Yaadawwan Ijoo Macaafa Mul’ataa—Kutaa Tokkoffaa
Dubbiin Yihowaa Jiraataadha
Yaadawwan Ijoo Macaafa Mul’ataa—Kutaa Tokkoffaa
YOHAANNIS maanguddichi mul’atawwan walitti aanan 16 kan arge, yommuu odoola Phaaximoositti hidhamee turettidha. Mul’ata kana keessatti Yohaannis, wanta Yihowaafi Yesus Kiristos guyyaa gooftaatti raawwatan argeera. Guyyaan kun, bara 1914 yeroo Mootummaan Waaqayyoo hundeeffamee kaasee, hanga dhuma Bulchiinsa Kiristos Waggaa Kumaatti kan itti fufudha. Macaafni Mul’ataa Dh.K.B naannoo bara 96tti Yohaannisiin kan barreeffame yommuu ta’u, seenaa gammachiisaa mul’atawwan kanaa qabateera.
Mee yaadawwan ijoo Mul’ata 1:1–12:17 jiraniifi mul’atawwan torban Yohaannis jalqabarratti argee haa qorru. Mul’atawwan kun, wantoonni yeroo ammaatti addunyaarratti raawwatamaa jiran maal akka ta’aniifi Yihowaan dhiheenyatti akkamitti tarkaanfii akka fudhatu waan ibsaniif, xiyyeeffannaa keenya ni harkisu. Namoonni waa’ee mul’ata kanaa amantiidhaan dubbisan jajjabina guddaa argatu.—Ibr. 4:12.
“HOOLICHI” MALLATTOOWWAN TORBA KEESSAA JA’A BANE
Jalqaba, Yohannis Yesus Kiristos isa ulfina gonfate arge. Achiis ergaawwan walitti aanan ‘akka macaafa ta’utti caafee waldoota Kiristiyaanaa torbaniif akka ergu’ itti kenname. (Mul. 1:10, 11) Itti aansuudhaan teessoon waaqa keessa jiru tokko ni mul’ate. Inni teessicharra taa’e harkasaa mirgaa keessatti, macaafa maramuufi mallattoo torbaan mallatteeffame tokko qabateera. “Macaaficha banuudhaaf kan male”, ‘leencicha gosa Yihudaa’ ykn ‘hoolicha gaanfa torbaafi ija torba’ qabuun alatti eenyuyyuu ta’uu hin danda’u.—Mul. 4:2; 5:1, 2, 5, 6.
Mul’anni sadaffaan yommuu “Hoolichi” mallattoowwan jalqabaa ja’an duraa duubaan banu wanta raawwatame ibsa. Yommuu mallattoon inni ja’affaan banamu, socho’i lafaafi guyyaan guddaan inni dheekkamsi itti ta’u ni dhufe. (Mul. 6:1, 12, 17) Mul’anni itti aanee jiru garuu, hanga warra 144,000 mallatteessuun raawwatamutti, “ergamoonni afur . . . qilleensota golee arfanii ittisuu isaanii” argisiisa. ‘Tuutni sonaan baay’een’ mallattoon itti hin godhamnemmoo, ‘teessicha dura hoolicha duras dhaabatanii’ argamaniiru.—Mul. 7:1, 9.
Gaaffiiwwan Caaffata Qulqullaa’aafi Deebiisaanii:
1:4; 3:1; 4:5; 5:6—Jechi “hafuurota torban” jedhu maal kan argisiisudha? Lakkoofsi torba, Waaqayyoo wajjin haala wal qabateen wanta guutuu ta’e tokko argisiisa. Kanaafuu, ergaan ‘waldaawwan torbaniif’ ergame, yeroo ammaatti saba Waaqayyoo addunyaa maratti argamaniifi gumiiwwan 100,000 ol ta’an keessatti walitti qabaman hundaaf kan hojjetudha. (Mul. 1:11, 20) Yihowaan, wanta raawwachuu barbaade tokkoof hanga barbaachisu hafuurasaa kenna. Kanaafuu, jechi “hafuurota torban” jedhu, hafuurri qulqulluun warra raajichaaf xiyyeeffannaa kennaniif hubannaafi eebba argamsiisuuf guutummaatti akka hojjetu kan argisiisudha. Macaafni Mul’ataa wantoota hedduu torba torbaan ibsa. Asirratti lakkoofsi torba guutuu ta’uu argisiisa. Kanaafuu, macaafichi “wanti Waaqayyo dhoksaatti akeeke” akka “raawwatamu” ykn guutamu ibsa.—Mul. 10:7.
1:8, 17—Maqaan ulfinaa ‘Alfaafi Omeegaa’ akkasumas, ‘Isa duraafi Isa booddee’ jedhu eenyuun kan argisiisudha? Maqaan ulfinaa ‘Alfaafi Omeegaa’ jedhu Yihowaa kan argisiisu yommuu ta’u, isa duras ta’e isa booda Waaqni hundumaa danda’u akka hin jirre addeessa. Inni “isa jalqabaa ti, isa dhumaa tis.” (Mul. 21:6; 22:13) Yihowaa dura ykn booda homtuu waan hin jirreef, Mul’ata 22:13rratti inni “isa jalqabaa ti, isa dhumaa tis” jedhameera. Haata’u malee, yaanni naannoo Mul’ata boqonnaa tokkorra jiru, maqaan ulfinaa ‘isa jalqabaafi isa dhumaa’ jedhu Yesus Kiristosiin akka argisiisu ibsa. Yesus, uumama hafuuraa ta’ee du’aa ka’uudhaan nama isa jalqabaati. Kana malees, Yihowaan karaa kanaan yeroo dhumaatiif kallattiidhaan du’aa kan kaase isa qofadha.—Qol. 1:18.
2:7—“Jannata Waaqayyoo” kan jedhame maalidha? Yaanni kun kan barreeffame Kiristiyaanota dibamoodhaaf waan ta’eef, asirratti jannanni kun, jireenya samii jannatatti fakkeeffame, jechuunis bakka Waaqayyo itti argamu kan argisiisu ta’uu qaba. Dibamtoonni amanamoo ta’an “muka ija isaa nyaatanii jiraatan” nyaachuudhaan eebbifamu. Sana booda matumaa hin du’an.—1 Qor. 15:53
3:7—Yesus “banaa Daawit” kan fudhate yoom ture? Banaa kanatti fayyadamaa kan jiruhoo akkamitti? Yesus Dh.K.B bara 29tti yommuu cuuphame, karaa sanyii Daawitiin Mootii ta’uuf kaadhimameera. Haata’u malee, hanga Dh.K.B bara 33tti gara harka mirga Waaqayyootti ol ol godhametti, banaa Daawit hin fudhanne ture. Bakka kanatti mirga Mootummaan Daawit argamsiisu hunda dhaaleera. Yeroo sanaa kaasee, Yesus carraawwaniifi mirgawwan Mootummichaa wajjin wal qabatan argamsiisuuf, banaa sanatti fayyadamaa tureera. Yesus bara 1919tti ‘hojjetaa amanamaafi ogeessa’ “qabeenya isaa hundumaa irratti” ajajjuu gochuudhaan, ‘banaa mana Daawit’ gatiittii hojjetaa kanaarra kaa’eera.—Isa. 22:22; Mat. 24:45, 47.
3:12—‘Maqaa haaraan’ Yesusiif kenname eenyu? Maqaan kun aboofi mirgawwan Yesus isa haaraa wajjin walitti dhufeenya kan qabudha. (Filp. 2:9-11) Maqaa sana akka Yesusitti kan beeku hin jiru. Kanaan kan ka’es, Yesus samii keessatti obbolootasaa amanamoo ta’anirratti maqaa kana barreessuudhaan, michootasaa akka ta’an godha. (Mul. 19:12) Kana malees, mirgawwan addaa Yihowaan isaa kenne tokko tokko isaanii kenna.
Barumsa Akkamii Arganna?
1:3. “Barri kun itti raawwatamu [yeroon Waaqayyo biyya lafaa Seexanni bulchu kanarratti itti faradu] waan dhihaateef” ergaa macaafa Mul’ataa hubachuufi hojiirra oolchuun ariifachiisaadha.
3:17, 18. Karaa hafuuraa sooromuuf, “warqee qulqulluu ibiddaan ilaalame” Yesusirraa bitachuun nu barbaachisa. Kana jechuun, hojii gaarii hojjechuutti badhaadhota ta’uu qabna jechuudha. (1 Xim. 6:17-19) Kana malees, “uffata adii” duuka buutota Kiristos ta’uu keenya beeksisu uffachuun nu barbaachisa. Akkasumas, karaa hafuuraa hubannaa argachuudhaaf, gorsa kan akka Masaraa Eegumsaarratti argamuufi ‘qoricha ijaatti’ fakkeeffametti fayyadamuu qabna.—Mul. 19:8.
7:13, 14. Maanguddoonni 24, warra 144,000 ta’aniifi samiirratti ulfina argatan bakka bu’u. Namoonni kun bakka kanatti mootota qofaa utuu hin ta’in, lubootas ta’anii tajaajilu. Kana malees, luboota Israa’el warra durii Daawit Mootichi bakka 24tti gurmeessetti fakkeeffamaniiru. Eenyummaa tuuta sonaan baay’ee Yohannisiif kan ibse, jaarsolii kana keessaa tokko ture. Kanaafuu, du’aa ka’uun Kiristiyaanota dibamoo kan jalqabe bara 1935 dura ta’uu qaba. Kana kan jennu maaliif? Eenyummaan tuuta sonaan baay’ee Kiristiyaanota dibamoo lafarra turaniif kan ifa ta’e, waggaa kanatti waan tureefidha.—Luq. 22:28-30; Mul. 4:4; 7:9.
MALLATTOON TORBAFFAAN BANAMUUNSAA MALKANNI TORBAN AKKA AFUUFAMAN GODHE
Hoolichi mallattoo torbaffaa bane. Ergamoonni torba malakata torba fudhatan. Ergamoonni ja’an, ilmaan namootaa keessaa “harka sadii” jechuunis, Saba Kiristiyaanaarratti malakatasaanii afuufuudhaan ergaa firdii labsan. (Mul. 8:1, 2, 7-12; 9:15, 18) Wanti Yohaannis mul’ata shanaffaarratti arge kanadha. Yohaannis mul’ata itti aanu keessatti kan hirmaate yommuu ta’u, macaafa xinnoo maramu erga nyaatee booda, mana qulqullummaa safare. Malakanni torbaffaan erga afuufamee booda, sagaleen guddaan, “Mootummaan biyya lafaa kan gooftaa keenyaa, kan Masiihii isaatiis ta’eera” jedhe.—Mul. 10:10; 11:1, 15.
Mul’anni torbaffaan, wanta Mul’ata 11:15, 17rratti dubbatameef ibsa dabalataa kenna. Milikkinni guddaan tokko samii keessatti ni mul’ate. Dubartittiin samii, ilma dhiiraa tokko ni deesse. Diiyaabilos samiirraa yommuu gad darbatametti, dubartii sanatti waan aareef, “sanyii ishee warra kaanitti lola kaasuu” dhaqe.—Mul. 12:1, 5, 9, 17.
Gaaffiiwwan Caaffata Qulqullaa’aafi Deebiisaanii:
8:1-5—Bantii waaqaa keessatti gabiin ta’ee kan ture maaliifi? Sana booda gara lafaatti kan darbatamehoo maalidha? Bantii waaqaa keessatti gabiin kan ta’e, ‘kadhanni warri Waaqayyoof qulqullaa’an’ lafarraa dhiheessan dhaga’amuu akka danda’uuf ture. Kun kan ta’e dhuma waraana addunyaa tokkoffaarratti ture. Akka namoonni baay’een yaadanitti, Kiristiyaanonni dibamoon, dhuma bara warra saba Waaqayyoo hin ta’iniitti gara samiitti ol hin baane. Yeroo waraanaa sanatti rakkinni guddaan isaanirra ga’eera. Kanaafuu, yeroo kanatti qajeelfama argachuuf garaadhaa kadhannaa dhiheessanii turan. Ergamichi Kiristiyaanota dibamoo sochii hafuuraatiif kakaasuuf, waan akka ibiddaa tokko gara lafaatti darbachuudhaan, kadhannaasaaniitiif deebii akka argatan godhe. Lakkoofsisaanii muraasa yoo ta’eyyuu, duula lallabaa Mootummaan Waaqayyoo addunyaa maraatti dhimma bakki guddaan kennamuuf akka ta’u godhe geggeessuudhaan, Saba Kiristiyaanaarratti ibidda qabsiisaniiru. Yeroo kanatti akeekkachiisni qaqawweessatti fakkeeffame Macaafa Qulqulluu keessaa ni dhaga’ame; balaqqeessi dhugaa Caaffata Qulqullaa’oo ni mul’ate; akkuma gamoowwan socho’a lafaatiin raafamanitti, guutummaan amantii sobaa hundeesaatii ni raafame.
8:6-12; 9:1, 13; 11:15—Ergamoonni torban malakatasaanii afuufuuf kan qophaa’an yoom ture? Malakatichi kan dhaga’ame yoomiifi akkamitti ture? Qophiin malakata torban afuufuuf godhame, bara 1919 hanga 1922tti kutaa Yohaannis warra lafarra jiraniifi hojiidhaaf kaka’aniif qajeelfama kennuu kan dabalatu ture. Dibamtoonni kun yeroo sanatti, hojii lallabaa deebisanii gurmeessuufi gamoowwan maxxansaa ijaaruurratti bobba’anii turan. (Mul. 12:13, 14) Sagaleen malakataa dhaga’amuunsaa, sabni Waaqayyoo ergamootaa wajjin ta’uudhaan sodaa tokko malee firdii Yihowaan addunyaa Seexanaarratti dabarse labsuusaanii kan argisiisudha. Akkuma beekamu labsiin kun kan jalqabame, walga’ii guddaa bara 1922 Seedaar Pooyint, Ohaayootti godhamerratti yommuu ta’u, hanga rakkina isa guddaatti itti fufa.
8:13; 9:12; 11:14—Malakanni dhumaa sadan “wayyoo” kan geessisan akkamitti? Malakanni duraa arfan, Sabni Kiristiyaanaa karaa hafuuraa kan duute ta’uushee kan saaxilan si’a ta’u, warri dhumaa sadanimmoo wayyoo adda ta’an kan argisiisanidha. Sagaleen malakataa inni shanaffaan, sabni Waaqayyoo bara 1919tti “boolla lafa jalaa isa gad fagoo” sochii itti gochuu hin dandeenye keessaa ba’uusaanii argisiisa. Akkasumas, hojii lallabaa Saba Kiristiyaanaarratti dha’icha guddaa geessise utuu walirraa hin kutiin raawwachuusaanii kan argisiisudha. (Mul. 9:1) Inni ja’affaanimmoo, waa’ee abboota fardeenii hedduufi waa’ee duula lallabaa addunyaa maraa bara 1922tti jalqabame kan dubbatudha. Malakanni inni dhumaa, Mootummaan Masiihichaa dhalachuusaa ibsa.
Barumsa Akkamii Arganna?
9:10, 19. Yaanni Macaafa Qulqulluurratti hundaa’eefi barreeffamoota “hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” qopheessu keessatti argamu, ergaa nama hiddu kan qabatedha. (Mat. 24:45) Ergaan kun, eegeewwan hawaannisaa ‘ilkee akka torbaanqabaa hiddu’ qabaniifi fardeen ‘eegeensaanii bofa fakkaatuu’ wajjin wal fakkeeffameera. Maaliif? Sababiinsaa, barreeffamoonni kun “guyyaa Waaqayyo keenya itti ijaa baafatu” ilaalchisee akeekkachiisa waan kennaniifidha. (Isa. 61:2) Barreeffamoota kana raabsuuf ija jabinaafi hinaaffaa haa qabaannu.
9:20, 21. Namoonni garaa qajeelaa qabaniifi Saba Kiristiyaanaatii ala ta’an hedduun ergaa nuti labsinu fudhataniiru. Haata’u malee, saboota kaan ‘namoota hafan’ jedhaman kana keessaa namoonni hedduun dhugaa fudhatu jennee hin eegnu. Ta’us ciminaan tajaajiluu keenya itti fufna.
12:15, 16. “Lafti” jechuunis wantoonni sirna Seexanaa keessatti argaman ykn bulchitoonni biyyoota addaddaa, mirga waaqeffannaa kennaniiru. Bara 1940mmaniitii jalqabee, warri taayitaarra jiran sun, “laga [ari’atamaa] isa bineensichi akka jawwee sun afaan isaa keessaa yaase gad in dhug[an].” Dhugumayyuu, Yihowaan yommuu akkas gochuu barbaadutti, warra aboo qabanirratti dhiibbaa geessisuudhaan, jaalalasaa raawwachuu danda’a. Kanaafuu, Fakkeenyi 21:1, “Yaadni mootii harka Waaqayyoo keessa jira, inni akka bishaaniitti gara jaallateetti isa in deebisa” jechuunsaa sirriidha. Yaanni kun, amantii Waaqayyoorratti qabnu nuu jabeessuu qaba.