MATA DUREE QOʼANNAA 10
Akkan hin Cuuphamne Wanti Na Dhowwu Maali Dha?
“Filiphoosii fi xuʼaashiin sunis bishaanicha keessa seenan; Filiphoosis isa cuuphe.”—HoE. 8:38.
FAARFANNAA 52 Of Murteessuu
QABIYYEE *
1. Addaamii fi Hewaan maal dhaban? Kuni hoo maal isaan irraan geessise?
WANTA gaarii fi hamaa taʼe ilaalchisee ulaagaa baasuu kan qabu eenyu dha jettee yaadda? Addaamii fi Hewaan firii muka gaarii fi hamaa irraa yommuu nyaatan, Yihowaa fi ulaagaa isaatiif maaltu akka isaanitti dhagaʼamu gocha isaaniitiin ifatti argisiisaniiru. Gaarii fi hamaa ilaalchisee ulaagaa mataa isaanii baafachuu filataniiru. (Uma. 3:22) Haa taʼu malee, mee wanta isaan dhaban yaadi. Michummaa Yihowaa wajjin qaban, carraa bara baraaf jiraachuu dhabaniiru, akkasumas cubbuu fi duʼa ijoollee isaanitti dabarsaniiru. (Rom. 5:12) Filannoon Addaamii fi Hewaan godhan rakkina guddaa isaanitti fideera.
2-3. (a) Namni Itoophiyaa xuʼaashii taʼe, yommuu Filiphoos isaaf lallabu maal godhe? (b) Cuuphamuudhaan eebbawwan akkamii arganna? Haa taʼu malee gaaffiiwwan kamfaa qoranna?
2 Amala Addaamii fi Hewaan argisiisan, deebii namni Itoophiyaa xuʼaashii taʼe tokko yommuu Filiphoos isaaf lallabetti kennee wajjin wal bira qabii ilaali. Xuʼaashichi wanta Yihowaa fi Yesuus isaaf godhan baayʼee waan dinqisiifateef, yeruma sana cuuphameera. (HoE. 8:34-38) Nutis of murteessinee yommuu cuuphamnu, akkuma xuʼaashii sanaa Yihowaa fi ulaagaa isaatiif maaltu akka nutti dhagaʼamu gocha keenyaan ifatti argisiisna. Wanta Yihowaa fi Yesuus nuuf godhaniif dinqisiifannaa akka qabnu argisiisna. Kana malees, Yihowaa amanachuudhaan, gaarii fi hamaa ilaalchisee ulaagaa baasuu kan qabu isa taʼuu isaa amannee akka fudhanne argisiisna.
3 Mee eebbawwan Yihowaa tajaajiluudhaan argannu yaadi! Isaan keessaa inni tokko, carraa bara baraaf jiraachuu dabalatee, yeroo booda, wanta Addaamii fi Hewaan dhaban hundumaa argachuuf abdii qabaachuu keenya dha. Amantii Yesuus Kiristoos Mat. 20:28; HoE. 10:43) Kana malees, kutaa maatii tajaajiltoota Yihowaa warra isa biratti fudhatama argatanii taʼuudhaan abdii gara fuulduraa qabaanna. (Yoh. 10:14-16; Rom. 8:20, 21) Faayidaawwan akkasii argachuun kan dandaʼamu taʼus, namoonni Yihowaa beekan tokko tokko fakkeenya nama Itoophiyaa xuʼaashii taʼe sanaa hordofuu irraa duubatti jedhu. Wanti cuuphamuu irraa duubatti akka jedhan isaan godhu maal taʼuu dandaʼa? Rakkoowwan kana moʼuu kan dandaʼan hoo akkamitti?
irratti qabnuun kan kaʼe, Yihowaan dogoggora keenya nuuf dhiisa akkasumas qalbii qulqulluu nuuf kenna. (RAKKOOWWAN NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKA HIN CUUPHAMNE ISAAN GODHAN
4-5. Dargaggeessi Eevarii jedhamuu fi shamarreen Haannaa jedhamtu rakkoowwan akkamii isaan mudatee ture?
4 Ofitti amanannaa dhabuu. Abbaa fi haati Eevarii Dhugaa Baatota Yihowaa ti. Abbaan isaa itti gaafatamummaa abbaa taʼuudhaan qabu raawwachuu fi jaarsa gumii buʼa qabeessa taʼuudhaan maqaa gaarii qaba. Taʼus, Eevariin cuuphamuu irraa duubatti jedha. Maaliifi? Eevariin, “Ani akka abbaa koo gaarii taʼuu waanan dandaʼu natti hin fakkaatu” jedheera. Kana malees Eevariin, itti gaafatamummaa gara fuulduraatti isaaf kennamuu dandaʼu raawwachuuf ofitti amanannaa akka hin qabne isatti dhagaʼama. akkas jedheera: “Bakka namoonni hedduun jiranitti akkan kadhadhu ykn haasaa akkan kennu ykn garee tajaajilaa fuudhee tajaajila akkan baʼu nan gaafatama jedheen sodaadha.”
5 Haannaa ishiin umuriin ishii waggaa 18 taʼe, ofitti amanannaa dhabuudhaan dhiphatti. Ishiin maatii Yihowaa tajaajilan keessatti guddatte. Taʼus, ulaagaa Yihowaa eegdee jiraachuu dandaʼuu ishii ni shakkiti. Maaliif? Haannaan ofii ishiitiif ilaalcha gad aanaa qabdi. Yeroo tokko tokko miirri gadheen waan ishiitti dhagaʼamuuf, taʼe jettee kan of murmurtu siʼa taʼu, kunis rakkinni ishii akka itti caalu godha. Akkas jetteetti: “Wantan godhe warra koo dabalatee matumaa nama kamitti iyyuu himee hin beeku. Kanaafuu wantan qaama koo irratti raawwadheen kan kaʼe, Yihowaan matuma na jaallachuu akka hin dandeenye natti dhagaʼama ture.”
6. Vaanesaan cuuphamuu irraa dubbatti akka jettu kan ishii godhe maal ture?
6 Dhiibbaa michootaa. Vaanesaan ishiin umuriin ishii waggaa 22 taʼe, “Michuu gaarii gara waggaa kudhaniitiif wal beeknu tokko qaba” jetteetti. Haa taʼu malee, michuun ishii Vaanesaan galma cuuphamuuf baafatte irra akka geessu ishii hin gargaarre. Kunis Vaanesaa kan miidhe siʼa taʼu, “Michuu argachuun natti ulfaata, kanaafuu, hariiroon ishii waliin qabu yoon addaan kute, michuu kan biraa argachuu hin dandaʼu jedheen yaaddaʼa ture” jetteetti.
7. Shamarreen Maakeelaa jedhamtu maal sodaatti turte? Maaliif?
7 Dogoggoran raawwadha jedhanii sodaachuu. Maakeelaan yeroo obboleessi ishii
gumiidhaa baafame umuriin ishii waggaa shan ture. Yommuu guddachaa adeemtu dhiibbaa gochi obboleessa ishii warra ishii irratti geessise argiteetti. Maakeelaan, “Anis yoon cuuphame, dogoggora tokko raawwadhee gumiidhaa baafamuudhaan warra koo irratti gadda dabalataa nan fida jedheen sodaadhan ture” jetteetti.8. Dargaggeessi Maayilz jedhamu maal sodaata ture?
8 Mormii sodaachuu. Abbaanii fi haati buddeenaa Maayilz Yihowaa kan tajaajilan siʼa taʼu, haati isaa garuu Dhugaa Baatuu miti. Maayilz, “Waggaa 18f haadha koo wajjin kanan jiraadhe siʼa taʼu, cuuphamuu akkan barbaadu ishitti himuu nan sodaadhan ture. Yommuu abbaan koo Dhugaa Baatuu taʼetti amala ishiin argisiiste argeen ture. Rakkina ana irra geessisti jedheen sodaadhan ture” jedheera.
RAKKOOWWAN KANA MOʼUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?
9. Yihowaan obsaa fi jaalala qabeessa taʼuu isaa yommuu barattu maal gochuuf kakaʼuu dandeessaa?
9 Addaamii fi Hewaan Yihowaadhaaf jaalala guddaa utuu hin horatin waan hafaniif, isa tajaajiluu dhiisuu filataniiru. Taʼus Yihowaan, umurii dheeraa jiraatanii ijoollee akka godhatanii fi ulaagaa mataa isaaniitiin ijoollee isaanii akka guddisan isaaniif heyyameera. Murtoon Addaamii fi Hewaan Yihowaa irraa addaan baʼuuf godhan wanti inni geessise, utuma baayʼee hin turin gowwoota akka turan ifa godheera. Ilmi isaanii inni hangafaa obboleessa isaa isa balleessaa hin qabne kan ajjeese siʼa taʼu, yeroo boodas, yakkii fi ofittummaan maatii ilmaan namootaa toʼateera. (Uma. 4:8; 6:11-13) Haa taʼu malee, Yihowaan ijoollee Addaamii fi Hewaan warra isa tajaajiluu barbaadan hundumaa karaa ittiin fayyisu qopheesseera. (Yoh. 6:38-40, 57, 58) Yihowaan obsaa fi jaalala qabeessa akka taʼe caalaatti barachaa yommuu adeemtu jaalalli isaaf qabdu guddachaa adeemuun isaa hin oolu. Daandii Addaamii fi Hewaan filatan hordofuu diduudhaan Yihowaadhaaf of murteessuuf fedhii qabaatta.
10. Faarfannaa 19:7 irratti xiinxaluun Yihowaa tajaajiluuf kan si gargaaru maaliifi?
10 Waaʼee Yihowaa barachuu kee itti fufi. Waaʼee Yihowaa caalaatti barachaa yommuu adeemtu, milkaaʼinaan isa tajaajiluu akka dandeessu caalaatti amanannaa qabaatta. Eevariin inni olitti ibsame, “Abdii Faarfannaa 19:7 irratti kenname, dubbisuu fi irratti xiinxaluudhaan ofitti amanannaa qabaachuu dandaʼeera.” (Dubbisi.) Eevariin Yihowaan abdii kana akkamitti akka raawwatu yommuu hubatu jaalalli inni Waaqayyoof qabu caalaatti cimeera. Jaalalli ofitti amanannaa akka qabaannu gochuu qofa utuu hin taʼin, Yihowaa fi wantoota inni barbaadu irratti akka xiyyeeffannu nu gargaara. Haannaan ishiin olitti ibsamte, “Yommuun ofii koo miidhu, Yihowaas miidhaa akkan jiru, dubbisaa fi qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu koo irraa hubadheera “ jetteetti. (1 Phe. 5:7) Haannaan, ‘Dubbii Waaqayyoo hojii irra kan oolchitu’ taateetti. (Yaq. 1:22) Kun buʼaa akkamii ishiidhaaf argamsiise? Akkas jetteetti: “Yihowaadhaaf ajajamuun akkamitti akka na fayyadu yommuun hubadhu, jaalalli ani isaaf qabu ni guddate. Yihowaan yeroo gargaarsi na barbaachisu hundatti, qajeelfama akka naaf kennu amma hin shakku.” Haannaan, miira of miidhuuf ishii kakaasu mooteetti. Kana malees, Yihowaadhaaf of murteessitee cuuphamteetti.
11. Vaanesaan michoota gaarii argachuuf maal goote? Nuti hoo kana irraa maal barachuu dandeenya?
11 Michoota kee ogummaadhaan filadhu. Vaanesaan ishiin olitti ibsamte, dhuma irratti, hiriyaan ishii cuuphamuu irraa duubatti akka jettu ishii gochuu ishii hubatteetti. Kanaafuu michummaa ishii wajjin qabdu dhaabdeetti. Haa taʼu malee, Vaanesaan kana caalaas wanta goote qabdi. Gumii keessaa michoota haaraa argachuuf jabaattee hojjette. Fakkeenyi Nohii fi maatii isaa akka ishii gargaare dubbatteetti. Vaanesaan, “Isaan namoota Yihowaa hin jaallanneen marfamanii kan turan taʼus, walii isaanii wajjin hariiroo gaarii qabu turan” jetteetti. Vaanesaan erga cuuphamtee booda qajeelchituu taateetti. Amma akkas jetteetti: “Kana gochuun koo gumii koo keessaa qofa utuu hin taʼin, gumii kan biraa keessaas michoota gaarii argachuuf na gargaareera.” Atis hojii Yihowaan akka hojjettu siif kenne irratti hamma dandeesse hirmaachuudhaan, michoota gaarii argachuu ni dandeessa.—Mat. 24:14.
12. Addaamii fi Hewaan sodaa akkamii dhabanii turan? Kuni hoo maal isaan irraan geessise?
12 Sodaadhaaf ilaalcha sirrii qabaadhu. Sodaan tokko tokko nuuf gaarii dha. Fakkeenyaaf, Yihowaa akka hin gaddisiisneef sodaa sirrii taʼe qabaachuu qabna. (Far. 111:10) Addaamii fi Hewaan sodaa akkasii qabaataniiru utuu taʼee, Yihowaa irratti fincila hin kaasan turan. Haa taʼu malee, fincila kaasaniiru. Erga kana godhanii booda, iji isaanii kan baname siʼa taʼu, cubbamoota taʼuu isaanii guutummaatti hubatan. Ijoollee isaanitti dabarsuu kan dandaʼan cubbuu fi duʼa qofa ture. Haala keessa jiran arguu ykn hubachuu waan dandaʼaniif, qullaa taʼuu isaanitti qaanaʼuudhaan ofitti marxifataniiru.—Uma. 3:7, 21.
13-14. (a) 1 Pheexiros 3:21 wajjin haala wal simuun, duʼa sodaannee romʼuun kan nu hin barbaachisne maaliifi? (b) Yihowaa jaallachuuf sababiiwwan akkamii qabna?
13 Yihowaadhaaf sodaa sirrii qabaachuu kan qabnu taʼus, duʼa sodaannee romʼuu nu hin barbaachisu. Yihowaan karaa jireenya bara baraa itti argannu nuuf qopheesseera. Cubbuu yoo raawwannee fi dhugumaan yoo yaada geddaranne, Yihowaan dogoggora keenya nuuf dhiisa. Amantii aarsaa furii Ilma isaa irratti qabnu irratti hundaaʼee dhiifama nuuf godha. Karaan amantii keenya itti argisiisnu inni guddaan, jireenya keenya Waaqayyoof murteessuu fi cuuphamuu dha.—1 Pheexiros 3:21 dubbisi.
14 Yihowaa jaallachuudhaaf sababiiwwan hedduu qabna. Wantoota gaggaarii guyyaa guyyaadhaan itti gammadnu nuu kennuu malees, waaʼee ofii isaa fi kaayyoo isaa dhugaa jiru nu barsiiseera. (Yoh. 8:31, 32) Qajeelfama akka nuuf kennuu fi akka nu deggeruuf gumii Kiristiyaanaa nuuf kenneera. Yeroo ammaatti rakkina keenya akka moonu nu gargaara, gara fuulduraatti immoo haala mudaa hin qabne keessatti bara baraaf akka jiraannuuf abdii nuuf kenneera. (Far. 68:19; Mul. 21:3, 4) Yihowaan akka nu jaallatu argisiisuuf wanta inni kanaan dura godhe irratti yommuu xiinxallu, isa jaallachuuf kakaana. Yihowaadhaaf yommuu jaalala qabaannu immoo, sodaadhaaf ilaalcha sirrii qabaanna. Baayʼee waan isa jaallannuuf, Isa gaddisiisuu ni sodaanna.
15. Maakeelaan sodaa dogoggora hojjechuu kan moote akkamitti?
15 Maakeelaan ishiin olitti ibsamte, Yihowaan hammam dhiifama akka godhu yommuu hubattu, sodaa dogoggora raawwachuu mooteetti. “Hundi keenya mudaa akka qabnuu fi dogoggora akka raawwannu nan hubadhe. Haa taʼu malee, Yihowaan akka nu jaallatuu fi furii irratti hundaaʼee dhiifama akka nuuf godhus hubadheera” jetteetti. Jaalalli ishiin Yihowaadhaaf qabdu of murteessitee akka cuuphamtu ishii kakaaseera.
16. Maayilz mormii ilaalchisee sodaa qabu akka moʼu kan isa gargaare maali dha?
16 Maayilz inni haati isaa murtoo inni cuuphamuuf godhe ni mormiti jedhee sodaate, ilaaltuu ol aanaa aanaa gargaarsa gaafateera. Maayilz akkas jedheera: “Ilaaltuun ol aanaa sunis maatii amantiidhaan wal qoqqoode keessatti guddate. Kanaafuu, cuuphamuuf murtoo kanan godhe abbaan koo dhiibbaa waan na irratti godheef utuu hin taʼin, murtoo mataa kootii akka taʼe haadha koo amansiisuuf maal jechuu akkan dandaʼu akkan yaadu na gargaareera.” Haati Maayilz murtoo inni godhetti hin gammadne. Dhuma irratti mana ishiitii kan baʼe taʼus, murtoo isaa garuu hin dhiisne. Maayilz akkas jedheera: “Wantoota gaggaarii Yihowaan naaf godhe barachuun koo, garaa koo na tuqe. Waaʼee aarsaa furii Yesuus gad fageenyaan yommuun yaadu, Yihowaan hangam akka na jaallatu nan
hubadhe. Yaadni kun Yihowaadhaaf akkan of murteessuu fi akkan cuuphamu na kakaaseera.”MURTOO GOOTETTI CIMI
17. Hundi keenya carraa akkamii qabna?
17 Hewaan firii mukicha Eeden keessa jiru sanaa irraa yommuu nyaatte Abbaa ishii irraa garagalteetti. Addaam gocha ishii kana yommuu deggeretti, wantoota gaggaarii Yihowaan isaaf godhe hundumaaf dinqisiifannaa tokko illee akka hin qabne argisiiseera. Hundi keenya murtoo Addaamii fi Hewaan godhan irratti akka walii hin galle argisiisuuf carraa qabna. Cuuphamuudhaan, Yihowaan wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee ulaagaa nuuf baasuuf aangoo qabaachuu isaa akka amannu argisiisna. Kana gochuudhaan Abbaa keenya akka jaallannuu fi akka amannu mirkaneessina.
18. Yihowaa tajaajiluudhaan milkaaʼina argachuu kan dandeenyu akkamitti?
18 Erga cuuphamnee booda guyyaa guyyaadhaan ulaagaa mataa keenyaatiin utuu hin taʼin, ulaagaa Yihowaa eegnee jiraachuuf qabsoo goona. Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman guyyaa guyyaadhaan ulaagaa Yihowaatiin jiraatu. Atis hubannaa Dubbii Waaqayyoo irratti qabdu guddifachuu kee yoo itti fufte, obbolootaa fi obboleettota kee wajjin walgaʼii irratti yoo argamte akkasumas waaʼee Abbaa kee isa jaalala qabeessa taʼee wanta baratte hinaaffaadhaan yoo lallabde akkuma isaanii taʼuu ni dandeessa. (Ibr. 10:24, 25) Murtoo yommuu gootu gorsa Yihowaan karaa Dubbii isaa fi jaarmiyaa isaa siif kennu dhaggeeffadhu. (Isa. 30:21) Taanaan, wanti raawwattu hundi siif milkaaʼa.—Fak. 16:3, 20.
19. Yeroo hundumaa waaʼee maalii yaaduu kee itti fufuu qabda? Maaliif?
19 Qajeelfama Yihowaa irraa hangam akka fayyadamte hubachuu kee yommuu itti fuftu, jaalalli ati isaa fi ulaagaa isaatiif qabdu ni guddata. Taanaan, wanti Seexanni Yihowaa akka hin tajaajille gochuuf siif kennu kam iyyuu si hin hawwatu. Waggaa kuma tokko booda akka jirtu godhii yaadi. Murtoo cuuphamuuf goote duubatti deebitee yommuu yaaddu, kun murtoo goote hundumaa irra akka caalu ni hubatta!
FAARFANNAA 28 Michuu Yihowaa Taʼuu
^ key. 5 Cuuphamuu ykn cuuphamuu dhiisuun murtoo barbaachisaa gochuu qabdu dha. Murtoon kun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Mata dureen kun gaaffii kanaaf deebii kenna. Kana malees, namoonni cuuphamuuf yaadaa jiran, rakkoowwan cuuphamuu irraa duubatti akka jedhan isaan godhan akka moʼan isaan gargaara.
^ key. 56 IBSA FAKKII: Ofitti amanannaa: Dargaggeessi tokko yaada kennuu sodaate.
^ key. 58 IBSA FAKKII: Michoota: Shamarree Dhugaa Baatuun tokko michuu gaarii hin taane wajjin utuu jirtuu Dhugaa Baatota yommuu argitu ni qaanofte.
^ key. 60 IBSA FAKKII: Dogoggoran raawwadha jedhanii sodaachuu: : Shamarreen tokko, obboleessi ishii gumiidhaa baafame yommuu mana gadhiisee baʼu, anis dogoggora raawwachuu nan dandaʼa jettee sodaatte.
^ key. 62 IBSA FAKKII: Mormii: Dargaggeessi tokko haati isaa ishiin hin amanne utuu isa ilaalaa jirtuu kadhachuu sodaate.
^ key. 65 IBSA FAKKII: Ofitti amanannaa: Dargaggeessi tokko qoʼannaa dhuunfaa isaa cimsate.
^ key. 67 IBSA FAKKII: Michoota: Shamarreen Dhugaa Baatuun tokko Dhugaa Baatuu taʼuu ishiitti boonuu akka qabdu baratte.
^ key. 69 IBSA FAKKII: Failure: Dogoggoran raawwadha jedhanii sodaachuu: Shamarreen tokko dhugaa kan ofii ishii godhachuudhaan cuuphamteetti.
^ key. 71 IBSA FAKKII: Mormii: Dargaggeessi tokko waa‵ee amantii isaa haadha isaa ishii hin amanneef ija jabinaan ibse