Addunyaa Mararraa
Yunaayitid Isteetis
Barruun Niiwu Yoorki Taayimsi jedhamu, “Namni tamboo xuuxu tokko nama tamboo hin xuuxnee wajjin wal bira qabamee yeroo ilaalamu . . . nama isa hojjechiisu waggaatti dabalataan doolaara Ameerikaa 5,816 isa baasisa” jechuudhaan gabaaseera. Qorattoonni Yunivarsiitii Ohaayoo akka ibsanittimmoo, namoonni akkasii tamboo xuuxuuf jecha hojii dhaabuudhaan, yaalii fayyaatiif baasii guddaa baasisuufi hojiirraa hafuudhaan baasii dabalataa isa baasisu. Kana malees, namni araada niikotiiniitiin qabame utuu tamboo hin xuuxin hojiisaa sirriitti hojjechuu hin dandaʼu.
Xaaliyaanii
“Qeesonnis taʼan amantoonni wanta dubbatan hojiirra kan hin oolchine taʼuunsaanii, amanannaa Waldaan qabdu xiqqeessaa jira.”—Phaaphaasii Firaansiis jedhamu.
Maaleeshiyaa
Abbootiin taayitaa Maaleeshiyaa ilka arbaa 1,000 ol taʼuufi kuntaala 240 miijanu konteenarii saanqaan itti feʼame lama keessatti dhokfame qabaniiru. Itti gaafatamtoonni eegumsa naannoo, ilki arbaa hamma kana baayʼatu hanga harʼaatti qabamee akka hin beekne dubbataniiru. Feʼumsi kun kaʼumsisaa Toogoo siʼa taʼu, bakki itti geeffamummoo Chaayinaadha.
Afriikaa
Akka gabaasa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa bara 2012tti, waggoottan muraasa darbanitti namoota duʼan keessaa harki 63 kan duʼan dhukkuba daddarbaa kan akka Eedsii, garaa kaasaa, busaa, dhukkuba sombaafi dhukkuba ijoolleetiinidha.
Awustiraaliyaa
Taphawwan qumaaraa moobaayiloota ammayyaa (ismaartfoonsi) ykn meeshaawwan kaanirratti feʼaman ijoollee biratti baayʼee jaallatamaa dhufaniiru. Tokko tokko qumaaruma isuma dhugaa fakkaatu; moʼuufis baayʼee salphaadha. Gabaasni mootummaan baase tokko, taphawwan akkasii ijoolleen qumaarri fudhatama akka qabu godhanii akka yaadan, “gara fulduraattis araada qumaaraatiin akka qabaman” gochuu akka dandaʼu akeekkachiiseera.