SEENAA IRRAA MAAL BARANNA?
Aristootil
WAGGAA 2,300 ol dura, Aristootil saayinsii fi falaasamaaf gumaachaa guddaa godheera. Hojiiwwan isaa xiyyeeffannaa namootaa kan harkisan siʼa taʼu, afaan hedduutti hiikamaniiru, qorannoo balʼaanis irratti godhameera. Piroofeesarri seenaa Jeemsi Maaklaklaan jedhaman, “Ilaalchi Aristootil uumama irratti qabu gara waggaa 2,000f ilaalcha namoota Awurooppaa toʼateera” jedhaniiru. Ilaalchi Aristootil tokko tokko barumsa Kaatolikii, Pirootestaantii fi Islaamaa irratti illee dhiibbaa geessisaniiru.
Wantoota Hedduu Irratti Xiyyeeffata Ture
Aristootil waaʼee ogummaa, astiroonoomii, baayooloojii, amalaa, afaanii, seeraa, loojikii, maagnetizmii, meetaafiiziksii, sochii, gammachuu, og-barruu, siyaasaa, xiinsammuu, akkaataa dubbii fi lubbuu barreesseera. Inni lubbuun ni duuti jedhee amana ture. Caalaatti beekamtii kan argate garuu hojii baayooloojii fi loojikii irratti hojjeteni dha.
Hayyoonni Giriik durii wanta addunyaa keessa jiru ibsuuf, wanta ilaalan, xumura dhugaa jiru irratti hundaaʼee fi loojikii fayyadamu turan. Wanta dhugaa ifa taʼe dha jedhanii yaadan irratti of eeggannoodhaan yoo xiinxalan xumura sirrii irra gaʼuu akka dandaʼan amanu turan.
Falaasama kana irratti hundaaʼuudhaan xumura amansiisaa hedduu irra gaʼaniiru; fakkeenyaaf hawaa keessa wantoonni iddoo iddoo isaanii qabatanii akka jiran ibsanii turan. Rakkinni isaa garuu dandeettiin hubannaa isaanii wanta ijaan arguu dandaʼan irratti qofa kan hundaaʼe taʼuu isaa ti; kunis Aristootiliin dabalatee namoonni beekumsa addaa qaban hedduun akka dogoggoran godheera. Fakkeenyaaf, pilaaneetonnii fi urjiileen lafatti marsu jedhanii amanu turan. Yeroo sanatti wanti kun dhugaa ifatti mulʼatu
akka taʼetti yaadama ture. Kitaabni The Closing of the Western Mind jedhamu, “Xiinxalli godhamee fi muuxannoon, ilaalcha Giriikotaa lafti wiirtuu hawaa ti jedhu waan deggeru fakkaata ture” jedheera.Ilaalchi dogoggoraa kun dhibbaa kan godhe saayinsii irratti qofa utuu taʼee gaarii ture. Haalli isaa garuu akkas hin turre.
Kaatolikiin Ilaalcha Aristootil Fudhatte
Bara gidduu galeessaatti barumsi Aristootil tokko tokko namoota Kiristiyaanota ofiin jedhan biratti akka barumsa dhugaatti fudhatama argatee ture. Tiʼoloojistonni Kaatolikii, keessumaa immoo Toomaas Akuyinas (naannoo Dh.K.B. bara 1224-1274)—wantoota Aristootil barreesse barumsa amantii barreessanitti dabalaniiru. Kanaaf, yaanni Aristootil lafti wiirtuu hawaa ti jedhu barumsa buʼuuraa Kaatolikii taʼee ture. Barumsi Aristootil geggeessitoota Pirootestaanii kan akka Kalviinii fi Luuter birattis fudhatama argateera. Isaan yaanni kun barumsa Kitaaba Qulqulluu ti jedhu turan.—Saanduqa “ Kitaaba Qulqulluu Karaa Dogoggoraatiin Hubataniiru” jedhu ilaali.
Barumsi Aristootil tokko tokko akka barumsa dhugaatti fudhatama argatee ture
Barreessaan Chaarlis Firiimaan jedhaman, “Barumsa tokko tokko keessatti [barumsa Aristootilii] fi barumsa Kaatolikii gargar baasuun rakkisaa taʼee ture” jedhaniiru. Kanaan kan kaʼes, Akuyinas, amantii Kaatolikii akka fudhatuuf Aristootiliin “cuupheera” jechuun ni dandaʼama jedhama ture. Dhugaa dubbachuuf garuu Firiimaan akka barreessanitti, “Akuyinastu barumsa Aristootil fudhate.” Amantiin Kaatolikiis hamma tokko barumsa isaa fudhatteetti jechuu ni dandeenya. Kanaan kan kaʼes, Gaaliiliyoo inni lammii Xaaliyaanii taʼee fi hayyuu astiroonomii fi herregaa ture, lafti aduu akka marsitu ragaa akka dhiheessu yeroo dubbatetti, akka qoratamu kan godhame siʼa taʼu, yaada isaa akka jijjiirus dirqisiisameera. * Aristootil beekumsi saayinsii guddachaa akka deemuu fi akka jijjiiramu hubatee ture. Kan nama gaddisiisu garuu dhaabileen amantii ilaalcha akkasii hin qaban turan!
^ KEY. 11 “Walitti Buʼiinsa Gaaliiliyoo fi Waldaa” ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf Dammaqaa! Waxabajjii 2003 (Amaariffa) ilaali.