MASARAA EEGUMSAA—MAXXANSA QOʼANNAA Guraandhala 2016
Maxxansi kun mata dureewwan Ebla 4 hanga Caamsaa 1, 2016tti qoʼataman kan qabate dha.
SEENAA JIREENYAA
Yihowaan Tajaajila Isaa irratti Milkaaʼina Akkan Argadhu Na Gargaareera
Koorwan Roobinsan waggaa jaatamaa ol Betʼel Yunaayitid Isteetis keessatti tajaajile dabalatee waggoota 73f amanamummaadhaan Waaqayyoon tajaajileera.
Yihowaan “Michuu Koo” Jedhee Isa Waameera
Michuu Yihowaa taʼuu ni barbaaddaa? Akkamitti kana gochuu akka dandeessu fakkeenya Abrahaam irraa baradhu.
Fakkeenya Namoota Yihowaa Wajjin Michummaa Cimaa Qabanii Hordofaa
Ruut, Hisqiyaasii fi Maariyaam Waaqayyoo wajjin michummaa cimaa uumuu kan dandaʼan akkamitti?
Gammachuudhaan Yihowaa Tajaajiluu Kee Itti Fufi
Seerawwan guguddaa sadii irratti xiinxaluun kee gammachuu kee eegdee jiraachuuf si gargaara.
Yihowaadhaaf Amanamaa Taʼuu Kee Argisiisi
Fakkeenyi Yonaataan haalawwan rakkisoo taʼan afur keessatti Yihowaadhaaf amanamoo taʼuu keenya akka argisiisnu nu gargaaruu dandaʼa.
Tajaajiltoota Yihowaa Warra Amanamoo Taʼan Irraa Baradhaa
Daawit, Yonaataan, Naataanii fi Hushaayi hundumaa dura Yihowaadhaaf amanamoo kan taʼan akkamitti?
KUUSAA KEENYA KEESSAA
Konkolaataan Meeshaa Sagalee Guddisu Qabu Miliyoonota Biratti Beekame
“Konkolaataan Masaraa Eegumsaa meeshaa sagalee guddisu qabu” bara 1936 hanga 1941tti, Dhugaa Baatonni muraasni Biraaziil keessatti argaman ergaa Mootummichaa namoota miliyoonaan lakkaaʼamaniif lallabuuf isaan dandeessiseera.