Filannaa Dhuunfaa

Tajaajila gaarii akka argattu si gargaaruuf kuusyaadannoo (cookies) fi teeknoolojiiwwan walfakkaatanitti fayyadamna. Kuusyaadannoon tokko tokko weebsaayitiin keenya akka hojjetu gochuuf waan barbaachisaniif irratti walii galuun dirqama. Kuusyaadannoowwan dabalataa itti fayyadama kee fooyyessan fudhachuu ykn diduu ni dandeessa. Daataa kana matumaa hin gurgurru ykn daldalaaf itti hin fayyadamnu. Odeeffannoo dabalataatiif Global Policy on Use of Cookies and Similar Technologies dubbisi. Filannaa kee yeroo kamittiyyuu Filannaa Dhuunfaa keessaa sirreessuu ni dandeessa.

Dubartiin takka kaaffee daandii irra jiruu fi Hindi keessatti argamu jala teessee wanta dubbiste irratti yaadaa jirti.

Ogummaa Jireenyaa fi Gammachuu Argamsiisu

Ogummaa Jireenyaa fi Gammachuu Argamsiisu

“Rakkoowwan addunyaa kanneen akka waraanaa, hiyyummaa fi dhukkubaa jiran, akkasumas miidhaa ijoollee irra gaʼu yommuun argu baayʼeen gadda; taʼus abdiin akka jiru beeka.”—RAANII. a

Raaniin waaʼee uumaa keenyaa isa hundumaa dandaʼuu fi madda ogummaa dhugaa taʼee beekuun ishii gammachuu dhugaa ishiidhaaf argamsiiseera. Mata dureewwan kanatti aananii jiran yommuu dubbistu barumsawwan ibsaman gama armaan gadiitiin kan si fayyadan akkamitti akka taʼe hubadhu:

  • Maatii gammachuu qabu horachuuf

  • Namootaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuuf

  • Gammachuu argachuuf

  • Sababa rakkinnii fi duuti itti jiraate beekuuf

  • Abdii amansiisaa qabaachuuf

  • Uumaa keenya beekuu fi isatti dhihaachuuf

Uumaan keenya ogummaa isaa kan kennu namoota muraasaaf qofa utuu hin taʼin, namoota ogummaa isaa barbaadan hundumaaf akka taʼes ni baratta.

a Maqaawwan barruu kana keessa jiran jijjiiramaniiru.