Yeroo Gara Fuulduraa Ilaalchisee Dhugaa Jiru
Waaʼeen yeroo gara fuulduraa si yaaddessaa? Kitaabni Qulqulluun taʼeewwan barbaachisoon namoota lafarra jiraatan hundarratti dhiibbaa geessisan dhiheenyatti akka raawwataman dubbata.
Yesuus ‘Mootummaan Waaqayyoo akka dhihaate beekuu’ kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibseera. (Luqaas 21:31) Waraanni ciccimaan, kirkirri lafaa guguddaan, hanqinni nyaataa, golfaanii fi wantoonni kan biroon akka uumaman raajii dubbateera; yeroo harʼaatti wantoonni kun yeroo raawwataman argaa jirra.—Luqaas 21:10-17.
Kitaabni Qulqulluun “guyyoota dhumaa” bulchiinsa ilmaan namootaatti amalli namootaa mancaʼaa akka deemus ni dubbata. Wantoota 2 Ximotewos 3:1-5 irratti ibsaman dubbisuu dandeessa. Amalootaa fi gochawwan kanneen yommuu argitu, raajiin Kitaaba Qulqulluu kun haala yeroo ammaa jiru sirriitti kan ibsu taʼuusaa irratti akka walii galtu hin shakkisiisu.
Kun maal argisiisa? Yeroon Mootummaan Waaqayyoo jijjiiramawwan guguddaa jireenyi lafarra jiru guutummaatti akka jijjiiramu godhu itti fidu dhihaateera. (Luqaas 21:36) Waaqayyo Kitaaba Qulqulluu keessatti, lafaa fi namoota lafarra jiraataniif wantoota gaggaarii taʼan akka fidu waadaa galeera. Mee fakkeenyota muraasa haa ilaallu.
BULCHIINSA GAARII
“Achiis uummanni, saboonnii fi namoonni qooqa garaa garaa dubbatan hundi akka isa tajaajilaniif, bulchiinsi, ulfinnii fi mootummaan [Yesuusiif] ni kenname. Bulchiinsi isaa bulchiinsa bara baraa ti, hin darbus; mootummaan isaas hin balleeffamu.”—DAANIʼEL 7:14.
Maal jechuudha? Bulchiinsa olaanaa addunyaa maratti bulchuu fi Waaqayyo Ilmasaa Mootii godhee irratti muude jalatti jireenya gammachiisaa jiraatta.
FAYYAA GAARII
“Jiraattota biyyattii keessaa tokko illee, ‘Na dhukkuba’ hin jedhu.”—ISAAYYAAS 33:24.
Maal jechuudha? Yoomiyyuu dhukkubaafis taʼe hirʼina qaamaatiif hin saaxilamtu; barabaraaf waan jiraattuuf duʼa hin sodaattu.
NAGAA GUUTUU
“Inni guutummaa lafaa irraa waraana ni balleessa.”—FAARFANNAA 46:9.
Maal jechuudha? Sodaan waraanaa fi rakkinni inni geessisu hundi hin jiraatu.
LAFTI NAMOOTA GAGGAARIIDHAAN GUUTAMTI
“Namoonni hamoon hin jiraatan . . . Garraamonni garuu lafa ni dhaalu.”—FAARFANNAA 37:10, 11.
Maal jechuudha? Namoonni hamoon hin jiraatan; namoota Waaqayyoof ajajamuuf fedhii guddaa qaban qofatu jiraata.
GUUTUMMAAN LAFAA JANNATA TAATI
“Isaan manneen ni ijaaru, keessas ni jiraatu, mukeetii wayinii ni dhaabu, firii isaaniis ni nyaatu.”—ISAAYYAAS 65:21, 22.
Maal jechuudha? Guutummaan lafaa bareedduu taati. Waaqayyo kadhannaa fedhiinsaa “lafa irratti” akka taʼuuf dhiheessinuuf deebii kenna.—Maatewos 6:10.