Wanta Sirrii fi Dogoggora Taʼe: Dhimma Nama Hunda Ilaallatu
Naannoo kanaan dura deemtee hin beekne deemuu utuu barbaaddee maal goota?
1. Calluma jettee kallattii yaadde tokkorra buʼuu.
2. Namoota karaasaa akka beekan yaaddu hordofuu.
3. Kaartaatti fayyadamuu ykn nama amantuu fi karicha beeku gaafachuu.
Isa tokkoffaa ykn isa lammaffaa yoo filanne iddoo taʼe tokko kan geenyu taʼus, iddoo yaanne gaʼuu dhiisuu dandeenya. Isa sadaffaa yoo filanne garuu, iddoo yaanne akka geenyu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.
Jireenyi keenya akkuma imalaati; imalli kun jireenya gammachiisaa akka nuuf argamsiisu abdanna. Jireenya akkasii qabaachuu fi dhiisuun keenya caalaatti kan hundaaʼe, yeroo murtoo goonutti kallattii qajeelfama argachuuf itti yaallurrattidha.
Murtoowwan yeroo baayʼee goonu jireenya keenyarratti dhiibbaa guddaa kan geessisan taʼuu baatanis, tokko tokko garuu baayʼee barbaachisoodha. Murtoowwan iddoo guddaa qaban kun, wantoonni sirrii fi dogoggora akka taʼanitti yaannu maalfaa akka taʼan argisiisu. Kana malees, nurrattis taʼe namoota jaallannurratti dhiibbaa (gaarii ykn gadhee) yeroo dheeraadhaaf turu geessisu. Murtoowwan kana keessaa tokko tokko:
Saalqunnamtii fi gaaʼela
Amanamummaa, hojii fi maallaqa
Akkaataa ijoollee itti guddisnu
Akkaataa warra kaan itti qabnu
Murtoon gama kanaan gootu siifis taʼe maatii keetiif jireenya gammachiisaa kan argamsiisu taʼuusaa beekuu kan dandeessu akkamitti?
Hundi keenya, ‘Wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee murtoo gaarii gochuuf maaltu na gargaara?’ jennee of gaafachuu qabna.
Barruun kun wanta Kitaabni Qulqulluun wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee dubbatu amanuu kan dandeenyu maaliif akka taʼee fi murtoo sirrii gochuuf kan si gargaaru akkamitti akka taʼe ibsa.