Yaada Qoʼannaadhaaf Taʼu
“Faarfannaa Hafuuraa” Sammuutti Qabachuuf Yaali
“Yeroon gatii akka hin qabne natti dhagaʼamu, Yihowaan faarfannaawwan JW Biroodkaastiingiirratti baʼanitti fayyadamee na jajjabeessa.”—Looriin, Yuunaayitid Isteetis.
Kiristiyaanonni Waaqayyoon jajachuuf yeroo hunda “faarfannaa hafuuraa” faarfatu. (Qol. 3:16) Faarfannaawwan kana sammuutti qabachuun kee, yeroo kitaaba faarfannaa ykn meeshaa eleektiroonikii of biraa hin qabnettillee irraa fayyadamuuf si gargaara. Faarfannaawwan kana yaadachuuf akka si gargaaruuf qabxiilee armaan gadii hojiirra oolchuuf yaali.
Hiika isaa hubachuuf walaloo isaa xiyyeeffannaadhaan dubbisi. Ergaan isaa yoo sii gale salphaatti yaadatta. Faarfannaawwan addaa fi faarfannaa ijoollee dabalatee walaloon faarfannaa keenya hundaa jw.org irratti ni baʼa. Kutaa Laayibrarii jedhu jalaa mata duree Faarfannaa jedhu bani.
Walaloo isaa waraqaarratti barreeffadhu. Akkas gochuun kee caalaatti yaadachuuf si gargaara.—Kes. 17:18.
Sagalee kee ol kaasii shaakali. Faarfannicha irra deddeebiʼii dubbisi ykn faarfadhu.
Hammam akka yaadattu of qori. Walaloo isaa utuu hin ilaalin yaadachuuf yaali; achiis yaadachuu kee beekuuf walaloo isaa ilaali.