Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

YAADA QOʼANNAADHAAF TAʼU

Garaa Kee Qopheeffadhu

Garaa Kee Qopheeffadhu

Kitaaba Qulqulluu yeroo qoʼannu yaanni Yihowaa garaa keenya, jechuunis keessa namummaa keenyarratti dhiibbaa akka godhu barbaanna. Izraan gama kanaan fakkeenya gaarii nuuf taʼa; inni ‘Seera Yihowaa qorachuuf garaa isaa qopheeffatee ture.’ (Iz. 7:10) Nutoo garaa keenya qopheeffachuu kan dandeenyu akkamitti?

Kadhadhu. Yeroo hunda qoʼannaa jalqabuu kee dura kadhannaa dhiheessi. Wanta barattu hubachuu fi hojiirra oolchuuf akka si gargaaru Yihowaa gaafadhu.—Far. 119:18, 34.

Amala gad of qabuu horadhu. Waaqayyo namoota of tuulummaadhaan dandeettiisaaniitti amanaman jalaa dhugaa ni dhoksa. (Luq. 10:21) Warri kaan akka si jajaniif jettee qorannaa gochuurraa of qusadhu. Ilaalchi kee ilaalcha Waaqayyoo wajjin kan wal hin simne yoo taʼe gad of qabuudhaan sirreeffama godhi.

Faarfannaa Mootummichaa tokko dhaggeeffadhu. Muuziqaan humna guddaa waan qabuuf garaa keenya tuquudhaan waaqeffannaadhaaf qopheessa. Qoʼannaa kee jalqabuu kee dura faarfannaa Mootummichaa tokko dhaggeeffachuun kee garaa kee qopheeffachuuf si gargaaruu dandaʼa.