Kitaabni Qulqulluun Waaʼee Diiyaabilos Maal Jedha?
Diiyaabilos eenyu? Yookiin maali dha?
ATI MAAL JETTA? Diiyaabilos . . .
Qaama hafuuraa tii?
Hammeenya garaa namaa keessa jiru argisiisaa?
Moo wanta sammuun namaa uume dha?
KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?
Diiyaabilos Yesusii wajjin dubbateera, akkasumas isa ‘qoreera.’ (Maatewos 4:1-4) Kanaaf, Diiyaabilos wanta sammuun namaa uume ykn hammeenya kan argisiisu miti. Inni qaama hafuuraa hamaa taʼe dha.
WANTA DABALATAA KITAABA QULQULLUU IRRAA BARANNU
Diiyaabilos jalqaba ergamaa qulqulluu ture; taʼus “dhugaa irra hin dhaabanne.” (Yohannis 8:44) Sobduu taʼuu isaa irra iyyuu, Waaqayyo irratti fincila kaase.
Ergamoonni kaanis fincila Seexanni kaase irratti hirmaatan.—Mulʼata 12:9.
Diiyaabilos namoonni hedduun jiraachuu isaa akka hin hubanne godheera.—2 Qorontos 4:4.
Diiyaabilos namoota toʼachuu ni dandaʼaa?
NAMOONNI TOKKO TOKKO yaadni Diiyaabilos nama toʼata jedhu waan hin fakkaanne dha jedhu; namoonni kaan immoo hafuurota hamoodhaan qabamuu baayʼee sodaatu. Ati hoo maal jetta?
KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?
‘Guutummaan biyya lafaa harka isa hamaa jala jira.’ (1 Yohannis 5:19) Diiyaabilos ilmaan namootaa irra dhiibbaa guddaa kan geessisu taʼus, namoota hunda toʼachuu hin dandaʼu.
WANTA DABALATAA KITAABA QULQULLUU IRRAA BARANNU
Diiyaabilos dhiibbaa isaa babalʼisuuf gowwoomsaatti fayyadama.—2 Qorontos 11:14.
Hafuuronni hamoon darbee darbee namoota toʼachuu dandaʼu.—Maatewos 12:22.
Gargaarsa Waaqayyootiin, ‘Seexana mormuu’ irratti milkaaʼina argachuu dandeessa.—Yaaqoob 4:7.