Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

GAAFANNOO | PAAʼOLAA KIYOOSSII

Baayookeemistiin Tokko Amantiishee Ibsite

Baayookeemistiin Tokko Amantiishee Ibsite

Dooktar Paaʼolaa Kiyoossiin, waggoota 20 oliif Yunivarsiitii Feraaraa isa Xaaliyaanitti argamu keessatti moolakiyulaar baayoolojistii taate hojjechaa turte. Barruun Dammaqaa! waaʼee saayinsiifi waaʼee amantiishee ishee gaafateera.

Mee akkaataa guddinaakee nutti himi.

Abbaankoo kophee kan hojjetu siʼa taʼu, haatikoommoo hojii qonnaa hojjetti turte. Ani garuu saayintiistii taʼuun barbaada ture. Bareedinni abaaboowwan, simbirroonniifi ilbiisonni naannoo mana keenyaatti argaman qaban xiyyeeffannaakoo harkisa ture. Qaamni namoota caalaa ogummaa guddaa qabu akka isaan uume natti dhagaʼama ture.

Kanaaf, durumaa kaastee Uumaatti ni amanta turtee?

Lakki. Waaqayyoon ilaalchisee shakkii guddaan na keessatti uumamuu kan jalqabe ijoollummaakootti ture. Abbaankoo dhukkuba onneetiin akka tasaa erga duʼee booda, ‘Uumaan wantoota babbareedaa kana hunda uume, rakkinniifi duuti akka jiraatu maaliif heyyame?’ jedhee yaaduun jalqabe.

Qorannaan saayinsiirratti goote deebii argachuuf si gargaareeraa?

Jalqabarratti na hin gargaarre. Yeroon moolakiyulaar baayoolojiistii taʼu, waaʼee duʼaa jechuunis, waaʼee duʼa seelotaa isa qaama keenya argamsiisee qorachuun jalqabe. Kun, duʼa seelii toʼatamuu hin dandeenye, isa dhiitoofi madaa hin fayyine uumurraa addadha. Qorannaan kun fayyaa keenyaaf baayʼee barbaachisaa taʼullee, hamma waggoota dhihootti, saayintiistonni xiyyeeffannaa hin kennaniif turan.

Qophiin seelonni akka duʼan godhu faayidaa maalii qaba?

Qaamni keenya, seelota tiriiliyoonatti lakkaaʼamaniifi ijaan hin argamnerraa kan tolfamedha. Seelonni hundi duʼuufi seelii kan biraatiin bakka buufamuu qabu. Umriin seelotaa garaagaradha; seelonni tokko tokko torban muraasa keessatti, kaanimmoo waggoota muraa keessatti bakka buufamu. Seelonni duʼaniifi seelonni oomishaman baayʼinnisaanii akka wal madaaluuf, qophiin seelonni qaama keenyaa akka duʼan godhu akka gaariitti toʼatamuu qaba.

Yoo kun taʼuu baatehoo?

Qorannaawwan tokko tokko, seelonni yeroosaaniitti yoo duʼuu baatan, dhukkubni rumaatooyid artiraayitas jedhamu ykn kaansariin nama qabuu akka dandaʼu argisiisu. Karaa gara biraatiinimmoo, seelonni yeroonsaanii utuu hin gaʼin yoo duʼan, dhukkubni Paarkiinsan ykn dhukkubni Alzaayimar jedhamu nama qabuu dandaʼa. Qorannaan ani godhu, dhukkuboota kanaaf qoricha barbaaduu wajjin kan wal qabate ture.

Qorannaan kun ilaalchakeerratti jijjiirama akkamii fide?

Dhugaasaa dubbachuuf bitaa natti taʼee ture. Adeemsi dinqisiisaa taʼe kun, Waaqa fayyaa akka qabaannu barbaaduun akka uumame ifadha. Kanaaf, yeroo kanattis gaaffii, Namoonni kan rakkataniifi kan duʼan maaliifi? jedhuuf deebii hin argannen ture.

Taʼus qaamni adeemsa seeliin akka duʼu godhu kana qopheesse akka jiru amanteetta.

Eeyyee. Adeemsisaa hundi hubachuuf rakkisaa taʼuyyuu, ogummaa guddaadhaan akka hojjetame kan argisiisudha. Ogummaan kunimmoo ogummaa Waaqayyoo akka taʼe nan amana. Wanta hubachuuf rakkisaa taʼeefi adeemsa kana toʼachuuf gargaaru qorachuuf, maaykiroskoppiiwwan humna guddaa qabanittan fayyadama. Adeemsawwan tokko tokko, yoo barbaachisaa taʼe sekoondii muraasa gidduutti seeliiwwan akka duʼan gochuu dandaʼu. Seelotumtiyyuu, adeemsa isaan ajjeesuuf godhamurratti ni hirmaatu. Adeemsi kun akka gaariitti kan qindaaʼe waan taʼeef, baayʼee kan nama ajaaʼibsiisudha.

Seelonni keenya yeroo hundumaa waan bakka buufamaniif, barabaraaf jiraachuun akka dandaʼamu beekamaadha

Waaʼee Waaqayyoofi waaʼee rakkinaa gaaffii qabda turte. Deebii kan argatte akkamittiree?

Bara 1991 Dhugaa Baatonni Yihowaa lama manakoo yommuu dhufan, maaliif akka duunun isaan gaafadhe. Isaanis, “cubbuun karaa nama tokkoo biyya lafaatti akkuma dhufe, duunis karaa cubbuu akka gale” Macaafa Qulqulluurraa natti argisiisan. (Roomaa 5:12) Namni jalqabaa sun utuu Waaqayyoof ajajameera taʼee, barabaraaf jiraata ture. Yaanni kun wantan qorannaa koorraa baradhee wajjin akka walsimu hubachuuf yeroo natti hin fudhanne. Waaqayyo namoota kan uume akka duʼaniif akka hin taane ifa naa taʼee ture. Seelonni keenya yeroo hundumaa waan bakka buufamaniif, barabaraaf jiraachuun akka dandaʼamu beekamaadha.

Macaafni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo taʼuusaa akka amantu kan si godhe maalidha?

Macaafni Qulqulluun Faarfannaa 139:16⁠rratti (NW), “Ijikee garaa haadhakoo keessatti miciree taʼee utuun jiruu na arge; kutaawwan micireekoo hundis kitaabakee keessatti barreeffamanii turan” akka jedhun baradhe. Baayookeemistii waanan taʼeef, odeeffannoo jiinii, seelota keenya keessatti barreeffamerratti qorannaa godheen ture. Faarfatichi odeeffannoon akkasii barreeffamuusaa akkamitti beeke? Macaafa Qulqulluu barachaa yommuun deemu, macaafni kun hafuura Waaqayyootiin kan barreeffame taʼuusaa caalaatti amanuun jalqabe.

Wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu hubachuuf gargaarsa kan argatte akkamitti?

Dhugaa Baatuun Yihowaa tokko, Macaafa Qulqulluu na qayyabsiisuuf afeerrii naa dhiheesse. Yeroo booda, Waaqayyo rakkinni akka jiraatu kan heyyame maaliif akka taʼen hubadhe. Akkasumas, akka Macaafni Qulqulluun jedhutti Waaqayyo ‘raawwatee duʼa balleessuuf’ kaayyoo akka qabun baradhe. (Isaayaas 25:8) Barabaraaf akka jiraannu gochuuf, sirni qaama keenyaa inni dinqisiisaa taʼe mudaa malee akka hojjetu gochuun Uumaa keenyaaf salphaadha.

Beekumsa Macaafa Qulqulluurraa argattetti fayyadamtee warra kaan kan gargaarte akkamitti?

Bara 1995⁠tti Dhugaa Baatuu Yihowaa kanan taʼe siʼa taʼu, yeroo sanaa jalqabee carraan argadhe hundatti fayyadamee wantan Macaafa Qulqulluurraa baradhe warra kaanitti himaan jira. Fakkeenyaaf, dubartiin anaa wajjin hojjettu tokko, yeroo obboleessishee of ajjeese baayʼee gadditee turte. Waldaan amantiishee, Waaqayyo nama of ajjeeseef matumaa dhiifama akka hin goone barsiisa. Ani garuu, duʼaa kaʼuu ilaalchisee abdii Macaafni Qulqulluun kennun itti argisiise. (Yohannis 5:28, 29) Uumaan keenya akka nuu yaadu beekuusheetti baayʼee jajjabaatte. Yeroo akkasiitti dhugaawwan Macaafa Qulqulluu warra kaanitti himuun, saayinsii caalaa gammachuu akka naaf argamsiisu natti dhagaʼama!