggaa lama natti fudhatus, yeroo jalqabaatiif Uumaakoo wajjin akkan wal bareetti natti dhaga’ameera. Daandiiwwansaa, wanta inni jaallatuufi jibbu, humnisaa hangam guddaa akka ta’e, akkasumas waa’ee ogummaasaa isa gadi fagoo barachuu danda’eera. Macaafa Qulqulluu guyyaa guyyaan dubbisuunkoo, haalawwan rakkisoo na mudatan mo’uuf na gargaareera.”

8. Humni Dubbii Waaqayyoorraa argamu jireenya keenyarratti jijjiirama akkamii fiduu danda’a?

8 Guyyaa guyyaan kutaa Macaafa Qulqulluu muraasa dubbisuun, “humni” ergaan sun qabu jireenya keenyarratti jijjiirama akka fidu godha. (Ibroota 4:12 dubbisi.) Dubbisni akkasii, keessa namummaa keenya sirreessuudhaan caalaatti Yihowaa akka gammachiisnu nu gargaara. Atoo, Macaafa Qulqulluu dubbisuufi ergaasaarratti xiinxaluuf yeroo dabalataa ramaduun si barbaachisaa laata?

9, 10. Dubbii Waaqayyoo hubachuun maalfaa dabalata? Fakkeenya kenni.

9 Macaafa Qulqulluu beekuun wanta achi keessatti argamu beekuu malees waan dabalatu qaba. Namoonni bara Phaawulos turaniifi karaa hafuuraa mucoolii ta’an, Dubbii Waaqayyoo isa geggeessaa hafuurasaatiin barreeffame guutummaatti hin beekan jechuu miti. Garuu, wanta beekan hojiirra utuu hin oolchin waan hafaniif, bu’aa gaarii argamu hin dhamdhamin hafaniiru. Murtoo ogummaarratti hundaa’e gochuuf akka isaan geggeessu waan hin gooneef, ergicha akka gaariitti utuu hin hubatin hafaniiru.

10 Dubbii Waaqayyoo hubachuun, ergaansaa maal akka ta’e beekuufi beekumsa sana hojiirra oolchuu jechuudha. Muuxannoon obboleettii Kaayil jedhamtuu, kana gochuun kan danda’amu akkamitti akka ta’e argisiisa. Kaayiliifi dubartii ishee wajjin hojjettu gidduutti walitti bu’iinsi uumamee ture. Kaayil rakkoo kana hiikuuf maal goote? Akkas jetti: “Caqasni yeroo sanatti gara sammuukootti dhufe, yaada Roomaa 12:18⁠rratti argamuufi ‘Nama hundumaa wajjin nagaatti jiraachuudhaaf karaa keessan wanta danda’amu hundumaa godhaa!’ jedhu ture. Kanaaf sa’aatii hojii booda ishee wajjin haasa’uuf beellaman qabadhe.” Maree gaarii kan godhan ta’uusaaniirrayyuu, dubartittiinis tarkaanfii Kaayil rakkoo kana hiikuuf fudhatte baay’ee dinqisiifatteetti. Kaayil, “Yeroo hundaa seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuun, tarkaanfii hundarra caalu ta’uusaa hubadheera” jetteetti.

Abboomamuu Barachuu

11. Haalawwan rakkisoo keessatti abboomamuun ulfaataa ta’uu akka danda’u kan argisiisu maalidha?

11 Keessumaa, haalawwan rakkisoon yommuu nu mudatan, barumsa Caaffata Qulqullaa’oorraa argannee hojjiirra oolchuun ulfaataa ta’uu danda’a. Fakkeenyaaf, Israa’eloonni erga Yihowaan garbummaa Gibxii jalaa isaan baasee yeroo muraasa booda, “Musee [kan] lolan” ta’uusaaniirrayyuu, ‘Yihowaa qoraniiru.’ Maaliifi? Bishaan dhugan waan dhabaniif ture. (Bau. 17:1-4) Sabni Israa’el “dubbii Waaqayyo dubbate kana hundumaa in goona” jedhanii Isaa wajjin kakuu galanii ji’a lamallee utuu hin guutin, waaqa tolfamaa waaqeffachuudhaan seerasaa cabsaniiru. (Bau. 24:3, 12-18; 32:1, 2, 7-9) Kana kan godhan Museen abboommii Waaqayyoo fudhachuuf isaanirraa addaan ba’ee Tulluu Horeebirra yeroo dheeraa waan tureefidhaa? Tarii warri Amaaleq deebisanii lola yoo isaanitti banan, Museen inni kanan dura harkasaa ol qabuudhaan akka injifatan isaan gargaare isaan duukaa waan hin jirreef turee? (Bau. 17:8-16) Ta’uu danda’a; haata’u malee, sababiinsaa maaliyyuu yoo ta’e, Israa’eloonni “abboomamuu hin jaallanne.” (HoE. 7:39-41) Phaawulos, Israa’eloonni Biyyattii Abdachiifamtetti galuu sodaachuudhaan abboomamuu akka didan erga ibsee booda, Kiristiyaanonnis, ‘akka warra sanaa abboomamuu diduudhaan kufanii akka hin hafneef’ akka ‘dhama’aan’ isaan gorseera.—Ibr. 4:3, 11.

12. Yesus abboomamuu kan barate akkamitti? Kunoo bu’aa maalii argamsiiseef?

12 Gara ga’eessummaatti darbuun, Yihowaaf abboomamuuf wanta dandeenyu hundaa gochuu gaafata. Fakkeenya Yesusirraa hubachuun akka danda’amutti, yeroo baay’ee dhiphina keessa darbuudhaan abboomamuu barachuun ni danda’ama. (Ibroota 5:8, 9 dubbisi.) Yesus gara lafaa dhufuusaa dura Abbaasaatiif ni abboomama ture. Haata’u malee, yeroo lafarra jiraachaa turetti jaalala Abbaasaa raawwachuun qaamaanis ta’e sammuudhaan dhiphachuu kan dabalatu ture. Yesus haala rakkisaa keessatti abboomamuunsaa, aangoo haaraa Waaqayyo isaaf qopheesse, jechuunis Mootiifi Hangafa Lubaa “fiixaan baase” akka ta’u isa godheera.

13. Abboomamuu akka baranne akkamitti argisiisuu dandeenya?

13 Nutoo? Yeroo rakkoowwan nu dhiphisan nu mudatanittillee Yihowaaf abboomamuuf murteessineerraa? (1 Phexros 1:6, 7 dubbisi.) Macaafni Qulqulluun, Amala, amanamummaa, karaa sirrii ta’een arraba ofiitti fayyadamuu, dubbisa dhuunfaafi qayyabannaa Caaffata Qulqullaa’oo, walga’iiwwan Kiristiyaanaarratti argamuufi hojii lallabaarratti hirmaachuu ilaalchisee gorsa ifa ta’e kenna. (Iya. 1:8; Mat. 28:19, 20; Efe. 4:25, 28, 29; 5:3-5; Ibr. 10:24, 25) Yeroo rakkinni nurra ga’uttillee, gorsawwan kana hojiirra oolchuudhaan Yihowaaf ni abboomamnaa? Taanaan, gara ga’eessummaatti darbaa akka jiru argisiisa.

Ga’eessota Ta’uun Bu’a Qabeessa Kan Ta’e Maaliifi?

14. Muuxannoo gara ga’eessummaatti darbuun, eegumsa ta’uu kan danda’u akkamitti akka ta’e ibsu dubbadhu.

14 Kiristiyaanni tokko, biyya lafaa isa namoota “of qabuu dadhabanii jireenya gad-dhiisiitti of kennan” gidduu yommuu jiraatu, sammuunsaa hojiidhaan itti baree akka hojjetu gochuunsaa, hamaafi gaarii akka addaan baasuufi eegumsa akka argatu isa gargaara. (Efe. 4:19) Fakkeenyaaf, obboleessi Jamsi jedhamu barreeffamoota Caaffata Qulqullaa’oorratti hundaa’an yeroo hundaa dubbisuufi barreeffamoota kanaaf dinqisiifannaa guddaa qabu tokko bakka dubartoonni qofti hojjetanitti qacarame. Jamsi akkas jedha: “Baay’eensaanii amala gadhee akka qaban ifatti mul’ata ture; isaan keessaa isheen tokko garuu amala gaarii waan qabdu kan fakkaattu ta’uusheerrayyuu, dhugaa Macaafa Qulqulluutiif fedhii akka qabdu argisiisti turte. Yeroo kutaa hojjennu keessatti qofaa keenya taanu garuu, wantoota saalqunnamtii raawwachuuf nama kakaasan gochuu jalqabde. Waan qoostu natti fakkaatus, gochashee kana dhaabsisuun baay’ee ulfaataa ture. Yeroo kanatti, muuxannoo obboleessa bakka hojiisaatti qorumsi wal fakkaatu irra ga’eefi Masaraa Eegumsaarratti ba’e tokkoon yaadadhe. Mataduree kanarratti fakkeenyi Yoseefiifi haadha manaa Phoxiifaar ibsamee ture. * Anis battaluma sanatti ofirraa yommuun ishee darbadhu fiigdee kuticha keessaa baate.” (Uma. 39:7-12) Jamsi kanarra darbee wanti biraa waan isarra hin geenyeefi yaada garaa hin boora’in akka qabaatetti itti fufuusaatiif ni galateeffata.—1 Xim. 1:5.

15. Gara ga’eessummaatti darbuun jabina nuu kennuu kan danda’u akkamitti?

15 Kana malees, ga’eessummaan jabinaa waan nuuf argamsiisuuf, ‘barsiisa garaa garaatiin, barsiisa orma ta’e hundumaanis karaa irraa akka hin kaachifamine’ nu gargaara. (Ibroota 13:9 dubbisi.) Karaa hafuuraa guddina argisiisuuf yeroo carraaqnu, yaanni keenya ‘waan wayyuurratti’ xiyyeeffata. (Filp. 1:9, 10, hiika bara 1899) Kunis, dinqisiifannaa Waaqayyoofi qophii inni faayidaa keenyaaf jecha godhe hundaaf qabnu nuu guddisa. (Rom. 3:24) Kiristiyaanni ‘yaadasaatti ga’aa’ ta’e, galateeffannaa guddaa akkasii qabaachuusaarrayyuu, Yihowaa wajjin hariiroo cimaa qabaata.—1 Qor. 14:20.

16. Obboleettiin tokko ‘garaashee jabeessuuf’ maaltu ishee gargaare?

16 Obboleettiin Luwiiz jedhamtu erga cuuphamtee booda, yeroo muraasaaf wanti hunda caalaa ishee yaaddesse ilaalcha namoonni kaan isheedhaaf qaban akka ture dubbatteetti. Akkas jetti: “Wanta gadhee raawwachuu baadhus Yihowaa tajaajiluuf fedhii guddaa hin qabun ture. Yeroo booda garuu garaakoo guutuudhaan Yihowaa tajaajilaa akkan jiru akka natti dhaga’amu barbaannaan, jijjiirama tokko tokko gochuu akkan qabun hubadhe. Kanaaf jijjiirama guddaa gochuudhaan garaakoo guutuudhaan Yihowaa tajaajiluun jalqabe.” Carraaqqii akkasii gochuunshee, ‘garaashee kan jabeesseef’ si’a ta’u, kunis dhibee fayyaa ishee mudate akka mootu gargaareera. (Yaq. 5:8) “Wal’aansoo cimaa gochuun na barbaachisus Yihowaatti dhihaachuu danda’eera” jetteetti.

‘Garaa Guutuudhaan Abboomamaa’

17. Keessumaa jaarraa jalqabaatti abboomamuun barbaachisaa kan ture maaliifi?

17 Gorsi Phaawulos ‘gara ga’eessummaatti darbaa’ jechuudhaan kenne, lubbuu Kiristiyaanota jaarraa jalqabaatti Yerusaalemiifi Yihudaa jiraatan baraareera. Kiristiyaanonni gorsa kana hojiirra oolchan, hubannaa hafuuraa waan qabaniif, mallattoo Yesus ‘gara gaarotaatti akka baqatan’ isaaniif kenne hubachuu danda’anii turan. Kiristiyaanonni kun, “inni jibbisiisaan iddoo qullaa’aa xureessu sun, . . . iddoo qulqullaa’aa dhaabatee” yommuu argan, jechuunis waraanni warra Roomaa isaanitti marsee Yerusaalemitti seenuuf yaaluusaa ennaa argan yeroon itti baqatan ga’uusaa hubatanii turan. (Mat. 24:15, 16) Kiristiyaanonni, akeekkachiisa Yesus isaanii kenne qalbeeffachuudhaan magaalaan Yerusaalem baduushee dura ishee keessaa baqataniiru; Yusiibiyas inni seenaa waldaa Kiristiyaanaa barreessu akka jedhetti, magaalaa Peelaa ishee biyya gaarotaa Giil’aad keessatti argamtu keessa jiraachuu jalqaban. Akkas gochuusaaniitiinis, balaa cimaa Yerusaalemirra ga’ee ture hundarra caalu kanarraa oolaniiru.

18, 19. (a) Yeroo ammaatti abboomamuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi? (b) Mataduree ittaanutti waa’ee maaliirratti mari’anna?

18 Abboomamuun gara ga’eessummaatti darbuudhaan argamu, raajii Yesus “rakkinni guddaan ta’uuf jira” jedhee dubbate yeroo guutummaatti raawwatamu kanattis lubbuu keenya baraarsa. (Mat. 24:21) Qajeelfama ariifachiisaa “hojii adeemsiftuun” gara fuulduraatti nuu kennu hundumaaf akka abboomamnu ni argisiisnaa? (Luq. 12:42) Taanaan, ‘garaa guutuudhaan abboomamuu’ barachuun keenya baay’ee barbaachisaadha!—Rom. 6:17.

19 Gara ga’eessummaatti darbuuf, sammuun keenya hojiidhaan akka itti baru leenjisuus nu barbaachisa. Dubbii Waaqayyoo caalaatti hubachuufi abboomamuu barachuuf carraaquudhaan, akkas gochuu dandeenya. Gara ga’eessummaatti darbuun keessumaa dargaggootaaf rakkisaa ta’uu danda’a. Matadureen ittaanu rakkoo kana karaa bu’a qabeessa ta’een mo’uun kan danda’amu akkamitti akka ta’e ibsa.

[Miiljalee]

^ key. 7 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

^ key. 14 Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa 1, 1999, mataduree “Jabina Gocha Gadhee Diduuf Dandeessisu Argachuu” jedhu ilaali. (Amaariffa)

Maal Baratte?

• Karaa hafuuraa ga’eessa ta’uu jechuun maal jechuudha? Gara ga’eessummaatti darbuu kan dandeenyu akkamitti?

• Gara ga’eessummaatti darbuuf, Dubbii Waaqayyoo akka gaariitti hubachuun ga’ee maalii qaba?

• Abboomamuu barachuu kan dandeenyu akkamitti?

• Ga’eessota ta’uun karaawwan kam nu fayyada?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 10rra jiru]

Gorsa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuun, rakkoo nu mudatu karaa ga’eessota ta’uu keenya argisiisuun hiikuuf nu gargaara

[Fakkii fuula 12rra jiru]

Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa, gorsa Yesus hordofuunsaanii lubbuusaanii baraareera