Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kiyyoo Adamsaa Jalaa Ooluu

Kiyyoo Adamsaa Jalaa Ooluu

Kiyyoo Adamsaa Jalaa Ooluu

“[Yihowaan] kiyyoo adamsaa si oolcha.” —FAARFANNAA 91:3, 1899.

1. “Adamsaa” kan jedhame eenyudha? Sodaachisaa kan ta’ehoo maaliifi?

KIRISTIYAANONNI dhugaa hundinuu, adamsaa dandeettii qabaachuufi wallaalchisuudhaan ilmaan namootaatii ol ta’een qoramu. Diinni kun Faarfannaa 91:3⁠rratti “adamsaa” jedhameera. Diinni kun eenyu? Barruun kun, maxxansa Waxabajjii 1, 1883 kaasee diinni kun Seexana malee eenyuyyuu ta’uu akka hin dandeenye ibsaa tureera. Akkuma adamsituun tokko simbira qabuuf yaalu, diinni humna guddaa qabu kunis saba Yihowaa gowwoomsuudhaan kiyyootti galchuuf carraaqa.

2. Seexanni adamsituu simbiraa wajjin kan wal fakkeeffame maaliifi?

2 Bara duriitti simbirri, faaruusaanii isa nama gammachiisuuf, baalleesaanii isa bifa addaddaa qabuuf, akkasumas nyaataafi aarsaadhaaf qabamu turan. Haata’u malee, simbirroonni uumamawwan ofirra ilaallataniifi dammaqoo waan ta’aniif kiyyoodhaan isaan qabuun rakkisaadha. Kanaafuu, adamsituun simbiraa bara Macaafni Qulqulluun barreeffametti ture, duraan dursee ofeeggannoodhaan haalaafi amala gosa simbira adamsuu barbaade sanaa qorata ture. Achiis isaan qabuuf wanta ittiin gowwoomsu tokko qopheessa. Macaafni Qulqulluun Seexana adamsituu simbiraa wajjin wal fakkeessuudhaan malawwansaa akka hubannu nu gargaara. Seexanni haala tokkoon tokkoon keenyaa ni qora. Amalaafi haalawwan keenya erga hubatee booda, nu qabachuuf dhoksaatti kiyyoo nuu kaa’a. (2 Ximotewos 2:26) Kiyyoosaa keessa galuu jechuunimmoo walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabnu mancaasuu waan ta’eef, yeroo booda badiisatti nu geessuu danda’a. Egaa kanarraa ofeeguuf, malawwan addaddaa ‘adamsaan’ kun itti fayyadamu addaan baasnee beekuun nu barbaachisa.

3, 4. Malawwan Seexanaa, mala leenci itti fayyadamu kan fakkaatan akkamitti? Kan mar’ataa kan fakkaatuhoo?

3 Faarfatichi haalasaa sirriitti akka hubannu gochuuf, malawwan Seexanaa, malawwan leencaa ykn mar’ataatti fakkeesseera. (Faarfannaa 91:13) Yeroo tokko tokko Seexanni Dhugaa Baatonni Yihowaa akka ari’atamaniifi mootummoonni akka isaan morman gochuudhaan, akkuma leencaa kallattiidhaan ifatti isaan miidha. (Faarfannaa 94:20) Yeroo baay’ee mormiin akka leencaa fuulleetti namatti dhufu kun namoonni muraasni Yihowaa akka dhiisan gochuu danda’a. Karaa biraatiinimmoo, mormiin akkasii faallaasaatiin saba Waaqayyoo gidduutti tokkummaa uuma. Haata’u malee, miidhaan Seexanni mala akka mar’ataatti fayyadamuudhaan geessisu kan akkamiiti?

4 Akkuma mar’ataan dhokatee summiisaa namatti gadhiisu, Diiyaabilos dandeettiisaa isa ilmaan namootaatii ol ta’etti fayyadamuudhaan miidhaa guddaa geessisa. Karaa kanaan tajaajiltoonni Waaqayyoo tokko tokko fedha Yihowaa utuu hin ta’in fedhasaa akka raawwatan gochuudhaan sammuusaanii mancaasuu danda’eera; kunimmoo bu’aansaa kan nama gaddisiisudha. Ta’uyyuu, malawwan Seexanaa beekuu keenyatti ni gammanna. (2 Qorontos 2:11) Amma, malawwan akka adamsituu simbiraatti Seexanni itti fayyadamu keessaa arfansaanii haa’ilaallu.

Nama Sodaachuu

5. “Nama sodaachuun” Seexanaaf kiyyoo gaarii kan ta’e maaliifi?

5 ‘Adamsaan’ kun, namoonni warra kaan biratti jaallatamuufi fudhatama argachuuf uumamaan fedhii akka qaban beeka. Kiristiyaanonni yaadaafi miira warra kaaniitiif dantaa kan hin qabne miti. Diiyaabilos kana waan beekuuf, ilaalcha namoonni isaaniif qabanirratti garmalee akka xiyyeeffatan godha. Fakkeenyaaf, saba Waaqayyoo keessaa tokko tokko ‘nama akka sodaatan’ gochuudhaan kiyyoosaa keessa isaan galcheera. (Fakkeenya 29:25) Tajaajiltoonni Waaqayyoo, sodaa namaatiin kan ka’e warra kaanii wajjin ta’uudhaan wanta Yihowaan dhowwe yoo godhaniifi wanta Dubbiinsaa akka godhan isaan ajajummoo gochuu yoo dhiisan, kiyyoo “adamsaa” sanaatiin qabamaniiru jechuudha.—Hisqi’el 33:8; Yaaqoob 4:17.

6. Fakkeenya isa kamtu, dargaggeessi tokko kiyyoo ‘adamsaatiin’ akkamitti qabamuu akka danda’u argisiisa?

6 Fakkeenyaaf dargaggeessi tokko dhiibbaa hiriyoota mana barumsaatiin mo’amuudhaan tamboo xuuxa ta’a. Gaafa sana mana barumsaa dhaquuf yeroo manaa ba’etti, tamboo xuuxuuf tasumaa fedhii hin qabu ta’a. Utuma baay’ee hin turin garuu, wanta fayyaasaa miidhuufi Waaqayyoon gaddisiisu kana raawwate. (2 Qorontos 7:1) Kana gochuuf kan qorame akkamitti? Tarii hiriyoota gadhee wajjin walitti dhufeenya qabaatee, natti qoosu jedhee waan sodaateef kana godhe ta’a. Dargaggootaa, ‘adamsaan’ kun sossobee akka isin hin qabanne ofeeggadhaa! Lubbuudhaan qabamuurraa ooluuf, qorumsawwan xixinnoorrattillee ofeegaa! Gorsa Macaafni Qulqulluun hiriyaa gadheerraa fagaachuu ilaalchisee kennu hojiirra oolchaa.—1 Qorontos 15:33.

7. Seexanni, warri karaa hafuuraa akka dadhaban gochuu kan danda’u akkamitti?

7 Haatiifi abbaan Kiristiyaana cimoo ta’an, itti gaafatamummaa Macaafni Qulqulluun wanta maatiisaaniitiif barbaachisu akka dhiheessaniif isaanii kenne akka waan guddaatti ilaalu. (1 Ximotewos 5:8) Kaayyoon Seexanaa garuu, Kiristiyaanonni wanta kanarratti garmalee akka qabaman gochuudha. Tarii, hoggantoonnisaanii hojii dabalataa akka hojjetan waan isaan ajajaniif, yeroo baay’ee walga’iirraa hafu ta’a. Walga’ii koonyaarratti guyyaa hundumaa argamuudhaan obbolootasaanii wajjin Yihowaa waaqeffachuuf heyyama gaafachuu sodaatu ta’a. Kiyyoo kanarraa ofeeguuf qorichisaa ‘Yihowaa amanachuudha.’ (Fakkeenya 3:5, 6) Kana malees, hundi keenya miseensota maatii Yihowaa akka taaneefi innis nu kunuunsuuf dirqama keessa akka of galche yaadachuun keenya, waan sirrii ta’e gochuuf nu gargaara. Warra kan taatan, Yihowaan fedhasaa yoo raawwattan karaa barbaadeen wanta isiniifis ta’e maatii keessaniif barbaachisu akka dhiheessu ni amantuu? Moo Diiyaabilos nama sodaattanii fedhasaa akka raawwattan gochuudhaan isin qabata? Gaaffiiwwan kanarratti sirriitti akka yaaddan isin jajjabeessina.

Qabeenya Jaallachuu

8. Seexanni jaalala qabeenyaatiin kan nu gowwoomsu akkamitti?

8 Seexanni kiyyoosaatti nu galchuuf qabeenyattis ni fayyadama. Sirni daldalaa addunyaa kanaa, yeroo gabaabaa keessatti sooromuuf akka carraaqnu waan nu jajjabeessuuf, tajaajiltoota Waaqayyoo tokko tokko gowwoomsuu danda’a. Yeroo tokko tokko, namoota tokko tokkoof gorsi akkas jedhu kennamuufii danda’a: “Cimii hojjedhu. Yeroo haallikee siif mijaa’utti hamma sana cimtee hojjechuun utuu hin barbaachisin gammachuudhaan jiraatta. Sana booda qajeelchaa ta’uuyyuu ni dandeessa.” Yaanni akkasii yaada dogoggoraa namoonni obboloota gumii jiranirraa faayidaa argachuu barbaadan dubbatan ta’uu danda’a. Hawwii akkasiirratti ofeeggannoodhaan yaadi. Ilaalchi kun, yaada sooressa “gowwaa” fakkeenya Yesus keessatti ibsamee wajjin kan wal fakkaatu mitii?—Luqaas 12:16-21.

9. Kiristiyaanonni tokko tokko sababii kajeellaatiin kiyyootti kan galan maaliif ta’uu danda’a?

9 Seexanni, biyyi lafaa hamaan kun, namoonni wantoota akka hawwaniif dhiibbaa akka isaanirra geessisu godha. Kajeellaan akkasiimmoo suuta suutaan dubbicha hudhee ‘ija akka hin godhanne’ gochuudhaan jireenya Kiristiyaana tokkoo mo’uu danda’a. (Maarqos 4:19) Macaafni Qulqulluun waan ittiin jiraannuufi waan keessa jiraannu yoo qabaanne akka nu ga’u nutti hima. (1 Ximotewos 6:8) Haata’u malee, Kiristiyaanonni baay’een gorsa kana hojiirra waan hin oolchineef kiyyoo ‘adamsaan’ kun kaa’een qabamaniiru. Kooratu haala jireenyaa tokko akka hordofan isaan godhaa laata? Nuhoo dhuunfaatti haalli keenya akkami? Wantoota tokko tokko argachuuf fedhiin qabnu, waaqeffannaa dhugaatiif bakka guddaa akka hin laanne nu gochaa jiraa? (Haagee 1:2-8) Kiristiyaanonni hedduun yeroo haalli dinagdee rakkisaan uumamutti, haala jireenyaa gaarii dur qaban akka hin dhabneef jecha, walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qaban kan dagatan ta’uunsaanii nama gaddisiisa. Jaalalli qabeenyaa akkasii “adamsaa” keenya ni gammachiisa!

Bashannana Sirrii Hin Taane

10. Kiristiyaanni hundumtuu maal jedhee of qoruu qaba?

10 Malli “adamsaa” keenyaa inni kaanimmoo, dandeettii uumamaa namoonni wanta gaariifi gadhee addaan baasuuf qaban dadhabsuudha. Ilaalchi Sodoomiifi Gomoraa keessa ture, yeroo ammaatti dhaabbilee wantoota bashannanaaf ta’an qopheessanirratti dhiibbaa geessisaa jira. Gabaasni oduu televijiiniifi gaazexaadhaan darbu, hammeenyaafi saalqunnamtii dogoggora ta’e kan jajjabeessudha. Wantoonni namoota bashannansiisu jedhamanii karaa sabqunnamtiitiin dhihaatan, dandeettii namoonni ‘hamaafi gaarii gargar baasuuf’ qaban kan mancaasanidha. (Ibroota 5:14) Jechoota Yihowaan karaa Isaayaas raajichaa “Warra isa hamaadhaan ‘Gaarii dha, isa gaariidhaan immoo hamaa dha’ jedhaniif” wayyoo jechuudhaan dubbate yaadadhaa. (Isaayaas 5:20) ‘Adamsaan’ namootaa, bashannana dogoggoraa akkasiitiin sammuukee mancaaseeraa? Of qoruun baay’ee barbaachisaadha.—2 Qorontos 13:5.

11. Fiilmiiwwan yeroo dheeraadhaaf televijiiniidhaan dhihaatan ilaalchisee Masaraa Eegumsaarratti akeekkachiisni akkamii kennameera?

11 Naannoo waggoota 25 dura, Masaraan Eegumsaa fiilmiiwwan televijiiniidhaan yeroo dheeraadhaaf dhihaatan ilaalchisee waaqeffattoota dhugaa akeekkachiisee ture. * Miidhaa sagantaan baramaa ta’e kun geessisu ilaalchisee akeekkachiisni akkas jedhu kennamee ture: “Jaalala argachuuf jecha amala gadhee qabaachuun dogoggora akka hin taanetti ilaalama. Fakkeenyaaf, fiilmicharratti shamarreen utuu hin heerumin ulfoofte tokko intala hiriyaashee taateen akkas jetti: ‘Wanti fedheyyuu yoo ta’e ani Viiktariin nan jaalladha. . . . Isarraa mucaa godhachuun waan hundumaa natti caala!’ Muuziqaan dhaggeeffachaa turte gochishee kun gadhee ta’uusaa akka hin hubanne ishee godheera. Isinis fiilmicha yoo ilaaltan Viiktariin ni jaallattu. Intalattiidhaaf ni gadditu. Miirashee ni ‘hubattuuf.’ Dubartiin fiilmii kana ilaalte tokko erga yaadashee naanneffattee booda akkas jetteetti: ‘Sana booda akkamitti ilaalcha keessan akka jijjiirtan nama ajaa’ibsiisa. Addaggummaan gadhee ta’uusaa beekna. . . . Garuu yaadakootiin irratti hirmaachaa akkan ture hubadheera.”

12. Akeekkachiisni sagantaawwan televijiinii ilaalchisee kenname sirrii ta’uusaa kan argisiisu maalidha?

12 Barreeffamoonni sun erga maxxanfamanii kaasee, sagantaawwan xuraa’oon akkasii kun salphaatti kan argaman ta’aniiru. Bakka baay’eetti sagantaawwan akkasii kun sa’aatii 24 guutuu tamsa’u. Dhiironni, dubartoonniifi ijoolleen umrii kurnanii keessa jiran hedduun, yeroo hunda bashannanawwan akkasiitiin sammuufi garaasaanii guutu. Nuyi garuu sababii fudhatama hin qabne dhiheessuudhaan of gowwoomsuu hin qabnu. Bashannana gadhee ilaaluun wanta addunyaarratti ijaan arginu caalaa kan nama miidhu miti jedhanii yaaduun dogoggoradha. Kiristiyaanni tokko, namoota matumaa manasaatti isaan afeeruuf hin yaanne akka isa bashannansiisaniif filachuunsaa sirrii ta’uu ni danda’aa?

13, 14. Namoonni tokko tokko akeekkachiisa waa’ee televijiinii kennamerraa faayidaa akka argatan kan ibsan akkamitti?

13 Namoonni baay’een akeekkachiisa “hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” kenne hojjiirra oolchuudhaan fayyadamaniiru. (Maatewos 24:45-47) Namoonni tokko tokko gorsa ifaa Macaafa Qulqulluurratti hundaa’e kana erga dubbisanii booda, barumsichi dhuunfaatti akkamitti akka isaan fayyade ibsuuf xalayaa barreessaniiru. * Dubartiin tokko akkas jetteetti: “Waggoota 13f fiilmii yeroo dheeraadhaaf televijiiniidhaan dhihaatu hordofuun araada natti ta’ee ture. Walga’iiwwan Kiristiyaanaarratti argamuufi yeroo tokko tokko tajaajiluu qofaan, walitti dhufeenya ani Yihowaa wajjin qabu akka anaaf eegu natti dhaga’amee ture. Haata’u malee, ilaalchi fiilmiiwwan kana keessatti ibsame, jechuunis yoo abbaan manaakee sirriitti si kunuunsuu baate ykn akka si hin jaallanne yoo sitti dhaga’ame, ejja raawwachuuf sababii qabda, kana isumatu ofitti fide yaanni jedhu na keessatti guddatee ture. Kanaafuu, ‘sababii akkan qabu’ waan natti dhaga’ameef, gocha gadhee kana raawwachuudhaan Yihowaafi hiriyaa gaa’elaa koorratti cubbuu nan hojjedhe.” Dubartiin kun gumiidhaa baafamtee turte. Booddee garuu sammuusheetti deebitee, qalbii waan geddaratteef gumiitti deebifamteetti. Matadureen fiilmii yeroo dheeraadhaaf televijiiniidhaan darbu ilaalchisee akeekkachiisa kenne kun, wanta Yihowaan jibbuun bashannanuurraa akka fagaattu humna isheedhaa kenneera.—Amos 5:14, 15.

14 Obboleettiin sagantaa akkasiitiin jireenyishee rakkina keessa galee ture kan biraammoo akkas jetteetti: “Garaankoo Yihowaadhaaf guutuu akka hin turre waanan hubadheef mataduree kana ennaan dubbise nan boo’e. Achiis lammata sagantaa televijiinii akkasiitiif garba akkan hin taane Waaqa kootiif waadaan gale.” Dubartiin Kiristiyaanni tokko matadureen kun ba’uusaatiif erga galateeffattee booda, araada qabaachuushee amanuudhaan akkas jettee barreessiteetti: ‘Walitti dhufeenya ani Yihowaa wajjin qabu na jalaa balleessa jedhee nan yaadan ture. Wantoota kana michuu godhadhee utuun jiruu akkamittan michuu Yihowaas ta’uu danda’a?’ Wantoonni televijiiniidhaan argisiifaman kun waggoota 25 dura yaada namaa xureessuu erga danda’anii, yeroo har’aammoo dhiibbaa akkamii geessisuu danda’uree? (2 Ximotewos 3:13) Fiilmii yeroo dheeraadhaaf televijiiniidhaan darbu, taphawwan viidiyoo hammeenya argisiisan ykn muuziqaa viidiyoo dogoggora ta’e dabalatee kiyyoo Seexanni bashannana xuraa’aatti fayyadamuudhaan nu dura kaa’u akkamiirraayyuu ofeeggachuu qabna.

Walta’iinsa Dhabuu

15. Obboloonni tokko tokko kiyyoo Seexanaatiin kan qabaman akkamitti?

15 Seexanni ilaalcha garaagaraa nuyi qabnutti fayyadamuudhaan, saba Yihowaa gidduutti wal qooduun akka uumamu godha. Mirga tajaajilaa adda ta’e akkamiiyyuu yoo qabaanne karaa kanaan kiyyoo “adamsaa” keessa galuu dandeenya. Obboloonni tokko tokko walta’iinsa dhabuunsaanii nagaafi tokkummaa badhaadhina hafuuraatiin argatan akka jalaa balleessu waan heyyamaniif, fedha Diiyaabilos raawwachuudhaan kiyyoosaatiin qabamaniiru.—Faarfannaa 133:1-3.

16. Seexanni haxxummaadhaan tokkummaa keenya diiguuf carraaqaa kan jiru akkamitti?

16 Waraana Addunyaa Tokkoffaatti, Seexanni fuulleetti miidhaa geessisuudhaan jaarmiyaa Yihowaa isa lafarraa balleessuuf yaaliin godhe jalaa fashalaa’eera. (Mul’ata 11:7-13) Yeroo sanaa kaasee, tokkummaa keenya diiguuf haxxummaadhaan hojjechaa jira. Garaagarummaan nu gidduu jiru tokkummaa keenya akka diigu yoo goone, “adamsaa” kana gargaaraa jirra jechuudha. Kanaanis hafuurri qulqulluun jireenya keenya keessattis ta’e gumii keessatti akka gaariitti akka hin hojjenne ittisuu dandeenya. Nagaafi tokkummaan dhabamuunsaa hojii lallabaarratti dhiibbaa waan geessisuuf, tokkummaan keenya akka diigamu yoo goone Seexanni baay’ee gammada.—Efesoon 4:27, 30-32.

17. Namoonni waldhabiinsa qaban rakkoo kana hiikuuf maal gochuu qabu?

17 Nama hidhata amantiikeetii ta’e tokkoo wajjin waan irratti walii hin galle yoo qabaatte maal gochuu dandeessa? Rakkinni uumamu hundumtuu tokko akka hin taane beekamaadha. Haata’u malee, sababiin rakkinni itti uumamu baay’ee ta’uyyuu, waldhabiinsi utuu furmaata hin argatin akka hafu gochuuf garuu sababiin hin jiru. (Maatewos 5:23, 24; 18:15-17) Gorsi Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu geggeessaa hafuuraatiin kan barreeffameefi mudaa kan hin qabnedha. Seerri bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra yoo oolfame rakkinni akkamiiyyuu ni hiikama. Yeroo hundumaa bu’aa gaarii argamsiisa!

18. Fakkeenya Yihowaa hordofuun waldhabiinsa uumame hiikuuf kan nu gargaaru akkamitti?

18 Yihowaan “dhiifama namaa gochuuf qophaa’aa” ta’uusaarrayyuu, ‘garaadhaa namaa dhiisa.’ (Faarfannaa 86:5, NW; 130:4, NW) Fakkeenyasaa hordofuudhaan ijoollee jaallatamoo ta’uu keenya ni argisiisna. (Efesoon 5:1) Hundi keenya cubbamoo waan taaneef dhiifamni Yihowaa nu barbaachisa. Kanaaf, nama tokkoof dhiifama gochuun nutti ulfaata taanaan itti yaaduu qabna. Hojjetaan fakkeenya Yesus dubbate keessatti ibsame, gooftaansaa liqii guddaa isaaf dhiisuyyuu inni garuu hojjetaa akkasaa liqii baay’ee xinnoo ta’e isarraa liqeeffateef dhiisuu didee akkuma ture, nuyis akkumasaa taana. Gooftaansaa waan inni godhe kana yommuu dhaga’e, hojjetaan dhiifama hin goone kun mana hidhaa akka galu godhe. Yesus akkas jechuudhaan fakkeenyasaa xumureera: “Isinis tokkon tokkon keessan garaa keessaniin obboleessa keessaniif yoo dhiisuu dhaabaattan, abbaan koo inni waaqa irraa akkas isin in godha.” (Maatewos 18:21-35) Fakkeenya kanarratti xiinxaluuniifi Yihowaan yeroo meeqa kaffaltii malee cubbuu keenya akka nuu dhiise yaaduun keenya, waldhabiinsa obboloota keenyaa wajjin qabnu hiikuuf yeroo yaallutti nu gargaara!—Faarfannaa 19:14.

“Golgaa Isa Hundumaa Gararraa Jiru” Keessatti Eegumsa Argachuu

19, 20. Yeroo rakkisaa kanatti “golgaa” akkasumas “gaaddisa” Yihowaatiif ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?

19 Yeroo baay’ee rakkisaa ta’e keessa jiraanna. Yihowaan jaalalaan kaka’ee eegumsa utuu nuu gochuu baatee, yoona Seexanni hunda keenya balleessee ture. “Adamsaa” kanaan akka hin qabamneef “golgaa isa hundumaa gararraa jiru keessa” turuufi ‘gaaddisa isa hundumaa danda’uu jala buufachuudhaan’ eegumsa argachuu qabna.—Faarfannaa 91:1.

20 Yeroo hundumaa yaadachiisaafi qajeelfama Yihowaan nuu kennu akka waan mirga keenya nu dhowwutti utuu hin ta’in akka eegumsaatti haa’ilaallu. Adamsituun dandeettiinsaa ilmaan namootaatii ol ta’e kun hunda keenya adamsuuf carraaqqii godha. Yihowaan jaalalaan kaka’ee utuu gargaarsa nuu gochuu baatee, eenyuyyuu kiyyoo kana jalaa hin oolu. (Faarfannaa 124:7, 8) Kanaafuu, Yihowaan malawwan “adamsaa” kanaarraa akka nu oolchu isa haa kadhannu!—Maatewos 6:13.

[Miiljaleewwan]

^ key. 11 Masaraa Eegumsaa, Muddee 1, 1982, ful. 3-7.

^ key. 13 Masaraa Eegumsaa, Muddee 1, 1983, ful. 23.

Ni Yaadattaa?

• “Nama sodaachuun” kiyyoo nama galaafatu kan ta’e maaliifi?

• Diiyaabilos jaalala qabeenyaatiin kan nama gowwoomsu akkamitti?

• Seexanni bashannana sirrii hin taanetti fayyadamuudhaan namoota tokko tokko kan gowwoomse akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]