Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

YAADA QOʼANNAADHAAF TAʼU

Caqasoota Yaadachuu

Caqasoota Yaadachuu

Caqasa Kitaaba Qulqulluu jaallattu tokko yaadachuun sitti ulfaatee beekaa? Tarii caqasichi kan si jajjabeessu, yaada dogoggora injifachuuf kan si gargaaru ykn nama kan biraatiif dubbisuu kan barbaaddu taʼuu dandaʼa. (Far. 119:11, 111) Mee yaadawwan caqasoota yaadachuuf si gargaaran tokko tokko haa ilaallu.

  • Mallattoo appilikeeshinii JW Library® irratti argamu fayyadami. Mallattoo “Caqasootan Jaalladhu” jedhu qopheessiitii caqasoota yaadachuu barbaaddu achi keessatti barreeffadhu. a

  • Caqasicha bakka ilaaluu dandeessu kaaʼadhu. Caqasa yaadachuu barbaaddu waraqaarratti barreessiitii bakka yeroo baayʼee arguu dandeessu kaaʼadhu. Obboloonni tokko tokko daawwitii irratti maxxansu; kaanimmoo firiijii isaaniirratti maxxansu. Obboloonni caqasa sana suuraa kaasanii iskiriinii kompiitaraa ykn moobaayilii isaaniirra kaaʼatanis jiru.

  • Kaardii xixinnoo qopheeffadhu. Kaardicharratti kallattii tokkoon caqasa Kitaaba Qulqulluu, kallattii kan biraatiinimmoo yaada caqasichaa barreessi. Achiis caqasicha ilaaluudhaan yaada caqasichaa yaadachuuf yaali ykn yaada caqasichaa ilaaluudhaan bakka caqasichi itti argamu yaadachuuf yaali.

a Qabiyyee kana fayyadamuu ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf jw.org irraa viidiyoo Wantoota Jaarmiyichi Raawwate—Yaadawwan JW Library Fayyadamuuf nu Gargaaran jedhu ilaali.