Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 51

‘Isa Dhagaʼuu’ Keessan Itti Fufaa

‘Isa Dhagaʼuu’ Keessan Itti Fufaa

“Kun Ilma koo isa jaallatamaa, isa ani itti gammadu dha. Isa dhagaʼaa.”—MAT. 17:5.

FAARFANNAA 54 “Karichi isa Kana”

QABIYYEE *

1-2. (a) Ergamoonni Yesuus sadan maal akka godhan ajajaman? Isaan hoo maal godhan? (b) Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

DHALOOTA KIRISTOOS BOODA bara 32⁠tti, Ayyaana Faasikaa booda ergamoota isaa keessaa Pheexiros, Yaaqoobii fi Yohaannis mulʼata ajaaʼibsiisaa tokko argan. Yesuus gaara dheeraa tokko irratti (kutaa Gaara Hermoon taʼuu hin oolu) isaan duratti ni jijjiirame. “Fuulli isaa akka aduu ife; uffanni isaas akka ifaa calaqqise.” (Mat. 17:1-4) Dhuma mulʼatichaa irratti ergamoonni kun sagalee Waaqayyoo, “Kun Ilma koo isa jaallatamaa, isa ani itti gammadu dha. Isa dhagaʼaa” jedhu dhagaʼan. (Mat. 17:5) Ergamoonni sadan sunis jireenya isaanii keessatti Yesuusiin akka dhagaʼan argisiisaniiru. Nutis fakkeenya isaanii hordofuu barbaanna.

2 Mata duree darbe irratti, sagalee Yesuus dhagaʼuu jechuun wantoota tokko tokko gochuu dhiisuu akka taʼe baranneerra. Mata duree kana keessatti immoo, wantoota Yesuus gochuu akka qabnu dubbate lama ilaalla.

“KARRA ISA DHIPHAADHAAN OL SEENAA”

3. Maatewos 7:13, 14 akka jedhutti maal gochuu qabna?

3 Maatewos 7:13, 14 dubbisi. Yesuus karrawwan garaa garaa lama warra daandiiwwan garaa garaa lamatti geessan akka caqase hubadhaa; daandiiwwan kunis daandii isa “guddaa” fi daandii isa “qalʼoo” dha. Daandii sadaffaan hin jiru. Daandii irra deemnu ofuma keenyaa filachuu qabna. Kun murtoo baayʼee barbaachisaa taʼe dha; sababiin isaas, jireenya bara baraa argachuun keenya kana irratti kan hundaaʼe dha.

4. Daandiin inni ‘guddaan’ maali dha?

4 Garaa garummaa daandiiwwan kana lamaan gidduu jiru beekuun keenya barbaachisaa dha. Daandii isa “guddaa” irra deemuun salphaa waan taʼeef, namoonni irra deeman baayʼee dha. Kan nama gaddisiisu, namoonni baayʼeen namoota hedduu duukaa buʼuudhaan daandii kana irra deemuu isaanii itti fufaniiru. Isaan daandii gara duʼaatti geessu kana irra akka buʼan dhiibbaa isaan irratti gochaa kan jiru Seexana akka taʼe hin hubanne.—1 Qor. 6:9, 10; 1 Yoh. 5:19.

5. Namoonni tokko tokko daandii isa “qalʼoo” adda baafachuu fi irra deemuuf carraaqqii akkamii godhaniiru?

5 Daandii isa “guddaa” irraa haala faallaa taʼeen, daandiin inni kan biraan “qalʼoo” dha; namoonni daandicha argachuu dandaʼan muraasa akka taʼanis Yesuus dubbateera. Maaliif? Yesuus lakkoofsa itti aanu irratti duuka buutonni isaa raajota sobaa irraa akka of eeggatan isaan akeekkachiiseera. (Mat. 7:15) Namoonni tokko tokko amantaawwan kumaan lakkaaʼaman akka jiran dubbatu; baayʼeen isaaniis dhugaa akka barsiisan dubbatu. Amantaawwan hedduun waan jiraniif, namoonni baayʼeen abdii kutataniiru, akkasumas burjaajaʼaniiru; kanaan kan kaʼes, daandii gara jireenyaatti geessu barbaaduuf yaaluu illee dhiisaniiru. Garuu daandii kana argachuun ni dandaʼama. Yesuus, “Isin dubbii kootiin yoo jiraattan dhuguma barattoota koo ti; dhugaa ni beektu, dhugaanis bilisa isin baasa” jedheera. (Yoh. 8:31, 32) Namoota hedduu hordofuu mannaa, ofuma keetii dhugaa barbaaduun kee gaarii dha. Waaqayyo maal nu irraa akka barbaadu beekuuf, Dubbii isaa gadi fageenyaan qoʼachuu jalqabdeetta, akkasumas barumsawwan Yesuus barsiise dhageesseetta. Yihowaan barumsawwan amantaa sobaa irraa akka fagaannuu fi ayyaanawwan ykn barsiifatawwan amantii sobaa irraa maddan irratti hirmaachuu akka dhiisnu akka nu irraa barbaadu baratteetta. Wanta Yihowaan nu irraa barbaadu raawwachuu fi barsiifatawwan isa biratti fudhatama hin qabne dhiisuun salphaa akka hin taanes baratteetta. (Mat. 10:34-36) Sirreeffama barbaachisu gochuun siif salphaa hin turre taʼa. Haa taʼu malee, Abbaa kee isa samii waan jaallattuu fi isa biratti fudhatama argachuu waan barbaadduuf jijjiirama gochuuf carraaquu kee itti fufteetta. Akkas gochuu keetiin akka sitti gammades hin shakkisiisu!—Fak. 27:11.

DAANDII ISA QALʼOO IRRA DEEMUU KEENYA ITTI FUFUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

Gorsii fi ulaagaaleen Waaqayyoo daandii isa “qalʼoo” irra deemuu keenya itti fufuuf nu gargaaru (Keeyyata 6-8 ilaali) *

6. Faarfannaan 119:9, 10, 45, 133 akka jedhutti, daandii isa qalʼoo irra deemuu keenya itti fufuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

6 Daandii isa qalʼoo irra deemuu erga jalqabnee booda imala keenya itti fufuuf wanti nu gargaaru maali dha? Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Biyyoota tokko tokkotti daandii dhiphaan gaara cinaatti argamu dallaa konkolaachisaa fi konkolaataadhaaf eegumsa godhu qaba. Dallaan kun konkolaachistoonni qarqara daandichaatti akka hin siqne ykn akka irra hin darbine eegumsa isaaniif godha. Konkolaachisaan kam iyyuu dallaan sun bilisummaa akka isa dhowwatetti hin yaadu! Ulaagaaleen Yihowaa Kitaaba Qulqulluu keessatti argamanis, akkuma dallaa kanaa ti. Ulaagaaleen isaa kun daandii isa qalʼoo irra deemuu keenya akka itti fufnu nu gargaaru.—Faarfannaa 119:9, 10, 45, 133 dubbisi.

7. Dargaggoonni daandii isa qalʼootiif ilaalcha akkamii qabaachuu qabu?

7 Dargaggootaa, yeroo tokko tokko ulaagaaleen Yihowaa bilisummaa akka nama dhowwatan isinitti dhagaʼamaa? Miirri akkasii akka isinitti dhagaʼamu kan barbaadu Seexana dha. Inni wantoota namoonni daandii isa guddaa irra deeman gochaa jiran irratti akka xiyyeeffattan barbaada; sababiin isaas, namoonni sun gammachuu waan qaban fakkaatu. Akka hiriyoota daree keessanii ykn namoota intarneetii irratti argitanii jireenyatti gammadaa akka hin jirretti akka yaaddan barbaada. Seexanni ulaagaaleen Yihowaa jireenyatti sirriitti akka hin gammanne isin gochaa akka jiranitti akka yaaddan barbaada. * Haa taʼu malee, kana yaadadhaa: Seexanni namoonni daandii isaa irra deeman wanta dhuma irratti isaan irra gaʼu akka beekan hin barbaadu. Yihowaan garuu wanta namoonni daandii gara jireenyaatti geessu irra deemuu isaanii itti fufan argatan ifatti dubbateera.—Far. 37:29; Isa. 35:5, 6; 65:21-23.

8. Dargaggoonni muuxannoo Olaaf irraa maal barachuu dandaʼu?

8 Mee muuxannoo obboleessa dargaggeessa taʼee fi Olaaf jedhamuu irraa maal barachuu akka dandeenyu haa ilaallu. * Barattoonni daree isaa saalquunnamtii akka raawwatu dhiibbaa isa irratti godhu turan. Dhugaa Baatonni Yihowaa ulaagaalee ol aanoo Kitaaba Qulqulluutiin akka jiraatan yeroo isaaniif ibsu, shamarran daree isaa tokko tokko isaanii wajjin saalquunnamtii akka raawwatu caalaatti dhiibbaa isa irratti gochuu jalqaban. Garuu, Olaaf wanta sirrii taʼe cinaa dhaabbateera. Dhiibbaan irra gaʼe garuu kana qofa miti. Olaaf akkana jedheera: “Barsiisonni koo namoonni caalaatti akka na kabajaniif barumsa sadarkaa ol aanaa barachuu akkan qabu na amansiisuuf yaalaa turan. Yoon akkas gochuu baadhe jireenya milkaaʼina qabu jiraachuu akkan hin dandeenye natti himan.” Olaaf dhiibbaa akkasii akka dandamatu wanti isa gargaare maali dha? Akkana jedheera: “Obboloota gumii keessa jiranii wajjin walitti dhufeenya cimaa qabaadheera. Isaan akkuma maatii naaf taʼaniiru. Kitaaba Qulqulluu caalaatti gad fageenyaan qoʼachuus nan jalqabe. Caalaatti qoʼachuun koo dhugaa akkan argadhe caalaatti mirkanaaʼaa taʼuuf na gargaareera. Kanaan kan kaʼes, Yihowaa tajaajiluufan murteesse.”

9. Namoonni daandii isa qalʼoo irra deemuu isaanii itti fufuu barbaadan maal gochuu qabu?

9 Seexanni daandii gara jireenyaatti geessu irra deemuu kee akka dhaabdu gochuu barbaada. Inni daandii isa guddaa namoonni baayʼeen irra deemanii fi “badiisatti geessu” irra akka deemtu barbaada. (Mat. 7:13) Haa taʼu malee, Yesuusiin dhagaʼuu keenya kan itti fufnu yoo taʼee fi daandii qalʼoo sana akka eegumsaatti kan ilaallu yoo taʼe, daandicha irra deemuu keenya itti fufuu ni dandeenya. Mee amma immoo wanta Yesuus gochuu akka qabnu nutti hime kan biraa haa ilaallu.

OBBOLEESSA KEE WAJJIN ARAARAMI

10. Yesuus Maatewos 5:23, 24 irratti maal gochuu akka qabnu dubbate?

10 Maatewos 5:23, 24 dubbisi. Yesuus waaʼee yeroo Yihudoota isa dhaggeeffachaa jiran biratti iddoo guddaa qabu tokkoo dubbachaa ture. Mee waaʼee nama mana qulqullummaa keessatti horii aarsaadhaaf taʼu luba tokkotti kennuuf qophaaʼe tokkoo yaadaa. Namichi sun yeroo sanatti obboleessi isaa akka isatti gadde yoo yaadate, aarsaa isaa sana achumatti dhiisee ‘deemuu’ qaba. Maaliif? Sababiin isaas, aarsaa sana Yihowaadhaaf dhiheessuu isaa dura wanti barbaachisaan gochuu qabu jira. Yesuus, “Jalqaba obboleessa kee wajjin araarami” jechuudhaan ifatti dubbateera.

Fakkeenya Yaaqoob isa gad of qabuudhaan obboleessa isaa wajjin nagaa uumee ni hordoftaa? (Keeyyata 11-12 ilaali) *

11. Yaaqoob obboleessa isaa Esaawu wajjin araaramuuf carraaqqii akkamii akka godhe ibsi.

11 Seenaa Yaaqoob qoruudhaan warra kaanii wajjin nagaa uumuu ilaalchisee barumsa guddaa arganna. Yaaqoob biyya dhalootaa isaatii erga baʼee gara waggaa 20 booda, Waaqayyo karaa maleekaa isaa gara biyya dhalootaa isaatti akka deebiʼu isa ajaje. (Uma. 31:11, 13, 38) Garuu, wanti rakkisaan tokko jira ture. Esaawu inni angafa isaa taʼe isa ajjeesuu barbaadee ture. (Uma. 27:41) Yaaqoob obboleessi isaa amma iyyuu haaloo isatti qabatee akka jirutti waan yaadeef, “baayʼee sodaate; ni dhiphates.” (Uma. 32:7) Yaaqoob obboleessa isaa wajjin araaramuuf maal godhe? Jalqaba, dhimmicha ilaalchisee cimsee Yihowaa kadhate. Achiis, Esaawuuf kennaa erge. (Uma. 32:9-15) Dhuma irrattis, Yaaqoob dursa fudhatee Esaawuuf kabaja akka qabu argisiiseera. Yaaqoob Esaawu duratti kan sagade siʼa tokko ykn siʼa lama qofa utuu hin taʼin siʼa torba ture! Yaaqoob gad of qabuudhaan, akkasumas kabaja argisiisuudhaan obboleessa isaa wajjin araarameera.—Uma. 33:3, 4.

12. Fakkeenya Yaaqoob irraa maal baranna?

12 Akkaataa Yaaqoob obboleessa isaa Esaawu wajjin wal arguuf itti qophaaʼee fi isatti dhihaate irraa barumsa guddaa arganna. Yaaqoob gad of qabuudhaan Yihowaan akka isa gargaaru kadhateera. Achiis, obboleessa isaa wajjin araaramuuf wanta dandaʼu hundumaa gochuudhaan kadhannaa isaa wajjin haala wal simuun tarkaanfii fudhateera. Yaaqoob yeroo obboleessa isaa wajjin wal argetti balleessaan kan eenyuu akka taʼe dubbachuudhaan isaa wajjin wal hin falmine. Kaayyoon Yaaqoob obboleessa isaa wajjin araaramuu ture. Maarree, fakkeenya Yaaqoob hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

NAMOOTA KAANII WAJJIN NAGAA UUMUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

13-14. Obboleessa keenya yoo mufachiisne maal gochuu qabna?

13 Nuti namoonni daandii gara jireenyaatti geessu irra imalaa jirru, obboloota keenyaa wajjin hariiroo naga qabeessa taʼe qabaachuu barbaanna. (Rom. 12:18) Obboleessa keenya akka mufachiisne yoo beekne maal gochuu qabna? Akkuma Yaaqoob cimsinee Yihowaa kadhachuu qabna. Carraaqqii obboleessa keenyaa wajjin nagaa uumuuf goonu akka nuuf eebbisu isa kadhachuu qabna.

14 Kana malees, yeroo ramannee of qoruu qabna. Gaaffiiwwan armaan gadii of gaafachuu dandeenya: ‘Balleessaa akkan qabu ifatti dubbachuudhaan gad of qabee dhiifama gaafachuu fi nagaa uumuuf fedhii qabaa? Obboleessa ykn obboleettii koo wajjin araaramuuf dursa yoon fudhadhe Yihowaa fi Yesuusitti maaltu dhagaʼama?’ Deebiin keenya Yesuusiin dhagaʼuudhaan obboleessa keenyaa wajjin nagaa uumuuf jecha gad of qabuuf nu kakaasuu dandaʼa. Akkas gochuudhaan fakkeenya Yaaqoob hordofuu dandeenya.

15. Dhugaa buʼuuraa Efesoon 4:2, 3 irra jiru hojii irra oolchuun keenya obboleessa keenyaa wajjin nagaa uumuuf kan nu gargaaru akkamitti?

15 Yaaqoob yeroo obboleessa isaa wajjin wal argetti, utuu gad of qabuu baatee wanta uumamuu dandaʼu mee yaadi. Rakkoo guddaatu uumama ture. Nutis nagaa uumuuf obboleessa keenya bira yommuu deemnutti amala gad of qabuu argisiisuun keenya baayʼee barbaachisaa dha. (Efesoon 4:2, 3 dubbisi.) Fakkeenyi 18:19, “Obboleessi aare magaalaa dallaa dhagaa qabdu caalaa cimaa dha, falmiin akka danqaraa magaalaa dallaa dhagaa qabduu taʼes jira” jedha. Gad of qabuudhaan obboleessa keenya dhiifama gaafachuun keenya garuu, karaa “magaalaa dallaa dhagaa qabdu” sanatti itti seennu argachuuf nu gargaara.

16. Wanti irratti yaaduu qabnu kan biraan maali dha? Maaliif?

16 Wanta obboleessa keenyatti dubbannuu fi akkamitti akka dubbannu of eeggannoodhaan irratti yaaduun keenyas barbaachisaa dha. Yommuu qophaaʼoo taanutti, nama mufachiisne sana haasofsiisuu fi deebiʼee hariiroo gaarii nuu wajjin akka qabaatu gargaaruu qabna. Jalqaba irratti, wanta nutti hin tolle dubbachuu dandaʼa. Yeroo kanatti dafnee aarra taʼa ykn nuti balleessaa akka hin qabne ibsuuf yaalla taʼa; garuu kun nagaa uumuuf nu gargaaraa? Matumaa, nu hin gargaaru. Balleessaan kan eenyuu akka taʼe mirkaneessuu caalaa obboleessa kee wajjin nagaa uumuun barbaachisaa akka taʼe yaadadhu.—1 Qor. 6:7.

17. Fakkeenya Giilbarti irraa maal baratta?

17 Obboleessi keenya Giilbarti jedhamu nagaa uumuuf carraaqqii cimaa godheera. Akkana jedheera: “Anaaf intala tiyya gidduu rakkina cimaatu ture. Waggaa lamaa oliif karaa nagaa qabuun ishii haasofsiisuu fi hariiroo gaarii kanaan dura qabnu deebisuuf carraaqqii godheera.” Giilbarti wanta kan biraa akkamii godhe? Akkana jedheera: “Yeroo hundumaa waliin haasaʼuu keenya dura nan kadhadha, akkasumas wanta nama mufachiisu yoo dubbatte aaruu akkan hin qabnen of yaadachiisa. Dhiifama gochuuf qophaaʼaa taʼuun na barbaachisee ture. Mirga kootiif falmuu akkan hin qabne baradheera; akkasumas itti gaafatamummaan koo nagaa uumuu akka taʼe hubadheera.” Maarree, buʼaa akkamii argate? Giilbarti, “Yeroo ammaatti miseensota maatii koo hundumaa wajjin hariiroo gaarii qabaachuu kootiin nagaa sammuu argadheera” jedheera.

18-19. Nama tokko yoo mufachiisne maal gochuuf murteessuu qabna? Maaliif?

18 Maarree, obboleessa kee akka mufachiiste yoo hubatte maal gochuuf murteessuu qabda? Qajeelfama Yesuus nagaa uumuu ilaalchisee kenne hordofi. Waaʼee dhimmichaa Yihowaatti himi; hafuurri isaa nagaa uumuuf akka si gargaaru amani. Akkas yoo goote, gammachuu qabaatta, akkasumas Yesuusiin dhagaʼaa akka jirtu argisiista.—Mat. 5:9.

19 Yihowaan karaa Yesuus Kiristoos isa “gumichaaf mataa” taʼee qajeelfama jaalala irratti hundaaʼe nuuf kennuu isaatti baayʼee isa galateeffanna. (Efe. 5:23) Akkuma Pheexiros, Yaaqoobii fi Yohaannis ‘isa dhagaʼuuf’ haa murteessinu. (Mat. 17:5) Obboleessa mufachiisnee wajjin nagaa uumuudhaan kana gochuu akka dandeenyu ilaalleerra. Kana gochuudhaan, akkasumas daandii qalʼoo gara jireenyaatti geessu irra deemuu keenya itti fufuudhaan, yeroo ammaatti eebba hedduu, gara fuulduraatti immoo gammachuu dhuma hin qabne arganna.

FAARFANNAA 130 Dhiifama Godhaa

^ key. 5 Yesuus karra isa dhiphaa gara jireenyaatti geessuun akka ol seennu nu gorseera. Kana malees, obboloota keenyaa wajjin nagaa akka uumnu nu gorseera. Gorsa isaa hojii irra oolchuuf yeroo carraaqqii goonu rakkoowwan akkamiitu nu mudata? Rakkoowwan kana moʼuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

^ key. 7 Birooshura Gaaffii Dargaggoonni Gaafatan 10f Deebii Kenname jedhamu irraa gaaffii 6 isa, “Dhiibbaa Hiriyaa Damdamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?” jedhuu fi www.jw.org/om irraa animeeshinii gabatee adii Dhiibbaa Hiriyaa Damdamadhaa! jedhu ilaali. (BARUMSAWWAN KITAABA QULQULLUU > DARGAGGOOTA jedhu jalaa ilaali.)

^ key. 8 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

^ key. 56 IBSA FAKKII: Daandii “qalʼoo” dallaa Waaqayyo ijaare qabu irra deemuu keenya itti fufuudhaan balaawwan kanneen akka poornoogiraafii, hariiroo gocha naamusaan ala taʼetti nu geessuu, dhiibbaa jireenya keenya keessatti barumsa sadarkaa ol aanaatiif dursa kennuu jiran irraa ooluu dandeenya.

^ key. 58 IBSA FAKKII: Yaaqoob nagaa uumuuf jecha, obboleessa isaa Esaawu duratti irra deddeebiʼee sagadeera.