MATA DUREE QOʼANNAA 10
‘Namummaa Moofaa Of Irraa Baastee Gatuu’ ni Dandeessa
“Namummaa moofaa gochawwan isaa wajjin of irraa baasaa gataa.”—QOL. 3:9.
FAARFANNAA 29 Akka Maqaa Keenyaatti Jiraachuu
QABIYYEE *
1. Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabuu kee dura jireenyi kee maal fakkaata ture?
DHUGAA BAATOTA YIHOWAA wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabuu kee dura jireenyi kee maal fakkaata ture? Baayʼeen keenya waaʼee kanaa yaaduun illee nu sodaachisa. Ilaalchaa fi namummaa keenya irratti dhiibbaa kan godhe ulaagaalee addunyaan kun wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee baase ture. Kanaafuu, ‘addunyaa keessatti abdii malee fi Waaqayyo malee jiraachaa turre.’ (Efe. 2:12) Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun keenya garuu, jireenya keenya guutummaatti jijjiireera.
2. Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu yeroo jalqabdu maal hubatte?
2 Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kee yeroo itti fuftetti Abbaa samii irra jiraatuu fi baayʼee si jaallatu akka qabdu hubatte. Yihowaa gammachiisuu fi miseensa maatii tajaajiltoota isaa taʼuu yoo barbaadde, akkaataa jireenyaa, ilaalchaa fi yaada kee irratti jijjiirama guddaa gochuun akka si barbaachisu hubatte. Ulaagaalee isaa warra ol aanoo wajjin walsimtee jiraachuu barachuunis si barbaachisee ture.—Efe. 5:3-5.
3. Akka Qolosaayis 3:9, 10 jedhutti Yihowaan maal akka goonu barbaada? Mata duree kana keessatti maal ilaalla?
3 Yihowaan inni Uumaa keenyaa fi Abbaa keenya taʼe, miseensonni maatii isaa amala akkamii qabaachuu akka qaban murteessuuf mirga qaba. Akkasumas, cuuphamuu keenya dura ‘namummaa moofaa gochawwan isaa wajjin of irraa baasnee akka gannu’ nurraa eega. * (Qolosaayis 3:9, 10 dubbisi.) Mata dureen kun namoonni cuuphamuu barbaadan gaaffilee armaan gadii sadaniif deebii akka argatan gargaara: (1) ‘Namummaa moofaan’ maali dha? (2) Yihowaan “namummaa moofaa” of irraa baasnee akka gannu kan nu ajaje maaliifi? (3) Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Mata dureen kun nu warri cuuphamnes amaloonni namummaa moofaa akka nutti hin deebine of eeggachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe hubachuuf nu gargaara.
‘NAMUMMAA MOOFAAN’ MAALI DHA?
4. Namni ‘namummaa moofaan’ isa toʼate amala akkamii argisiisa?
4 Namni ‘namummaa moofaan’ isa toʼate yaannii fi gochi isaa fedhii foonii kan calaqqisiisu dha. Tarii nama ofittoo, dafee kan aaru, galata kan hin qabnee fi kan kooru taʼuu dandaʼa. Akkasumas poornoogiraafii ilaaluu fi fiilmiiwwan naamusaan ala taʼan ykn hammeenya babalʼisan daawwachuun isa gammachiisa taʼa. Namni kun amaloota gaggaarii tokko tokko akka qabu hin shakkisiisu, wanta gadhee dubbate ykn raawwateen kan kaʼe sammuun isaa isa ceephaʼa taʼa. Taʼus, ilaalchaa fi amala isaa jijjiiruuf kakaʼumsa dhaba.—Gal. 5:19-21; 2 Xim. 3:2-5.
5. Namummaa moofaa guutummaatti of irraa baasnee gatuu dandeenyaa? Ibsi. (Hojii Ergamootaa 3:19)
5 Hundi keenya iyyuu mudaa waan qabnuuf nu keessaa namni yaadaa fi fedhii dogoggoraa garaa fi sammuu isaa keessaa guutummaatti balleessuu dandaʼu hin jiru. Yeroo tokko tokko wanta booda itti gaddinu ykn itti gaabbinu ni dubbanna ykn ni raawwanna. (Er. 17:9; Yaq. 3:2) Namummaa moofaa of irraa baasnee yeroo gannu garuu ilaalchii fi hojiin foonii nu hin toʼatu. Sana booda amaloonni kun kutaa eenyummaa keenyaa hin taʼan.—Isa. 55:7; Hojii Ergamootaa 3:19 dubbisi.
6. Yihowaan ilaalcha dogoggoraa fi barsiifata gadhee akka dhiisnu kan nu jajjabeessu maaliifi?
6 Yihowaan ilaalcha dogoggoraa fi barsiifata gadhee akka dhiisnu kan nu jajjabeessu baayʼee waan nu jaallatuu fi jireenya gammachiisaa akka jiraannu waan barbaaduufi. (Isa. 48:17, 18) Inni namoonni fedhii dogoggoraatiin moʼaman, ofii isaaniis taʼe namoota naannoo isaanii jiran akka miidhan beeka. Kana arguun immoo baayʼee isa gaddisiisa.
7. Akka Roomaan 12:1, 2 jedhutti filannaa akkamii gochuu qabna?
7 Michoonni keenyaa fi miseensonni maatii keenya tokko tokko namummaa moofaa jijjiiruuf carraaqqii yeroo goonu jalqaba irratti nutti qoosu taʼa. (1 Phe. 4:3, 4) Wanta barbaanne gochuuf mirga akka qabnuu fi warri kaan wanta goonu akka nutti himan heyyamuu akka hin qabne nutti himu taʼa. Taʼus, namoonni ulaagaalee Yihowaatiif kabaja hin qabne bilisummaa dhugaa hin qaban. Kanaa mannaa, addunyaan Seexanni toʼatu dhiibbaa akka isaan irratti godhu heyyamaa jiru. (Roomaa 12:1, 2 dubbisi.) Hundi keenya iyyuu, namummaa moofaa isa cubbuu fi addunyaa Seexanaatiin bocame qabaannee itti fufuu fi Yihowaan namummaa gaarii qabaachuuf akka nu gargaaru heyyamuu keessaa tokko filachuu qabna.—Isa. 64:8.
NAMUMMAA MOOFAA ‘OF IRRAA BAASTEE GATUU’ KAN DANDEESSU AKKAMITTI?
8. Ilaalcha dogoggoraa fi barsiifata gadhee dhiisuuf maaltu nu gargaara?
8 Yihowaan ilaalcha dogoggoraa fi barsiifata gadhee dhiisuun yeroo fi carraaqqii akka gaafatu beeka. (Far. 103:13, 14) Haa taʼu malee, Yihowaan ogummaa, ciminaa fi deggersa eenyummaa keenya jijjiiruuf nu barbaachisu karaa Dubbii isaa, hafuura isaa fi jaarmiyaa isaa nuuf kenna. Amma iyyuu gargaarsa akka siif godhe beekamaa dha. Mee tarkaanfiiwwan namummaa moofaa of irraa baastee gatuu irratti fooyyaʼiinsa gochuudhaan cuuphamuuf gaʼumsa akka qabaattu si gargaaran tokko tokko haa ilaallu.
9. Dubbiin Waaqayyoo maal akka gootu si gargaara?
9 Kitaaba Qulqulluutti fayyadamuudhaan akka gaariitti of qori. Dubbiin Waaqayyoo akkuma daawwitiiti; akkaataa itti dubbattuu fi gocha kee gamaaggamuuf si gargaara. (Yaq. 1:22-25) Namni Kitaaba Qulqulluu si qoʼachiisuu fi Kiristiyaanonni bilchina qaban kan biroon gorsa sii kennuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, Kitaaba Qulqulluutti fayyadamanii ciminaa fi dadhabina kee akka adda baafattu si gargaaruu dandaʼu. Gorsa gaarii Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼee fi barsiifata gadhee moʼuuf si gargaaru argachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe si barsiisu. Yihowaanis yeroo hunda si gargaaruuf qophaaʼaa dha. Hundumaa caalaa si gargaaruu kan dandaʼu isa dha; sababni isaas, inni wanta garaa kee keessa jiru beeka. (Fak. 14:10; 15:11) Kanaafuu, isa kadhachuu fi guyyaa guyyaadhaan Dubbii isaa qoʼachuu barsiifata godhadhu.
10. Muuxannoo Ilii irraa maal baratte?
10 Ulaagaaleen Yihowaa hunda irra akka caalan mirkanaaʼaa taʼi. Wanta Yihowaan nu ajaju hunda gochuun nu fayyada. Warri akka ulaagaalee isaatti jiraatan ofiif kabaja qabaatu, jireenyi isaanii kaayyoo qabaata, akkasumas gammachuu dhugaa ni argatu. (Far. 19:7-11) Namoonni ulaagaalee Yihowaa tuffatan garuu, hojii foonii raawwachuu isaaniitiin kan kaʼe miidhaan isaan irra gaʼa. Mee namni Ilii jedhamu ulaagaalee Waaqayyoo tuffachuu ilaalchisee maal akka jedhe haa ilaallu. Iliin maatii Yihowaa jaallatu keessatti guddate. Haa taʼu malee, yeroo guddachaa deemu hiriyoota gadhee filate. Qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuu, jireenya naamusaan ala taʼe jiraachuu fi hatuu jalqabe. Iliin nama baayʼee aaruu fi nama hammeenya jaallatu taʼaa akka dhufe dubbateera. “Wanta gochuu akkan hin qabne baradhe hundumaa raawwachaan ture” jechuudhaan ifatti dubbateera. Taʼus, Iliin wanta ijoollummaa isaatti barate hin irraanfanne. Yeroo booda, deebiʼee Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu eegale. Barsiifata gadhee dhiisuuf carraaqqii waan godheef bara 2000tti cuuphameera. Jireenya isaa keessatti ulaagaalee Yihowaa eeguun isaa kan isa fayyade akkamitti? Iliin, “Amma nagaa sammuu fi qalbii qulqulluu qaba” jedheera. * Muuxannoon kun akka argisiisutti namoonni ulaagaalee Yihowaa tuffatan of miidhu. Taʼus, Yihowaan sana booda illee jijjiirama akka godhan isaan gargaaruuf fedhii qaba.
11. Yihowaan maalfaa jibba?
11 Wanta Yihowaan jibbu jibbi. (Far. 97:10) Kitaabni Qulqulluun Yihowaan, “ija of tuulu, arraba sobuu fi harka dhiiga qulqulluu dhangalaasu” akka jibbu dubbata. (Fak. 6:16, 17) Kana malees, “namoota hammina raawwatanii fi warra kaan gowwoomsan ni balfa.” (Far. 5:6) Yihowaan namoota bara Nohitti lafa hamminaan guutan haxaaʼee balleessuudhaan ilaalchaa fi gocha akkasii baayʼee akka jibbu argisiiseera. (Uma. 6:13) Mee fakkeenya kan biraa haa ilaallu. Yihowaan karaa Miilkiyaas raajichaa namoota haxxummaadhaan haadhotii manaa isaanii balleessaa hin qabne hiikan akka jibbu dubbateera. Waaqayyo waaqeffannaa isaanii hin fudhatu, gocha isaaniitiifis isaan gaafata.—Mil. 2:13-16; Ibr. 13:4.
12. ‘Wanta hamaa jibbuu’ jechuun maal jechuu dha?
12 Yihowaan nutis ‘wanta hamaa akka jibbinu’ barbaada. (Rom. 12:9) Jechi ‘jibbuu’ jedhu miira cimaa argisiisa; wanta tokko balfuu jechuu dha. Nyaata tortore akka nyaattu utuu siif kennamee maaltu sitti dhagaʼama? Kana yaaduun iyyuu si dhukkubsuu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun, wanta Yihowaan hamaa akka taʼetti ilaalu raawwachuu mitii, yaaduun illee nu jibbisiisuu qaba.
13. Yaada keenya eeggachuu kan qabnu maaliifi?
13 Yaada kee eeggadhu. Yaanni keenya gocha keenya irratti dhiibbaa godha. Yesuus yaadawwan cubbuu cimaa raawwachuutti nu geessan irraa fagaachuu akka qabnu kan barsiise kanaafi. (Mat. 5:21, 22, 28, 29) Abbaa keenya isa samii gammachiisuu akka barbaannu beekamaa dha. Kanaafuu, yaada dogoggoraa gara sammuu keenyaatti dhufu kam iyyuu yeruma sana of keessaa baasuun keenya baayʼee barbaachisaa dha.
14. Dubbiin keenya waaʼee keenya maal ibsa? Gaaffiiwwan kamfaa of gaafachuu qabna?
14 Dubbii kee toʼadhu. Yesuus, “Wanti afaan namaa keessaa baʼu kam iyyuu garaa keessaa baʼa” jedheera. (Mat. 15:18) Eeyyee, wanti dubbannu keessa keenyatti nama akkamii akka taane argisiisa. Kanaafuu, akkana jedhii of gaafadhu: ‘Dhugaa dubbachuun koo rakkina kan natti fidu yoo taʼe illee soba dubbachuu irraa nan fagaadhaa? Hiriyaa gaaʼelaa kootiin alatti nama kan biraa akkan hin kolomsine ofan eeggadhaa? Dubbii naamusaan ala taʼe irraa guutummaatti nan fagaadhaa? Namni tokko yeroo na aarsu tasgabbiidhaanan deebii kennaa?’ Gaaffiiwwan kana irratti xiinxaluun si fayyada. Dubbiin kee qulfii wayyaa wajjin wal fakkaachuu dandaʼa. Qulfii isaa yoo hiikte wayyaa sana of irraa baasuun siif salphata. Haaluma wal fakkaatuun, arrabsoo, sobaa fi dubbii naamusaan ala taʼe irraa fagaachuuf carraaqqii yoo goote, namummaa moofaa of irraa baastee gatuun siif salphata.
15. Namummaa keenya isa moofaa ‘muka irratti fannisuu’ jechuun maal jechuu dha?
15 Tarkaanfii barbaachisaa taʼe fudhachuuf murteessi. Phaawulos ergamaan akkaataa jireenyaa keenya jijjiiruun hammam barbaachisaa akka taʼe ibsuuf fakkeenya tokkotti fayyadameera. Namummaa keenya isa moofaa ‘muka irratti fannisuu’ akka qabnu barreesseera. (Rom. 6:6) Karaa kan biraatiin fakkeenya Kiristoos hordofuu qabna jechuu dha. Ilaalchaa fi gochawwan Yihowaan jibbu irraa fagaachuun keenya baayʼee barbaachisaa dha. Qalbii qulqulluu qabaachuu fi abdii jireenya bara baraa qabaachuu kan dandeenyu tarkaanfiiwwan kana yoo fudhanne qofa dha. (Yoh. 17:3; 1 Phe. 3:21) Yihowaan nu gammachiisuuf jecha ulaagaalee isaa akka hin jijjiirre yaadadhu. Kanaa mannaa, nuti namummaa keenya jijjiiruudhaan ulaagaalee isaa wajjin wal simnee jiraachuu qabna.—Isa. 1:16-18; 55:9.
16. Fedhii dogoggoraa moʼuuf carraaqqii gochuu kee itti fufuu kan qabdu maaliifi?
16 Fedhii dogoggoraa moʼuuf carraaqqii gochuu kee itti fufi. Erga cuuphamtee booda illee fedhii dogoggoraa moʼuuf carraaqqii gochuu qabda. Mee muuxannoo Maarisiyuu haa ilaallu. Maarisiyuun dargaggummaa isaatti dhiirota wajjin saalqunnamtii raawwachuu jalqabe. Yeroo booda garuu, saba Yihowaa wajjin wal baree Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu eegale. Jireenya isaa irratti jijjiirama erga godhee booda bara 2002tti cuuphame. Maarisiyuun waggoota hedduudhaaf Yihowaa kan tajaajile taʼus, “Yeroo tokko tokko hawwii dogoggoraa irraa fagaachuuf carraaqqii gochuun na barbaachisa” jedheera. Taʼus, kun akka abdii isa kutachiisu hin heyyamne. Akkana jedheera: “Fedhiiwwan kanaaf moʼamuu dhiisuuf yeroon filadhu Yihowaa gammachiisaa akkan jiru waanan beekuuf nan jajjabaadha.” *
17. Muuxannoo Naabihaa irraa wanti si jajjabeesse maali dha?
17 Gargaarsa Yihowaa argachuuf kadhadhu; jabina ofii keetti utuu hin taʼin hafuura Yihowaatti amanami. (Gal. 5:22; Filp. 4:6) Namummaa moofaa of irraa baasnee gatuu fi akkuma of irraa baasnetti itti fufuuf kutachuu qabna. Mee muuxannoo dubartii Naabihaa jedhamtuu haa ilaallu. Naabihaan yeroo umuriin ishii waggaa jaʼa turetti abbaan ishii ishii dhiisee deeme. “Kun miidhaa miiraa cimaa narraan geessiseera” jetteetti. Naabihaan guddachaa yeroo deemtu nama aarii ishii toʼachuu hin dandeenye taate. Qoricha sammuu namaa hadoochu gurguruu waan jalqabdeef, qabamtee waggoota muraasaaf hidhamte. Achiis mana hidhaa keessatti Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu eegalte. Kanaafuu, Naabihaan jijjiirama guguddaa gochuu jalqabde. Akkana jetteetti: “Barsiifata gadhee tokko tokko dhiisuun salphaa ture. Tamboo xuuxuu dhiisuun garuu baayʼee ulfaataa ture.” Naabihaan waggaa tokkoo oliif waldhaansoo erga gootee booda araada kana irraa bilisa taʼuu dandeesseetti. Kana gochuu kan dandeesse akkamitti? Naabihaan, “Hundumaa caalaa tamboo xuuxuu dhiisuuf kan na gargaare, yeroo hunda Yihowaa kadhachuu koo ti” jetteetti. Amma namoota kaaniin, “Ani Yihowaa gammachiisuuf jijjiirama gochuu ergan dandaʼee, namni kam iyyuu kana gochuu ni dandaʼa!” jetti. *
ULAAGAA CUUPHAMUUF BARBAACHISU GUUTUU DANDEESSA!
18. Akka 1 Qorontos 6:9-11 jedhutti tajaajiltoonni Waaqayyoo hedduun maal gochuu dandaʼaniiru?
18 Jaarraa jalqabaatti dhiironnii fi dubartoonni Yihowaan Kiristoos wajjin akka bulchan filate tokko tokko sana dura gochawwan gadhee ni raawwatu turan. Fakkeenyaaf, ejjitoota, warra nama gadhoomsanii fi hattoota turan. Haa taʼu malee, gargaarsa hafuura Waaqayyootiin namummaa isaanii jijjiiruu dandaʼaniiru. (1 Qorontos 6:9-11 dubbisi.) Yeroo harʼaattis Kitaabni Qulqulluun namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman jireenya isaanii keessatti jijjiirama akka godhan gargaareera. * Barsiifatawwan gadhee ciccimoo taʼanii fi dhiisuun ulfaataa taʼe moʼuu dandaʼaniiru. Fakkeenyi isaanii atis namummaa kee jijjiiruu fi barsiifata gadhee moʼuudhaan ulaagaa cuuphamuuf barbaachisu guutuu akka dandeessu argisiisa.
19. Mata dureen itti aanu waaʼee maalii ibsa?
19 Namoonni cuuphamuu barbaadan namummaa moofaa of irraa baasanii gatuu qofa utuu hin taʼin, namummaa haaraa uffachuufis carraaqqii cimaa gochuu qabu. Mata duree itti aanu keessatti, kana gochuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼee fi warri kaan nu gargaaruu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe ilaalla.
FAARFANNAA 41 Maaloo Kadhannaa Koo Naa Dhagaʼi
^ key. 5 Ulaagaa cuuphamuuf barbaachisu guutuuf, namummaa keenya irratti jijjiirama gochuuf fedhii qabaachuu qabna. Mata dureen kun, namummaa moofaan maal akka taʼe, of irraa baasnee gatuun kan nu barbaachisu maaliif akka taʼee fi kana gochuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe hubachuuf nu gargaara. Mata dureen itti aanu immoo, erga cuuphamnee booda illee, namummaa haaraa uffachuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsa.
^ key. 3 IBSA JECHAA: ‘Namummaa moofaa of irraa baasanii gatuu’ jechuun ilaalchaa fi fedhii Yihowaa hin gammachiisne dhiisuu jechuu dha. Kana gochuu jalqabuu kan qabnu cuuphamuu keenya dura dha.—Efe. 4:22.
^ key. 10 Ibsa dabalataa argachuuf Masaraa Eegumsaa Eblaa-Waxabajjii 2012 irraa mata duree “Macaafni Qulqulluun Jireenya Namootaa Ni Jijjiira—‘Gara Yihowaatti Deebiʼuun Barbaade’” jedhu ilaali.
^ key. 16 Ibsa dabalataa argachuuf Masaraa Eegumsaa Caamsaa 1, 2012 (Amaariffa) irraa mata duree “Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa ni Jijjiira—‘Gaarummaa Guddaa Natti Argisiisaniiru’” jedhu ilaali.
^ key. 17 Ibsa dabalataa argachuuf Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa 1, 2012 (Amaariffa) irraa mata duree “Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa ni Jijjiira—‘Nama Dafee Aarun Taʼe’” jedhu ilaali.
^ key. 18 Saanduqa “ Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa ni Jijjiira” jedhu ilaali.
^ key. 64 IBSA FAKKII: Ilaalchaa fi gocha gadhee dhiisuun uffata moofaa of irraa baasuu wajjin wal fakkaata.