Simbirroota Samii Irraa Maal Baranna?
“Mee . . . warra qilleensa keessa [balali’an] gaafadhu! Isaan sitti in himu. Harki Waaqayyoo akka isaan tolche, isaan kana hundumaa keessaa eenyutu hin beeku?”—Iyoob 12:7, 9.
WAGGAA 3,000 dura, Iyoob inni nama amanamaa ture simbirroonni waaʼee hojii harka Waaqayyoo akka dubbatan hubatee ture. Amalli addaa isaan qabanis yeroo baayʼee fakkeenya dubbatamu keessatti akka caqasaman isaan taasisa. Kitaaba Qulqulluu keessatti akkaataa itti simbirroonni caqasaman, jireenyaa fi hariiroo Waaqayyoo wajjin qabnu ilaalchisee barumsa guddaa nuu kenna. Mee fakkeenya muraasa haa ilaallu.
BAKKA ITTI GIRRIFNI MANA IJAARRATU
Girrifni jiraattota Yerusaalem biratti beekamaa ture; simbirroonni kun manʼee isaanii bantii manaa jalatti ijaarratu. Isaan keessaa tokko tokko manʼee isaanii mana qulqullummaa Solomoon irratti ijaarratanii turan. Girrifoota mana qulqullummaa kana irratti manʼee ijaarrataniif, iddoon kun bakka nagaadhaan cuucota isaanii itti guddisan akka taʼu beekamaa dha.
Namni Faarfannaa 84 qindeesse, jechuunis ijoollee Qoraahi keessaa tokko jiʼa jaʼa keessatti siʼa tokko mana qulqullummaa kana keessa kan tajaajilu siʼa taʼu, manʼee simbirroota kanaa ni arga ture. Inni akka simbirroota yeroo hunda mana Yihowaa keessa jiraatan kanaa taʼuu hawwee ture. Akkana jedheera: “Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa, iddoon buufata kee maal maal namatti tolaa! Lubbuun koo oobdii mana Waaqayyoo yaaddee in gaggabdi! . . . Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa, mootii ko Waaqayyo kos, iddoo aarsaa keetti dinbiitiin illee mana, girrifnis mann’ee cuucota ishee keessa kaa’attu argatte.” (Faarfannaa 84:1-3) Nutii fi ijoolleen keenya hoo walgaʼii gumii saba Waaqayyoo irratti yeroo hundumaa argamuuf hawwii akkasii qabnaa?—Faarfannaa 26:8, 12.
ALLAATTIIN HAWAANNISAA YEROO ISAA BEEKA
Ermiyaas raajichi, “Allaattiin hawaannisaa inni qilleensa keessa balali’u iyyuu yeroo isaa beeka” jechuudhaan barreesseera. Allaattiiwwan kun Biyyattii Abdachiifamte qaxxaamuranii akka godaanan sirriitti akka beeku hin shakkisiisu. Waqtii arfaasaatti allaattiiwwan hawaannisaa adiin 300,000 ol taʼan sulula Yordaanos qaxxaamuranii Afriikaadhaa gara Awurooppaa Kaabaatti yeroo godaanan argameera. Yeroon uumamaan keessa isaanii jiru waqtii boonaatti iddoo itti wal horanitti akka deebiʼan isaan taasisa. Akkuma simbirroota godaanan kaanii, “yeroo isaanii beeku.”—Ermiyaas 8:7.
Kitaabni Collins Atlas of Bird Migration jedhamu, “Godaansi kun kan nama dinqisiisu akka taʼu kan taasisu uumamaan wanta keessa isaanii jiru taʼuu isaa ti” jedheera. Yihowaan waqtiilee ilaalchisee simbirroota godaananiif ogummaa uumamaa kenneera; namootaaf garuu dandeettii yeroo fi waqtii hubachuu kenne. (Luqaas 12:54-56) Ogummaa uumamaa allaattiiwwan hawaannisaa qaban irraa haala adda taʼeen, ilmaan namootaa taʼeewwan bara keenyatti raawwatamaa jiran hiika maalii akka qaban beekuuf waaʼee Waaqayyoo beekumsa argachuu qabu. Israaʼeloonni bara Ermiyaasitti turan mallattoowwan akkasii utuu hin hubatin hafaniiru. Waaqayyo, “Dubbii koo erga tuffatanii ogummaan isaanii kun maal isaaniif godha ree?” jechuudhaan rakkinni isaanii inni guddaan maal akka taʼe ibseera.—Ermiyaas 8:9.
Yeroo harʼaa, yeroo Kitaabni Qulqulluun “guyyoota dhumaa” jedhee waamu keessa jiraachaa akka jirru ragaan argisiisu hedduun jira. (2 Ximotewos 3:1-5) Ati hoo fakkeenya allaattii hawaannisaa hordofuudhaan “yeroo” keessa jirru ni hubattaa?
JOOBIRRI FAGOOTTI ARGA
Joobirri Kitaaba Qulqulluu keessatti iddoo hedduutti caqasameera; allaattii kana Biyyattii Abdachiifamte keessatti arguun baramaa ture. Joobirri manʼee isaa isa fiixee kattaa irra jiru irra taaʼee “wanta adamsee qabatu in gaada, iji isaas fagootti in arga.” (Iyoob 39:27-29) Dandeettiin arguu isaa guddaa waan taʼeef kiilomeetira tokko irratti illeettii arguu akka dandaʼu dubbatama.
Joobirri ‘iji isaa fagootti akkuma argu’ Yihowaanis wanta gara fuulduraatti taʼu arguu dandaʼa. Yihowaan akkana jedheera: “Ani wanta booddee dhufuuf jiru duraan dursee himeera, durii durii jalqabees wanta amma iyyuu hin ta’in jiru dubbadheera.” (Isaayaas 46:10) Kanaaf, gorsa Yihowaa hojii irra oolchuudhaan, ogummaa fi hubannaa isaa isa guddaa irraa fayyadamuu dandeenya.—Isaayaas 48:17, 18.
Kana malees, Kitaabni Qulqulluun namoota Waaqayyo irratti amantii qaban joobiratti fakkeesseera. Akkana jedha: “Warri Waaqayyoon abdiidhaan eeggatan . . . humni isaanii in haareffama; akka joobiraas baalleedhaan ol in ka’u.” (Isaayaas 40:31) Joobirri kallattii qilleensi hoʼaan itti ol baʼu fayyadamuudhaan qoochoo isaa diriirsee balaliʼa. Kallattii qilleensi ittiin ol baʼu erga argatee booda, qoochoo isaa diriirsee irra naannaʼuudhaan, ol kaʼaa deema. Haala kanaan, joobirri humna isaatti utuu hin fayyadamin qoochoo isaa diriirsee karaa fagoo deema. Haaluma wal fakkaatuun, namoonni Yihowaa irratti amantii qaban waadaa inni ‘humna humna caalu’ isaaniif kennuuf gale akka raawwatu mirkanaaʼoo taʼuu dandaʼu.—2 Qorontos 4:7, 8.
“AKKUMA LUKKUUN CUUCOTA ISHII QOOCHOO ISHII JALATTI WALITTI QABDU”
Yesuus duʼuu isaa yeroo gabaabaa dura takka dhaabatee magaalaa guddoo Yihudootaa ilaalee ture. Achiis akkana jedhe: “Yaa Yerusaalem, yaa Yerusaalem, raajota kan ajjeestu, warra gara keetti ergamanis dhagaadhaan kan tumtu, akkuma lukkuun cuucota ishii qoochoo ishii jalatti walitti qabdu siʼa meeqan ijoollee kee sassaabuu barbaade! Isin garuu hin barbaadne.”—Maatewos 23:37.
Miirri cimaan simbirroonni uumamaan qaban inni tokko cuucota isaanii kan eegan taʼuu isaanii ti. Akaakuuwwan simbirroo kan akka lukkuu lafa irra jiraatan dammaqinaan balaa irraa of eeguu qabu. Lukkuun tokko joobira isaan irra naannaʼu yeroo argitu sagalee akeekkachiisaa guddaa kan dhageessistu siʼa taʼu, yeroo kanatti cuuconni ishii fiiganii qoochoo ishii jala seenu. Aduu fi bokkaa cimaa jalaa ooluufis qoochoo ishii jala seenu. Haaluma wal fakkaatuun, Yesuus jiraattota Yerusaalemiif karaa hafuuraa eegumsa gochuu barbaadee ture. Yeroo harʼaattis, Yesuus baʼaa fi yaaddoo jireenyaa irraa boqonnaa fi eegumsa akka argannuuf gara isaa akka dhaqnu nu afeereera.—Maatewos 11:28, 29.
Dhuguma iyyuu, simbirroota irraa barumsa hedduu arganna. Amala isaan argisiisan yeroo argitu, fakkeenyota isaaniin ilaalchisee Kitaaba Qulqulluu keessatti dubbataman hubachuuf yaali. Girrifni mana Yihowaan itti waaqeffatamu akka dinqisiifattu si haa gargaartu. Waaqayyo akka joobiraa humna akka sii kennu isa irratti amantii qabaadhu. Dhugaa hafuuraa isa akka lukkuun cuucota ishii eegdutti eegumsa siif godhu argachuuf gara Yesuus dhaqi. Allaattiin hawaannisaa hiika taʼeewwan yeroo ammaatti raawwatamaa jiranii akka hubattu si haa gargaaru.