Ol Aantummaa Yihowaa Deggeraa!
“Yaa Waaqa keenya Yihowaa, ati wantoota hundumaa waan uumteef . . . ulfina, kabajaa fi humna fudhachuun siif ni mala.”—MUL. 4:11.
1, 2. Tokkoon tokkoon keenya maal amanuu qabna? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
AKKUMA mata duree darbe irratti mariʼanne Diyaabilos, Yihowaan ol aantummaa isaa karaa namootaaf buʼaa hin qabneen waan itti fayyadamuuf, ilmaan namootaa utuu ofiin of bulchanii akka isaaniif wayyu mormii kaaseera. Mormiin Seexanaa kun sirrii dhaa? Ilmaan namootaa ofiin of bulchuuf filatan bara baraaf jiraachuu dandaʼan haa jennu. Bulchiinsa Waaqayyoo malee dhuguma gaarii isaaniif taʼaa? Utuu guutummaatti ofiin of bulchitee fi bara baraaf jiraattee caalaatti gammachuu argattaa?
2 Gaaffiiwwan kanaaf namni bakka kee buʼee deebii siif deebisuu hin dandaʼu. Namni hundi dhimma kana irratti sirriitti yaaduu qaba. Yoo akkas taʼe, ol aantummaan Waaqayyoo sirrii taʼuun isaa ifatti mulʼata. Bulchiinsi Waaqayyoo hunduma irra kan caalu dha. Kanaaf, bulchiinsa kana garaa guutuudhaan deggeruun keenya isaaf mala. Kitaabni Qulqulluun amantii akkasii qabaachuuf wantoota sababii taʼan nuuf ibsa. Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun ol aantummaan Yihowaa sirrii taʼuu isaa ilaalchisee maal akka jedhu haa ilaallu.
YIHOWAAN BULCHUUF MIRGA QABA
3. Ol aantummaa qabaachuuf mirga kan qabu Yihowaa qofa dha kan jennu maaliifi?
3 Yihowaan, Waaqa hundumaa dandaʼuu fi Uumaa waan taʼeef, uumama cufa irratti ol aantummaa qabaachuuf mirga qaba. (1 Sen. 29:11; ) HoE. 4:24Mulʼata 4:11 irratti, namoonni 144,000 Kiristoosii wajjin samii irratti bulchan yommuu akkana jedhan mulʼataan ibsameera: “Yaa Waaqa keenya Yihowaa, ati wantoota hundumaa waan uumteef, isaanis fedhii keetiin gara jireenyaatti waan dhufanii fi waan uumamaniif, ulfina, kabajaa fi humna fudhachuun siif ni mala.” Eeyyee, Yihowaan hunda waan uumeef, ilmaan namootaas taʼe uumamawwan hafuuraa bulchuuf mirga guutuu qaba.
4. Ol aantummaa Waaqayyoo mormuun mirga filannaa karaa dogoggoraatiin fayyadamuu kan taʼe maaliifi?
4 Seexanni wanta uume tokko illee hin qabu. Kanaaf, bulchiinsa uumama cufa irratti gaaffii kaasuuf mirga hin qabu. Innii fi hiriyoonni gaaʼelaa jalqabaa ol aantummaa Yihowaa irratti fincila kaasuudhaan kan of tuulan taʼuu isaanii argisiisaniiru. (Er. 10:23) Dhugaa dha, uumamawwan mirga filannaa qaban waan turaniif, Waaqayyo malee of bulchuuf filachuu dandaʼu turan. Taʼus, kun ofiin of bulchuuf mirga isaaniif kennaa? Lakki. Mirgi filannaa namoonni guyyaa guyyaadhaan filannaawwan sirrii taʼan hedduu akka godhan isaan dandeessisa. Haa taʼu malee, kun Uumaa isaanii fi Isa jireenya isaanii kenne irratti fincila kaasuuf mirga kan isaaniif kennu hin turre. Kana irraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Yihowaa irratti fincila kaasuun mirga filannaa karaa dogoggoraatiin fayyadamuu dha. Namoota waan taaneef, bulchiinsii fi qajeelfamni Yihowaa nu barbaachisa.
5. Murtoowwan Waaqayyoo sirrii akka taʼan mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?
5 Sababii Yihowaan uumama cufa bulchuuf mirga qaba itti jennu kan biraanis jira. Yihowaan aangoo isaa haqa guutuudhaan itti fayyadama. Akkana jedheera: ‘Ani Waaqayyo lafa irratti gaarummaa, qajeelummaa fi firdii qajeelaa nan godha! Ani wanta akkasii kanatti nan gammada.’ (Er. 9:24) Inni wanta haqaa fi sirrii taʼe murteessuuf, seera ilmaan namootaa mudaa qaban baasan kam iyyuu ilaaluun isa hin barbaachisu. Haqni guutuun inni argisiisu eenyummaa isaa irraa kan maddu siʼa taʼu, isa irratti hundaaʼee ilmaan namootaatiif seerawwan barreeffaman kenneera. ‘Teessoon isaa qajeelummaa fi dhugaa irra waan dhaabateef,’ seerawwan, qajeelfamawwan isaa fi murtoowwan isaa qajeeloo akka taʼan amanannaa qabaachuu dandeenya. (Far. 89:14; 119:128) Faallaa kanaatiin immoo, Seexanni ol aantummaan Yihowaa hirʼina akka qabu gaaffii kaasus, addunyaa yeroo hunda haqni keessatti dagaage argamsiisuu hin dandeenye.
6. Sababiin Yihowaan addunyaa kana bulchuuf mirga qaba itti jennu isa kami dha?
6 Kana malees, Yihowaan beekumsaa fi ogummaa uumama cufa kunuunsuuf isa dandeessisu waan qabuuf uumama cufa bulchuuf mirga qaba. Fakkeenyaaf, Waaqayyo Ilmi isaa dhukkubawwan doktooronni fayyisuu hin dandeenye akka fayyisu humna akka isaaf kenne haa ilaallu. (Mat. 4:23, 24; Mar. 5:25-29) Akka ilaalcha Yihowaatti kun dinqii miti. Akkaataa qaamni keenya itti hojjetu ni beeka, miidhaa qaama irra gaʼus iddootti deebisuu ni dandaʼa. Kana malees, namoota duʼan duʼaa kaasuuf dandeettii kan qabu siʼa taʼu, balaawwan uumamaa akka hin geenye gochuu dandaʼa.
7. Ogummaan Yihowaa ogummaa addunyaa toʼannaa Seexanaa jala jiru irraa guddaa kan caalu akkamitti?
7 Addunyaan toʼannaa Seexanaa jala jiru kun amma iyyuu walitti buʼiinsa biyyoota gidduuttii fi addunyaa maratti uumamaa jiruuf furmaata barbaada jira. Addunyaan nagaa akka qabaatu gochuuf ogummaa kan qabu Yihowaa qofa dha. (Isa. 2:3, 4; 54:13) Yeroo waaʼee beekumsaa fi ogummaa Yihowaa hubannu, nutis akkuma Phaawulos hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee akkana jedhee barreesse nutti dhagaʼama: “Badhaadhummaan, ogummaanii fi beekumsi Waaqayyoo akkam gad fagoo dha! Murtiin isaa matumaa qoramuu hin dandaʼu, karaan isaas bira gaʼamuu hin dandaʼu!”—Rom. 11:33.
BULCHIINSI YIHOWAA HUNDA IRRA NI CAALA
8. Akkaataa Yihowaan itti bulchu ilaalchisee wanti garaa keenya tuqu maali dha?
8 Kitaabni Qulqulluun Yihowaan bulchuuf mirga akka qabu ibsuu malees waan dubbatu qaba. Ol aantummaan isaa kan warra kaaniitii ol kan taʼe maaliif akka taʼes ni ibsa. Sababiin inni tokko jaalalaan kan bulchu taʼuu isaa ti. Eeyyee, karaan inni ol aantummaa isaa itti fayyadamuuf filatu, garaan keenya akka tuqamu godha. Inni ‘ooʼa-qabeessaa fi araara qabeessa; aariitti suuta-jedhaa dha; gaarummaan isaa fi amanamummaan isaa guddaa dha.’ (Bau. 34:6) Waaqayyo ilmaan namootaa kabajaa fi ulfinaan qaba. Hamma nuti ofiif kunuunsa gochuu dandeenyu caalaa nu kunuunsa. Wanta Diyaabilos dubbate irraa haala adda taʼeen, Yihowaan namoota amanamoo isa waaqeffatan wanta gaarii taʼe hin dhowwatu. Ilma isaa isa jaallatamaa kan kenne iyyuu abdii jireenya bara baraaf jiraachuu akka qabaannuufi!—Faarfannaa 84:11; Roomaa 8:32 dubbisi.
9. Waaqayyo tokkoon tokkoon namootaatiif akka yaadu akkamitti beekna?
9 Yihowaan akka gareetti saba isaa hunda ni jaallata. Haa taʼu malee, tokkoon tokkoon isaaniitiif dhuunfaatti ni yaada. Fakkeenyaaf, jaarraawwan sadan, yeroo Yihowaan saba Israaʼel diinota isaanii irraa isaan oolchuuf abbootii firdii kaasee fi humna isaaniif kennaa ture yaadaa. Yeroo jeequmsaan guutame sanatti, dubartii lammii Israaʼel hin turree fi Ruut jedhamtu hin hubatin hin hafne. Ruut aarsaa guddaa gochuudhaan Yihowaa kan waaqeffattu taateetti. Yihowaan, Ruut abbaa manaa fi ilma akka argattu gochuudhaan ishii eebbiseera. Taʼus eebbi ishiin argattu kana qofa miti. Yommuu duʼaa kaafamtu, ilmi ishii hidda dhalootaa gara Masiihichaatti geessu keessaa tokko akka ture barti. Kana malees, seenaan ishii kutaa Kitaaba Qulqulluu maqaa ishiitiin waamamu keessatti eegamee akka turu godhamuu isaa yommuu beektu wanta ishiitti dhagaʼamu yaadaa!—Rut. 4:13; Mat. 1:5, 16.
10. Bulchiinsi Yihowaa gar malee bilisummaa kan nama dhowwatu miti kan jennu maaliifi?
10 Akkaataa Yihowaan itti bulchu kan hacuucu ykn kan nama dhiphisu miti. Bilisummaa kan qabuu fi gammachuu kan argamsiisu dha. (2 Qor. 3:17) Daawit akkaataa Yihowaan itti bulchu ilaalchisee akkana jedheera: “Surraanii fi simboon fuula [Waaqayyo] dura, aangoonii fi gammachuun iddoo isaa isa qulqullaaʼaa keessa jiru.” (1 Sen. 16:7, 27) Haaluma wal fakkaatuun, Etaan faarfatichi akkana jedhee barreesseera: “Sabni sagalee gammachuu dhageessisee beeku haa gammadu! Isaan ifa fuula kee irraa ifu keessa in deddeebiʼu, yaa gooftaa! Isaan guyyaa hundumaa maqaa keetti gammaduu isaanii in dhageessisu, qajeelummaa keetiin ol in kaafamu.”—Far. 89:15, 16.
11. Bulchiinsi Yihowaa hunda caalaa gaarii akka taʼe amantii qabnu cimsachuu kan dandeenyu akkamitti?
11 Irra deddeebinee gaarummaa Yihowaa irratti xiinxaluun keenya, bulchiinsi isaa hunda caalaa gaarii akka taʼe amantii qabnu nuuf cimsuu dandaʼa. Akkuma faarfaticha isa, “Iddoo biraa guyyaa kuma tokko ooluu irra, oobdii kee keessa guyyaa tokko ooluu wayya” jedhee turee nutti dhagaʼama. (Far. 84:10) Yihowaan Uumaa keenya waan taʼeef, wanta dhugumaan gammachuu argachuuf nu barbaachisu beeka; wanta nu barbaachisu kanas isa nu barbaachisu caalaa nuuf kenna. Wanti inni nu irraa eegu maal iyyuu yoo taʼe, faayidaa keenyaa fi dhuma irratti immoo gammachuu guddaa kan nuuf argamsiisu taʼa. Kun yeroo tokko tokko aarsaa gochuu kan nu gaafatu taʼu illee dhugaa dha.—Isaayaas 48:17 dubbisi.
12. Kaayyoon ol aantummaa Yihowaa itti deggerru inni guddaan maali dha?
12 Kitaabni Qulqulluun, Bulchiinsa Barkumee Kiristoos booda, namoonni tokko tokko ol aantummaa Yihowaa irratti fincila kaasuuf akka filatan ibsa. (Mul. 20:7, 8) Akkas akka godhan kan isaan gowwoomsu maal taʼuu dandaʼa? Diyaabilos hiikamuun isaa fi ilmaan namootaa gowwoomsuuf yaaduun isaa, ofittummaa namootaa hawwachuu irratti akka xiyyeeffatu hin shakkisiisu. Inni yoom iyyuu akkuma kana godha. Karaan Yihowaadhaaf utuu hin ajajamin bara baraaf jiraachuun itti dandaʼamu akka jiru isaan amansiisuuf yaala taʼa. Kun matumaa dhugaa taʼuu akka hin dandeenye beekamaa dha. Haa taʼu malee, akkas jennee of gaafachuu qabna: Dubbiin sobaa akkasii nu hawwataa laata? Yihowaan gaarummaa isaatii fi uumama cufa bulchuuf mirga kan qabu waan taʼeef, kan isa jaallannuu fi kan isa tajaajillu yoo taʼe, wanti Diyaabilos dubbate kun arrabsoo taʼa. Jireenya bulchiinsa Yihowaa fi ol aantummaa isaa isa jaalala irratti hundaaʼee ala taʼe matumaa hin hawwinu.
OL AANTUMMAA WAAQAYYOO AMANAMUMMAADHAAN DEGGERUU
13. Fakkeenya Waaqayyoo hordofuun akka isa deggerru kan argisiisu akkamitti?
13 Dhuguma iyyuu, ol aantummaa Yihowaa garaa guutuudhaan deggeruun keenya kan isaaf malu dha. Akkuma olitti ilaalle, Yihowaan bulchuuf mirga qaba; akkaataan inni itti bulchus hunduma irra ni caala. Amanamummaa keenya eegnee jiraachuu fi Waaqayyoon tajaajiluu keenya itti fufuudhaan, ol aantummaa Yihowaa deggeruu dandeenya. Karaan deggersa keenya itti argisiisnu kan biraan hoo maali dha? Waan goonu hunda karaa Yihowaan barbaaduun raawwachuudhaani. Dhimmoota keenya akkuma Yihowaan raawwatutti kan raawwannu yoo taʼe, akkaataa inni itti bulchu akka jaallannuu fi akka deggerru argisiisna.—Efesoon 5:1, 2 dubbisi.
14. Jaarsolii fi mataawwan maatii fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandaʼan akkamitti?
14 Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu keenya irraa, Yihowaan aangoo isaa karaa jaalala qabeessa taʼeen akka itti fayyadamu hubanneerra. Kanaa wajjin haala wal simuun, mataawwan maatii fi jaarsoliin gumii ol aantummaa Yihowaa jaallatan, warra kaan irratti ol aantummaa xinnoo kan qaban taʼus wanta humna isaaniitii ol taʼe isaan irraa hin eegan. Kanaa mannaa, fakkeenya Yihowaa hordofu. Phaawulos gama kanaan fakkeenya Waaqayyoo fi Ilma isaa hordofa ture. (1 Qor. 11:1) Phaawulos warra kaan hin qaaneessine ykn wanta sirrii taʼe akka raawwatan isaan hin dirqisiisne. Kanaa mannaa, isaan kadhata ture. (Rom. 12:1; Efe. 4:1; Film. 8-10) Kun akkaataa Yihowaan dhimmoota itti raawwatu dha. Kanaaf, namoonni akkaataa Yihowaan itti bulchu jaallatanii fi deggeran hundi fakkeenya isaa hordofuu qabu.
15. Seera matummaa tiʼookraasii kabajuun keenya, akkaataa Yihowaan itti bulchu akka jaallannu kan argisiisu akkamitti?
15 Aangoo matummaa Waaqayyo kenneef ilaalcha akkamii qabna? Karaa ulfina qabuun wal taʼiinsaan hojjechuun keenya, ol aantummaa Yihowaa akka deggerru argisiisa. Murtoon tokko maaliif akka godhame guutummaatti hubachuu ykn irratti walii galuu baanne illee, seera tiʼookraasii deggeruu barbaanna. Kun karaa addunyaan itti hojjetu irra baayʼee adda dha; taʼus, bulchiinsa Yihowaa jalatti jiraachuu kan qabnu akkasitti. (Efe. 5:22, 23; 6:1-3; Ibr. 13:17) Waaqayyo wanta caalaatti nuuf wayyu waan barbaaduuf, akkas gochuun keenya faayidaa nuuf argamsiisa.
16. Namoonni ol aantummaa Yihowaa deggeran murtoo dhuunfaa kan godhan akkamitti?
16 Kana malees, murtoowwan dhuunfaatti goonuun ol aantummaa Yihowaa akka deggerru argisiisuu dandeenya. Wanta hundaaf ajaja kennuun akkaataa Yihowaan itti hojjetu miti. Kanaa mannaa, karaa inni itti yaadu nutti hima. Fakkeenyaaf, akkaataa uffannaa Kiristiyaanotaa ilaalchisee seera balʼaa hin kennine. Kanaa mannaa, akkaataan uffannaa fi bareedinaa filannu, maal naan jedhuudhaan, akkasumas Kiristiyaanotaaf akka malutti akka taʼu kan barbaadu taʼuu isaa ibseera. (1 Xim. 2:9, 10) Kana malees, murtoon keenyaa warra kaan akka hin gufachiisne ykn akka hin jeeqne barbaada. (1 Qor. 10:31-33) Yommuu murtoo goonu filannoo keenyaan qofa utuu hin taʼin, adda durummaadhaan akka itti Yihowaan yaaduuf xiyyeeffannaa yoo kennine, akkaataa Yihowaan itti bulchu akka jaallannuu fi akka deggerru argisiisna.
17, 18. Hiriyoonni gaaʼelaa ol aantummaa Yihowaa akka deggeran karaawwan kamfaʼiin argisiisuu dandaʼu?
17 Amma immoo akkaataa hiriyoonni gaaʼelaa Kiristiyaanota taʼan, karaa Yihowaa deggeruudhaan, ol aantummaa isaa cinaa dhaabbachuu itti dandaʼan haa ilaallu. Gaaʼelli isaanii hamma isaan eegan caalaa rakkisaa yoo isaanitti taʼe hoo? Darbees abdii kan nama kutachiisu kan fakkaatu taʼuu dandaʼa. Takka dhaabannee akkaataa Yihowaan saba Israaʼel itti qabe irratti maaliif hin yaannu. Inni saba Israaʼel duriitiif akka abbaa manaa akka taʼe ibseera. (Isa. 54:5; 62:4) “Gaaʼela” rakkisaa akkamii ture! Taʼus, Yihowaan dafee abdii itti hin kutanne. Irra deddeebiʼee saba sanatti gara laafina argisiiseera; kakuu isaanii wajjin galeefis amanamaa taʼeera. (Faarfannaa 106:43-45 dubbisi.) Jaalalli amanamaan akkasii caalaatti Yihowaatti akka dhihaannu nu hin taasisuu?
18 Haaluma wal fakkaatuun, hiriyoonni gaaʼelaa karaa Yihowaa jaallatan fakkeenya isaa hordofu. Gaaʼela rakkisaa taʼe tokko karaa Kitaabni Qulqulluun hin deggerreen diiguu hin barbaadan. Kan walitti isaan hidhe Yihowaa taʼuu isaa beeku; inni immoo akka isaan walitti ‘maxxanan’ barbaada. Sababiin Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼee fi gaaʼela diiganii kan biraa fuudhuun ykn heerumuun itti dandaʼamu ejji yoo raawwatame qofa dha. (Mat. 19:5, 6, 9) Kiristiyaanonni gaaʼelli isaanii milkaaʼina akka qabatuuf wanta isaaniif dandaʼame hunda yoo godhan, ol aantummaa Yihowaa akka deggeran argisiisu.
19. Ol aantummaa Yihowaa deggeruu yoo dadhabne maal gochuu qabna?
19 Mudaa kan qabnu waan taaneef, yeroo tokko tokko wanta Yihowaa gaddisiisuu ni raawwanna. Innis kana waan beekuuf jaalalaan kakaʼee furii Kiristoos nuuf qopheesseera. Kanaaf, dogoggora yommuu raawwannu, Yihowaan dhiifama akka nuuf godhu gaafachuu qabna. (1 Yoh. 2:1, 2) Yeroo hunda of ceephaʼuu mannaa, dogoggora keenya irraa barachuuf carraaqqii gochuu qabna. Yihowaatti dhihaannee yoo jiraanne, inni dhiifama nuuf godha, akka fayyinu nu gargaara, akkasumas haalli wal fakkaatu gara fuulduraatti yommuu nu mudatu karaa milkaaʼina qabuun hiikuuf nu gargaara.—Far. 103:3.
20. Amma ol aantummaa Yihowaa deggerru kan qabnu maaliifi?
20 Addunyaa haaraa keessatti, namoonni hundi ol aantummaa Yihowaa jalatti kan bulan taʼuu isaa irra iyyuu, karaa isaa isa qajeelaa baratu. (Isa. 11:9) Haa taʼu malee, amma illee barumsa sana keessa hedduu isaa barachaa jirra. Gaaffiin ol aantummaa Yihowaa irratti kaʼes furmaata argachaa jira. Yeroon amanamoo taʼuudhaan, tajaajila keenyaan, akkasumas fakkeenya isaa hordofuudhaaf hamma dandeenyu carraaqqii gochuudhaan, ol aantummaa Waaqayyoo itti deggerru amma dha.