KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?
Saʼaatii Kabajuu
Namoonni saʼaatii dabarsuu amaleeffatan illee, saʼaatii kabajuun barbaachisaa akka taʼe ni amanu. Kitaabni Qulqulluun dhimma kana ilaalchisee gorsa gaarii kenna.
Saʼaatii kabajuun hangam barbaachisaa dha?
WAAʼEE KANAA KAASUUN MAALIIF BARBAACHISE?
Namoonni tokko tokko saʼaatii itti wal beellaman dursanii gaʼuun dhiphina akka hirʼisu hubataniiru. Kana malees, saʼaatii kabajuun maqaa gaarii namaaf argamsiisa. Akkamitti?
Saʼaatii kabajuun gaʼumsa qabaachuu argisiisa. Yeroodhaan gaʼuun kee, haalawwan si mudatan wantoota gochuu barbaaddu akka si dhowwan heyyamuu mannaa, jireenya kee keessatti haalawwan toʼachuuf carraaqaa akka jirtu argisiisa.
Saʼaatii kabajuun namoota amanamnu akka taane argisiisa. Hawaasa yeroo baayʼee waadaa gale ykn beellama hin eegne keessatti, namoonni warra waadaa galan eegan ni dinqisiifatu. Namoonni amanaman michootaa fi maatii isaanii irraa kabaja argatu. Hoggantoonni hojjetoota yeroodhaan hojii isaanii irratti argamanii fi yeroo isaaniif kenname keessatti hojii isaanii xumuraniif bakka guddaa kennu. Kana malees, hojjettoonni amanaman miindaa guddaa fi itti gaafatamummaa dabalata argachuu dandaʼu.
KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?
Caqasoonni saʼaatii kabajuu wajjin wal qabatan jiru. Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun, “Wanti hundi haala gaarii taʼeen, akkasumas karaa seera qabuun haa raawwatamu” jedha. (1 Qorontos 14:40) Namoonni lama saʼaatii fi bakka murtaaʼetti wal arguuf yoo walii galan, saʼaatii itti wal beellaman kabajuun isaanii gaarii fi sirrii dha. Kitaabni Qulqulluun, “Wanti hundinuu yeroo qaba, wanti bantii waaqaa jala jiru hundinuu yeroo qaba” jedha. (Lallaba 3:1) Yaanni naannoo caqasa kanaa, “dhaabuun yeroo qaba, isa dhaabame buqqisuunis yeroo qaba” jedha. (Lallaba 3:2) Qonnaan bultoonni midhaan gaarii galfachuuf yeroo eeganii, yeroo sirrii taʼetti midhaan facaasuu qabu. Karaa biraatiin, qonnaan bultoonni buʼaa gaarii argachuun isaanii yeroo eeguu isaanii irratti kan hundaaʼe dha.
Kitaabni Qulqulluun sababii guddaan saʼaatii kabajuu itti qabnu maal akka taʼe ibsa: Namootaa fi yeroo isaanii isa gatii guddaa qabu akka kabajnu barsiisa. (Filiphisiyus 2:3, 4) Faallaa kanaatiin, namoonni yeroo hundumaa barfatan, yeroo warra kaanii hataa jiru jechuu dha.
“Faayidaa warra kaaniis yaadaa malee, faayidaa ofii keessanii qofa hin yaadinaa.”—Filiphisiyus 2:4.
Saʼaatii kabajuuf maal gochuu dandeessa?
KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?
Kitaabni Qulqulluun dursanii karoora baafachuu ni jajjabeessa. (Fakkeenya 21:5) Beellama irratti yeroo hundumaa kan barfattu yoo taʼe, tarii sagantaan kee gar malee hedduu taʼuu dandaʼa. Taanaan sochiiwwan yeroo fudhatanii fi barbaachisaa hin taane maaliif hin hirʼistu? Beellama qabatte garaa garaa gidduu yeroo gaʼaan akka jiraatu godhi; saʼaatii beellamaa dura achi gaʼuufis karoorfadhu. Akkas gochuun kee haalawwan hin eegamne kan akka, rakkinni tiraafiikii ykn haalli qilleensaa gaarii hin taane yoo jiraatanis, saʼaatii keetiin gaʼuuf si dandeessisa.
Kana malees, Kitaabni Qulqulluun akka gad of qabnu nu jajjabeessa. (Fakkeenya 11:2) Kana jechuun humna keenya beekuu jechuu dha. Beellama qabachuuf ykn hojii tokko yeroo kennametti xumuruuf walii galuu kee dura, sagantaan kee kan siif heyyamu taʼuu isaa mirkaneeffadhu. Wanta haalli kee siif hin heyyamneef tole jechuun kee, atis taate namoonni kaan akka dhiphattanii fi akka abdii kutattan gochuu dandaʼa!
Kitaabni Qulqulluun yeroo keenyatti akka gaariitti akka itti fayyadamnus nu gorsa. (Efesoon 5:15, 16) Hojiiwwan caalaatti barbaachisaniif dursa kenni. (Filiphisiyus 1:10) Fakkeenyaaf, yommuu geejjiba uummataatti fayyadamtu ykn namoota kaan eegdu, barreeffama dubbisuuf ykn wantoota saʼaatii hafetti hojjettu karoorfachuuf itti fayyadami.
“Yaadni warra dhimmee hojjetuu buʼaa qaba.”—Fakkeenya 21:5.