Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 8

“Dandeettii Hubannaa Keessanii Eeggadhaa, Dammaqoo Taʼaa!”

“Dandeettii Hubannaa Keessanii Eeggadhaa, Dammaqoo Taʼaa!”

“Dandeettii hubannaa keessanii eeggadhaa, dammaqoo taʼaa!”—1 PHE. 5:8.

FAARFANNAA 144 Badhaasicha Irratti Xiyyeeffadhu!

QABIYYEE a

1. Yesuus yeroo dhumni itti dhufu ilaalchisee barattoota isaatiin maal jedhe? Akeekkachiisa akkamii isaaniif kenneera?

 YESUUS duʼuu isaa guyyoota muraasa dura barattoonni isaa afur, “Mallattoon . . . dhuma sirna kanaa maali dha?” jedhanii isa gaafatanii turan. (Mat. 24:3) Barattoonni kun sirni Yihudootaa kan balleeffamu yoom akka taʼe beekuu barbaadanii taʼuu hin oolu. Yesuusis yeroo itti sirni Yihudootaa balleeffamu qofa utuu hin taʼin, waaʼee dhuma sirna nuti keessa jiraachaa jirruus dubbateera. Yesuus yeroo dhumaa ilaalchisee, “Waaʼee guyyaa sanaa yookiin saʼaatii sanaa, Abbaa malee kan beeku tokko illee hin jiru; maleekonni samiis taʼan Ilmi hin beekan” jedheera. Achiis barattoota isaa hunda, “Yeroo hundumaa dammaqaa eegaa” jedhee akeekkachiiseera.—Mar. 13:32-37.

2. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaatti turan yeroo hunda dammaqoo taʼuun kan isaan barbaachise maaliif ture?

2 Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa Yihudoota taʼan lubbuudhaan ooluu akka dandaʼaniif yeroo hunda dammaqoo taʼuu qabu turan. Yesuus yeroo itti sirni Yihudootaa balleeffamu beekuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe duuka buutota isaatti himeera. “Yerusaalem loltootaan marfamtee yommuu argitan, yeroo sana badiisni ishii akka dhihaate beekaa” jedheera. Yeroo sanatti barattoonni Yesuus akeekkachiisa inni isaaniif kenne hordofuudhaan ‘gara gaarotaatti baqachuu’ qabu turan. (Luq. 21:20, 21) Namoonni akeekkachiisa kanaaf xiyyeeffannaa kennan yeroo warri Roomaa Yerusaalemiin balleessanitti lubbuudhaan ooluu dandaʼaniiru.

3. Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

3 Yeroo ammaatti kan jiraannu yeroo dhumni sirna hamaa kanaa baayʼee itti dhihaate keessadha. Kanaafuu, nutis dandeettii hubannaa keenyaa eeggachuu fi dammaqoo taanee jiraachuu qabna. Mata duree kana keessatti taʼeewwan addunyaarratti raawwataman xiyyeeffannaadhaan kan hordofnu taʼus, madaallii keenya eeggachuu, of eeggannoo gochuu fi yeroo hafetti akka gaariitti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.

TAʼEEWWAN ADDUNYAA YEROO ILAALTU MADAALLII KEE EEGGADHU

4. Taʼeewwan addunyaa raajiin Kitaaba Qulqulluu akka raawwatamu kan godhu akkamitti akka taʼe xiyyeeffannaadhaan hordofuu kan qabnu maaliifi?

4 Taʼeewwan addunyaarratti raawwataman raajiin Kitaaba Qulqulluu akka raawwatamu kan godhan akkamitti akka taʼe xiyyeeffannaadhaan hordofuun keenya gaariidha. Fakkeenyaaf, Yesuus taʼeewwan dhumni sirna Seexanaa dhihaachuu isaa beekuuf nu gargaaran nutti himeera. (Mat. 24:3-14) Pheexiros ergamaanis amantiin keenya cimaa taʼee akka itti fufuuf raawwii raajiiwwan Kitaaba Qulqulluutiif xiyyeeffannaa akka kenninu nu jajjabeesseera. (2 Phe. 1:19-21) Kutaan Kitaaba Qulqulluu inni dhumaa, “Wanta dhiheenyatti taʼuu qabu garboota isaatti argisiisuuf mulʼata Waaqayyo Yesuus Kiristoositti kennee fi karaa isaa mulʼise” jechuudhaan jalqaba. (Mul. 1:1) Kanaafuu, wantoota yeroo ammaatti addunyaarratti raawwatamaa jiraniif xiyyeeffannaa guddaa kennina; wantoonni kun raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu akka raawwataman kan godhan akkamitti akka taʼe beekuufis fedhii guddaa qabna. Wantoota kanarratti warra kaan wajjin mariʼachuunis nu gammachiisa.

Raajii Kitaaba Qulqulluurratti yeroo mariʼannu maal gochuurraa of qusachuu qabna? Garuu maal gochuu qabna? (Keeyyata 5 ilaali) b

5. Maal gochuurraa of qusachuu qabna? Garuu maal gochuu qabna? (Fakkichas ilaali.)

5 Haa taʼu malee, raajii Kitaaba Qulqulluurratti yeroo mariʼannu wanta taʼuuf jedhu tilmaamuurraa of qusachuu qabna. Maaliif? Sababiin isaas, wanta tokkummaa gumii diigu dubbachuu hin barbaannu. Fakkeenyaaf, geggeessitoonni addunyaa walitti buʼiinsa tokko furuudhaan nagaa fi tasgabbii kan fidan akkamitti akka taʼe yeroo dubbatan ni dhageenya taʼa. Wanti isaan dubbatan kun raajiin 1 Tasalonqee 5:3 irratti argamu akka raawwatamu akka godhu tilmaamuu mannaa, wanta dhiheenyatti waaʼee kanaa ibsame beekuuf yaaluu qabna. Mariin keenya wantoota jaarmiyaan Yihowaa baaserratti kan xiyyeeffate akka taʼu yoo goone, gumichi “kaayyoodhaan guutummaatti tokkummaa akka [qabaatu]” gumaacha goona.—1 Qor. 1:10; 4:6.

6. Pheexiros Lammaffaa 3:11-13 irraa maal baranna?

6 Pheexiros Lammaffaa 3:11-13 dubbisi. Pheexiros ergamaan raajii Kitaaba Qulqulluu qoruu ilaalchisee ilaalcha madaalamaa akka qabaannu nu gorseera. Gorsa, “Guyyaa Yihowaa . . . sammuu keessanitti dhiheessaa yaadaa” jedhu nuuf kenneera. Gorsa kana kan hordofnu maaliifi? ‘Guyyaa fi saʼaatii’ itti Yihowaan Armaagedoon fidu beekuuf yaaluu waan barbaannuuf utuu hin taʼin, yeroo hafetti ‘amala qulqulluu qabaachuu fi hojiiwwan Waaqayyoof kan bulle taʼuu keenya argisiisan hojjechuuf’ itti fayyadamuu waan barbaannuufi. (Mat. 24:36; Luq. 12:40) Jecha biraatiin, amala qajeelaa qabaachuu fi carraaqqiin Yihowaa tajaajiluuf goonu jaalala guddaa isaaf qabnu kan argisiisu akka taʼu gochuu barbaanna. Kana gochuufimmoo of eeggachuu qabna.

OF EEGGACHUU JECHUUN MAAL JECHUUDHA?

7. Akka of eeggannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? (Luqaas 21:34)

7 Yesuus barattoonni isaa wantoota addunyaarratti raawwatamaniif xiyyeeffannaa akka kennan qofa utuu hin taʼin, akka of eeggatanis isaanitti himeera. Akeekkachiisa Luqaas 21:34 irratti kennerratti qabxii kana ifa godheera. (Dubbisi.) Yesuus “of eeggadhaa” akka jedhe hubadhu. Namni of eeggatu haala walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabu balaadhaaf saaxilu beeka, irraa fagaachuufis tarkaanfii fudhata. Kana gochuudhaan jaalala Waaqayyoo keessatti of eega.—Fak. 22:3; Yih. 20, 21.

8. Phaawulos ergamaan Kiristiyaanotaaf gorsa akkamii kenne?

8 Phaawulos ergamaanis Kiristiyaanonni akka of eeggatan gorseera. Fakkeenyaaf, Kiristiyaanota Efesooniin, “Kan deddeebitan akka warra ogummaa hin qabneetti utuu hin taʼin, akka warra ogeeyyiitti taʼuu isaa of eeggannoodhaan hubadhaa” jedheera. (Efe. 5:15, 16) Michummaan Yihowaa wajjin qabnu yeroo hundumaa balaadhaaf kan saaxilamedha; kanaafuu, Kitaabni Qulqulluun balaa kamirraayyuu of eeguuf, “fedhiin Yihowaa maal akka taʼe hubachuu [keenya akka itti fufnu]” nu gorsa.—Efe. 5:17.

9. Fedhii Yihowaa hubachuu kan dandeenyu akkamitti?

9 Kitaabni Qulqulluun wantoota michummaa Yihowaa wajjin qabnu balaadhaaf saaxilan hunda hin ibsu. Yeroo baayʼee dhimmoota kallattiidhaan Kitaaba Qulqulluu keessatti hin ibsamne ilaalchisee murtoo gochuun nu barbaachisa. Filannaa ogummaarratti hundaaʼe gochuuf “fedhiin Yihowaa maal akka taʼe hubachuu” qabna. Yeroo hunda Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu fi irratti xiinxaluudhaan kana gochuu dandeenya. Fedhiin Yihowaa maal akka taʼe caalaatti hubachaa fi “yaada Kiristoos” qabaachaa yeroo deemnu yeroo seerri kallattiidhaan ibsame hin jiraannettillee “akka warra ogeeyyiitti” deddeebiʼuu dandeenya. (1 Qor. 2:14-16) Balaawwan tokko tokko adda baafachuun salphaadha, kaan garuu adda baafachuun rakkisaadha.

10. Balaawwan irraa fagaachuu qabnu tokko tokko kamfaʼi?

10 Balaawwan irraa fagaachuu qabnu tokko tokko, kolomsuu, garmalee dhuguu, garmalee nyaachuu, dubbii gadhee dubbachuu, akkasumas bashannana hammina of keessatti qabatee fi poornoogiraafii ilaaluudha. (Far. 101:3) Diinni keenya Diyaabilos michummaa Yihowaa wajjin qabnu nu jalaa balleessuuf yeroo hundumaa carraa barbaada. (1 Phe. 5:8) Yoo of eeggachuu baanne Seexanni sanyii hinaaffaa, amanamummaa dhabuu, sassataa, jibbaa, of tuulummaa fi haaloo qabachuu sammuu fi garaa keenya keessatti facaasuu dandaʼa. (Gal. 5:19-21) Jalqabarratti amaloonni kun baayʼee cimaa taʼuu dhiisuu dandaʼu. Haa taʼu malee, of keessaa buqqisuuf dafnee tarkaanfii yoo fudhachuu baanne akkuma biqiltuu summaaʼaa nu keessatti guddachuu fi miidhaa nurraan gaʼuu dandaʼu.—Yaq. 1:14, 15.

11. Balaa dhokataan irraa fagaachuu qabnu tokko maalidha? Maaliif?

11 Balaa dhokataan irraa fagaachuu qabnu tokkommoo hiriyummaa gadheedha. Mee haala kanatti aanee jiru haa ilaallu. Nama Dhugaa Baatuu Yihowaa hin taane tokko wajjin hojjetta haa jennu. Namni si wajjin hojjetu kun Dhugaa Baatota Yihowaatiif ilaalcha gaarii akka qabaatu waan barbaadduuf gaarummaa isatti argisiista. Yeroo tokko tokkommoo laaqana isa wajjin nyaatta taʼa. Utuma baayʼee hin turin yeroo hundumaa akkas gochuu jalqabde. Darbee darbee namni sun wanta naamusaan ala taʼe dubbata; jalqabarratti wanti inni dubbatu sitti hin tolu ture. Booda garuu dubbii akkasiitti waan barteef si aarsuu dhiise. Achiis gaaf tokko namni si wajjin hojjetu kun hojii booda dhugaatii akka waliin dhugdan si affeere, atis affeerraa isaa ni fudhatte. Yeroo boodas akkuma isaatti yaaduu jalqabde. Maarree, kana booda wanta inni godhu gochuu jalqabuuf yeroo hammamii sitti fudhata? Namoota hundumaatti gaarummaa fi kabaja kan argisiisnu taʼus, namoonni yeroo wajjin dabarsinu dhiibbaa guddaa akka nurratti godhan yaadachuu qabna. (1 Qor. 15:33) Akkuma Yesuus nu gorsetti kan of eeggannu yoo taʼe utuu hin barbaachisin namoota ulaagaalee Yihowaa hin hordofne wajjin walitti hin dhihaannu. (2 Qor. 6:15) Balaa akka qabu waan beeknuuf michummaa akkasii uumuurraa ni fagaanna.

YEROO KEETTI AKKA GAARIITTI FAYYADAMI

12. Barattoonni Yesuus dhuma sirna kanaa yeroo eeggatanitti hojii akkamii hojjetu?

12 Barattoonni Yesuus dhuma sirna kanaa yeroo eeganitti hojii hin hiikan. Yesuus hojii hojjetan isaaniif kenneera. Misiraachicha “Yerusaalemitti, guutummaa Yihudaa fi Samaariyaatti, akkasumas hanga andaara lafaatti” akka lallaban isaan ajajeera. (HoE. 1:6-8) Hojiin duuka buutota Yesuusiif kenname kun hojii guddaadha. Namootaaf lallabuuf wanta isaaniif dandaʼame hunda gochuudhaan yeroo isaaniitti akka gaariitti fayyadamu.

13. Yeroo keenyatti akka gaariitti fayyadamuun kan nu barbaachisu maaliifi? (Qolosaayis 4:5)

13 Qolosaayis 4:5 dubbisi. Nutis of eeggachuuf yeroo keenyatti akkamitti akka fayyadamnu irratti yaaduu qabna. “Wanti hin eegamne” hunda keenyayyuu mudachuu dandaʼa. (Lal. 9:11) Fakkeenyaaf, akka tasaa lubbuu keenya dhabuu dandeenya.

Yeroo keenyatti akka gaariitti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti? (Keeyyata 14-15 ilaali)

14-15. Yeroo keenyatti akka gaariitti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti? (Ibroota 6:11, 12) (Fakkichas ilaali.)

14 Fedhii Yihowaa raawwachuudhaan, akkasumas michummaa isa wajjin qabnu cimsachuudhaan yeroo keenyatti akka gaariitti fayyadamuu dandeenya. (Yoh. 14:21) Gorsa, “Jabaadhaa dhaabbadhaa, hin sochoʼinaa, yeroo hunda hojiin Gooftaa kan isiniif baayʼate taʼaa” jedhu hojiirra oolchuu qabna. (1 Qor. 15:58) Akkas yoo goone yeroo duʼuuf akka jennu beeknuttis taʼe dhumni sirna kanaa dhufutti wanti nu gaabbisiisu hin jiraatu.—Mat. 24:13; Rom. 14:8.

15 Yeroo harʼaatti Yesuus barattoonni isaa waaʼee Mootummaa Waaqayyoo guutummaa lafaatti yeroo lallaban isaan geggeessuu isaa itti fufeera. Inni waadaa gale eegeera. Jaarmiyaa Yihowaatti fayyadamee akkamitti akka lallabnu nu leenjiseera, meeshaalee misiraachicha babalʼisuuf nu barbaachisanis nuu qopheesseera. (Mat. 28:18-20) Nutis hojii lallabuu fi barsiisuurratti jabaannee hojjechuudhaan, akkasumas yeroo itti Yihowaan dhuma sirna kanaa fidu yommuu eeggannutti dammaqoo taanee itti fufuudhaan gaʼee keenya raawwachuu qabna. Gorsa Ibroota 6:11, 12 irratti argamu hojiirra oolchuudhaan abdii keenya “hamma dhumaatti” cimsinee qabanna.—Dubbisi.

16. Maal gochuuf murteessineerra?

16 Yihowaan guyyaa fi saʼaatii itti sirna Seexanaa kana balleessu murteesseera. Guyyaan sun yeroo gaʼu Yihowaan raajiiwwan Dubbii isaa keessatti barreessise hunda ni raawwata. Hammasitti garuu yeroo tokko tokko dhumni sirna kanaa akka ture nutti dhagaʼama taʼa. Haa taʼu malee, guyyaan Yihowaa “hin turu.” (An. 2:3) Kanaafuu, ‘Waaqa fayyinaa keenya obsaan eeggachuudhaan dammaqinaan Yihowaa eeggachuu keenya itti fufuuf’ haa murteessinu.—Mik. 7:7.

FAARFANNAA 139 Addunyaa Haaraa Keessatti Of Ilaali

a Mata duree kana keessatti karaa hafuuraa madaallii keenya eeggachuu fi dammaqoo taanee jiraachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla. Of eeggachuu fi yeroo keenyatti akka gaariitti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼes ni ilaalla.

b IBSA FAKKII: (Gubbaa) Hiriyoonni gaaʼelaa tokko oduu ilaalaa jiru. Boodas, walgaʼii gumii booda wanti oduurratti argan hiika akkamii akka qabu yaada dhuunfaa isaanii warra kaanitti himaa jiru. (Gajjallaa) Hiriyoonni gaaʼelaa tokko raajii Kitaaba Qulqulluu ilaalchisee hubannaa amma qabnu beekuuf Gabaasa Qaama Olaanaa ilaalaa jiru. Barreeffamoota Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼanii fi garbicha amanamaadhaan qophaaʼan warra kaaniif kennaa jiru.