SEENAA JIREENYAA
Fakkeenyota Gaarii Irraa Barachuun Koo Eebba Hedduu Naaf Argamsiiseera
IJOOLLUMMAA kootti tajaajila baʼuun baayʼee natti ulfaata ture. Yeroon nama guddaa taʼutti, hojiiwwan hojjechuuf gaʼumsa akkan hin qabne natti dhagaʼamu naa kennamu turan. Kanaafuu, tajaajila yeroo guutuu waggoota 58f raawwadhe keessatti sodaa koo akkan moʼuu fi eebbawwan dinqisiisoo akkan argadhu fakkeenyota gaarii na gargaaran tokko tokko mee isinittan hima.
Kanan dhaladhe magaalaa Kuubeek Siitii jedhamtuu fi Kuubeek ishii koonyaa Kaanaadaa keessaa tokko taate keessatti siʼa taʼu, bakka Afaan Faransaayi itti dubbatamutti dha. Warri koo Luwiisii fi Zeeliyaan jaalalaan na guddisan. Abbaan koo uumama isaatiin ija laafessa dha, akkasumas dubbisuu jaallata ture. Ani immoo barreessuu kanan jaalladhu yommuu taʼu, gaaf tokko gaazexeessaa akkan taʼu nan abdadha ture.
Umuriin koo waggaa 12 yeroo taʼu Ruudoolf Soosiin inni abbaa koo wajjin hojjetu michuu isaa wajjin mana keenya dhufan. Isaan Dhugaa Baatota Yihowaa turan. Waaʼee Dhugaa Baatotaa waan baayʼee kanan hin beekne taʼuu isaa irra iyyuu waaʼee amantii isaanii beekuufis fedhii hin qabun ture. Taʼus, akkaataan isaan Kitaaba Qulqulluutti fayyadamanii deebii deebisan baayʼee na dinqisiise. Warri koos baayʼee waan dinqisiifataniif Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf walii galle.
Yeroo sanatti mana barumsaa Kaatolikii keessattan baradha ture. Yeroo tokko tokko barattoota daree koo wajjin wantan qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu koo irraa baradhe irratti nan mariʼadhan ture. Boodas, barsiisonni keenya qeesota taʼan waaʼee kanaa baran. Kitaaba Qulqulluutti fayyadamanii wanti ani dubbachaa ture sirrii akka hin taane mirkaneessuu mannaa, isaan keessaa inni tokko fincila kakaasaa akkan jiru barattoota daree koo fuulduratti dubbate. Haalli kun kan nama dhiphisu taʼus, barumsi amantii mana barumsichaatti kennamu wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu wajjin akka wal hin simne akkan hubadhu waan na gargaareef buʼaa gaarii argamsiiseera. Mana barumsaa sanatti barachuu akkan hin qabne natti dhagaʼame. Kanaafuu, heyyama warra kootiin gara mana barumsaa kan biraattin jijjiirradhe.
TAJAAJILA JAALACHUU NAN BARADHE
Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu koo kanan itti fufe taʼus, manaa gara manaatti tajaajiluu waanan sodaadhuuf karaa hafuuraa guddina gaarii gochuu hin dandeenye. Waldaan Kaatolikii dhiibbaa guddaa kan geessistu siʼa taʼu, hojii
lallabaa keenyas cimsitee mormiti turte. Mooris Dupleesis inni hogganaa siyaasaa Kuubeek taʼe, waldicha wajjin karaa siyaasaa walitti dhufeenya cimaa qaba ture. Deeggarsa isaatiin tuutawwan badii geessisan Dhugaa Baatota ni doorsisu, darbees miidhaa qaamaa isaan irratti geessisu turan. Yeroo sanatti lallabuun ija jabina guddaa gaafata ture.Obboleessi Joon Ree jedhamuu fi Mana Barumsaa Giiliyaad kutaa 9ffaa irraa eebbifame sodaa koo akkan moʼu na gargaareera. Joon obboleessa muuxannoo qabu, garraamii, kan gad of qabuu fi isatti dhihaachuun namatti hin ulfaanne ture. Inni kallattiidhaan gorsa kan naaf kenne yeroo muraasaaf qofa taʼus, fakkeenya gaarii taʼuun isaa baayʼee na barsiiseera. Joon Afaan Faransaayi dubbachuun waan isa rakkisuuf yeroo baayʼee tajaajila isa wajjin baʼuudhaan isa nan gargaaran ture. Joon wajjin yeroo dabarsuun koo yeroo booda ija jabinaan dhugaa cinaa dhaabbachuuf na gargaareera. Dhugaa Baatota wajjin ergan wal argee waggaa 10 booda Caamsaa 26, bara 1951tti nan cuuphame.
Babalʼistoota gumii keenya ishii xinnoo Kuubeek Siitiitti argamtu keessa jiran keessaa garri caalaan isaanii qajeelchitoota turan. Fakkeenyi isaanii inni gaariin qajeelchaa taʼuuf na kakaaseera. Yeroo sanatti, manaa gara manaatti kan lallabnu Kitaaba Qulqulluu qofatti fayyadamnee ti. Barreeffama of harkaa waan hin qabneef Kitaaba Qulqulluutti akka gaariitti fayyadamuu qabna turre. Kanaafuu, dhugaadhaaf falmuuf jecha caqasoota Kitaaba Qulqulluu wajjin wal baruuf carraaqqii cimaan godhe. Haa taʼu malee, namoonni baayʼeen Kitaaba Qulqulluu Waldaa Kaatolikiitiin hin raggaasifamne dubbisuuf tole hin jedhan.
Bara 1952tti obboleettii amanamtuu naannoo sana jiraattuu fi Simoonee Paatrii jedhamtun fuudhe. Achiis gara magaalaa Moonteriyaalitti kan galle siʼa taʼu, waggaa tokko gidduuti intala Liizaa jedhamtu godhachuudhaan eebba arganne. Qajeelchaa taʼee tajaajiluu kanan dhaabe gaaʼela godhachuu keenya yeroo muraasa dura taʼus, anii fi Simooneen maatiidhaan sochii gumii irratti hirmaannaa gaarii gochuuf jireenya salphaa jiraachuu keenya itti fufneerra.
Waaʼee tajaajila koo balʼifachuu deebiʼee sirriitti yaaduu kanan jalqabe waggoota kudhan booda dha. Bara 1962tti, Mana Barumsaa Tajaajila Mootummaa jaarsoliidhaaf qophaaʼee fi Betʼel Kaanaadaa jiru keessatti jiʼa tokkoof kennamu irratti yeroon hirmaadhetti obboleessa Kaamiil Oleet jedhamu wajjin kutaa tokko keessa akka jiraannu ramadamne. Kaamiil nama haadha manaa fi ijoollee qabu utuma taʼee jiruu tajaajilaaf hinaaffaa qabaachuun isaa baayʼee na dinqisiise. Yeroo sanatti, Kuubeekitti warri ijoollee guddisaa qajeelchaa taʼuun baramaa kan hin turre taʼus, Kaamiil garuu galma akkasii qaba ture. Yeroo walii wajjin dabarsinetti, haala koo irratti gadi fageenyaan akkan yaadu na jajjabeesseera. Jiʼoota muraasa booda,
deebiʼee qajeelchaa yeroo hundaa taʼee tajaajiluu akkan dandaʼun hubadhe. Namoonni tokko tokko murtoon ani godhe ogummaa irratti akka hin hundoofne kan dubbatan taʼus, Yihowaan carraaqqii ani tajaajila irratti caalaatti hirmaachuuf godhu akka naa eebbisu amanannaa qabaachuudhaanan itti fufe.QAJEELCHAA ADDAA TAʼEEN KUUBEEK SIITIITTI DEEBIʼE
Bara 1964tti, anii fi Simooneen Kuubeek Siitii ishii bakka dhalootaa keenya taatee fi waggoottan sana booda jiran hedduudhaaf itti tajaajilletti qajeelchaa addaa taanee ramadamne. Yeroo kanatti, haalli lallabaa kan fooyyaʼe taʼus, amma iyyuu mormiin nu irra gaʼa ture.
Guyyaa Sanbadduraa tokko waaree booda magaalaa xinnoo Seent-Meerii jedhamtuu fi Kuubeek Siitiitti dhihoo jirtu keessattin qabame. Achiis, poolisiin tokko gara buufata poolisiitti erga na geessee booda heyyama malee manaa gara manaa waanan lallabeef mana hidhaatti na galche. Boodas, abbaa murtii Balaarjiyaan jedhamuu fi nama sodaachisu durattin dhihaadhe. Innis abukaatoon koo eenyu akka taʼe na gaafate. Anis abukaatoo beekamaa Gileen Hoo * jedhamu akka taʼe yeroon itti himu baayʼee rifatee: “Oh, lakki! Inni hin taʼu!” jedhe. Gileen Hoon yeroo sanatti Dhugaa Baatotaaf seera duratti falmuudhaan baayʼee beekama ture. Manni murtichaas yeruma sana himanni ana irratti dhihaate akka naaf haqame natti hime.
Kana malees, Kuubeek keessatti mormiin hojii keenya irra gaʼu bakka walgaʼii mijataa taʼe kireeffachuun ulfaataa akka taʼu godheera. Gumiin keenya inni xinnaan argachuu kan dandaʼe gaaraajii dulloomaa fi qorraa taʼe tokko qofa dha. Obboloonni waqtii gannaa yeroo qorraa taʼetti hoʼa argachuuf meeshaa zayitiitti fayyadamee hoʼa kennutti fayyadamu turan. Yeroo baayʼee walgaʼiin jalqabuu isaa dura saʼaatii muraasaaf meeshaa sanatti marsinee muuxannoo nama jajjabeessu walii hirra.
Waggoottan darbanitti hojiin lallabaa buʼaa gaarii akka argamsiise ilaaluun nama gammachiisa. Waggoota 1960mmanitti, naannoo Koot-Noordii fi Gaaspee Peninsuulaa dabalatee naannoo Kuubeek Siitiitti gumiiwwan xixinnoo muraasa qofatu jira ture. Yeroo harʼaa, iddoowwan kanatti aanaawwan lamaa ol kan jiran siʼa taʼu, obboloonnis Galma Walgaʼii bareedaa taʼe keessatti walitti qabamu.
HOJII DAAWWANNAATIIF AFFEERAMUU
Bara 1970tti anii fi Simooneen hojii aanaa irratti akka tajaajillu affeeramne. Achiis, bara 1973tti hojii koonyaa irratti ramadamne. Waggoottan sanatti, obboloota gaʼumsa qabanii fi hojii daawwannaa irratti hirmaatan kan akka Looriyaa Soomuyerii * fi Deevid Ispileen * irraa waan hedduu baradheera. Anii fi Deevid tokkoon tokkoon walgaʼii guguddaa booda, akkaataa itti barsiisnu ilaalchisee karaa fooyyaʼiinsa itti goonu yaada waliif kennina turre. Yeroo tokko Deevid, “Liyoons, haasaan kee inni xumuraa baayʼee natti toleera. Gaarii ture, garuu wanta ati dhiheessite irraa haasaa sadii qopheessuu nan dandaʼa!” jechuudhaan yaada inni naaf kenne nan yaadadha. Haasaa koo keessatti odeeffannoo hedduun dabala ture. Haasaa koo caalaatti gabaabsuu barachuun na barbaachisa ture.
Ilaaltonni ol aanoon koonyaa ilaaltota ol aanoo aanaa akka jajjabeessan ramadamu turan. Haa taʼu malee, babalʼistoonni Kuubeek keessa jiran baayʼeen sirriitti na beeku. Yeroo baayʼee yommuu aanaawwan daawwadhutti na wajjin tajaajiluu barbaadu turan. Isaan wajjin tajaajila irratti hirmaachuun kan nama gammachiisu taʼus ilaaltota ol aanoo aanaa wajjin yeroo gaʼaa hin dabarsun ture. Yeroo tokko ilaaltuun ol aanaa aanaa tokko akkana naan jedhe: “Obbolootaaf yeroo kennuun kee gaarii dha, garuu kun torbee koo akka taʼe hin irraanfatin. Anas jajjabinni na barbaachisa!” Gorsi akkasii caalaatti madaallii koo akkan eegu na gargaareera.
Kan nama gaddisiisu bara 1976tti wanti hin eegamnee fi nama gaddisiisu tokko ni uumame. Haati manaa tiyya Simooneen baayʼee dhukkubsattee duʼaan boqotte. Amalli fedhii ofii aarsaa gochuu ishiin qabduu fi jaalalli Yihowaadhaaf qabdu hiriyaa gaarii akka taatu ishii taasiseera. Tajaajilaan qabamuun koo gadda ishii dhabuu kootiin kan kaʼe na irra gaʼe dandamachuuf na gargaareera, akkasumas yeroo ulfaataa taʼe sanatti Yihowaan jaalalaan deeggarsa naa gochuu isaatiif baayʼeen galateeffadha. Yeroo booda obboleettii qajeelchituu Afaan Ingiliffaa dubbattuu fi Kaaroliin Eeliyuut jedhamtun fuudhe, ishiinis obboleettii hinaaffaa qabduu fi bakka babalʼistoonni caalaatti barbaachisanitti tajaajiluuf gara Kuubeek dhufte dha. Kaaroliin nama itti dhihaachuun hin ulfaannee fi keessumaa namoota ija laafeyyii ykn kophummaan itti dhagaʼamuuf garaadhaa xiyyeeffannaa kennitu dha. Hojii daawwannaa irratti yommuu na wajjin hirmaattutti baayʼee na gargaarteetti.
WAGGAA ADDA TAʼE
Amajjii 1978tti Kuubeek keessatti Mana Barumsaa Qajeelchitootaa isa jalqabaa irratti akkan barsiisun gaafatame. Sirni barumsichaa anaafis taʼe barattootaaf haaraa waan tureef baayʼeen rifadhe. Kan nama gammachiisu garuu kutaan jalqaba ani barsiise qajeelchitoota muuxannoo qaban hedduu of keessaa qaba ture. Ani barsiisaa taʼus barattoota irraa waan baayʼee baradheera!
Yeroo booda bara 1978tti Walgaʼiin Biyyoolessaa “Amantii Injifatu” jedhamu Istaadiyeemii Olompikii Moonteriyaalitti godhame. Kun walgaʼii Kuubeek keessatti godhame keessaa isa guddaa siʼa taʼu, namoonni 80,000 ol taʼan argamaniiru. Walgaʼicha irratti Kutaa Tajaajila Odeeffannoo keessatti akkan tajaajilun
ramadame. Gaazexeessitoota hedduu kanan haasofsiise yommuu taʼu, waaʼee keenya wanta gaarii hedduu akka barreessan arguun koo baayʼee na gammachiiseera. Sagantaawwan televijinii fi raadiyoo irratti walumaa galatti saʼaatii 20 oliif gaafannoo nuu godhaniiru, akkasumas mata dureewwan dhibbaan lakkaaʼaman maxxansaniiru. Kanaan kan kaʼes, namoonni hedduun waaʼee Yihowaa fi saba isaa caalaatti beekuu dandaʼaniiru!NAANNOO ADDA ADDAATTI JIJJIIRAMUU
Bara 1996tti jijjiiramni guddaan na mudate. Ergan cuuphamee kaasee Kuubeek keessatti bakka Afaan Faransaayi dubbatamutti tajaajilaa ergan turee booda, naannoo Afaan Ingiliffaa itti dubbatamuu fi Toroontoo keessatti argamutti akka tajaajilun ramadame. Gaʼumsa akkan hin qabne kan natti dhagaʼame taʼuu isaa irra iyyuu Afaan Ingiliffaa sirriitti waanan hin dandeenyeef haasaa kennuu nan sodaadhe. Caalaatti kadhachuu fi guutummaatti Yihowaatti amanamuun na barbaachisa ture.
Naannoo sanatti tajaajilluu jalqabuu koo dura sodaadheen ture, amma garuu naannoo Toroontootti tajaajiluudhaan waggaa gammachiisaa taʼe lama dabarseera. Kaaroliin Afaan Ingiliffaa sirriitti akkan dubbadhu obsaan na gargaarteetti, obboloonnis baayʼee kan nama gargaaranii fi nama jajjabeessani dha. Dafnee michoota haaraa horachuu dandeenyeerra.
Torbee walgaʼii aanaatti hojiiwwan dabalataa hojjechuu fi qophii gochuu dabalatee yeroo baayʼee Jimaata gara galgalaa manaa gara manaa tajaajiluudhaan gara saʼaatii tokkoon dabarsa. Namoonni tokko tokko ‘Torbee walgaʼii aanaa hojiin sitti baayʼatutti tajaajila kan baatu maaliifi?’ jedhanii gaafatu taʼa. Taʼus, tajaajila irratti namoota wajjin marii gaarii gochuun akka nama jajjabeessu hubadheera. Amma iyyuu tajaajila irratti hirmaachuun yeroo hunda na gammachiisa.
Bara 1998tti anii fi Kaaroliin Moonteriyaalitti qajeelchitoota addaa taanee ramadamne. Waggoota hedduudhaaf hojiin koo lallaba addabaabayii addaa qindeessuu fi ilaalcha dogoggoraa namoonni Dhugaa Baatota Yihowaa ilaalchisee qaban sirreessuuf miidiyaalee sabqunnamtii wajjin hojjechuu dabalata ture. Yeroo ammaatti anii fi Kaaroliin namoota biyya ormaa dhiheenyatti gara Kaanaadaa dhufanii fi yeroo baayʼee waaʼee Kitaaba Qulqulluu caalaatti barachuuf fedhii qabaniif lallabuun nu gammachiisa.
Waggoottan 68 isan tajaajilaa Yihowaa cuuphame taʼuudhaan dabarse duubatti deebiʼee yommuun yaadu dhugumaan akkan eebbifame natti dhagaʼama. Tajaajilatti gammaduu barachuunii fi namoonni hedduun dhugaa akka beekan gargaaruun baayʼee nama gammachiisa. Intalli tiyya Liizaa fi abbaan manaa ishii ijoollee erga guddisanii booda qajeelchitoota yeroo hundaa taʼanii tajaajiluu jalqabaniiru. Ammas tajaajilaaf hinaaffaa akka qabdu arguun koo baayʼee na gammachiisa. Keessumaa Kiristiyaanota fakkeenya gaarii taʼanii fi gorsa gaarii naa kennuudhaan karaa hafuuraa akkan guddadhu, akkasumas itti gaafatamummaa tiʼookraasii adda addaa akkan raawwadhu na gargaaran baayʼeen galateeffadha. Ramaddii tajaajilaa tokko irra amanamummaadhaan itti fufuun kan dandaʼamu hafuura qulqulluu Yihowaa isa humna guddaa qabutti yoo amanamne qofa akka taʼe hubadheera. (Far. 51:11) Yihowaan mirga guddaa maqaa isaa jajachuu waan naa kenneef isa galateeffachuu koo ittan fufa!—Far. 54:6.
^ key. 16 Seenaa jireenyaa Wiiliyaam Gileen Hoo, mata duree ‘Lolichi kan Waaqayyooti Malee kan Keessan Miti’ jedhuu fi Dammaqaa!, Ebla 22, 2000 (Ingiliffa) irratti baʼe irraa ilaali.
^ key. 20 Seenaa jireenyaa Looriyaa Soomuyer, mata duree “Wantan Qabsaaʼuufii Qabu Argadheera” jedhuu fi Masaraa Eegumsaa Sadaasa 15, 1976 (Ingiliffa) irratti baʼe irraa ilaali.
^ key. 20 Deevid Ispileen miseensa Qaama Ol Aanaa Dhugaa Baatota Yihowaa taʼee tajaajilaa jira.