Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 46

Hiriyoonni Gaaʼelaa Dhiheenyatti Gaaʼela Dhaabbattan Yihowaa Tajaajiluu Irratti Xiyyeeffadhaa

Hiriyoonni Gaaʼelaa Dhiheenyatti Gaaʼela Dhaabbattan Yihowaa Tajaajiluu Irratti Xiyyeeffadhaa

“Yihowaan jabina koo . . . ti; garaan koo isatti amanama.”—FAR. 28:7.

FAARFANNAA 131 “Wanta Waaqayyo Walitti Hidhe”

QABIYYEE *

1-2. (a) Namoonni dhiheenyatti gaaʼela dhaabbatan Yihowaatti amanamuu kan qaban maaliifi? (Faarfannaa 37:3, 4) (b) Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

GAAʼELA dhaabbachuuf yaadaa jirtaa? Moo dhiheenyatti gaaʼela dhaabbatteetta? Taanaan, nama baayʼee jaallattu wajjin jireenya gammachiisaa jiraachuuf akka hawwitu hin shakkisiisu. Taʼus, gaaʼelli rakkina irraa walaba miti. Kana malees, namoonni dhiheenyatti gaaʼela godhatan murtoowwan barbaachisoo taʼan gochuu qabu. Akkaataan rakkoowwan isin mudatan itti furtanii fi murtoon gootan gammachuu gaaʼela keessan keessatti argattan irratti dhiibbaa godha. Yihowaatti kan amanamtan yoo taʼe, murtoo ogummaa irratti hundaaʼe gootu, gaaʼelli keessan ni cima, akkasumas gammachuu ni qabaattu. Gorsa Waaqayyoo hojii irra hin oolchitan taanaan garuu, rakkoowwan gaaʼela keessan balaadhaaf saaxilanii fi gammachuu isin dhabsiisan isin mudachuun isaanii hin oolu.—Faarfannaa 37:3, 4 dubbisi.

2 Mata dureen kun hiriyoota gaaʼelaa dhiheenyatti gaaʼela dhaabbatan irratti kan xiyyeeffatu taʼus, rakkoowwan hiriyoota gaaʼelaa hundumaa mudatan ibsa. Seenaa dhiirotaa fi dubartoota amanamoo Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman tokko tokko irraa barumsa argachuu dandeenyus ni ibsa. Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu kun gaaʼela dabalatee gorsawwan jireenya keenya keessatti hojii irra oolchuu dandeenyu nu barsiisu. Muuxannoo hiriyoota gaaʼelaa bara keenya jiran irraas maal barachuu akka dandeenyu ni ilaalla.

RAKKOOWWAN NAMOOTA DHIHEENYATTI GAAʼELA DHAABBATAN MUDACHUU DANDAʼAN MAAL FAʼI?

Murtoowwan hiriyoonni gaaʼelaa dhiheenyatti gaaʼela godhatan tajaajila Yihowaadhaaf dhiheessan akka hin balʼifanne isaan godhan maalfaa taʼuu dandaʼu? (Keeyyata 3-4 ilaali)

3-4. Rakkoowwan namoota dhiheenyatti gaaʼela dhaabbatan mudachuu dandaʼan maal faʼi?

3 Namoonni tokko tokko namoonni dhiheenyatti gaaʼela dhaabbatan akkuma warra kaaniitti akka jiraatan jajjabeessu taʼa. Fakkeenyaaf, warrii fi firoonni isaanii dafanii ijoollee akka godhatan dhiibbaa isaan irratti godhu taʼa. Michoonnii fi miseensonni maatii isaanii tokko tokko immoo manaa fi meeshaalee manaa gaggaarii akka bitatan isaan jajjabeessuu dandaʼu.

4 Hiriyoonni gaaʼelaa of hin eeggatan taanaan, murtoo liqii guddaa keessa akka seenaan isaan godhu murteessuu dandaʼu. Kanaan kan kaʼes, lamaan isaanii iyyuu liqii isaan irra jiru kaffaluuf jecha saʼaatii dheeraa hojjechuuf dirqamu taʼa. Kun immoo qoʼannaa dhuunfaatiif, waaqeffannaa maatii fi tajaajilaaf yeroo gaʼaa akka hin arganne isaan gochuu dandaʼa. Hiriyoonni gaaʼelaa kun maallaqa dabalataa argachuuf ykn hojii isaanii akka hin dhabneef, walgaʼii irraa illee hafanii saʼaatii dabalataa hojjetu taʼa. Kanaan kan kaʼes, carraa gaarii tajaajila Yihowaadhaaf dhiheessan itti balʼifatan ni dhabu.

5. Muuxannoo Kilaawusii fi Maariisaa irraa maal barattu?

5 Muuxannoowwan hedduun akka argisiisanitti jireenyi keenya qabeenya argachuu irratti akka xiyyeeffatu gochuun gammachuu hin argamsiisu. Kana ilaalchisee, hiriyoonni gaaʼelaa Kilaawusii fi Maariisaa jedhaman barumsa akkamii akka argatan haa ilaalluu. * Akkuma gaaʼela godhataniin jireenya mijataa jiraachuu waan barbaadaniif lamaan isaanii iyyuu guyyaa guutuu hojjetu turan. Taʼus, gammachuu dhugaa argachuu hin dandeenye. Kilaawus, “Qabeenya jireenyaaf nu barbaachisuu ol qabna, galma hafuuraa garuu hin qabnu turre. Dhugaa dubbachuuf jireenyi keenya wal xaxaa fi dhiphinaan kan guutame ture” jechuudhaan ifatti dubbateera. Tarii isinis qabeenya argachuu irratti xiyyeeffachuun gammachuu dhugaa akka isiniif hin argamsiisne hubattaniittu taʼa. Taanaan, abdii hin kutatinaa. Gama kanaan muuxannoo warra kaanii qoruun keessan isin gargaara. Jalqaba abbootiin manaa seenaa Yoshaafaax Mootichaa irraa maal barachuu akka dandaʼan haa ilaallu.

AKKUMA YOSHAAFAAX MOOTICHAA YIHOWAATTI AMANAMAA

6. Yoshaafaax yeroo rakkinni cimaan isa mudatetti gorsa Fakkeenya 3:5, 6 irra jiru hojii irra kan oolche akkamitti?

6 Abbootiin manaa, yeroo tokko tokko itti gaafatamummaan keessan humna keessanii ol akka taʼe isinitti dhagaʼamaa? Taanaan, seenaa Yoshaafaax Mootichaa qoruudhaan faayidaa argachuu dandeessu. Yoshaafaax mootii waan tureef, guutummaa sabichaatiif eegumsa gochuuf itti gaafatamummaa qaba ture. Maarree, itti gaafatamummaa baayʼee ulfaataa taʼe kana kan raawwate akkamitti? Yoshaafaax sabichaaf eegumsa gochuuf wanta dandaʼu hunda godheera. Magaalota Yihudaa cimseera, akkasumas raayyaa waraanaa guddaa loltoota 1,160,000 ol taʼan of keessatti qabate walitti qabeera. (2 Sen. 17:12-19) Yeroo booda immoo, rakkina guddaa tokkotu isa mudate. Raayyaan waraanaa guddaan Amoonota, Moʼaabotaa fi namoota naannoo gaarotaa Seʼiir of keessatti qabate isa, maatii isaa fi saba isaa doorsisuu jalqabe. (2 Sen. 20:1, 2) Maarree, Yoshaafaax maal godhe? Yihowaan akka isa gargaaruu fi akka isa cimsu gaafate. Wanti inni godhe kun gorsa Fakkeenya 3:5, 6 irra jiruu wajjin wal sima. (Dubbisi.) Kadhannaan Yoshaafaax gad of qabuudhaan dhiheessee fi 2 Seenaa Baraa 20:5-12 irratti galmeeffame Abbaa isaa isa samii jaalala qabeessa taʼe irratti amantii guddaa akka qabu argisiisa. Maarree, Yihowaan kadhannaa Yoshaafaaxiif deebii akkamii kenne?

7. Yihowaan kadhannaa Yoshaafaaxiif deebii kan kenne akkamitti?

7 Yihowaan karaa Yaahaaziʼel Leewwichaa Yoshaafaaxiif deebii kenneera. Yihowaan, “Iddoo keessan qabadhaatii dhaabbadhaa; fayyina Yihowaan isiniif argamsiisus ilaalaa” jedhe. (2 Sen. 20:13-17) Garuu haala kanaan waraana irratti hirmaachuun baramaa miti. Haa taʼu malee, qajeelfama kana kan kenne nama utuu hin taʼin Yihowaa dha. Yoshaafaaxis Waaqa isaatti guutummaatti amanamuudhaan, akkuma inni isaan jedhe godhe. Yommuu innii fi sabni isaa diinota isaaniitti dhihaatanitti fuuldura kan dhaabe loltoota dandeettii guddaa qaban utuu hin taʼin, faarfattoota meeshaa waraanaa hin hidhanne ture. Yihowaanis Yoshaafaaxiin hin qaanessine; diina isaanitti dhufe isaaniif injifateera.—2 Sen. 20:18-23.

Hiriyoonni gaaʼelaa dhiheenyatti gaaʼela godhatan kadhachuu fi dubbii Waaqayyoo qoʼachuudhaan, jireenyi isaanii Yihowaa tajaajiluu irratti akka xiyyeeffatu gochuu dandaʼu (Keeyyata  8, 10 ilaali)

8. Abbootiin manaa seenaa Yoshaafaax irraa maal baratu?

8 Abbootiin manaa seenaa Yoshaafaax irraa barachuu dandeessu. Maatii keessan kunuunsuuf itti gaafatamummaa waan qabdaniif, eegumsa isaaniif gochuu fi wanta isaaniif barbaachisu isaaniif dhiheessuuf jabaattanii hojjettu. Yommuu rakkinni isin mudatu rakkina sanaaf ofuma keessanii furmaata kennuu akka dandeessan isinitti dhagaʼama taʼa. Haa taʼu malee, jabina ofii keessaniitti amanamuu irraa of eegaa. Kanaa mannaa, dhuunfaatti Yihowaan akka isin gargaaru isa kadhadhaa. Kana malees, haadha manaa keessanii wajjin taʼuudhaan kadhannaa garaadhaa madde dhiheessaa. Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota jaarmiyaan Waaqayyoo qopheesse qoʼachuudhaan qajeelfama Yihowaa argachuuf yaalaa, akkasumas gorsa argattan hojii irra oolchaa. Tarii warri kaan murtoo Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼuudhaan murteessitan irratti walii hin galan taʼa; akka gowwoomfamtan illee isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Tarii qarshiinii fi wanti qarshiin bitu maatii keessaniif eegumsa akka argamsiisu dubbachuu dandaʼu. Haa taʼu malee, seenaa Yoshaafaax yaadadhaa. Inni Yihowaatti amanameera; kanas gocha isaatiin argisiiseera. Yihowaan nama amanamaa kana hin dhiisne; isiniinis hin dhiisu. (Far. 37:28; Ibr. 13:5) Hiriyoonni gaaʼelaa jireenya gammachuu qabu jiraachuuf wanta dabalataa akkamii gochuu dandaʼu?

AKKUMA ISAAYYAAS RAAJICHAA FI HAADHA MANAA ISAA YIHOWAA TAJAAJILUU IRRATTI XIYYEEFFADHAA

9. Waaʼee Isaayyaas raajichaa fi haadha manaa isaa maal jechuu dandeenya?

9 Isaayyaas raajichii fi haati manaa isaa jireenyi isaanii Yihowaa tajaajiluu irratti kan xiyyeeffate ture. Isaayyaas raajii ture; haati manaa isaas “raajittii” waan jedhamteef ishiinis raajii dubbachuu hin ooltu. (Isa. 8:1-4) Isaayyaasii fi haati manaa isaa hiriyoota gaaʼelaa jireenyi isaanii Yihowaa waaqeffachuu irratti akka xiyyeeffatu godhan akka taʼan beekamaa dha. Hiriyoota gaaʼelaa yeroo harʼaa jiraniif fakkeenya guddaa taʼu!

10. Hiriyoonni gaaʼelaa raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun isaanii Yihowaa tajaajiluuf wanta dandaʼan hundumaa gochuuf kan isaan kakaasu akkamitti?

10 Hiriyoonni gaaʼelaa yeroo harʼaa jiran tajaajila Yihowaa keessatti wanta dandaʼan hundumaa gochuudhaan jireenyi isaanii isa tajaajiluu irratti akka xiyyeeffatu gochuu dandaʼu. Waliin taʼanii raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu qoʼachuudhaan, akkasumas raajiiwwan kun akkamitti akka raawwataman hubachuudhaan amantii Yihowaa irratti qaban cimsachuu dandaʼu. * (Tit. 1:2) Raajiiwwan tokko tokko raawwii isaanii akka argatan gochuu irratti gaʼee isaanii baʼachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe irratti yaaduu dandaʼu. Fakkeenyaaf, raajiin Yesuus dhumni dhufuu isaa dura guutummaa lafaa irratti misiraachichi akka lallabamu dubbate akka raawwatamu gochuu irratti gaʼee isaanii baʼachuu dandaʼu. (Mat. 24:14) Hiriyoonni gaaʼelaa raajiin Kitaaba Qulqulluu tokko akka raawwatamu yoo amanan Yihowaa tajaajiluuf wanta dandaʼan hundumaa gochuuf kakaʼu.

AKKUMA PHIRISQIILAA FI AQIILAA MOOTUMMICHAAF DURSA KENNAA

11. Phirisqiilaa fi Aqiilaan maal godhan? Maaliifi?

11 Namoonni dhiheenyatti gaaʼela dhaabbatan Phirisqiilaa fi Aqiilaa warra Yihudoota taʼanii fi magaalaa Roomaa keessa jiraachaa turan irraa barumsa argachuu dandaʼu. Hiriyoonni gaaʼelaa kun misiraachoo waaʼee Yesuus ibsu dhagaʼuudhaan Kiristiyaanota taʼan. Jireenya isaaniitti gammadoo akka turan hin shakkisiisu. Haa taʼu malee, yommuu Qalaawudewos Mootichi Yihudoonni hundi Roomaa keessaa akka baʼan ajajetti jireenyi isaanii akkuma tasaa jijjiirame. Kun Aqiilaa fi Phirisqiilaaf jijjiirama akkamii akka taʼe yaadaa. Naannoo beekan dhiisanii deemuun, mana haaraa barbaaddachuun, akkasumas hojii dunkaana hodhuu naannoo haaraatti jalqabuun isaan barbaachisa. Taʼus, haalli ulfaataan akkasii Yihowaa tajaajiluu irraa duubatti akka jedhan isaan godheeraa? Deebii gaaffii kanaa akka beektan hin shakkisiisu. Aqiilaa fi Phirisqiilaan Qorontositti gumii naannichaa gargaaraa fi Phaawulos ergamaa wajjin taʼuudhaan obboloota cimsaa turan. Yeroo boodas, gara magaalota babalʼistoonni caalaatti barbaachisan dhaqaniiru. (HoE. 18:18-21; Rom. 16:3-5) Jireenyi isaanii gammachiisaa fi kaayyoo kan qabu akka ture hin shakkisiisu!

12. Hiriyoonni gaaʼelaa galma hafuuraa baafachuu kan qaban maaliifi?

12 Hiriyoonni gaaʼelaa yeroo harʼaa jiran fakkeenya Phirisqiilaa fi Aqiilaa hordofuudhaan Mootummichaaf dursa kennu dandaʼu. Gaaʼela dhaabbachuu isaanii dura waaʼee galmawwan isaanii mariʼachuun isaanii gaarii dha. Hiriyoonni gaaʼelaa waliin taʼuudhaan galma yommuu baafatanii fi galma isaanii irra gaʼuuf yeroo carraaqqii godhanitti, jireenya isaanii keessatti gargaarsa Yihowaa arguuf carraa argatu. (Lal. 4:9, 12) Mee muuxannoo Raasilii fi Elizaabet akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Raasil, “Yommuu wal qorachaa turretti adda baasnee waaʼee galmawwan hafuuraa keenyaa mariʼanneerra” jedheera. Elizaabet immoo, “Waaʼee galmawwan keenyaa waan mariʼanneef, yeroo booda yommuu murtoowwan garaa garaa goonetti murtoowwan keenya sun galmawwan keenya kana irra akka hin geenye akka nu hin dhowwine gooneerra” jetteetti. Haalli Raasilii fi Elizaabet Maayikrooneeshiyaa iddoo babalʼistoonni caalaatti barbaachisan dhaqanii lallabuuf isaan dandeessiseera.

Hiriyoonni gaaʼelaa dhiheenyatti gaaʼela godhatan galma hafuuraa baafachuudhaan, jireenyi isaanii Yihowaa tajaajiluu irratti akka xiyyeeffatu gochuu dandaʼu (Keeyyata 13 ilaali)

13. Akka Faarfannaan 28:7 jedhutti yeroo Yihowaatti amanamnu maal arganna?

13 Akkuma Raasilii fi Elizaabet hiriyoonni gaaʼelaa hedduun, jireenya isaanii salphaa gochuudhaan hojii misiraachicha lallabuu fi barsiisuu irratti hamma isaaniif dandaʼame hirmaachuu dandaʼaniiru. Hiriyoonni gaaʼelaa tajaajila Yihowaa irratti hirmaachuuf galma yoo baafatan, akkasumas galma isaanii irra gaʼuuf jabaatanii yoo hojjetan buʼaawwan gaggaarii hedduu argatu. Yihowaan isaan gargaaraa akka jiru ni argu, amantiin isa irratti qaban ni cima, akkasumas gammachuu dhugaa ni qabaatu.—Faarfannaa 28:7 dubbisi.

AKKUMA PHEEXIROS ERGAMAA FI HAADHA MANAA ISAA WAADAA YIHOWAAN GALETTI AMANAMAA

14. Pheexiros ergamaa fi haati manaa isaa waadaa Yihowaan galee fi Maatewos 6:25, 31-34 irra jiru irratti akka amanaman kan argisiisan akkamitti?

14 Hiriyoonni gaaʼelaa Pheexirosii fi haadha manaa isaa irraas barumsa argachuu dandaʼu. Pheexiros ergamaan Yesuusii wajjin wal argee jiʼa jaʼaa hanga waggaa tokkoo gidduutti murtoo barbaachisaa tokko gochuu qaba ture. Pheexiros maatii isaatiif wanta barbaachisu dhiheessuuf hojii qurxummii kiyyeessuu hojjeta ture. Kanaafuu, yommuu Yesuus yeroo guutuu akka isa duukaa buʼu isa gaafatetti waaʼee haadha manaa isaa yaaduun isa barbaachisee ture. (Luq. 5:1-11) Pheexiros Yesuusii wajjin iddoo garaa garaa deemuudhaan tajaajiluu filateera. Filannaan kun filannaa ogummaa irratti hundaaʼe dha! Haati manaa Pheexirosis murtoo isaa akka deggerte hin shakkisiisu. Yesuus erga duʼaa kaʼee booda Pheexirosii wajjin iddoo tokko tokko akka deemte Kitaabni Qulqulluun ni ibsa. (1 Qor. 9:5) Pheexiros bilisummaadhaan abbootii manaa fi haadhotii manaa Kiristiyaanota taʼaniif gorsa kennuu kan dandaʼe, haati manaa isaa fakkeenya gaarii waan taateef akka ture hin shakkisiisu. (1 Phe. 3:1-7) Pheexiros ergamaa fi haati manaa isaa, waadaa Yihowaan jireenya isaanii keessatti Mootummichaaf dursa yoo kennan wanta isaan barbaachisu akka isaaniif kennu galetti akka amanaman beekamaa dha.—Maatewos 6:25, 31-34 dubbisi.

15. Muuxannoo Tiʼaagoo fi Asteer irraa maal barattan?

15 Warri gaaʼela keessa waggoota muraasa turtan hoo, fedhii tajaajila keessan balʼifachuuf qabdan guddifachuu kan dandeessan akkamitti? Karaawwan kana gochuu itti dandeessan keessaa tokko muuxannoo hiriyoota gaaʼelaa kaan irraa barachuu dha. Fakkeenyaaf, mata dureewwan “Fedhiidhaan Of Dhiheessaniiru” jedhanii fi walitti aananii baʼan dubbisuu dandeessu. Hiriyoota gaaʼelaa Tiʼaagoo fi Asteer jedhamanii fi Biraaziil keessa jiraatan mata dureewwan akkasii dubbisuun isaanii bakka babalʼistoonni caalaatti barbaachisan deemanii tajaajiluuf isaan kakaaseera. Tiʼaagoon, “Yommuu muuxannoowwan Yihowaan tajaajiltoota isaa yeroo harʼaatti argaman akkamitti akka gargaare ibsan dubbisnu, nutis gorsa Yihowaa hordofuudhaan gargaarsa isaa argachuuf kakaane” jedheera. Hiriyoonni gaaʼelaa kun yeroo booda gara Paaraaguwaayi kan dhaqan yeroo taʼu, bara 2014 eegalee naannoo Afaan Poortugaal itti dubbatamutti tajaajilaa jiru. Asteer, “Caqasni lamaan keenya iyyuu baayʼee jaallannu Efesoon 3:20 dha. Yeroo baayʼee tajaajila Yihowaadhaaf dhiheessinu keessatti jechoonni kun yeroo raawwataman argineerra” jetteetti. Phaawulos xalayaa warra Efesooniif barreesse kana irratti Yihowaan wanta isa gaafanne caalaa akka nuuf kennu dubbateera. Yaanni kun dhugaa taʼuu isaa yeroo baayʼee argineerra!

Hiriyoonni gaaʼelaa dhiheenyatti gaaʼela godhatan namoota bilchaatoo taʼan gorsa gaafachuudhaan, jireenyi isaanii Yihowaa tajaajiluu irratti akka xiyyeeffatu gochuu dandaʼu (Keeyyata 16 ilaali)

16. Hiriyoonni gaaʼelaa dargaggoota taʼan yommuu galma isaanii irratti yaadanitti eenyuun gorsa gaafachuu dandaʼu?

16 Hiriyoonni gaaʼelaa dargaggoota taʼan muuxannoo namoota Yihowaatti amanamuu baratan irraa faayidaa argachuu dandaʼu. Hiriyoonni gaaʼelaa tokko tokko waggoota hedduudhaaf tajaajila yeroo guutuu keessatti dabarsaniiru. Isinis galma keessan irratti yaaduun yoo isin barbaachise gorsa isaan gaafachuu dandeessu. Karaa Yihowaatti akka amanamtan itti argisiistan kan biraan kana dha. (Fak. 22:17, 19) Jaarsoliinis hiriyoonni gaaʼelaa dargaggoota taʼan galma akka baafatanii fi galma isaanii kana irra akka gaʼan gargaaruu dandaʼu.

17. Kilaawusii fi Maariisaa irra maaltu gaʼe? Muuxannoo isaanii irraa hoo maal baranna?

17 Yeroo tokko tokko galmi tajaajila keenya balʼifachuuf baafanne akka yaanne nuuf taʼuu dhiisuu dandaʼa. Mee haala Kilaawusii fi Maariisaa warra jalqaba irratti ibsamanii akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Erga gaaʼela godhatanii waggaa sadii booda, gara Fiinlaandi dhaquudhaan hojii ijaarsaa waajjira damee Fiinlaandi irratti fedhiidhaan hirmaataniiru. Haa taʼu malee, jiʼa jaʼa caalaa achi akka turan isaaniif hin heyyamamne. Yeroo kana hubatan jalqaba irratti gaddanii turan. Garuu, utuma baayʼee hin turin Afaan Arabaa akka baratan affeeraman; yeroo ammaatti biyya kan biraatti Afaan Arabaatiin gammachuudhaan tajaajilaa jiru. Maariisaan wanta yeroo sanatti taʼe yeroo dubbattu akkana jetteetti: “Wantan kanaan dura hojjedhee hin beekne hojjechuun na sodaachisee waan tureef, guutummaatti Yihowaatti amanamuun na barbaachiseera. Haa taʼu malee, karaa nuti matumaa hin eegneen Yihowaan nu gargaaraa akka ture hubadheera. Kana arguun koo immoo amantiin Yihowaa irratti qabu akka cimu godheera.” Muuxannoo kana irraa akkuma hubannetti, Yihowaatti guutummaatti yoo amanamne inni akka nu eebbisu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.

18. Hiriyoonni gaaʼelaa Yihowaatti amanamuu isaanii itti fufuuf maal gochuu dandaʼu?

18 Gaaʼelli kennaa Yihowaa biraa argame dha. (Mat. 19:5, 6) Inni hiriyoonni gaaʼelaa kennaa kanatti akka gammadan barbaada. (Fak. 5:18) Hiriyoonni gaaʼelaa dargaggoota taatan jireenya keessanitti akkamitti fayyadamaa akka jirtan maaliif hin qortan? Kennaa Yihowaan isiniif kenne kana akka dinqisiifattan argisiisuuf wanta isiniif dandaʼame hunda gochaa jirtuu? Kadhannaadhaan Yihowaa haasofsiisaa. Qajeelfama haala keessaniif taʼu argachuuf, Dubbii isaa irratti qorannaa godhaa. Achiis, gorsa Yihowaan isiniif kennu hojii irra oolchaa. Jireenyi keessan Yihowaa tajaajiluu irratti akka xiyyeeffatu yoo gootan, jireenya gammachuu qabu akka jiraattan mirkanaaʼoo taʼuu dandeessu!

FAARFANNAA 132 Amma Tokko Taaneerra

^ key. 5 Murtoowwan goonu tokko tokko yeroo fi humna Yihowaa tajaajiluuf oolchinu irratti dhiibbaa gochuu dandaʼu. Keessumaa namoonni dhiheenyatti gaaʼela godhatan murtoo jireenya isaanii irratti dhiibbaa guddaa gochuu dandaʼu gochuun isaan barbaachisa. Mata dureen kun murtoo ogummaa irratti hundaaʼee fi jireenya gammachuu qabu jiraachuuf isaan dandeessisu gochuuf isaan gargaara.

^ key. 5 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.