Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

1924—Waggaa Dhibba Tokko Dura

1924—Waggaa Dhibba Tokko Dura

BUULATIINIIN a Amajjii 1924, “Yeroon waggaa haaraan itti jalqabu Kiristiyaanota cuuphaman hundaaf yeroo gaarii . . . tajaajilasaanii balʼifachuu itti dandaʼanidha” jedhee ture. Waggaa sana keessa, Barattoonni Kitaaba Qulqulluu ija jabinaan lallabuudhaan, akkasumas tajaajilasaaniirratti malawwan haaraa taʼanitti fayyadamuudhaan karaa lamaan gorsa kana hojiirra oolchaniiru.

RAADIYOOTTI FAYYADAMANII IJA JABINAAN LALLABUU

Obboloonni Beetel keessa jiran Isteetan Aayilaandi, Niiwu Yoorki Siitii keessatti buufata raadiyoo WBBR ijaaruuf waggaa tokkoo oliif jabaatanii hojjetaniiru. Laficha erga qulqulleessanii booda mana guddaa hojjettootaaf taʼuu fi gamoo meeshaaleedhaaf taʼu ijaaran. Hojiin kun yeroo xumuramummoo, obboloonni meeshaa sagantaa raadiyoo tamsaasuuf barbaachisu fiduu jalqaban. Yeroo kanatti garuu, gufuuwwan garaagaraa moʼuun isaan barbaachiseera.

Obboloonni anteenaa isa guddaa dhaabuun baayʼee isaanitti ulfaatee ture. Anteenaan meetira 91 dheeratu utubaawwan mukaa meetira 61 dheeratan lama gidduu rarraʼuu qaba ture. Jalqabarratti isaaniif hin milkoofne. Dhumarratti garuu gargaarsa Yihowaatiin milkaaʼaniiru. Kaalviin Piroossar inni piroojektii kanarratti hojjechaa ture, “Yaaliin keenya inni jalqabaa milkaaʼeera utuu taʼee, of jajuudhaan, ‘Maal akka hojjenne ilaalaa!’ jenna turre” jedheera. Obboloonni milkaaʼina argachuu kan dandaʼan gargaarsa Yihowaatiin akka taʼe dubbataniiru. Taʼus, rakkinni kan biraanis isaan mudateera.

Utubaawwan anteenaa WBBR keessaa tokko yeroo dhaaban

Tamsaasni raadiyoo reefu jalqabuusaa waan taʼeef, meeshaalee barbaachisan argachuun rakkisaa ture. Taʼus, obboloonni naannoo sanatti meeshaa kanaan dura faayidaarra oolaa ture argatan. Maayikiraafoonii bituu dhiisanii kan bilbilaatti fayyadaman. Jiʼa Guraandhalaa keessa gaaf tokko galgala obboloonni meeshaalee salphaa taʼan kana hunda yaaluu jalqaban. Sagantaan tamsaasan waan isaan barbaachisuuf, faarfannaawwan Mootummichaa faarfatan. Ernasti Loow wanta nama kolfisiisuu fi guyyaa sana uumame tokko ni yaadata; obboloonni utuma faarfachaa jiranii Raazarfoordi inni abbaa murtii taʼee b fi yeroo isaan faarfatan dhaggeeffachaa ture isaaniif bilbile; naannoo kiilomeetira 25 fagaatee Biruukliin keessa raadiyoosaatiin isaan dhaggeeffachaa ture.

Obboleessi keenya Raazarfoordi, “Sagalee jeequ kana dhaabaa. Adurroonni iyyaa waan jiran fakkaata!” jedhe. Obboloonni waan qaanaʼaniif, yeruma sana saganticha dhaaban; taʼus, raadiyoon sun akka hojjetu waan mirkaneeffataniif tamsaasasaanii jalqabuuf qophaaʼoo turan.

Guraandhala 24, 1924tti, yeroo tamsaasuu jalqabanitti, obboleessi keenya Raazarfoordi buufanni raadiyoo sun “fedhii mootummaa Masiihichaa raawwachuuf akka oolu” murteesse. Kaayyoon buufanni kun itti qophaaʼe “namoonni Kitaaba Qulqulluu akka beekanii fi yeroon keessa jiraachaa jirru yeroo iddoo guddaa qabu taʼuusaa akka hubatan gargaaruu” akka taʼe dubbateera.

Bitaa: Obboleessi keenya Raazarfoordi istuudiyoo isa jalqabaa keessa taʼee

Mirga: Meeshaalee buufata raadiyoo keessatti faayidaarra oolaa turan

Tamsaasni jalqabaa sun milkaaʼina guddaa argamsiiseera. Buufanni raadiyoo kun waggaa 33f sagantaa jaarmiyichaa tamsaasuuf tajaajileera.

IJA JABINAAN QEESOTA BALAALEFFACHUU

Adoolessa 1924tti, Barattoonni Kitaaba Qulqulluu walgaʼii guddaa Kolombos, Ohaayoo keessatti geggeeffame tokkorratti walitti qabamanii turan. Keessummoonni addunyaa mararraa dhufan haasaa Arabiffa, Ingiliffa, Afaan Faransaayi, Afaan Jarman, Afaan Giriikii, Afaan Hangaarii, Afaan Xaaliyaanii, Afaan Litweeniyaa, Afaan Poolaandi, Afaan Raashiyaa, Afaanota Iskaandineeviyaa fi Afaan Yuukreeniin dhihaate dhaggeeffachaa turan. Kutaan sagantichaa muraasni raadiyoodhaan tamsaafamaa ture; kana malees, obboloonni waaʼee sagantaa guyyaa guyyaadhaan dhihaatuu akka gabaasu gaazexaa naannichaa gaafatanii turan.

Walgaʼii guddaa bara 1924tti Kolombos Ohaayootti godhame

Kamisa, Adoolessa 24tti obboloonni 5,000 ol taʼan magaalaa walgaʼichi itti godhamu keessatti lallabaniiru. Kitaaba gara 30,000 taʼu raabsaniiru, namoota kumaan lakkaaʼamanis qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisaniiru. Masaraan Eegumsaa guyyaa kana “walgaʼicha keessaa guyyaa baayʼee gammachiisaa taʼe” jedhee waameera.

Jimaata, Adoolessa 25tti, obboleessi keenya Raazarfoordi haasaasaa tokkorratti yaada qeesota balaaleffatu ija jabinaan dubbisee ture. Geggeessitoonni siyaasaa, amantaa fi dhaabbilee daldalaa waaʼee Mootummaa Waaqayyoo isa Waaqayyo ilmaan namootaa eebbisuuf itti fayyadamuu akka hin baranne namoota dhowwaa akka jiran dubbate. Kana malees, namoonni kun Waldaa Mootummoota Addunyaa deggeruunsaanii fi dhaabbata siyaasaa kanatti kan fayyadamu Waaqayyo akka taʼe dubbachuunsaanii dogoggora guddaa akka taʼe dubbateera. Barattoonni Kitaaba Qulqulluu ergaa kana namootatti himuuf ija jabina qabaachuun isaan barbaachisa ture.

Masaraan Eegumsaa walgaʼiin kun namootarratti dhiibbaa akkamii akka godhe yeroo ibsu akkana jedheera: ‘Walgaʼii guddaan Kolombos keessatti geggeeffame kun amantii garee obbolootaa hinaaffaa qaban kanaa cimseera, akkasumas ija jabina mormii akkamiiyyuu keessatti lallabuuf isaan dandeessisu isaaniif kenneera.’ Liyoo Kilaawus inni walgaʼii kanarratti argamee ture, “Walgaʼicharraa kan deebine naannoo tajaajilaa keenya keessatti ergaa kana namootatti himuuf kakaaneeti” jedheera.

Tiraaktii Ecclesiastics Indicted jedhamu

Jiʼa Onkoloolessaa keessa, Barattoonni Kitaaba Qulqulluu tiraaktii labsii obboleessa keenya Raazarfoordi qabatee fi Ecclesiastics Indicted jedhamu koppii miliyoonaan lakkaaʼamu raabsuu jalqaban. Magaalaa xinnoo Oklaahoomaa, Yuunaayitid Isteetisitti argamtu keessatti Firaanki Joonsan obboloonni garasaa dhufuusaanii daqiiqaa 20 dura tiraaktiiwwan sana raabsee xumuree ture. Namoonni magaalattii lallabasaatti aaran akka isa hin arganneef, ala dhaabbatee obboloota sana eeguu hin barbaanne. Kanaafuu, waldaa naannoo sana jiru keessa dhokachuuf murteesse. Waldaa sana keessa namni waan hin turreef, tiraaktii Ecclesiastics Indicted jedhamu Kitaaba Qulqulluu namicha lallabu sanaa keessaa fi teessuma hundarra ni kaaʼe. Kanas saffisa guddaadhaan raawwate. Ammayyuu saʼaatiin waan isa hafeef, gara waldaalee kan biroo lamaa dhaqee akkasuma godhe.

Achiis Firaanki ariitiidhaan gara iddoo obbolootaa wajjin itti wal arguutti deeme. Namoonni isa barbaadaa turan akka isa hin arganneef, buufata bobaʼaa tokko duuba dhokatee ture. Namoonni sun konkolaataadhaan achiin kan darban taʼus isa hin agarre turan. Isaan akkuma darbaniin obboloonni naannoo sanatti lallabaa turan dhufanii konkolaataadhaan isa fuudhanii deeman.

Obboloota sana keessaa tokko akkana jedheera: “Magaalaa sana keessaa baʼaa utuu jirruu waldaa sadii bira dabarre. Tokkoon tokkoon waldaalee fuuldura namoonni gara 50 taʼan dhaabbatanii turan. Isaan keessaa tokko tokko tiraakticha dubbisaa, warri kaanimmoo namicha lallabutti argisiisaa turan. Rakkinni akka hin uumamneef dafnee achii baane! Eegumsa waan nuu godhee fi ergaa sana namootaan gaʼuuf wanta gochuu qabnu akka beeknu waan nu gargaareef Yihowaa ni galateeffanne.”

BIYYOOTA KAN BIROO KEESSATTI IJA JABINAAN LALLABUU

Yooseef Kireet

Barattoonni Kitaaba Qulqulluu biyyoota kan biroo keessattis ija jabinaan dhugaa baʼaniiru. Kaaba Faransaayi keessatti, Yooseef Kireet baqattoota Poolaandi albuuda baasaniif lallabee ture. Haasaa, “Yeroon Namoonni Duʼan Duʼaa Itti Kaafaman Dhihaateera” jedhu isaaniif dhiheessuuf sagantaa baafatee ture. Yeroo obboloonni namoota naannichaa affeeran, qeesiin naannichaa sagantaa kanarratti akka hin argamne miseensota amantaasaa akeekkachiise. Akeekkachiisnisaa garuu buʼaa hin eegamne argamsiise. Qeesii sana dabalatee namoonni 5,000 ol taʼan haasaa sanarratti ni argaman! Obboleessi keenya Kireet amantaasaatiif akka falmu qeesii sana affeeree kan ture taʼus, qeesichi ni dide. Namoonni haasaa sana dhaggeeffachaa turan Dubbii Waaqayyoo dheebotanii waan turaniif, obboleessi keenya Kireet barreeffama qabate hunda isaaniif raabse.—Amo. 8:11.

Kilaawud Biraawun

Afrikaatti, Gooldi Koosti, ishii yeroo ammaatti Gaanaa jedhamtu keessatti Kilaawud Biraawun misiraachicha ni lallabe. Haasaan inni dhiheessee fi barreeffamoonni inni raabse biyya sana keessatti dhugaan saffisaan akka babalʼatu gumaacha godheera. Joon Bilaankisan inni ogeessa qorichaa taʼuuf barachaa ture haasaa obboleessi Biraawun dhiheesse tokko dhaggeeffatee ture. Innis dhugaa akka argate yeruma sana hubate. Joon, “Dhugaan baayʼee waan na gammachiiseef, mana barumsaatti bilisummaadhaan dubbachuun jalqabe” jedheera.

Joon Bilaankisan

Joon barumsi Sillaasee barumsa Kitaaba Qulqulluu akka hin taane sirriitti erga hubatee booda, gaaf tokko waaʼee kanaa qeesii gaafachuuf gara waldaa Anjeliikaan tokkoo dhaqe. Qeesichis baayʼee aaree, “Ati Kiristiyaana miti; ati kan Diyaabiloosi. Baʼi asii!” jedhee isa ariʼe.

Joon gara manaatti erga deebiʼee booda, qeesichaaf xalayaa barreessee namoota walitti qabaman duratti Sillaaseedhaaf akka falmu isa affeere. Qeesichis gara biiroo barsiisaa mana barumsaa sana keessatti iddoo olaanaa qabuu akka dhaqu Joonitti hime; barsiisaan kunis biiroo sana keessatti dhuguma qeesichaaf xalayaa barreessuusaa Jooniin gaafate.

Joonis, “Eeyyee, Gooftaa koo” jedhee isaaf deebise.

Yeroo kanatti barsiisaan sun Joon xalayaa barreessee dhiifama gaafachuu akka qabu dubbate. Kanaafuu, Joon akkana jedhee barreesse:

“Gooftaa koo, barsiisaan koo xalayaa barreessee dhiifama akkan si gaafadhu waan natti himeef, dhiifama akka naa gootu sii barreessuuf qophaaʼaan jira; kana kanan godhu garuu, barumsa sobaa akka barsiistu yoo amante qofadha.”

Barsiisaan sunis baayʼee naʼee, “Joon, wanti barreessuu barbaadde kanadhaa?” jedhee isa gaafate.

“Eeyyee, Gooftaa koo. Wantan barreessuu dandaʼu hunda barreesseera.”

“Taanaan, barumsa keerraa ariʼamta. Qeesii waldaa mootummaatti akkasitti dubbattee mana barumsaa mootummaa keessatti barachuu kee itti fufuu kan dandeessu sitti fakkaataa?”

“Garuu, Gooftaa koo, . . . waaʼee wanta tokkoo erga nu barsiistanii booda wanti nuuf hin galle yoo jiraate gaaffii isin gaafanna mitii?”

“Eeyyee, na gaafattu.”

“Egaa, Gooftaa koo, anis kanuman godhe. Qeesichi Kitaaba Qulqulluu nu barsiisaa ture, anis gaaffiin isa gaafadhe. Inni gaaffii gaafatame deebisuu waan dadhabeef, dhiifama gaafachuun qabaa?”

Joon barumsarraa hin ariʼamne. Dhiifama gaafachuufis xalayaa hin barreessine.

YEROO GARA FUULDURAA HAWWIIDHAAN EEGUU

Masaraan Eegumsaa akkana jechuudhaan waaʼee sochii waggaa sanatti godhamee ibseera: “Nutis akkuma Daawit, ‘Waraanaaf jabina na hidhachiista’ jechuu dandeenya. (Faarfannaa 18:39) Waggaa kana keessatti harka Gooftaa waan argineef jajjabina guddaa arganneerra . . . Tajaajiltoonnisaa amanamoon . . . gammachuudhaan dhugaa baʼaa turan.”

Dhuma waggichaatti obboloonni tajaajila raadiyoodhaan raawwatamu balʼisuuf karoorfatan. Kanaafuu, naannoo Chikaagootti buufanni raadiyoo kan biraa ni ijaarame. Buufanni haaraan kun gabaajee WORD jedhuun waamamuunsaa sirriidha. Yeroo kanatti meeshaa namoonni caalaatti fagaatanii jiraatanis, ergaa Mootummichaa akka dhagaʼan dandeessisu fayyadamanii turan; sagantichi hamma kaaba Kaanaadaattillee ni dhagaʼama ture.

Bara 1925tti, Yihowaan Barattoonni Kitaaba Qulqulluu Mulʼata boqonnaa 12 caalaatti akka hubatan gargaaree ture. Kun namoota tokko tokkotti gufuu taʼeera. Namoonni baayʼeen garuu, waaʼee taʼeewwan samii keessatti uumamanii fi taʼeewwan kun saba Waaqayyoo lafarra jiranirratti dhiibbaa akkamii akka godhan caalaatti hubachuu isaaniitti gammadanii turan.

a Amma Barreeffama Qoʼannaa Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa jedhama.

b Raazarfoordi inni hojii Barattoota Kitaaba Qulqulluu geggeessaa ture abbaa murtii taʼuusaatiin beekama ture. Beetelitti tajaajiluu jalqabuusaa dura, darbee darbee Mana Murtii Mizoorii Aanaa Saddeettaffaarratti abbaa murtii addaa taʼee tajaajila ture.