Gahee Addaa Yeesus Kaayyoo Waaqayyoo Keessatti Qabu Hubadhaa
Gahee Addaa Yeesus Kaayyoo Waaqayyoo Keessatti Qabu Hubadhaa
“Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo ta’e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu.”—YOH. 14:6.
1, 2. Gahee addaa Yesus kaayyoo Waaqayyoo keessatti qabu beekuuf fedhii qabaachuu kan qabnu maaliifi?
BARA duriitii kaasee namoonni hedduun warra naannoosaanii jiranirraa adda ta’uuf yaalii godhanis, kana gochuu kan danda’an muraasasaaniiti. Namoonni wanta guddaa raawwannee warra kaanirraa dhugumaan adda ta’uudhaan milkaa’ina arganneerra jechuu danda’animmoo baay’ee muraasadha. Ilma Waaqayyoo kan ta’e Yesus Kiristos garuu karaawwan hedduudhaan addadha.
2 Gahee addaa Yesus qabu beekuuf fedhii qabaachuu kan qabnu maaliifi? Waa’ee kanaa beekuun, walitti dhufeenya Abbaa keenya isa samii kan ta’e Yihowaa wajjin qabnu kan tuqu waan ta’eefi! Yesus, “Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo ta’e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu” jedheera. (Yoh. 14:6; 17:3) Mee karaawwan Yesus adda itti ta’e tokko tokko haa ilaallu. Kana gochuun keenya, gahee inni kaayyoo Waaqayyoo keessatti qabu akka gaariitti hubachuuf nu gargaara.
“Tokkicha Ilma Waaqayyoo”
3, 4. (a) Yesus gahee Ilma tokkicha ta’uusaatiin qabuun addadha jechuu kan dandeenyu maaliifi? (b) Gaheen Yesus uumamarratti qabu adda kan ta’e akkamitti?
3 Seexanni yommuu Yesusiin qore “ilma Waaqayyoo” jedhee kan isa waame ta’uyyuu, Yesus ilma Waaqayyoo qofa miti. (Mat. 4:3, 6) Kanaa mannaa, “tokkicha ilma Waaqayyoo” jedhamuunsaa sirriidha. (Yoh. 3:16, 18) Jechi afaan Giriikii “tokkicha” jedhamee hiikame, “kan akkasaa kan hin jirre,” ykn “adda kan ta’e” jedhamee ibsameera. Yihowaan ilmaan hafuuraa miliyoona dhibbaan lakkaa’aman qaba. Yesus isaanirraa “adda kan ta’e” maaliiniree?
4 Abbaansaa kallattiidhaan kan uume isa qofa waan ta’eef Yesus addadha. Inni Ilma angafaati. “Uumama hundumaa duras dhalate.” (Qol. 1:15) Inni ‘isa wanti Waaqayyo uume hundinuu biraa ka’edha.’ (Mul. 3:14) Gaheen Ilmi tokkichi kun uumamarratti qabus addadha. Yesus Uumaa ykn uumama kan argamsiise miti. Ta’uyyuu Yihowaan wantoota kaan hunda uumuuf akka bakka bu’aatti itti fayyadameera. (Yohannis 1:3 dubbisi.) Phaawulos ergamaan, “Nuuf garuu Waaqayyo tokkichatu jira; innis abbaa, isa waan hundumaa uume, isa nuyi maqaa isaatiif jiraannus. Akkasumas gooftaa tokkichatu jira; innis Yesus Kristos, isa wanti hundumtuu ittiin uumame, isa nuyi ittiin jiraannus” jechuudhaan barreesseera.—1 Qor. 8:6.
5. Caaffanni Qulqullaa’oon, karaawwan Yesus adda itti ta’e kan ibsan akkamitti?
5 Yesus karaawwan kan biraa hedduudhaanis addadha. Caaffata Qulqullaa’oo keessatti maqaan ulfinaa hedduun gahee inni kaayyoo Waaqayyoo keessatti qabu argisiisu kennameeraaf. Mee, maqaawwan ulfinaa dabalataa shanan Caaffata Qulqullaa’oo afaan Giriikii keessatti Yesusiif kennaman tokko tokkoon haa ilaallu. *
‘Sagalicha’
6. Yesus ‘Sagalicha’ jedhamee waamamuunsaa sirrii kan ta’e maaliifi?
6 Yohannis 1:14 dubbisi. Yesus ‘Sagalicha’ ykn Loogos kan jedhame maaliifi? Maqaan ulfinaa kun, hojii inni erga uumamawwan yaaduu danda’an kaan uumamanii jalqabee hojjechaa ture kan argisiisudha. Yihowaan ilmaan namootaa lafarra jiraniif ergaasaa dabarsuuf Ilmasaatti akkuma fayyadame, ilmaansaa warra hafuuraatiif odeeffannoofi qajeelfama dabarsuufis isatti fayyadameera. Yesus ‘Sagalicha’ jechuunis Afaan Waaqayyoo ta’uunsaa, wanta inni Yihudoota isa dhaggeeffachaa turaniin, “Barsiifni ani barsiisu kan koo miti, kan isa ana ergee ti malee. Namni fedha Waaqayyoo raawwachuu barbaade, barsiifni kun Waaqayyo biraa ta’uu isaa yookiis of keessaa fuudhee dubbachuu koo in hubata” jechuudhaan dubbaterrattis mirkanaa’eera. (Yoh. 7:16, 17) Yesus ulfinasaa isa samii deebisee erga argatee boodallee maqaa ‘Sagalicha’ jedhuun waamamuusaa itti fufeera.—Mul. 19:11, 13, 16.
7. Yesus ‘Sagalicha’ ta’uudhaan gaheesaa yommuu raawwate akkuma gad of deebise, nuyis fakkeenyasaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
7 Maqaan ulfinaa kun maal akka argisiisu yaadi. Yesus uumamawwan Yihowaa hunda caalaa ogeessa ta’us, ogummaa mataasaatti hin amanamu. Akka Abbaansaa isa barsiisetti dubbata. Warri kaan isarratti utuu hin ta’in Yihowaarratti akka xiyyeeffatan godha. (Yoh. 12:50) Fakkeenya gaarii hordofuu qabnu mitii? Nuyis “oduu gaarii” akka lallabnuuf mirgi guddaan nuu kennameera. (Rom. 10:15) Yesus gad of deebisuudhaan fakkeenya gaarii nuu ta’uusaa hubachuun keenya, yaada dhuunfaa keenya dubbachuurraa akka of qusannu nu kakaasuu qaba. Ergaa lubbu baraarsaa ta’e kana ennaa lallabnu, ‘wanta Caaffanni Qulqullaa’aan jedhu gararraa darbuu’ hin barbaannu.—1 Qor. 4:6.
“Amiin”
8, 9. (a) “Amiin” jechuun maal jechuudha? Yesus “Amiin” kan jedhame maaliifi? (b) Yesus “Amiin” ta’uudhaan gaheesaa kan raawwate akkamitti?
8 Mul’ata 3:14, hiika bara 1899 dubbisi. Yesus “Amiin” kan jedhame maaliifi? Jechi “amiin” jedhu afaan Ibrootaarraa kan fudhatame ennaa ta’u, hiiknisaas “haata’u” ykn “walii galeera” kan jedhudha. Afaan Ibrootaatiin jechi hundee jechi kun irraa dhufe “amanamaa ta’uu” kan jedhudha. Jechumti kunimmoo amanamummaa Yihowaa ibsuuf itti hojjetameera. (Kes. 7:9; Isa. 49:7) Yesus “Amiin” jedhamuunsaa adda kan isa godhu akkamitti? Deebii 2 Qorontos 1:19, 20 gaaffii kanaaf akkas jechuudhaan kennu hubadhu: “Yesus Kristos, ilmi Waaqayyoo, inni . . . isin gidduutti lallabame, ‘Eyyee’ fi ‘Waawuudhaan’ gara hin gaggalle; isa bira yeroo hundumaa ‘Eyyeetu’ jira. Abdiin Waaqayyoo hundinuu karaa Kristos ‘Haa ta’u’ jedhamanii in raawwatamu; kanaaf nus karaa isaa ‘Amiin’ jennee Waaqayyoof galata in galchina.”
9 Yesus abdiiwwan Waaqayyo gale hundaaf “Amiin” ta’eera. Aarsaa ta’ee du’uusaa dabalatee jireenyi qulqulluun inni lafarratti dabarse, abdiiwwan Yihowaan kenne hundi akka mirkanaa’aniifi akka raawwataman godheera. Yesus amanamaa ta’uudhaan, yaanni Seexanni macaafa Iyoobirratti Tajaajiltoonni Waaqayyoo rakkinni, dhiphinniifi qorumsi yoo isaanirra ga’e akka Isa ganan dubbate soba ta’uusaa mirkaneesseera. (Iyo. 1:6-12; 2:2-7) Gaaffii ka’e kanaaf uumama Waaqayyoo kamirrayyuu caalaa deebii asiif achi hin jenne kennuu kan danda’e Ilmasaa isa angafa ture. Kana malees, Yesus Yihowaan uumama cufaa bulchuuf mirga kan qabu ta’uusaatiif ragaa cimaa dhiheesseera.
10. Gahee addaa Yesus “Amiin” ta’uudhaan raawwateen, fakkeenyasaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
10 Gahee addaa Yesus “Amiin” ta’uudhaan raawwateen, fakkeenyasaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Yihowaadhaaf amanamoo taanee jiraachuufi olaantummaa uumama cufarratti qabu deggeruudhaan kana gochuu dandeenya. Kana yoo goone, afeerrii Fakkeenya 27:11rratti, “Yaa ilma ko, nama ana arrabsuuf deebii kennuu akkan danda’utti, ati ogeessa ta’i, garaa na ciibsi!” jechuudhaan dhihaateef deebii gaarii kennina.
‘Isa Kakuu Haaraadhaaf Araarsaa Ta’e’
11, 12. Gaheen Yesus Araarsaa ta’uudhaan raawwatu adda kan ta’e akkamitti?
11 Ximotewos Isa Duraa 2:5, 6 dubbisi. Yesus “isa gidduu dhaabatee Waaqayyoo fi nama walitti fidu” akkasumas ‘kakuu haaraadhaaf araarsaa akka ta’e’ ibsameera. (Ibr. 9:15, hiika bara 1899; 12:24, hiika bara 1899) Haata’u malee, Museenis isa gidduu dhaabate ykn araarsaa kakuu Seerichaa ta’uunsaa ibsameera. (Gal. 3:19) Gaheen Yesus Araarsaa ta’uudhaan raawwatu adda kan ta’e akkamittiree?
12 Jechi afaan Ibrootaatiin “araarsaa” jedhamee hiikame, jecha seeraa wajjin wal qabatedha. Jechi kun, Yesus kakuu haaraa isa saba haaraa “Israa’el Waaqayyoo” jedhamu argamsiiseef, Araarsaa seeraan fudhatama qabu (ykn, abukaatoo) ta’uusaa ibsa. (Gal. 6:16) Sabni kun Kiristiyaanota dibamoo samiirratti “luboota mana mootummaa” ta’aniin kan hundeeffamedha. (1 Phe. 2:9; Bau. 19:6) Kakuun Seerichaa inni Museen araarsaa ta’eef sun, saba akkasii argamsiisuu hin dandeenye.
13. Gaheen Yesus Araarsaa ta’uudhaan raawwatu maal dabalata?
Rom. 3:24; Ibr. 9:15) Kanaan kan ka’es Waaqayyo kakuu haaraatti isaan galchuudhaan, samiirratti moototaafi luboota ta’uuf abdii akka qabaatan gochuu danda’a! Araarsaasaanii kan ta’e Yesus, Waaqayyo biratti ejjennoo qulqulluu akka qabaatan isaan gargaara.—Ibr. 2:16.
13 Gaheen Yesus Araarsaa ta’uudhaan raawwatu maal dabalata? Yihowaan, warri kakuu haaraa keessatti hammataman gatii dhiiga Yesusirraa akka fayyadaman godha. Haala kanaan Yihowaan karaa seera qabeessa ta’een akka qajeelotaatti isaan ilaala. (14. Kiristiyaanonni hundumtuu eessayyuu jiraachuuf kan abdatan yoo ta’e, gahee Yesus Araarsaa ta’uudhaan raawwatuuf bakka guddaa kennuu kan qaban maaliifi?
14 Warri kakuu haaraa keessa hin galleefi samiirra utuu hin ta’in lafarra barabaraaf jiraachuuf abdii qabanoo faayidaa akkamii argatu? Kakuu haaraa keessatti hirmaattota ta’uu baatanis, kakuu kanarraa ni fayyadamu. Dhiifama cubbuu kan argatan ta’uusaarrayyuu, akka qajeelootti lakkaa’amuudhaan michoota Waaqayyoo ta’aniiru. (Yaq. 2:23; 1 Yoh. 2:1, 2) Abdiin keenya samiirra jiraachuus ta’e lafarra, hundi keenya gahee Yesus Araarsaa kakuu haaraa ta’uudhaan raawwatuuf bakka guddaa kennuu qabna.
“Angafa Lubootaa”
15. Gaheen Yesus Angafa Lubootaa ta’uudhaan raawwate, warra isa dura angafa lubootaa turanirraa adda kan ta’e akkamitti?
15 Kanaan dura namoonni baay’een angafa lubootaa ta’uudhaan kan tajaajilan ta’uyyuu, Yesus Angafa Lubootaa adda ta’edha. Akkamitti? Phaawulos akkas jechuudhaan ibsa kenneera: “Inni akka angafoota lubootaa warra kaanii, guyyuma guyyaatti duraan dursee cubbuu ofii isaatiif kana booddees cubbuu sabaaf aarsaa dhi’eessuu isa hin barbaachifne; inni ofii isaa aarsaa godhee, al tokkicha yeroo hundumaaf dhi’eesse. Seerri namoota dadhaboo angafa lubootaa godhee hojii irra in dhaabsisa; sagaleen inni kakaadhaan dhaga’amee, seericha booddee dhufe garuu, ilma isa bara baraan mudaa malee ta’e hojicha irra in dhaaba.”—Ibr. 7:27, 28. *
16. Aarsaan Yesus adda kan ta’e maaliifi?
16 Akkuma Addaam cubbuu hojjechuusaa dura turetti Yesus nama mudaa hin qabne ture. (1 Qor. 15:45) Kanaafuu, ilmaan namootaa keessaa aarsaa guutuu mudaa hin qabneefi lammata dhihaachuun isa hin barbaachisne dhiheessuu kan danda’u isa qofa ture. Seera Musee jalatti aarsaan guyyuma guyyaadhaan dhihaata ture. Ta’us aarsaawwan akkasii kuniifi tajaajilli lubummaa yeroo sanaa, wanta Yesus raawwatuuf gaaddidduu qofa turan. (Ibr. 8:5; 10:1) Kanaaf, Yesus Angafa Lubootaa ta’uunsaa bu’aa guddaa kan qabuufi kan barabaraa waan ta’eef addadha.
17. Gahee Yesus Angafa Lubootaa keenya ta’uudhaan raawwatu dinqisiifachuu kan qabnu maaliifi? Kana gochuu kan dandeenyuhoo akkamitti?
17 Tajaajilli Yesus Angafa Lubootaa ta’uudhaan dhiheessu Waaqayyo biratti ejjennoo gaarii akka qabaannu waan nu gargaaruuf baay’ee nu barbaachisa. Angafa Lubootaa adda ta’e qabna! Phaawulos, “Cubbuutu irraa dhabame malee, angafa lubootaa isa karaa hundumaan akka keenya qorame qabna; isa dadhabbiin keenya garaa isaa hin rukunne garuu hin qabnu” jechuudhaan barreesseera. (Ibr. 4:15) Dhugumayyuu, dinqisiifannaan qophii kanaaf qabnu, ‘isa nuuf jedhee du’eef malee ofii keenyaaf akka hin jiraanne’ nu kakaasuu qaba.—2 Qor. 5:14, 15; Luq. 9:23.
“Sanyii” Abdachiifame
18. Erga Addaam cubbuu hojjetee booda raajii kamtu dubbatame? Raajii kana ilaalchisee wanti yeroo booda ifa ta’e maalidha?
18 Eeden keessatti yeroo ilmaan namootaa waan hunda, jechuunis walitti dhufeenya gaarii Waaqayyoo wajjin qaban, jireenya barabaraa, gammachuufi jannata dhabanitti, Yihowaan kan isaan furu akka dhufu raajii dubbatee ture. Innis “sanyii” jedhamee Uma. 3:15) Sanyiin iccitii ta’e kun waggoota hedduudhaaf ijoo raajiiwwan Macaafa Qulqulluu hedduu ta’ee tureera. Hidda dhalootaa Abrahaam, Yisihaqiifi Yaaqoobirraa dhufuu qaba ture. Kana malees sanyii Daawit Mootichaarraa dhalachuu qaba ture.—Uma. 21:12; 22:16-18; 28:14; 2 Sam. 7:12-16.
waamame. (19, 20. (a) Sanyiin abdachiifame eenyu? (b) Sanyichi abdachiifame Yesusiin alattis kan dabalatu qaba jechuun kan danda’amu maaliifi?
19 Sanyichi abdachiifame eenyu ture? Deebiin gaaffii kanaa Galaatiyaa 3:16rratti argama. (Dubbisi.) Haata’u malee, Phaawulos sana booda boqonnaa kanarratti Kiristiyaanota dibamoodhaan, “Erga kan Kristos taatanii, yoos isin sanyii Abrahaam; waan Waaqayyo abdachiises in argattu” jedheera. (Gal. 3:29) Kiristos Sanyicha abdachiifame kan ta’eefi warri kaanis kutaa sanyii kanaa kan ta’an akkamitti?
20 Namoonni miliyonaan lakkaa’aman sanyii Abrahaam akka ta’an kan dubbatan yommuu ta’u raajiis ni dubbatu. Raajonni amantiiwwan tokko tokkoo nuyi sanyii Abrahaami kan jedhan yommuu ta’u, namoonni amantii sana keessatti argamanis dhimma kanaaf bakka guddaa kennu. Haata’u malee, jarri kun hundi kutaa Sanyicha abdachiifameetii? Miti. Phaawulos hafuuraan kaka’ee akkuma dubbate, namoonni sanyii Abrahaam ta’an hundi nuyi Sanyicha abdachiifamedha jedhanii dubbachuu hin danda’an. Ilmaan namootaa, Sanyiiwwan ilmaan Abrahaam kaanirraa dhalataniin hin eebbifamne. Sanyiin eebba argamsiisu karaa Yisihaq qofa dhufuu qaba ture. (Ibr. 11:18) Kutaan sanyii kanaa inni jalqabaa dursee waa’eensaa dubbatame nama tokko, jechuunis Yesus Kiristos qofadha; innis sanyii Abrahaamirraa akka dhufu Macaafa Qulqulluurratti galmeeffameera. * Warri boodarratti kutaa lammaffaa sanyii Abrahaam ta’an hundi, mirga kana kan argatan “kan Kiristos” waan ta’aniifi. Eeyyee, gaheen Yesus raajii kana bakkaan ga’uuf raawwatu addadha.
21. Karaa Yesus gahee addaa kaayyoo Yihowaa keessatti qabu itti raawwate keessaa maaltu si dinqisiisa?
Yoh. 5:41; 8:50) Yesus warra yeroo har’aa jiraannuuf fakkeenya gaarii mitii? Nuyis akkumasaa ‘waanuma hojjennu hundumaa ulfina Waaqayyootiif haa hojjennu.’—1 Qor. 10:31.
21 Gahee addaa Yesus kaayyoo Yihowaa keessatti qabu gabaabumatti ilaaluu keenyaan maal baranne? Ilmi Waaqayyoo inni tokkichi yeroo itti uumamee kaasee kan akkasaa waan hin jirreef dhugumaan addadha. Haata’u malee, Ilmi Waaqayyoo inni adda ta’e kun yeroo hundumaa fedha Abbaasaa wajjin haala wal simuun gad of deebisee kan tajaajilu yommuu ta’u, matumaa ofiisaatiif ulfina argachuu barbaadee hin beeku. ([Footnotes]
^ key. 5 Maqaawwan kana keessaa tokko tokko, maq-maxxantuu murtaa’aa afaan Giriikii wajjin kan ibsaman yommuu ta’u, akka hayyuun tokko jedhetti kana jechuun ‘maqaan ulfinaa sun ‘sadarkaa olaanaa akka qabu’’ kan argisiisudha.
^ key. 15 Akka hayyuun Macaafa Qulqulluu tokko jedhetti, jechi “al tokkicha yeroo hundumaaf” jedhamee hiikame, yaada Macaafa Qulqulluu barbaachisaa ta’e tokko jechuunis, “duuti Kiristos lammata kan hin barbaachisneefi adda ta’uusaa argisiisa.”
^ key. 20 Yihudoonni Dh.K.B. jaarraa jalqabaa turan, sanyii Abrahaam ta’uusaaniitiin kan ka’e ayyaana Waaqayyoo kan argatan isaan akka ta’an itti dhaga’amus, namni tokko qofti Masiihii ykn Kiristos ta’ee akka dhufu ni eegu turan.—Yoh. 1:25; 7:41, 42; 8:39-41.
Ni Yaadattaa?
• Gahee addaa Yesus qabu ilaalchisee, maqaawwan ulfinaasaarraa maal baratte? (Saanduqicha ilaali.)
• Fakkeenya Ilma Yihowaa isa adda ta’ee hordofuu kan dandeessu akkamitti?
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
[Saanduqa/Fakkii fuula 15rra jiru]
Maqaawwan Ulfinaa, Ga’ee Addaa Yesus Kaayyoo Waaqayyoo Keessatti Qabu Argisiisan
◼ Tokkicha Ilma Waaqayyoo. (Yoh. 1:3) Abbaansaa kallattiidhaan kan uume isa qofa waan ta’eef Yesus addadha.
◼ Sagalicha. (Yoh. 1:14) Yihowaan uumamawwan kaaniif odeeffannoofi qajeelfama dabarsuuf akka Afaaniitti Ilmasaatti fayyadameera.
◼ Amiin. (Mul. 3:14, hiika bara 1899) Yesus, aarsaa ta’ee du’uusaa dabalatee jireenyi qulqulluun inni lafarratti dabarse, abdiiwwan Yihowaan kenne hundi akka mirkanaa’aniifi akka raawwataman godheera.
◼ Isa Kakuu Haaraadhaaf Araarsaa Ta’e Araarsaa. (1 Xim. 2:5, 6) Yesus Araarsaa seeraan fudhatama qabu ta’uudhaan, saba haaraa “Israa’el Waaqayyoo” jedhamuufi Kiristiyaanota dibamoo samiirratti “luboota mana mootummaa” ta’anirraa hundeeffame argamsiiseera.—Gal. 6:16; 1 Phe. 2:9.
◼ Angafa Lubootaa. (Ibr. 7:27, 28) Ilmaan namootaa keessaa aarsaa guutuu mudaa hin qabneefi lammata dhihaachuun isa hin barbaachisne dhiheessuu kan danda’u Yesus qofa ture. Inni cubbuufi du’a cubbuun nutti fiderraa nu qulqulleessuu danda’a.
◼ Sanyii Abdachiifame. (Uma. 3:15) Kutaan jalqabaa sanyii abdachiifame sanaa Yesus Kiristos qofadha. Warri booddee kutaa lammaffaa sanyii Abrahaam ta’an hundimmoo ‘kan Kiristosidha.’—Gal. 3:29.