Barumsi Yesus Gammachuu Kan Argamsiisu Akkamitti?
Barumsi Yesus Gammachuu Kan Argamsiisu Akkamitti?
“Yesus . . . gaaratti ol ba’e; . . . bartoonni isaa gara isaatti walitti qabaman. Inni barsiisuma kanaan afaan isaa saaqqate.”—MAT. 5:1, 2.
1, 2. (a) Yesus Lallaba Gaararraa kan kenne haala akkamii keessatti ture? (b) Yesus barsiisasaa akkamitti jalqabe?
YEROONSAA Dh.K.B. bara 31 ture. Yesus lallaba Galiilaatti gochaa ture yeroo xinnoodhaaf dhaabee, Yerusaalemitti ayyaana Faasikaa ayyaaneffachuu dhaqe. (Yoh. 5:1) Galiilaatti erga deebi’ee booda, ergamootasaa 12an filachuurratti qajeelfama Waaqayyoo argachuuf halkan guutuu kadhachaa bule. Guyyaa itti aanutti Yesus warra dhukkubsatan yommuu fayyisu, namoonni hedduun garasaa dhufan. Bakka bartoonnisaafi warri kaan jiranitti gaararra taa’ee barsiisuu jalqabe.—Mat. 4:23–5:2; Luq. 6:12-19.
2 Yesus, gammachuun kan argamu Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuudhaan akka ta’e ibsuudhaan, barsiisasaa, jechuunis Lallabasaa Isa Gaararraa jalqabe. (Maatewos 5:1-12 dubbisi.) Gammachuun, “nageenya” guddaa namatti dhaga’amudha. Wantoonni Yesus akka gammachuu argamsiisan ibse saglan, Kiristiyaanonni gammadoo kan ta’an maaliif akka ta’e ibsu. Wantoonni kun, akkuma waggoota 2,000 dura turan har’as faayidaa qabu. Mee amma wantoota inni dubbate kana tokko tokkoon haa ilaallu.
‘Karaa Hafuuraatti Hiyyeessota Warra Ta’an’
3. Karaa hafuuraa hiyyeessota ta’uu jechuun maal jechuudha?
3 “Karaa hafuuraatti hiyyeessota warri ta’an haa gammadan, mootummaan waaqaa kan isaanii ti.” (Mat. 5:3) “Karaa hafuuraatti hiyyeessota warri ta’an,” gama kanaan dhabdoota akka ta’aniifi oo’i Waaqayyoo akka isaan barbaachisu ni hubatu.
4, 5. (a) Warri karaa hafuuraa hiyyeessota ta’an kan gammadan maaliifi? (b) Wanta karaa hafuuraa nu barbaachisu argachuu kan dandeenyu akkamitti?
4 Namoonni karaa hafuuraa hiyyeessota ta’an, “mootummaan waaqaa kan isaanii” waan ta’eef ni gammadu. Bartoonni Yesus warri jalqabaa akka Masiihiitti isa simachuunsaanii, Mootummaa samiirratti isaa wajjin bituuf carraa isaanii argamsiiseera. (Luq. 22:28-30) Kiristosii wajjin samiirratti bituufis ta’e bulchiinsa kana jalatti lafa jannata taaturra barabaraaf jiraachuuf kan abdannu yoo ta’e gammdoo ta’uu dandeenya. Kun ta’uu kan danda’u garuu, karaa hafuuraa hiyyeessota ta’uu keenya kan hubannuufi Waaqayyoon malee jiraachuu akka hin dandeenye kan beeknu yoo ta’edha.
5 Namoonni baay’een amantii kan hin qabneefi wantoota qulqullaa’oodhaaf ulfina kan hin laanne waan ta’aniif, karaa hafuuraa hiyyeessota ta’uusaanii kan hubatan namoota hunda miti. (2 Tas. 3:1, 2; Ibr. 12:16) Wanta karaa hafuuraa nu barbaachisu guuttachuuf karaawwan itti dandeenyu keessaa tokko tokko, dhimminee Macaafa Qulqulluu qayyabachuu, hojii bartoota gochuurratti hinaaffaadhaan hirmaachuufi walga’iiwwan Kiristiyaanaarratti yeroo hunda argamuudha.—Mat. 28:19, 20; Ibr. 10:23-25.
Warra Utuu Gaddanii ‘Gammadoo’ Ta’an
6. “Warri garaan isaanii gadde” namoota akkamiiti? Namoonni kun kan “gammadan” maaliifi?
6 “Warri garaan isaanii gadde haa gammadan, isaan jajjabina in argatu.” (Mat. 5:4) “Warri garaan isaanii gadde” namoota ‘karaa hafuuraatti hiyyeessota ta’anii’ wajjin wal fakkaatu. Gaddi asirratti ibsame, namoonni kun jireenyasaaniitti guungumuusaanii kan argisiisu miti. Kan gaddan, cubbamoo ta’uusaaniifi wanta ilmaan namootaa cubbamoo ta’uusaaniitiin namarra ga’aa jiraniin kan ka’edha. Namoonni gaddan kun kan “gammadan” maaliifi? Waaqayyoofi Kiristositti waan amananiif, akkasumas Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuusaaniitiin jajjabina waan argataniifidha.—Yoh. 3:36.
7. Biyya lafaa kan Seexanaa ta’e kanaaf ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?
7 Biyya lafaa kan Seexanaa ta’e kanarratti jal’inni babal’achuunsaa dhuunfaatti nu gaddisiisaa? Wantoota biyyi lafaa kun nuu argamsiisu ilaalchisee maaltu nutti dhaga’ama? Yohannis ergamaan, “Wanti biyya lafaa keessa jiru hundinuu, hawwiin foonii, hawwiin ijaas, jireenyaan kooruunis . . . abbaa biraa hin ba’u” jechuudhaan barreesseera. (1 Yoh. 2:16) Haata’u malee, “hafuura biyya lafaa,” jechuunis humna isa ilmaan namootaa Waaqayyorraa fagaatan dirqisiisu kanaan, jireenya hafuuraa keenyarra dhiibbaan ga’aa akka jiru yoo nutti dhaga’ame maal gochuu qabna? Yeroo kanatti, utuu walirraa hin kutin kadhachuu, Dubbii Waaqayyoo qayyabachuufi gargaarsa jaarsolii gaafachuu keenya itti haa fufnu. Wanti akka dhiphannu nu godhu akkamiiyyuu yoo jiraate, Yihowaatti dhihaachuudhaan ‘jajjabina ni arganna.’—1 Qor. 2:12; Far. 119:52; Yaq. 5:14, 15.
“Warri Garraamiin” Gammachuu Qabu
8, 9. Garraamii ta’uu jechuun maal jechuudha? Warri garraamii ta’an kan gammadan maaliifi?
8 “Warri garraamiin haa gammadan, isaan biyya isa abdachiifame in argatu [‘lafa in dhaalu,’ hiika bara 1899].” (Mat. 5:5) ‘Garraamummaan,’ dadhabina ykn nama gaarii fakkaachuuf yaaluu kan argisiisu miti. Garraamii yoo taane, fedha Yihowaa raawwachuufi qajeelfamasaa fudhachuudhaan akka gad of deebisnu argisiisna. Garraamummaan, walitti dhufeenya hidhattoota amantii keenyaafi warra kaanii wajjin qabnuunis ni mul’ata. ‘Garraamummaan akkasii, gorsa Phaawulos kennee wajjin wal sima.—Roomaa 12:17-19 dubbisi.
9 Warri garraamiin kan gammadan maaliifi? Yesus inni garraamii ta’e, ‘lafa waan dhaalaniif’ akka ta’e dubbateera. Adda durummaadhaan lafa kan dhaalu isadha. (Far. 2:8; Mat. 11:29; Ibr. 2:8, 9) Haata’u malee, garraamonni ‘waan Kiristos argatu hundumaa isaa wajjin argatanis,’ akkumasaa lafa ni dhaalu. (Rom. 8:16, 17) Lafa Mootummaa Yesusin bulfamtu keessatti, garraamonni baay’een jireenya barabaraa ni argatu.—Far. 37:10, 11.
10. Garraamota ta’uu dhiisuun, itti gaafatamummaa gumii keessatti qabnuufi walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu kan nu jalaa tuqu akkamitti?
10 Nuyis akkuma Yesus garraamota ta’uu qabna. Haata’u malee, nama dubbii jaallatu ta’uun rakkina akkamii qaba? Dubbii barbaaduufi jibbi, namoonni akka nurraa fagaatan gochuu danda’a. Obboloota dhiiraa itti gaafatamummaa argachuu barbaannu yoo taanemmoo, amalli akkasii itti gaafatamummaa kanaaf ga’eessota akka hin taane nu godha. (1 Xim. 3:1, 3) Phaawulos, Ximotewos Kiristiyaanonni Qareexis ‘naga-qabootaafi garraamota ta’anii, nama hundumaatti karaa hundumaa gara-laafina akka argisiisan’ akka isaan gorsu itti himee ture. (Tit. 3:1, 2) Garraamummaan akkasii warra kaaniif eebba guddaa argamsiisa!
“Waan Qajeelaa” Ni Beela’u
11-13. (a) Waan qajeelaa beela’uufi dheebochuu jechuun maal jechuudha? (b) Warri waan qajeelaa beela’aniifi dheebotan ‘kan geessifatan’ akkamitti?
11 “Warri waan qajeelaa akka midhaanii beela’anii, akka bishaanii dheebotan haa gammadan, isaan geessifachuuf jiru.” (Mat. 5:6) ‘Wanti qajeelaan’ Yesus asirratti caqase, fedhaafi abboommii Waaqayyoo wajjin haala wal simuun wanta sirrii ta’e gochuu kan argisiisudha. Faarfatichi, wanta Waaqayyo duratti qajeelaa ta’ee fudhatame ‘yaaduurraa kan ka’e lubbuunsaa akka bututte’ dubbateera. (Far. 119:20) Nuhoo, hanga isa beelofnuufi dheebonnutti qajeelummaadhaaf bakka guddaa ni laannaa?
12 Yesus, warri waan qajeelaa beela’aniifi dheebotan waan ‘geessifataniif’ ykn waan quufaniif akka gammadan dubbateera. Kun ta’uu kan danda’e, Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqostee booda, yommuu hafuurri Yihowaa ‘waa’ee qajeelummaa biyya lafaa hubachisuu’ jalqabetti ture. (Yoh. 16:8) Waaqayyo hafuura qulqulluutti fayyadamee, namoonni Caaffata Qulqullaa’oo warra ‘qajeelummaatti leenjisuuf’ gargaaran akka qopheessan godheera. (2 Xim. 3:16) Kana malees, hafuurri Waaqayyoo ‘namummaa haaraa isa qajeelummaatti fakkaattii Waaqayyootiin uumame uffachuuf’ nu gargaara. (Efe. 4:24) Namoonni aarsaa furii Yesusirratti hundaa’anii garaadhaa dhiifama cubbuu argachuu barbaadan, Waaqayyo biratti qajeelota ta’uu akka danda’an beekuun kan nama jajjabeessu mitii?— Roomaa 3:23, 24 dubbisi.
13 Abdii lafarra jiraachuu kan qabnu yoo ta’e, beelliifi dheebuun qajeelummaadhaaf qabnu guutummaatti kan nuu ba’u, addunyaa haaraa qajeelummaan keessa buufaterra barabaraaf yommuu jiraannudha. Hammasitti garuu, seerawwan bu’uuraa Yihowaa wajjin wal simnee jiraachuuf haa murteessinu. Yesus, “Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduutti hidhaa!” jedheera. (Mat. 6:33) Kana gochuun keenya, hojiin Waaqayyoofi gammachuu dhugaan akka nuu baay’atu godha.—1 Qor. 15:58.
“Warri Namaaf Oo’an” Kan Gammadan Maaliifi?
14, 15. Oo’a argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? “Warri namaaf oo’an” kan gammadan maaliifi?
14 “Warri namaaf oo’an haa gammadan, isaan oo’a in argatu.” (Mat. 5:7) “Warri namaaf oo’an,” namootaaf garaa ni laafu, ni gaddus. Yesus namoota rakkataniif waan oo’eef, dinqii raawwachuudhaan isaan fayyiseera. (Mat. 14:14) Akkuma Yihowaan warra qalbii gedderataniif oo’asaatiin dhiifama godhu, namoonnis warra yakka isaanirratti raawwataniif dhiifama yommuu godhan, isaaniif oo’aniiru jechuudha. (Bau. 34:6, 7; Far. 103:10) Kana gochuudhaan, akkasumas dubbiifi gocha gaarii namoota rakkataniif boqonnaa argamsiisuun, isaaniif oo’uu keenya argisiisuu dandeenya. Karaan oo’a itti argisiisnu inni guddaan, dhugaa Macaafa Qulqulluu warra kaanitti himuudha. Yesus namoota baay’eedhaaf ni oo’e; “waan baay’ees isaan barsiisuutti ka’e.”—Mar. 6:34.
15 Wanta Yesus, “Warri namaaf oo’an haa gammadan, isaan oo’a in argatu” jechuudhaan dubbaterratti walii galuuf sababii qabna. Namootatti oo’a kan argisiisnu yoo ta’e, isaanis oo’a nutti argisiisuunsaanii hin oolu. Warra kaaniif oo’a qabaachuun keenya, Waaqayyo yeroo firdii nuu kennu oo’a akka nuu godhu isa kakaasuu danda’a. Yaq. 2:13) Dhiifama cubbuufi jireenya barabaraa kan argatan, warra oo’a qabeeyyii ta’an qofadha.—Mat. 6:15.
(“Warri Yaadni Garaa Isaanii Qullaa’oo” Kan Gammadan Maaliifi?
16. ‘Yaada garaa qullaa’aa’ qabaachuu jechuun maal jechuudha? Warri amala kana qaban ‘Waaqayyoon kan argan’ akkamitti?
16 “Warri yaadni garaa isaanii qullaa’oo haa gammadan, isaan Waaqayyoon in argu.” (Mat. 5:8) ‘Yaanni garaa keenyaa qullaa’aa’ yoo ta’e, wanti jaallannu, fedhiiniifi kaka’umsi keenya qullaa’aa ta’a. “Jaalala garaa qullaa’aa keessaa” dhufu argisiisna. (1 Xim. 1:5) Keessi keenya qulqulluu waan ta’uuf, ‘Waaqayyoon ni argina.’ “Namni fuula [Waaqayyoo] arge jiraachuu waan hin dandeenyeef,” kana jechuun kallattiidhaan isa arguu jechuu ta’uu dhiisuu danda’a. (Bau. 33:20) Yesus garuu, guutummaatti amala Waaqayyoo argisiisee waan tureef, “Namni ana arge abbaa arge” jechuu danda’eera. (Yoh. 14:7-9) Waaqeffattoota Yihowaa waan taaneef, tarkaanfii inni nuuf jecha fudhatu ilaaluudhaan ‘Waaqayyoon arguu’ dandeenya. (Iyo. 42:5) Kiristiyaanonni dibamoon, du’aa ka’anii jireenya hafuuraa yommuu argatan Abbaasaanii isa samii ni argu.—1 Yoh. 3:2.
17. Yaada garaa qullaa’aa yoo qabaanne namoota akkamii taana?
17 Namni yaada garaa qullaa’aa qabu, amalaanis ta’e karaa hafuuraa qulqulluu waan ta’eef, wantoota ija Yihowaa duratti xuraa’oo ta’an hin raawwatu. (1 Sen. 28:9; Isa. 52:11) Yaada garaa qullaa’aa yoo qabaanne, wanti jennuufi wanti goonu qulqulluu ta’a; tajaajilli Yihowaadhaaf dhiheessinus fakkeessitummaarraa walaba ta’a.
“Warri Nagaa Buusan” Ijoollee Waaqayyoo Ta’u
18, 19. “Warri nagaa buusan” maal godhu?
18 “Warri nagaa buusan haa gammadan, isaan ijoollee Waaqayyoo in jedhamu.” (Mat. 5:9) “Warri nagaa buusan” wanta godhaniifi wanta hin gooneen addaan baafamanii beekamu. Namoota akka Yesus yaadatti qabatee turee yoo taane, nagaa kan buusnu taana malee, ‘waan hamaadhaaf hamaa hin deebisnu.’ Kanaa mannaa, ‘yeroo hundumaa namoota hundumaaf gaarii gochuuf yaadna.’—1 Tas. 5:15.
19 ‘Warra nagaa buusan’ keessaa tokko ta’uuf, nagaan akka jiraatu gochuu qabna. Namoonni nagaa buusan, wanta ‘firoota cimoo gargar baasu’ tokkoyyuu hin godhan. (Fak. 16:28) ‘Warra nagaa buusnu’ waan taaneef, ‘namoota hundumaa wajjin nagaadhaan jiraachuuf’ tarkaanfii barbaachisaa ta’e fudhanna.—Ibr. 12:14.
20. Yeroo ammaa “ijoollee Waaqayyoo” kan ta’an warra kami? Yeroo booda ijoollee Waaqayyoo kan ta’anoo eenyu?
20 Warri nagaa buusan ‘ijoollee Waaqayyoo waan jedhamaniif’ ni gammadu. Yihowaan Kiristiyaanota dibamoo akka ijoolleesaatti waan ilaaluuf, isaan “ijoollee Waaqayyoo” ta’aniiru. Kiristositti waan amananiifi ‘Waaqayyo isa jaalalaafi nagaa qabu’ garaa guutuudhaan waan waaqeffataniif, Yihowaa wajjin walitti dhufeenya cimaa uumuudhaan ijoolleesaa ta’aniiru. (2 Qor. 13:11; Yoh. 1:12) ‘Hoolonni’ Yesus warri ‘kan biraan’ naga qabeeyyii ta’anoo mirga akkamii argatu? Bulchiinsasaa Isa Barkumeetti, Yesus “abbaa bara baraa” isaanii ta’a. Dhuma Barkumee sanaatti garuu inni Abbaasaatiif waan bitamuuf, isaan ijoollee Waaqayyoo ta’u.—Yoh. 10:16; Isa. 9:6; Rom. 8:21; 1 Qor. 15:27, 28.
21. “Jireenya hafuuraatti yoo jiraanne” namoota akkamii taana?
21 “Jireenya hafuuraatti yoo jiraanne” naga qabeeyyii ta’uun keenya warra kaanitti ni mul’ata. “Walitti naqxuu” ykn ‘walitti hinaaftuu’ hin taanu. (Gal. 5:22-26;) Kanaa mannaa, “nama hundumaa wajjin nagaatti jiraachuudhaaf” carraaqqii goona.—Rom. 12:18.
Utuma Ari’atamnii Gammaduu!
22-24. (a) Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ari’ataman kan gammadan maaliifi? (b) Matadureewwan qayyabannaa itti aanan lamaanirratti waa’ee maalii baranna?
22 “Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ari’ataman haa gammadan, mootummaan waaqaa kan isaanii ti.” (Mat. 5:10) Yesus akkas jechuudhaan caqasa kana bal’inaan ibseera: “Anaaf jedhanii namoonni yommuu isin arrabsan, yommuu isin ari’atan, (sobaan) waan hundumaa yommuu isin irratti dudubbatanis gammadaa! Isaan raajota warra isin duraa akkasuma ari’achaa turan; egaa yeroo hundumaa gammadaa ililchaa waaqa irratti gatiin keessan guddaa in ta’a.”—Mat. 5:11, 12.
23 Akkuma raajota durii, Kiristiyaanonnis “qajeelummaadhaaf jedhanii” akka arrabsaman, akka ari’atamaniifi sobaan akka himataman beekamaadha. Ta’uyyuu, amanamoo taanee qorumsawwan kana mo’uudhaan, Yihowaa akka gammachiisnuufi akka isa kabajchiisnu beekuudhaan gammachuu arganna. (1 Phe. 2:19-21) Rakkinni nurra ga’uunsaa, ammas ta’e gara fuulduraatti gammachuu Yihowaa tajaajiluudhaan argannu nu jalaa hir’isuu hin danda’u. Ari’atamni nurra ga’u, gammachuu Kiristosii wajjin Mootummaa samiirratti bulchuudhaan argannu ykn gammachuu bulchiinsa Mootummaa sanaa jalatti barabaraaf lafarra jiraachuudhaan argannu nu jalaa hin hir’isu. Eebbiwwan akkasii kun, ayyaanni, gaarummaaniifi arjummaan Waaqayyoo nuu wajjin akka jiru kan argisiisanidha.
24 Wanti Lallaba Gaararraarraa barannu kana qofa miti. Matadureewwan qayyabannaa kanatti aanan lamaanirratti barumsawwan addaddaa arganna. Barumsa Yesus Kiristos barsiise sana akkamitti hojiirra oolchuu akka dandeenyu ilaalla.
Maal Jettee Deebista?
• “Karaa hafuuraatti hiyyeessota warri ta’an” kan gammadan maaliifi?
• “Warri garraamiin” kan gammadan maaliifi?
• Namoonni tokko tokko ari’atamni isaanirra ga’us kan gammadan maaliifi?
• Wantoota gammachuu argamsiisaniifi Yesus ibse keessaa caalaatti isa kamtu garaa si tuqe?
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
[Fakkii fuula 7rra jiru]
Wantoonni gammachuu argamsiisan salgan Yesus ibse, akkuma yeroo sanaatti har’as faayidaa qabu
[Fakkii fuula 8rra jiru]
Karaan oo’a itti argisiisnu inni guddaan, dhugaa Macaafa Qulqulluu warra kaanitti himuudha