Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dubbiin Yihowaa Jiraataadha Yaadawwan Ijoo Macaafa Mul’ataa—Kutaa Lammaffaa

Dubbiin Yihowaa Jiraataadha Yaadawwan Ijoo Macaafa Mul’ataa—Kutaa Lammaffaa

Dubbiin Yihowaa Jiraataadha Yaadawwan Ijoo Macaafa Mul’ataa—Kutaa Lammaffaa

WARRA Yihowaa Waaqeffatanis ta’e warra isa hin waaqeffanne maaltu isaan eeggata? Seexanniifi hafuuronni hamoon gara fuulduraatti maal ta’u? Ilmaan namootaa ajajamoo ta’an Bulchiinsa Barkumee Kiristositti eebbawwan akkamii argatu? Deebiin gaaffiiwwan kanaafi gaaffiiwwan barbaachisaa ta’an kaanii, Mul’ata 13:1–22:21⁠rratti ibsamaniiru. * Boqonnaawwan kun, mul’ata 16an Yohaannis ergamaan Dh.K.B. dhuma jaarraa jalqabaarratti arge keessaa warra dhumaa 9 qabataniiru.

Yohaannis ergamaan, “Namni isa inni dhugaa ba’e kana dhageessisee dubbisu, warri dubbii raajii dubbatame kana dhaga’anii, wanta isa keessatti caafames eegan attam haa gammadan!” jechuudhaan barreesseera. (Mul. 1:3; 22:7) Macaafa Mul’ataa dubbisuufi wanta baranne hojiirra oolchuun keenya, Waaqayyoon akka tajaajillu nu kakaasuu, amantii Yihowaafi Ilmasaa Yesus Kiristosirratti qabnu nuu jabeessuu, akkasumas abdii gara fuulduraatiif qabnu nuu cimsuu danda’a. *Ibr. 4:12.

WACIITIIN DHEEKKAMSA WAAQAYYOO TORBAN GAD NAQAMAN

(Mul. 13:1–16:21)

Mul’anni 11:18, “Saba Waaqayyoo warri hin ta’in dheekkamaniiru, garuu dheekkamsi [Waaqayyoo] dhufeera . . . yeroon warri biyya lafaa balleessan itti balleeffamanis ga’eera” jedha. Mul’anni saddeettaffaan, sochii ‘bineensichi gaanfa kudhaniifi mataa torba’ qabu godhu ibsuudhaan, Waaqayyo maaliif akka dheekkamu argisiisa.—Mul. 13:1.

Mul’ata salgaffaarratti Yohaannis “hoolicha tulluu Xiyoon irra dhaabate,” akkasumas isaa wajjin ‘namoota kumaatama dhibbaafi kuma afurtamii afur’ ni arge. Jarri kun ‘warra sanyii namaa keessaa furamanidha.’ (Mul. 14:1, 4) Ergamoonni kanatti aansanii beeksisa himu. Mul’ata itti aanurratti Yohaannis, “ergamoota torba warra dha’icha . . . torban of harkaa qaban” arge. Ergamoonni kun, “waciitii dheekkamsa Waaqayyoo torbanuu” kutaa biyya lafaa Seexanaa addaddaarratti akka gad naqan kan ajaje Yihowaa akka ta’e homaa hin shakkisiisu. Waciitonni kun, labsiifi akeekkachiisa firdii Waaqayyoo kan qabatanidha. (Mul. 15:1; 16:1) Mul’anni lamaan kun, firdiiwwan Mootummichaa dabalataa malakata torbaffaa afuufuufi wayyoo sadaffaa wajjin walitti dhufeenya qaban ilaalchisee ibsa bal’aa kennu.—Mul. 11:14, 15.

Gaaffiiwwan Caaffata Qulqullaa’aafi Deebiisaanii:

13:8—‘Macaafni hoolichaa inni warri jireenya argachuuf jiran keessatti caafaman’ maalidha? Macaafni fakkeenyaan ibsame kun, maqaa namoota Mootummaa samii keessatti Yesus Kiristoosii wajjin bulchanii qofa kan qabatedha. Maqaan Kiristiyaanota dibamoo lafarratti argamaniifi samiirratti jireenya argachuuf abdataniis, macaafa kana keessatti argama.

13:11-13—Bineensichi gaanfa lama qabu, akka jawwee kan ta’uufi waaqa keessaa ibidda kan buusu akkamitti? Bineensichi gaanfa lama qabu, Mootummaa Addunyaa Ingiliziifi Ameerikaa kan argisiisu yommuu ta’u, akka jawweetti dubbachuunsaammoo, saboonni bulchiinsasaatiif akka bulan gochuuf, doorsisa, dhiibbaafi humnasaatti kan fayyadamu ta’uusaa argisiisa. Jaarraa 20maffaatti waraana addunyaa lamaanirratti humnoota hammeenyaa balleesseera, akkasumas sirna Kooministii mo’eera jechuudhaan, akka raajii dhugaatti waan of lakkaa’uuf, waaqa keessaa ibidda akka buusetti ibsameera.

16:17—‘Qilleensi’ waciitiin torbaffaan keessatti gad naqame maalidha? ‘Qilleensichi’ yaada Seexanaa, jechuunis ‘hafuuricha [ilaalcha] amma namoota Waaqayyoof hin abboomamne gidduutti hojjechaa jiru’ kan argisiisudha. Guutummaan biyya lafaa inni Seexanni seerratu, qilleensa summaa’aa kana hafuura baafata.—Efe. 2:2.

Barumsa Akkamii Arganna?

13:1-4, 18. ‘Bineensichi’ mootummoota ilmaan namootaa argisiisu kun, “galaana keessaa,” jechuunis ilmaan namootaa gabii hin qabne keessaa ba’a. (Isa. 17:12, 13; Dan. 7:2-8, 17) Bineensi Seexanni uumeefi aboo kenneef kun, lakkoofsa 666 kan qabu yommuu ta’u, kunis mudaa guddaa akka qabu argisiisa. Bineensi kun maal akka ta’e beekuun keenya, akkuma namoota warra kaanii dinqisiifannaadhaan isa duukaa akka hin buuneefi akka isa hin waaqeffanne nu gargaara.—Yoh. 12:31; 15:19.

13:16, 17. Jireenya guyyaa guyyaa kan akka ‘bituufi gurguruurratti’ rakkoon nu mudachuu danda’uyyuu, bulchiinsi bineensichaa jireenya keenyarratti dhiibbaa akka geessisu heyyamuu hin qabnu. ‘Gubaa bineensichaa harka ykn adda keenyarratti’ qabaachuu jechuun, bineensichi gocha ykn yaada keenya akka to’atu heyyamuu jechuudha.

14:6, 7Labsiin ergamaa kanaa, misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo isa hundeeffamee ariitiidhaan labsuu akka qabnu nu hubachiisa. Barattoonni Macaafa Qulqulluu, Waaqayyoon akka sodaataniifi Yihowaadhaaf ulfina akka kennan isaan gargaaruu qabna.

14:14-20. “Wanti biyya lafaa kanaa haamamu,” jechuunis warra fayyan walitti qabuun yommuu xumuramu, ergamichi “waynii biyya lafaa” “iddoo cuunfaa waynii dheekkamsa Waaqayyoo isa guddaatti” daddarbate. Sana booda,‘Wayniin’ sun jechuunis bulchiinsi ilmaan namootaa Seexanaan geggeeffamu “hurbuu” ija gadhee godhatee wajjin barabaraaf balleeffamu. Wayniin biyya lafaa dhiibbaa akka nurratti hin goone murteessuu qabna.

16:13-16. ‘Jechoonni xuraa’oon hafuuraan dubbataman,’ [NW] olola Seexanaa kan argisiisan yommuu ta’u, Mootummoonni biyya lafaa, waciitiiwwan dheekkamsa Waaqayyoo torban gad naqamuunsaanii dhiibbaa utuu isaanirra hin geessisiin, Yihowaa mormuusaanii akka itti fufan gochuuf kan qophaa’anidha.—Mat. 24:42, 44.

16:21. Dhumni biyya lafaa dhihaachaa yommuu dhufu, labsiin Yihowaan sirna Seexanaa kanarratti tarkaanfii akka fudhatu dubbatamu, ergaawwan ciccimoo cabbiitti fakkeeffaman kan dabalatu ta’uu danda’a. Ta’us ilmaan namootaa hedduun Waaqayyoon arrabsuusaanii itti fufu.

MOOTICHI INNI INJIFATAAN NI BULCHA

(Mul. 17:1–22:21)

“Baabilon Guddittii” isheen ciiggaasistuun kutaa biyya lafaa Seexanaa isa hamaa kanaati. Mul’anni 11⁠ffaan, “ejjituu ishee guddittii” jechuunis dubartii sagaagaltuu “bineensa bildiimaa tokko irra teessu” akka taatetti ibsa. “Gaanfonni kurnan” bineesicha isheen irra teesse sanaa, dubartii kana guutummaatti balleessu. (Mul. 17:1, 3, 5, 16) Mul’anni itti aanu, ejjituu kana ‘mandara guddootti’ kan fakkeessu yommuu ta’u, mandarrii kun akka kufteefi sabni Waaqayyoo ariitiidhaan akka ‘ishee keessaa ba’an’ akeekkachiisa. Mandarri guddittiin kufuusheetti namoonni baay’een gaddaniiru. Haata’u malee, “guyyaan gaa’ela hoolichaa” waan ga’eef, samii keessatti gammachuun ta’eera. (Mul. 18:4, 9, 10, 15-19; 19:7) Mul’ata 13⁠ffaa keessatti inni ‘farda adiirra’ taa’e, sabootarratti waraana banuuf ba’a. Innis addunyaa Seexanaa isa hamaa ni balleessa.—Mul. 19:11-16.

“Bofa bara durii, Diiyaabilos, Seexana” sanarrahoo maaltu ga’a? ‘Kuufama ibiddaatti gad kan darbatamu’ yoomi? Dhimma mul’anni 14⁠ffaffaan irratti xiyyeeffatu keessaa tokko kanadha. (Mul. 20:2, 10) Mul’atawwan dhumaa lamaan, Bulchiinsa Barkumeetti jireenyi maal akka fakkaatu ibsu. ‘Mul’anni’ kun xumuramuu jala yommuu ga’u, Yohannis ‘laga bishaan jireenya namaaf kennuufi karaa mandarichaa walakkaa yaa’u’ kan arge yommuu ta’u, ‘nama dheebote hundaaf’ afeerrii dinqisiisaan dhihaateera.—Mul. 1:1; 22:1, 2, 17.

Gaaffiiwwan Caaffata Qulqullaa’aafi Deebiisaanii:

17:16; 18:9, 10—“Mootonni biyya lafaa” dhaabbata ofumasaaniitii balleessaniif kan gaddan maaliifi? Sababiin gaddasaanii ofittummaadha. Bulchiinsa amantii sobaa addunyaa maraa kan taate Baabilon Guddittiin erga baddee booda, mootonni biyya lafaa, hangam isaan fayyadaa akka turte hubatu. Cunqursaan isaan raawwatan Waaqayyo biratti fudhatama kan qabu akka fakkaatu gochaa turte. Kana malees, dargaggoota waraanaaf filuurratti isaan gargaarti. Akkasumas namoonni tole jedhanii mootummootaaf akka bitaman gochuurratti ga’ee guddaa qabdi.

19:12—Maqaa Yesus isa hin ibsamne, isa malee namni kan biraan kan hin beekne akkamitti? Maqaan kun, aboofi mirga Yesus guyyaa Gooftaa keessatti argatu, kan akka Isaayaas 9:6⁠rratti ibsamanii kan argisiisu fakkaata. Mirgawwan isaa kennaman adda waan ta’aniifi aangoo guddaa akkasii qabaachuun maal jechuu akka ta’e kan hubatu isa qofa waan ta’eef, maqaa kana eenyuyyuu beekuu hin danda’u. Haata’u malee, Yesus mirgawwan kana keessaa tokko tokko miseensota kutaa misirroosaa warra ta’aniif waan hiruuf, ‘maqaasaa isa haaraa isaanirratti in caafa’ jedhamuu danda’a.—Mul. 3:12.

19:14—Armaagedoonitti Yesusii wajjin kan gulufan eenyufa’i? “Loltoonni waaqa keessaa” warri waraana Waaqayyoorratti Yesusii wajjin hirmaatan, ergamoota Waaqayyoofi Kiristiyaanota dibamoo, mo’anii badhaasasaanii isa samii argatanidha.—Mat. 25:31, 32; Mul. 2:26, 27.

20:11-15—Maqaan ‘macaafa warra jireenya argachuuf jiranii’ keessatti caafame kan eenyuu fa’i? Macaafni kun, maqaawwan warra jireenya barabaraa argachuuf malan hundaa kan qabatedha. Kiristiyaanonni dibamoon, miseensonni tuuta sonaan baay’eefi tajaajiltoonni Waaqayyoo amanamoon warri ‘du’aa ka’uu qajeelotaa’ argatan, maqaansaanii macaafa kana keessatti argama. (HoE. 24:15; Mul. 2:10; 7:9) Warri ‘du’aa ka’uu warra jal’ootaa’ keessaa hirmaatan, maqaansaanii “macaafa isa warri jireenya argachuuf jiran” keessatti akka caafamu kan godhan, ‘akka isa macaafota keessatti caafameetti’ qajeelfama bulchiinsa Barkumeetti kennamu eeganii yoo jiraatan qofadha. Haata’u malee, maqaawwan kun, akka hin haqamne godhamanii hin caafaman. Dibamtoonni, yommuu hamma du’aatti amanamoo ta’an maqaansaanii barabaraaf caafama. (Mul. 3:5) Maqaan warra lafarratti jireenya argatanii kan hin haqamne kan ta’u, qorumsa dhuma waggaa kumaarratti dhufu yommuu darbanidha.—Mul. 20:7, 8.

Barumsa Akkamii Arganna?

17:3, 5, 7, 16. “Ogummaan waaqa irraa,” “dhoksaa dubartittii, kan bineensicha [bildiimaa] ishee baatu” sanaas akka hubannu nu gargaara. (Yaq. 3:17) Bineensi fakkeenyaan ibsame kun, jalqabarratti Waldaa Mootummoota Addunyaa yommuu ta’u, booda Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kan ta’edha. Dhoksaan kun ifa ta’uunsaa, misiraachoo Mootummaa Waaqayyoofi guyyaa firdiisaa hinaaffaadhaan akka labsinu nu kakaasuu hin qabuu?

21:1-6. Eebbi bulchiinsa Mootummichaa jalatti akka argamu raajiidhaan dubbatame, akka raawwatamu guutummaatti mirkanaa’oo ta’uu dandeenya. Maaliif? Eebbi kun, “Ta’eera” waan jedhameefi.

22:1, 17. ‘Lagni bishaan jireenya namaaf kennu,’ qophiiwwan Yihowaan ilmaan namootaa ajajamoo ta’an cubbuufi du’a jalaa baasuuf godhe kan argisiisudha. Yeroo ammaattis bishaan kun hamma tokko ni argama. Afeerrii ‘utuu gatii hin baasiin bishaan jireenya kennu akka fudhannu’ nuu dhihaate, galateeffannaadhaan fudhachuu qofaa utuu hin ta’iin, warra kaaniifis miira ho’aadhaan haa dhiheessinu.

[Miiljaleewwan]

^ key. 2 Mul’ata 1:1-12:17 ilaalchisee ibsa bal’aa argachuuf, Masaraa Eegumsaa Amajjii 15, 2009, mataduree “Yaadawwan Ijoo Macaafa Mul’ataa Kutaa—Tokkoffaa” jedhu ilaali.

^ key. 3 Ibsa tokkoon tokkoon caqasa macaafa Mul’ataarratti kenname argachuuf, kitaaba Raawwiin Mul’ataa Inni Guddaan Dhihaateera! jedhamu ilaali. (Amaariffa)

[Fakkii fuula 5rra jiru]

Ilmaan namootaa bulchiinsa Mootummichaa jalatti eebbawwan dinqisiisaa argatu!