Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 41

Waaqa “Gara Laafinni Isaa Guddaa” Taʼe Tajaajilla

Waaqa “Gara Laafinni Isaa Guddaa” Taʼe Tajaajilla

“Yihowaan uumamawwan hundumaatiif gaarii dha, gara laafinni isaas hojiiwwan isaa hundumaa irratti mulʼata.”—FAR. 145:9.

FAARFANNAA 44 Kadhannaa Nama Miirri Isaa Miidhamee

QABIYYEE *

1. Waaʼee nama gara laafessa taʼe tokkoo yommuu yaannu maaltu gara sammuu keenyaatti dhufa?

YOMMUU waaʼee nama gara laafessa taʼe tokkoo yaannu nama gaarummaa, jaalalaa fi arjummaa qabutu gara samuu keenyaatti dhufa. Fakkeenyi nama Samaariyaa Yesuus waaʼee isaa dubbates gara sammuu keenyaatti dhufa taʼa. Namni sanyii biraa taʼe kun nama Yihudii hattootaan saamametti “gara laafina [argisiiseera].” Namichi biyya Samaariyaa sun namicha biyya Yihudii miidhame sanaaf ‘baayʼee waan gaddeef’ jaalalaan kakaʼee kunuunsa akka argatuuf qophii godheera. (Luq. 10:29-37) Fakkeenyi kun waaʼee amala Waaqayyoo nama hawwatu tokkoo, jechuunis waaʼee gara laafina isaa nu barsiisa. Waaqayyo waan nu jaallatuuf, guyyaa guyyaadhaan karaa adda addaa gara laafina nutti argisiisa.

2. Karaan itti gara laafina argisiisnu kan biraan maali dha?

2 Karaan itti gara laafina argisiisuu dandeenyu kan biraanis jira. Namni gara laafessa taʼe tokko yeroo sababa gaʼaa qabaatutti nama adabamuu qabu tokko adabuu dhiisuuf murteessuu dandaʼa. Yihowaan gama kanaan gara laafina guddaa nutti argisiiseera. Akkuma faarfatichi jedhe, “inni akka cubbuu keenyaatti nu irratti hin raawwanne.” (Far. 103:10) Yeroo tokko tokko garuu Yihowaan nama cubbuu raawwateef adaba cimaa kennuu dandaʼa.

3. Gaaffiiwwan kamiif deebii arganna?

3 Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan sadiif deebii arganna: Yihowaan gara laafina kan argisiisu maaliifi? Namni adaba cimaa kennu gara laafina qaba jechuun ni dandaʼamaa? Akkasumas, gara laafina argisiisuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa? Mee Dubbiin Waaqayyoo gaaffiiwwan kanaaf deebii akkamii akka kennu haa ilaallu.

YIHOWAAN GARA LAAFINA KAN ARGISIISU MAALIIFI?

4. Yihowaan gara laafina kan argisiisu maaliifi?

4 Yihowaan gara laafina argisiisuu jaallata. Phaawulos ergamaan hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee, “Waaqayyo gara laafinni isaa guddaa dha” jedhee barreesseera. Phaawulos as irratti Waaqayyo tajaajiltoonni isaa dibamtoota taʼanii fi cubbuu dhaalan abdii samii irra jiraachuu akka qabaatan gochuudhaan gara laafina akka isaanitti argisiise dubbachaa jira. (Efe. 2:4-7) Garuu Yihowaan gara laafina kan argisiise tajaajiltoota isaa dibamtoota taʼanitti qofa miti. Daawit faarfatichi, “Yihowaan uumamawwan hundumaatiif gaarii dha, gara laafinni isaas hojiiwwan isaa hundumaa irratti mulʼata” jechuudhaan barreesseera. (Far. 145:9) Yihowaan namoota waan jaallatuuf, yeroo sababa gaʼaa argatutti namootatti gara laafina ni argisiisa.

5. Yesuus Yihowaan gara laafessa taʼuu isaa kan beeke akkamitti?

5 Eenyu iyyuu caalaa Yesuus, Yihowaan gara laafina argisiisuu akka jaallatu beeka. Innii fi Abbaan isaa waggoota hedduudhaaf samii keessa waliin jiraachaa turan. (Fak. 8:30, 31) Yesuus yeroo baayʼee Abbaan isaa namoota cubbamoota taʼanitti gara laafina argisiisuu isaa argeera. (Far. 78:37-42) Waaʼee amala Abbaa isaa isa nama hawwatu kanaa irra deddeebiʼee barsiiseera.

Abbaan ilma badee turee ilma isaa hin qaanessine; kanaa mannaa, gammachuudhaan isa simate (Keeyyata 6 ilaali) *

6. Yesuus gara laafina Abbaa isaa kan ibse akkamitti?

6 Akkuma mata duree darbe irratti ilaalle, Yesuus fakkeenya ilma badee turetti fayyadamee Yihowaan gara laafina argisiisuu akka jaallatu ibseera. Ilmi sun mana abbaa isaatii baʼee “jireenya gadhiisii jiraachuudhaan qabeenya isaa bittinneesse.” (Luq. 15:13) Yeroo booda, jireenya gadhiisii jiraachaa turetti gaabbee gad of qabuudhaan gara mana abbaa isaatti deebiʼeera. Abbaan isaa hoo maal godhe? Dargaggeessi kun kana beekuuf baayʼee eeguun isa hin barbaachisne. Yesuus, “Utuma inni fagoo jiruu abbaan isaa isa argee garaan isaa raafame; fiigee isatti maramees isa dhungate” jedheera. Abbaan isaa isa hin qaanessine. Kanaa mannaa, dhiifama isaaf gochuudhaan maatii isaatti akka makamu godheera. Dargaggeessi kun balleessaa cimaa kan raawwate taʼus, yaada waan geddarateef abbaan isaa dhiifama isaaf godheera. Abbaan gara laafessi fakkeenyicha keessatti ibsame Yihowaa argisiisa. Yesuus fakkeenya garaa namaa tuqu kanatti fayyadamee Abbaan isaa namoota cubbuu isaanii irraa garaadhaa yaada geddarataniif dhiifama gochuuf fedhii akka qabu ibseera.—Luq. 15:17-24.

7. Ogummaan Yihowaa gara laafina isaa wajjin kan wal qabatu akkamitti?

7 Yihowaan gara laafina kan argisiisu ogummaa guddaa waan qabuufi. Yihowaan yeroo hundumaa murtoo uumamawwan isaa fayyadu murteessa. Kitaabni Qulqulluun, “ogummaan inni ol gubbaadhaa dhufu . . . gara laafinaa fi firii gaariidhaan kan guutame” akka taʼe dubbata. (Yaq. 3:17) Yihowaan akkuma abbaa jaalala qabeessa tokkoo gara laafina argisiisuun isaa ijoollee isaa akka fayyadu beeka. (Far. 103:13; Isa. 49:15) Cubbuu kan dhaalan taʼus, gara laafinni Yihowaa yeroo gara fuulduraa ilaalchisee abdii akka qabaatan godha. Kanaafuu, ogummaan Yihowaa inni daangaa hin qabne yeroo sababa gaʼaa argatutti gara laafina argisiisuuf isa kakaasa. Taʼus, Yihowaan gara laafina argisiisuu kan qabu yoom akka taʼe beeka. Ogeessa waan taʼef, yeroo dogoggorri raawwatamutti gara laafinaan dogoggora sana calluma jedhee bira hin darbu.

8. Yeroo tokko tokko tarkaanfiin akkamii fudhatamuu qaba? Maaliif?

8 Fakkeenyaaf, tajaajilaan Waaqayyoo tokko jireenya addaggummaa jiraachuuf murteesse haa jennu. Yeroo kanatti maal gochuu qabna? Phaawulos hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee, ‘michummaa nama sanaa wajjin qabnu akka dhiisnu’ nu gorseera. (1 Qor. 5:11) Namoonni yaada isaanii hin geddaranne gumiidhaa ni baafamu. Obbolootaa fi obboleettota keenya balaa irraa eeguuf, akkasumas ulaagaa Yihowaa hordofuuf tarkaanfii akkasii fudhachuun barbaachisaa dha. Namoonni tokko tokko garuu, qophiin gumiidhaa baasuu gara laafina Yihowaa kan argisiisu akka hin taanetti yaadu. Garuu kun dhugaa dhaa? Mee waaʼee kanaa haa ilaallu.

QOPHIIN GUMIIDHAA BAASUU GARA LAAFINA ARGISIISAA?

Hoolaan tokko yeroo dhukkubsatutti hoolota kaan irraa adda kan baafamu taʼus, kunuunsa tiksee isaa ni argata (Keeyyata 9-11 ilaali)

9-10. Akka Ibroonni 12:5, 6 jedhutti qophiin gumiidhaa baasuu gara laafina irratti kan hundaaʼe dha kan jennu maaliifi? Fakkeenya kenni.

9 Gumii irratti namni beeknuu fi jaallannu tokko “kana booda Dhugaa Baatuu Yihowaa miti” jedhamee yeroo beeksisni himamu baayʼee gaddina. Tarii, namni jaallannu kun gumiidhaa baafamuun isaa sirrii taʼuu isaa shakkina taʼa. Maarree, qophiin gumiidhaa baasuu gara laafina argisiisaa? Eeyyee, ni argisiisa. Nama adabamuu qabu adabuu dhiisuun ogummaa, gara laafina ykn jaalala kan argisiisu miti. (Fak. 13:24) Qophiin gumiidhaa baasuu namni yaada hin geddaranne tokko daandii isaa akka sirreessu isa gargaaruu dandaʼaa? Eeyyee, gargaaruu dandaʼa. Obboloonnii fi obboleettonni cubbuu cimaa raawwachaa turan hedduun, gumiidhaa baafamuun isaanii cubbuun raawwatan hammam cimaa akka taʼe hubachuuf, yaada geddarachuu fi jijjiirama gochuuf, akkasumas gara Yihowaatti deebiʼuuf akka isaan gargaare dubbataniiru.—Ibroota 12:5, 6 dubbisi.

10 Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Tikseen tokko hoolaan isaa tokko akka dhukkubsate hubate. Hoolaa isaa kana walʼaanuuf hoolota kaan irraa adda baasuu akka qabu beeka. Haa taʼu malee, hoolonni waliin taʼuu waan jaallataniif yeroo kophaatti baafaman jeeqamuu dandaʼu. Maarree, tikseen kun hoolaa kana hoolota kaan irraa adda baasuun isaa hamaa ykn gara jabeessa taʼuu isaa argisiisaa? Lakki. Hoolaan dhukkubsate hoolota kaanitti akka makamu yoo godhe dhukkubichi hoolota kaanitti akka darbu beeka. Kanaafuu, hoolaa dhukkubsate sana kophaatti baasuudhaan hoolota kaaniif eegumsa godha.—Leewwota 13:3, 4 wajjin wal bira qabii ilaali.

11. (a) Namni gumiidhaa baafame tokko, hoolaa dhukkubsatee wajjin kan wal fakkaatu karaa kamiini? (b) Namni gumiidhaa baafame tokko qophii kamfaa irraa fayyadamuu, akkasumas gargaarsa akkamii argachuu dandaʼa?

11 Kiristiyaanni gumiidhaa baafame tokko hoolaa dhukkubsatee wajjin wal fakkaachuu dandaʼa. Kiristiyaanni kun karaa hafuuraa dhukkubsateera. (Yaq. 5:14) Akkuma dhukkuba tokko tokkoo dhukkubni hafuuraas warra kaanitti daddarbuu dandaʼa. Kanaafuu, yeroo tokko tokko namoota karaa hafuuraa dhukkubsatan gumiidhaa baasuun barbaachisaa dha. Adabni akkasii jaalala Yihowaan hoolota isaa amanamoo taʼaniif qabu argisiisa; namni cubbuu raawwate sunis yaada akka geddaratu gochuu dandaʼa. Yeroo gumiidhaa baafamee jirutti illee, walgaʼii irratti argamee karaa hafuuraa of sooruudhaan amantii isaa cimsachuu dandaʼa. Kana malees, barreeffama fudhachuu fi sagantaa JW Biroodkaastingii ilaaluu ni dandaʼa. Jaarsoliin jijjiirama gochaa akka jiru yeroo argan, deebiʼee Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu akka dandaʼuuf gorsaa fi qajeelfama hariiroo Yihowaa wajjin qabu cimsachuuf isa gargaaru isaaf kennu. *

12. Jaarsoliin namoota yaada hin geddarannetti jaalalaa fi gara laafina kan argisiisan akkamitti?

12 Namni gumiidhaa baafamu nama yaada hin geeddaranne qofa akka taʼe yaadachuun keenya barbaachisaa dha. Jaarsoliin nama tokko gumiidhaa baasuuf murteessuu isaanii dura dhimmicha irratti gadi fageenyaan yaaduu akka qaban beeku. Yihowaan namoota cubbuu hojjetan kan adabu “hamma [isaaniif] malu” akka taʼe beeku. (Er. 30:11) Obboloota isaanii waan jaallataniif, wanta karaa hafuuraa isaan miidhu kam iyyuu gochuu hin barbaadan. Yeroo tokko tokko garuu, jaalalaa fi gara laafina argisiisuuf nama balleessaa raawwate gumiidhaa baasuun isaanii barbaachisaa dha.

13. Kiristiyaanni Qorontos keessa ture tokko gumiidhaa baafamuun isaa barbaachisaa kan ture maaliifi?

13 Phaawulos ergamaan jaarraa jalqabaatti nama balleessaa isaa irraa yaada hin geddaranne tokko irratti tarkaanfii akkamii akka fudhate haa ilaallu. Kiristiyaanni Qorontos keessa ture tokko haadha manaa abbaa isaa wajjin jireenya addaggummaa jiraachaa ture. Kun wanta baayʼee nama suukanneessu dha! Yihowaan dhimma akkasii ilaalchisee Israaʼelota duriitiin, “Namni haadha manaa abbaa isaa wajjin ciisu abbaa isaa salphinaaf saaxileera. Lamaan isaanii iyyuu mamii tokko malee haa ajjeefaman” jedhee ture. (Lew. 20:11) Phaawulos nama kana irratti murtii duʼaa dabarsuu akka hin dandeenye beekamaa dha. Taʼus, namni kun gumiidhaa akka baafamu gumii Qorontosiif qajeelfama kenneera. Gochi halalummaa nama kanaa namoota gumii keessa jiran irratti dhiibbaa geessisee waan tureef, isaan keessaa tokko tokko gocha isaa kanatti qaanaʼuu illee dhiisanii turan!—1 Qor. 5:1, 2, 13.

14. Phaawulos nama Qorontos keessa turee fi gumiidhaa baafame tokkotti gara laafina kan argisiise akkamitti? Maaliif? (2 Qorontos 2:5-8, 11)

14 Yeroo booda Phaawulos namni kun jijjiirama guddaa akka godhe hubate. Cubbuu isaa irraa garaadhaa yaada geddaratee ture! Namni kun gumicha irratti qaanii fidee kan ture taʼus, Phaawulos “waaʼee kanaa baayʼee dubbachuu” akka hin barbaanne jaarsoliitti himeera. Itti fufuudhaanis, “Gaarummaadhaan dhiifama isaaf gochuu fi isa jajjabeessuu qabdu” isaaniin jedheera. Sababa akkas itti jedhe yeroo ibsus, “Inni gadda guddaadhaan akka hin liqimfamneef” jedheera. Phaawulos nama yaada geddarate kanaaf garaa laafeera. Balleessaa raawwateen kan kaʼe gadda guddaadhaan liqimfamee, akkasumas abdii kutatee dhiifama argachuuf carraaqqii gochuu isaa akka dhiisu hin barbaanne.—2 Qorontos 2:5-8, 11 dubbisi.

15. Jaarsoliin ejjennoo cimaa akka qaban, akkasumas gara laafeyyii akka taʼan argisiisuu kan dandaʼan akkamitti?

15 Jaarsoliin fakkeenya Yihowaa hordofuudhaan gara laafina argisiisu. Yeroo barbaachisaa taʼutti ejjennoo cimaa akka qaban kan argisiisan taʼus, yeroo sababa gaʼaa argatanitti garuu hamma isaaniif dandaʼame gara laafina ni argisiisu. Jaarsoliin nama cubbuu raawwate sirumaa hin adaban taanaan garuu, kun gara laafina akka qaban kan argisiisu miti; kanaa mannaa, balleessaa raawwatame sana akka laayyootti akka ilaalan argisiisa. Haa taʼu malee, gara laafina argisiisuu kan qaban jaarsolii qofa dhaa?

HUNDI KEENYA IYYUU GARA LAAFINA ARGISIISUUF MAALTU NU GARGAARA?

16. Akka Fakkeenya 21:13 irratti ibsametti, Yihowaan namoota gara laafina hin argisiisne irratti tarkaanfii akkamii fudhata?

16 Kiristiyaanonni hundi gara laafina argisiisuudhaan fakkeenya Yihowaa hordofuu barbaadu. Maaliif? Sababiin inni tokko, Yihowaan kadhannaa namoota gara laafina hin argisiisnee kan hin dhageenye taʼuu isaa ti. (Fakkeenya 21:13 dubbisi.) Hundi keenya iyyuu kadhannaan keenya Yihowaa biratti akka dhagaʼamu barbaanna; kanaafuu, gara jabeeyyii taʼuu irraa fagaachuu qabna. Obboleessi keenya utuu dhiphatuu calluma jennee bira darbuu mannaa, yeroo hundumaa “iyya isa rakkataa” dhagaʼuuf qophaaʼaa taʼuu qabna. Gorsa Kitaaba Qulqulluu, “Namni gara laafina hin argisiisne gara laafina malee isatti murteeffama” jedhus dagachuu hin qabnu. (Yaq. 2:13) Gad of qabuudhaan gara laafinni hammam akka nu barbaachisu yoo yaadanne, caalaatti gara laafina argisiisuuf kakaana. Keessumaa namni balleessaa isaa irraa yaada geddarate tokko gara gumiitti yeroo deebiʼu gara laafina isatti argisiisuu barbaanna.

17. Daawit Mootichi gara laafina guddaa kan argisiise akkamitti?

17 Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman gara laafina argisiisuu fi gara jabina irraa fagaachuuf nu gargaaru. Fakkeenyaaf, waaʼee Daawit Mootichaa haa ilaallu. Daawit yeroo baayʼee namootatti gara laafina guddaa argisiiseera. Saaʼol isa ajjeesuu kan barbaade taʼus, Daawit mootii Waaqayyo dibe kanatti garaa jabaatee hin beeku; haaloo baʼuuf ykn isa miidhuuf matumaa yaadee hin beeku.—1 Sam. 24:9-12, 18, 19.

18-19. Yeroowwan Daawit gara laafina utuu hin argisiisin itti hafe lamaan kam faʼi?

18 Haa taʼu malee, Daawit gara laafina kan argisiise yeroo hunda hin turre. Fakkeenyaaf, Naabaal inni nama hamaa taʼe karaa Daawitiin salphisuun dubbatee, akkasumas isaa fi namoota isaatiif nyaata kennuu didee ture; yeroo kanatti Daawit baayʼee waan aareef, Naabaalii fi dhiirota mana isaa keessa jiran hundumaa ajjeesuuf murteesse. Haa taʼu malee, haati manaa Naabaal Abigaayil ishiin dubartii gaarii fi obsa qabeettii taate, Daawitiin dhiiga dhangalaasuu irraa oolchiteetti.—1 Sam. 25:9-22, 32-35.

19 Yeroo kan biraatti immoo, Naataan raajichi namichi sooressi tokko namicha hiyyeessa taʼe tokko jalaa hoolaa baayʼee jaallatu akka fudhate Daawititti hime. Yeroo kanatti Daawit baayʼee aaree, “Yihowaa isa jiraataa taʼeen nan kakadha, namichi kana godhe duʼatu isaaf mala!” jedhe. (2 Sam. 12:1-6) Daawit Seera Musee beeka. Namni hoolaa hate tokko bakka hoolaa sanaa hoolaa afur kiisii kaffaluu qaba. (Bau. 22:1) Nama hoolaa hate irratti murtii duʼaa dabarsuun garuu gara jabina guddaa dha. Haa taʼu malee, Naataan fakkeenya kana Daawititti kan hime yakki inni raawwate kana irra baayʼee akka hammaatu isa hubachiisuufi! Murtii Daawit namicha hoolaa hatee fi fakkeenya Naataan irratti ibsame irratti dabarse irraa haala baayʼee adda taʼeen Yihowaan Daawititti gara laafina guddaa argisiiseera!—2 Sam. 12:7-13.

Daawit Mootichi namicha fakkeenya Naataan irratti ibsametti gara laafina hin argisiisne (Keeyyata 19-20 ilaali) *

20. Seenaa Daawit irraa maal baranna?

20 Daawit aariidhaan kakaʼee Naabaalii fi dhiironni isaa hundi akka ajjeefaman murteessee ture. Booda immoo, namichi fakkeenya Naataan irratti ibsame ajjeefamuu akka qabu dubbateera. Daawit inni nama garraamii taʼe namicha hoolaa hate irratti gara jabinaan murtii akkasii dabarsuun isaa baayʼee nu ajaaʼibsiisuu dandaʼa. Mee Daawit yeroo sanatti haala akkamii keessa akka ture haa ilaallu. Yeroo sanatti, Daawit sammuun isaa isa ceephaʼaa ture. Namni tokko warra kaan irratti gara jabinaan murtii kan dabarsu yoo taʼe, karaa hafuuraa haala gaarii irra akka hin jirre argisiisa. Yesuus, “Akka isinitti hin murteeffamneef warra kaanitti murteessuu dhiisaa; sababiin isaas, murtiin namoota irratti murteessitan isin irratti ni murteeffama” jechuudhaan duuka buutota isaa cimsee akeekkachiiseera. (Mat. 7:1, 2) Kanaafuu, gara jabina irraa fagaachuudhaan akkuma Waaqa keenyaa ‘gara laafina guddaa’ argisiisuuf carraaqqii haa goonu.

21-22. Karaawwan gara laafina itti argisiisuu dandeenyu tokko tokko kam faʼi?

21 Gara laafessa taʼuun warra kaaniif gadduu caalaa wanta dabalatu qaba. Namoonni warra kaaniif garaa laafan isaan gargaaruuf tarkaanfii fudhatu. Kanaafuu, hundi keenya iyyuu maatii, gumii fi hawaasa keenya keessaa namni gargaarsi isa barbaachisu eenyu akka taʼe yaaduu ni dandeenya. Yoo akkas goone carraa gara laafina itti argisiisnu hedduu akka argannu hin shakkisiisu! Namni jajjabinni isa barbaachisu jiraa? Nyaata isaaf qopheessuu ykn wanta akka isaaf yaaddan argisiisu tokko gochuudhaan gargaarsa qabatamaa isaaf gochuu ni dandeenyaa? Kiristiyaanni gara gumiitti deebiʼe tokko michuun isa jajjabeessu isa barbaachisaa laata? Misiraachoo nama jajjabeessu warra kaanitti himuu ni dandeenyaa? Kun karaawwan gaggaarii nama argannu kamitti iyyuu gara laafina argisiisuu itti dandeenyu keessaa tokko dha.—Iyo. 29:12, 13; Rom. 10:14, 15; Yaq. 1:27.

22 Xiyyeeffannaa kan kenninu taanaan, carraa gara laafina itti argisiisuu dandeenyu hedduu akka qabnu ni hubanna. Yeroo warra kaanitti gara laafina argisiisnu Abbaan keenya inni samii inni “gara laafinni isaa guddaa” taʼe baayʼee nutti gammada!

FAARFANNAA 43 Kadhannaa Galataa

^ key. 5 Gara laafinni amalawwan Yihowaa nama hawwatan keessaa tokko dha; hundi keenyas amala kana horachuun keenya barbaachisaa dha. Mata duree kana keessatti Yihowaan gara laafina kan argisiisu maaliif akka taʼe, adabni isaa gara laafina isaa argisiisa kan jennu maaliif akka taʼe, akkasumas amala isaa isa nama hawwatu kana argisiisuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.

^ key. 11 Namoonni gumiidhaa baafaman hariiroo Yihowaa wajjin qaban haareffachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe, akkasumas jaarsoliin isaan gargaaruu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe beekuuf mata duree, “Michummaa Yihowaa Wajjin Qabdu Haareffadhu” jedhuu fi maxxansa kana keessatti argamu ilaali.

^ key. 60 IBSA FAKKII: Abbaan ilma badee turee baaxii mana isaa irra dhaabbatee ilma isaa isa gara manaatti deebiʼaa jiru ilaalaa jira; achiis isa hammachuuf isatti fiigaa jira.

^ key. 64 IBSA FAKKII: Daawit Mootichi sammuun isaa isa ceephaʼuu isaatiin kan kaʼe baayʼee waan dhiphateef, fakkeenya Naataan dubbate yeroo dhagaʼetti namichi sooressi sun ajjeefamuu akka qabu aariidhaan dubbachaa jira.