SEENAA JIREENYAA
Dubartoonni Moloksee Turan Obbolaa Hafuuraa Waliif Taʼan
QUXISUU koo kan taate Araaseeliin akkana jettee natti iyyite: “Afaan kee qabi; waaʼee amantii keetii waan tokko dhagaʼuu hin barbaadu. Na dhukkubsa. Baayʼee si jibbeera!” Amma iyyuu umurii koo waggaa 91tti jechoonni sun hammam akka na gaddisiisanii turan nan yaadadha. Taʼu iyyuu, Lallabni 7:8, “Jalqaba gaarii irra, dhuma gaarii wayya” jedha; kun immoo jireenya keenya keessatti raawwatameera.—Feliisaa.
Feliisaa: Maatiin keenya amantii isaaniitti cimoo turan. Firoota keenya keessaa iyyuu namoonni 13 luboota ykn tajaajiltoota waldaa Kaatolikii turan. Phaaphaasiin Joon Pool Lammaffaan, durbiin haadha kootii inni mana barumsaa Kaatolikiitti barsiisaa ture yeroo duʼetti qulqulloota keessaa tokko akka taʼu dubbatanii turan. Jireenyi maatii keenyaa gad aanaa ture. Abbaan koo tumtuu ture; haati koo immoo maasii irratti hojjetti turte. Ijoollee saddeet keessaa ani angafa dha.
Yeroo umuriin koo waggaa 12 taʼu, Ispeenitti waraanni biyya keessaa ni jalqabe. Waraanicha booda abbaan koo ni hidhame. Mootummaan abbaa irree ture sun, ilaalcha siyaasaa abbaan koo qabutti hin gammadu ture. Haati koo maaticha qallabuun baayʼee waan itti ulfaateef, quxisuuwwan koo sadan, jechuunis Araaseelii, Loorii fi Raamoonii gara gadaamii Bilbaaʼoo, Ispeenitti argamu tokkootti akka ergitu hiriyaan ishii tokko yaada kenniteef. Achitti, yoo xinnaate waan nyaatan hin dhaban.
Araaseelii: Yeroo sanatti umuriin koo waggaa 14, umuriin Loorii waggaa 12, kan Raamoonii immoo waggaa 10 siʼa taʼu, maatii keenya irraa fagaachuun baayʼee nutti ulfaatee ture. Bilbaaʼootti hojiin keenya mana qulqulleessuu ture. Waggaa lama booda, moloksoonni sun gadaamii guddaa Zaaraagozaa keessatti argamuu fi warri dullooman keessatti kunuunfamanitti nu geessan. Hojiin keenya kushinaa qulqulleessuu kan ture siʼa taʼu, baayʼee nu dadhabsa ture.
Feliisaa: Obboloonni koo gara Zaaraagozaa yeroo dhaqan, haati koo fi eessumni koo inni luba ture, anis gadaamii sana akkan galu murteessan. Achii deemuun koo mucaa na jaallate tokko irraa akka na fageessu yaadanii turan. Nama amantiin ture; kanaafuu, yeroodhaaf gadaamii keessa akkan turu yaaduun isaanii na gammachiise. Guyyaa guyyaadhaan Qiddaasee irratti nan argaman ture; akka durbii koo isa Afriikaa keessatti moloksee taʼe tokkoo misiyoonii taʼuu illee nan yaadan ture.
Moloksoonni sun fedhiin ani biyya biraatti Waaqayyoon tajaajiluuf qabu naa cimsuuf waan tokko iyyuu hin goone; jireenyi gadaamiis mana hidhaa natti taʼee ture. Kanaafuu, waggaa tokko booda eessuma koo isa luba taʼe kunuunsuuf gara manaatti deebiʼuufan murteesse. Hojii mana keessaa nan hojjedhan ture; akkasumas, yeroo hunda galgala galgala calleetti fayyadamnee waliin kadhanna turre. Kana malees, bataskaana abaaboodhaan bareechuun, akkasumas fakkiiwwan durbee Maariyaamii fi “qulqullootaa” bareechuun na gammachiisa ture.
Araaseelii: Yeroo booda, jireenyi gadaamii keessaa ni jijjiirame. Kakuu isa jalqabaa ergan galee booda, moloksoonni obboloota koo irraa gargar na baasuuf murteessan. Raamooniin achuma Zaaraagozaatti hafte, Looriin gara Vaaleenshiyaa dhaqxe, ani immoo gara Maadriiditti kanan ergame siʼa taʼu, achittan kakuu isa lammaffaa gale. Gadaamiin Maadriid keessatti argamu bakka jireenyaa barattootaaf, namoota dulloomanii fi keessummoota kaaniif taʼu waan qabuuf hojii baayʼeetu jira ture. Ani mana yaalaa gadaamichaa keessattan hojjedha ture.
Moloksee taʼuun gammachuu kan argamsiisu natti fakkaatee ture. Yeroon gadaamii galu Kitaaba Qulqulluu akkan dubbisuu fi akkan hubadhu eegeen ture. Haa taʼu malee, namni waaʼee Waaqayyoo ykn waaʼee Yesuus dubbatu tokko illee hin jiru ture; Kitaaba Qulqulluus hin fayyadamnu turre. Hamma tokko Afaan Laatiinii baradheera; waaʼee jireenya “qulqullootaa” qoʼadheera, Maariyaamiinis nan waaqeffadhan ture. Yeroo baayʼee garuu hojii cimaa hojjenna turre.
Dhiphachuu waanan jalqabeef, geggeessituu gadaamichaan haasofsiise. Maatiin koo gargaarsi koo utuu isaan barbaachisuu hojii warri kaan itti sooroman cimee hojjechuun koo sirrii akka hin taanen ishiitti hime. Ishiinis, yaada koo na jijjiirsisuudhaan gadaamichaa baʼuu akkan hin yaadne gochuuf mana hidhaa gadaamichaatti na galchite.
Moloksoonni bakkan itti hidhamee na baasan; garuu amma iyyuu deemuu akkan barbaadu yeroo beekan deebisanii na hidhan. Siʼa sadii erga akkana godhanii booda, “Waaqayyoon utuu hin taʼin Seexana tajaajiluu waanan filadheef asii deemuufan jedha” jedhee yoon barreesse deemuu akkan dandaʼu natti himan. Gadaamichaa baʼuu kanan hawwu taʼu illee, yaadni kun baayʼee waan na naasiseef matumaa akkana jedhee barreessuu hin barbaadne. Dhuma irratti luba argachuu akkan barbaadu gaafadheen, wanta taʼe hunda isatti hime. Innis gadaamiin duraan keessa turee fi Zaaraagozaatti argamutti akka na jijjiiran godhe. Achitti jiʼoota muraasa ergan dabarsee booda gadaamiidhaa akkan baʼu naaf heyyamame. Utuu baayʼee hin turin, Loorii fi Raamooniinis gadaamiidhaa baʼan.
KITAABNI “DHOWWAME” TOKKO NU QOQQOODE
Feliisaa: Yeroo booda gaaʼela godhadheen gara Kantabriyaa dhaqe. Qiddaasee dhaquu kanan itti fufe siʼa taʼu, gaafa Dilbataa tokko waltajjii bataskaanaa irraa beeksisa cimaa tokkon dhagaʼe. Lubni tokko, kitaaba
Dhugaa Jireenya Bara Baraatti Geessu jedhamutti quba qabaa “Kitaaba kana ilaalaa!” jedhee aariidhaan iyye. Itti fufuudhaanis, “Kitaabni kun isiniif kennameera yoo taʼe, anatti kennaa ykn gataa!” jedhe.Kitaabicha hin qabun ture; garuu argachuun barbaade. Achiis, guyyoota muraasa booda Dhugaa Baatonni Yihowaa lama balbala koo rurrukutanii kitaaba “dhowwame” sana naa kennan. Kitaabicha gaafuma sana galgalan dubbise; dubartoonni sun deebiʼanii yeroo dhufanis Kitaaba Qulqulluu qoʼachuufan walii gale.
Utuu baayʼee hin turin dhugaan baradhe kana jaallachuun jalqabe. Jaalallin amantiidhaaf qabu inni jalqabaa, jaalalan Yihowaadhaaf qabuu fi hinaaffaan tajaajilaaf qabuun bakka buufame. Achii, bara 1973tti nan cuuphame. Maatii kootti dhugaa kana himuuf carraan qabu xinnoo kan ture taʼus, hamman dandaʼe itti himaan ture. Akkuman jalqaba irratti ibse, amantii koo cimsanii mormu turan; keessumaa immoo obboleettiin koo Araaseeliin baayʼee na mormiti turte.
Araaseelii: Gadaamii keessatti muuxannoo gadhee dabarsuu kootiin kan kaʼe, nan aaran ture; gammachuus hin qabun ture. Haa taʼu malee, Dilbata Dilbata Qiddaasee dhaquu fi guyyaa guyyaadhaan callee ittiin kadhatanitti fayyadamuu koo itti fufeen ture. Amma iyyuu Kitaaba Qulqulluu hubachuuf fedhii guddaa waanan qabuuf Waaqayyo akka na gargaarun isa gaafadhe. Obboleettiin koo Feliisaan waaʼee amantii ishii isa haaraa miira hoʼaadhaan yeroo natti himtu garuu, mankaraarsituu amantii akka taatettan ishii ilaala ture. Baayʼee ishii mormaan ture.
Waggoota muraasa booda hojiidhaaf Maadriiditti kanan deebiʼe siʼa taʼu, gaaʼelas nan godhadhe. Yeroo booda waan hunda shakkuun jalqabe. Namoonni yeroo hunda Qiddaasee irratti argaman, wanta Wangeelota irraa baratan hojii irra akka hin oolchine nan hubadhe. Kanaafuu, bataskaana dhaquun dhiise. “Qulqullootatti,” cubbuu himachuutti ykn ibidda bara baraatti amanuus nan dhiise. Akkasumas fakkiiwwan koo hunda nan balleesse. Wantin gochaa jiru sirrii taʼuu isaa mirkanaaʼaa hin turre. Abdii kanan kutadhe taʼus, “Si beekuun barbaada; na gargaari!” jedheen Waaqayyoon kadhadhe. Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo baayʼee mana koo dhufanii kan turan taʼus, ani balbala baneefii hin beeku. Amantii kam iyyuu nan shakkan ture.
Gara jalqaba bara 1980mmaniitti, obboleettiin koo Looriin ishiin biyya Faransaayi jiraattuu fi Raamooniin ishiin biyya Ispeen jiraattu Dhugaa Baatota
Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqaban. Isaanis akkuma Feliisaa akka gowwoomfaman natti dhagaʼame. Yeroo booda, dubartii Anjaliinas jedhamtu tokkoo wajjin ollaa taane. Ishiinis Dhugaa Baatuu Yihowaa turte. Anjaliinasii fi abbaan manaa ishii Kitaaba Qulqulluu akkan qoʼadhu yeroo hunda na gaafatu turan. Shakkituu fakkaadhus, dhugaa Kitaaba Qulqulluu akkan dheebodhe hubatanii turan. Yeroo booda, Kitaaba Qulqulluu koo isa hiika Naakaar Kooluungaa taʼe itti argisiisaan, “Tole, kanan fayyadamu Kitaaba Qulqulluu koo yoo taʼe nan qoʼadha” jedheen.DHUMA IRRATTI KITAABNI QULQULLUUN TOKKO NU GODHE
Feliisaa: Bara 1973tti yeroon cuuphame, magaalaa Saantaandar ishii magaalaa guddoo Kantabriyaa, Ispeen taate keessa Dhugaa Baatota gara 70tu jira ture. Naannoon tajaajilaa keenya balʼaa waan taʼeef, guutummaa biyyichaa keessatti tajaajiluuf dura atoobisiidhaan, achii immoo konkolaataa kan biraatiin deemna turre. Mandaroota naannoo sana jiranii fi dhibbaan lakkaaʼaman hamma waliin geenyutti deemneerra.
Waggoota darbanitti namoota hedduu Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuuf mirga kanan argadhe siʼa taʼu, barattoota koo keessaa 11 cuuphamaniiru. Garri caalaan isaanii Kaatolikoota turan. Anis duraan amantii kootti cimtuu waanan tureef, isaaniif obsuu fi isaan hubachuu akkan qabu beekan ture. Wanta cimsanii itti amanan dhiisuuf yeroon akka isaan barbaachisu, akkasumas dhugaa addaan baasanii beekuuf Kitaabni Qulqulluunii fi hafuurri Yihowaa garaa isaanii tuquu akka qabu beekan ture. (Ibr. 4:12) Abbaan manaa koo Biiyanveniidoon inni poolisii ture bara 1979tti kan cuuphame siʼa taʼu, haati koos duʼuu ishii yeroo muraasa dura Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabdee turte.
Araaseelii: Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu yeroon jalqabetti baayʼee shakkituun ture. Torbeewwan muraasa booda garuu, aartuu taʼuu koo nan dhiise. Dhugaa Baatonni Yihowaa waan barsiisan hojii irra kan oolchan taʼuun isaanii baayʼee natti tola ture. Shakkiin koo amantiidhaan kan bakka buufame taʼuu isaa irra iyyuu, gammachuun koo dabalaa deeme. Ollaawwan koo tokko tokko iyyuu, “Araaseelii, daandii filatte irra deemuu kee itti fufi!” naan jedhu turan.
Akkana jedhee kadhachuu koo nan yaadadha, “Yihowaa, abdii natti kutachuu dhiisuu keetiif, akkasumas wantan barbaadaa ture, jechuunis beekumsa Kitaaba Qulqulluu isa dhugaa akkan argadhu carraa baayʼee waan naa kenniteef sin galateeffadha.” Dubbii gadhee ishiitti dubbachuu kootiif obboleettii koo Feliisaa dhiifama gaafadheera. Amma wal mormuun keenya hafee, marii Kitaaba Qulqulluu gammachiisaa taʼe gochuu jalqabne. Bara 1989tti umurii koo waggaa 61ttan cuuphame.
Feliisaa: Amma umuriin koo waggaa 91 dha; abbaan manaa koo kan duʼe siʼa taʼu, jabinan kanaan dura qabus hin qabu. Taʼus, guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu nan dubbisa; hamma haalli fayyaa koo heyyametti gumii irratti nan argama; akkasumas hamman dandaʼe tajaajila irratti nan hirmaadha.
Araaseelii: Tarii moloksee waanan tureef taʼuu dandaʼa, lubootaa fi moloksootan tajaajila irratti argadhu hundaaf lallabuun natti tola. Barreeffama hedduu isaaniif kenneera; akkasumas isaanii wajjin marii gammachiisaa godhee beeka. Lubni tokko yeroo baayʼee ergan isa haasofsiisee booda akkana naan jechuu isaa nan yaadadha: “Araaseelii, sii wajjin guutummaatti waliin gala; garuu umurii koo kanatti eessa dhaquun dandaʼa? Miseensonni waldaa kootii fi maatiin koo maal naan jedhu?” Anis, “Waaqayyo hoo maal jedha?” jedheen deebiseef. Gaddaan mataa isaa kan raase taʼus, yeroo sanatti dhugaa barbaaduu isaa itti fufuuf jabina hin arganne.
Jireenya koo keessatti yeroo adda taʼe tokko nan yaadadha. Yeroon kun yeroo jalqaba abbaan manaa koo anaa wajjin walgaʼii dhaquu akka barbaadu natti hime dha. Yeroo sanatti umuriin isaa waggaa 80 kan ture taʼus, sana booda walgaʼii irraa hafee hin beeku ture. Kitaaba Qulqulluu qoʼatee babalʼisaa hin cuuphamne taʼe. Isaa wajjin tajaajiluudhaan yeroo gammachiisaa dabarseera. Abbaan manaa koo guyyaa itti cuuphamuuf yaade jiʼa lama dura duʼe.
Feliisaa: Wantootan jireenya koo keessatti baayʼee itti gammade keessaa tokko, obboleettonni koo sadan jalqaba irratti na mormaa turan obboloota koo hafuuraa taʼuu isaanii ti. Waliin taanee waaʼee Waaqa keenya Yihowaa fi waaʼee Dubbii isaa haasaʼuun baayʼee nu gammachiisa! Dhuma irratti anii fi obboleettonni koo karaa hafuuraa tokko taane. *
^ KEY. 29 Araaseeliin umuriin ishii waggaa 87, Feliisaan waggaa 91, Raamooniin immoo waggaa 83 dha; hundi isaanii iyyuu hamma harʼaatti hinaaffaadhaan Yihowaa tajaajiluu isaanii itti fufaniiru. Looriin Yihowaadhaaf amanamtuu taatee bara 1990tti duuteetti.