Kana Beektaa?
Kitaabni Qulqulluun yaada tokko tokko kan irra deebiʼu maaliifi?
BARREESSITOONNI Kitaaba Qulqulluu darbee darbee yaada tokko jechaa jechatti irra deebiʼu. Mee wantoota barreessitoota sanarratti dhiibbaa godhanii taʼuu dandaʼan sadii haa ilaallu:
Yeroo itti barreeffame. Israaʼel durii keessatti namoonni hedduun dhuunfaatti garagalchii Seerichaa hin qaban turan. Yeroo baayʼee sabichi Seericha kan dhagaʼan yeroo godoo qulqulluu duratti walitti qabamanii isaaniif dubbifamuttidha. (Kes. 31:10-12) Yeroo dubbifamutti baayʼatanii saʼaatii hedduudhaaf dhaabbatu turan; kanaafuu, xiyyeeffannaan isaanii salphaatti hihiramuu dandaʼa. (Nah. 8:2, 3, 7) Yeroo akkasiitti gaaleewwan ijoo taʼan irra deddeebiʼamuun isaanii barumsasaa yaadachuunii fi hojiirra oolchuun akka isaaniif salphatu godha. Jechoonni tokko tokko irra deddeebiʼamuun isaanii keessumaa dambiiwwanii fi heerawwan Waaqayyoo gadi fageenyaan yaadachuuf isaan gargaareera.—Lew. 18:4-22; Kes. 5:1.
Gosa barreeffamaa. Kitaaba Faarfannaa, Weedduu Weedduu Caaluu fi Faaruu Ermiyaas dabalatee, Kitaaba Qulqulluu keessaa gara dhibbeentaa 10 kan taʼu faarfannaadha. Yeroo tokko tokko faarfannaarratti jechi tokko tokko irra deddeebiʼama; kunis yaanni ijoon faarfannaa sanaa akka addaatuu fi dhaggeeffattoonni salphaatti akka yaadatan gumaacha godha. Fakkeenyaaf, yaada Faarfannaa 115:9-11 irratti argamu ilaali: “Yaa Israaʼelotaa, Yihowaatti amanamaa, inni gargaaraa fi gaachana keessani. Isin manni Aaron, Yihowaatti amanamaa, inni gargaaraa fi gaachana keessani. Isin warri Yihowaa sodaattan, Yihowaatti amanamaa, inni gargaaraa fi gaachana keessani.” Jechoonni kun irra deddeebiʼamuun isaanii dhugaan gatii guddaa qabu sammuu fi garaa namoota faarfatanii keessaa akka hin banne akka gargaaru ifadha.
Dhimmoota barbaachisoo taʼan addeessuuf. Barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu yeroo tokko tokko gaaleewwan barbaachisoo taʼan irra deddeebiʼu. Fakkeenyaaf, Yihowaan Israaʼelonni dhiiga akka hin nyaanne qajeelfama yeroo kennetti, sababii ajaja kana itti kenne irra deddeebiʼee akka dubbatu Museetti himee ture. Waaqayyo akkas kan godhe lubbuun foonii dhiiga keessa akka jiruu fi dhiigni lubbuu akka bakka buʼu addeessuu barbaadeeti. (Lew. 17:11, 14) Boodas ergamoonnii fi jaarsoliin Yerusaalem keessa turan wantoota Waaqayyoon gaddisiisanirraa fagaachuu ilaalchisee yeroo qajeelfama kennanitti dhiigarraa fagaachuun barbaachisaa akka taʼe ibsaniiru.—HoE. 15:20, 29.
Kitaabni Qulqulluun yaada tokko tokko irra deddeebiʼee kan dubbatu taʼuunsaa Yihowaan barsiifata akkasii akka qabaannu akka barbaadu kan argisiisu miti. Fakkeenyaaf Yesuus, “Yommuu kadhattan akka saboota kaanii waanuma wal fakkaatu irra deddeebitanii hin dubbatinaa” jedheera. (Mat. 6:7) Achiis kadhannaa fedhii Waaqayyoo wajjin wal simu dhiheessuuf, maalfaa caqasuu akka dandeenyu dubbateera. (Mat. 6:9-13) Kanaafuu, kadhannaa keenyarratti jechootuma wal fakkaatan irra deddeebiʼuu kan hin qabne taʼus, dhimma tokko ilaalchisee irra deddeebinee kadhachuu ni dandeenya.—Mat. 7:7-11.
Dubbiin Waaqayyoo inni geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame jechootaa fi gaaleewwan tokko tokko kan irra deddeebiʼu, akkas taʼuun isaa faayidaa waan qabuufi. Kun karaawwan Barsiisaan keenya inni Guddichi faayidaa keenyaaf itti nu barsiisu keessaa tokkodha.—Isa. 48:17, 18.