Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

DHIPHINARRAA BOQONNAA ARGADHU

Dhiphina Moʼuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

Dhiphina Moʼuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

Karaa buʼa qabeessa taʼeen dhiphina moʼuuf, waaʼee fayyaa kee, walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabdu, galmawwan kee fi wantoota dursa kennituufirratti yaaduun si barbaachisa; wantoonni kunimmoo wantoota iddoo guddaa kennituufidha. Mata dureen kun qajeelfamoota dhiphina moʼuu fi tariimmoo hirʼisuuf si gargaaruu dandaʼan tokko tokko ibsa.

Waaʼee Boruu hin Yaaddaʼin

“Matumaa waaʼee boruutiif hin yaaddaʼinaa; sababiin isaas, guyyaan boruu yaaddoo mataa isaa qaba.”—MAATEWOS 6:34.

Kana jechuun: Yaaddoon guyyaa guyyaadhaan nu mudatu kutaa jireenya keenyaati. Haa taʼu malee, yaaddoo guyyaa boruu isa guyyaa harʼaarratti dabaluudhaan yaaddoo guyyaa harʼaa hin baayʼisin. Waaʼee boruu hin yaaddaʼin.

  • Dhiphinni yaaddoo nutti uumuu dandaʼa. Kanaafuu akkana gochuuf yaali: Tokkoffaa, dhiphina tokko tokko balleessuun akka hin dandaʼamne hubadhu. Waaʼee wantoota hambisuu hin dandeenyee yaaddaʼuun dhiphina kee dabala. Lammaffaa, wantoonni hedduun akka sodaatte taʼuu dhiisuu akka dandaʼan hubadhu.

Wanta Humna Keetii Ol Taʼe Ofirraa hin Eegin

‘Ogummaan inni ol gubbaadhaa dhufu yaada ofiitti kan hin cichinedha.’—YAAQOOB 3:17.

Kana jechuun: Mudaa kan hin qabne taʼuuf hin yaalin. Ofirraas taʼe warra kaanirraa wanta humnaa ol taʼe hin eegin.

  • Humna kee beeki, wanta humnaa ol taʼe ofirraa hin eegin, akkasumas humni kees taʼe kan warra kaanii kan daangeffame akka taʼe yaadadhu. Akkana gochuun kee atis taate namoonni naannoo keetti argaman dhiphinni keessan akka hirʼatuu fi buʼaawwan gaggaarii akka argattan isin gargaara. Kana malees, gammachuu kan qabdu taʼuuf yaali. Wanti nama gaddisiisu tokko yommuu uumamuttillee kolfuun kee, dhiphina kee hirʼisuu fi miirri gaariin akka sitti dhagaʼamu gochuu dandaʼa.

Wanta Si Dhiphisu Beeki

“Namni hubannaa [qabu] tasgabbaaʼaa dha.”—FAKKEENYA 17:27.

Kana jechuun: Miirri gadheen yaada gaariillee balleessuu waan dandaʼuuf tasgabbaaʼuuf carraaqqii godhi.

  • Wanta si dhiphisu adda baasii beeki, haala kana keessatti maal akka gootu hubadhu. Fakkeenyaaf yommuu dhiphattu, yaada kee, miira kee fi amala kee hubadhu; tarii wantoota kana galmeessitee qabachuu dandeessa. Yeroo dhiphattutti tarkaanfii akkamii akka fudhattu caalaatti hubachuudhaan, tarii karaa caalaatti buʼa qabeessa taʼeen dhiphina kee moʼuu ni dandeessa. Kana malees, karaawwan jireenya kee keessatti wantoota nama dhiphisan itti hambistu yaadi. Kun hin dandaʼamu taanaan, tarii hojiiwwan kee sirriitti hojjechuu ykn yeroo keetti sirriitti fayyadamuudhaan karaa miidhaa isaa itti hirʼistu barbaadi.

  • Wantoota tokko tokko karaa adda taʼeen ilaaluuf yaali. Wanti si dhiphisu nama kan biraa hin dhiphisu taʼa. Tarii garaa garummaa kan fide ilaalcha keessan taʼuu dandaʼa. Gorsawwan kennaman sadan kana ilaali:

    1. Kakaʼumsi warra kaanii sirrii akka hin taane yaaduuf hin ariifatin. Namni tokko dabaree isaa malee dhufee si dura hiriira taʼa. Namni kun seera qabeessa akka hin taane gootee yoo fudhatte isatti aaruu ni dandeessa. Kanaa mannaa, kakaʼumsi isaa gaarii akka taʼe gootee maaliif hin yaaddu? Tarii sirrii taʼuu dandeessa!

    2. Wanta gaarii haala tokko keessatti argamu yaadi. Doktara biratti dhihaachuuf ykn buufata xiyyaaraatti saʼaatii dheeraa yommuu eegdutti, yeroo kee dubbisuudhaan, hojii tokko hojjechuudhaan ykn iimeelii ilaaluudhaan kan dabarsitu yoo taʼe dhiphina kee siif hirʼisuu dandaʼa.

    3. Wanta caalaatti barbaachisaa taʼe hin dagatin. ‘Rakkinni kun boru ykn torban dhufu dhimma cimaa taʼee itti fufaa?’ jedhii of gaafadhu. Dhimmoota xixinnoo ykn yeroo muraasaaf turan, dhimmoota ciccimoo taʼanirraa addaan baasi.

Sirnaan kan Jiraattu Taʼi

“Wanti hundi karaa naamusa qabuun, akkasumas karaa seera qabeessa taʼeen haa raawwatamu.”—1 QORONTOS 14:40.

Kana jechuun: Jireenya kee keessatti sirnaan jiraachuuf yaalii godhi.

  • Jireenya keenya keessatti hamma tokko sirnaan jiraachuun nu gammachiisa. Wanti sirna qabeessa akka hin taanee fi dhiphinaaf nu saaxiluu dandaʼu inni tokko harʼa boru jechuu yeroo taʼu, kunimmoo hojiin hin raawwatamne hedduun akka nu eeggatu godha. Gorsawwan kana lamaan maaliif hin yaaltu?

    1. Sagantaa hojiirra ooluu dandaʼu baafadhu, saganticha eeguufis carraaqqii godhi.

    2. Amala harʼa boru akka jettu si godhu kamiyyuu hubadhu, akkasumas sirreessi.

Jireenya Madaalamaa Taʼe Jiraadhu

“Hojii cimaa harka lama guutuu qabaachuun akka bubbee duukaa fiiguu ti; kana irra boqonnaa harka tokko guutuu qabaachuu wayya.”—LALLABA 4:6.

Kana jechuun: Namoonni hojiin araada itti taʼe “hojii cimaa harka lama guutuu” hojjetanirraa akka hin fayyadamne of taasisu. Yeroo ykn humna wanta itti dadhabanii argatanitti gammaduuf isaan dandeessisu dhabuu dandaʼu.

  • Hojiidhaafis taʼe maallaqaaf ilaalcha sirrii qabaadhu. Maallaqa hedduu qabaachuu jechuun gammachuu guddaa qabaachuu ykn dhiphina hirʼisuu jechuu miti. Sirumayyuu faallaa kanaa taʼuu dandaʼa. Lallabni 5:12, “Sooressi . . . qabeenyi hedduun inni qabu hirriba isa dhowwa” jedha. Kanaafuu, maallaqa of harkaa qabdu caalaa hin baasin.

  • Bashannanuuf yeroo ramadi. Wanta itti gammaddu yommuu raawwattu dhiphina kee ni hirʼista. Haa taʼu malee, bashannanawwan teessee ilaaltu kan akka televijiinii ilaaluu fakkaatan si gargaaruu dhiisuu dandaʼu.

  • Meeshaawwan teknooloojii seeraan itti fayyadami. Iimeelii, ergaa ykn weebsaayitii hawaasaa ammas ammas ilaaluurraa of qusadhu. Haalli isaa yoo si dirqisiise malee, yeroo boqonnaa keetti iimeelii hojii wajjin wal qabate hin ilaalin.

Fayyaa Kee Kunuunsi

‘Leenjiin qaamaa ni fayyada.’—1 XIMOTEWOS 4:8.

Kana jechuun: Yeroo hunda sochii qaamaa gochuun fayyaa namaaf argamsiisa.

  • Barsiifata gaggaarii qabaadhu. Sochiin qaamaa miira gaarii akka qabaattu gochuu fi yeroo dhiphinaatti tarkaanfii qaamni kee fudhatu fooyyessuu dandaʼa. Nyaata madaalamaa nyaadhu, akkasumas ciree, laaqana ykn irbaata utuu hin nyaatin hin darbin. Boqonnaa gaʼaa argachuu kee mirkaneeffadhu.

  • Wantoota nama miidhanii fi dhiphina hirʼisuuf akka furmaataatti ilaalaman kanneen akka tamboo xuuxuu, qoricha sammuu hadoochu fudhachuu ykn garmalee dhuguu fakkaatanirraa fagaadhu. Yeroo booda wantoonni kun tarii fayyaa kee fi maallaqa itti dhamaatee argatte si dhabsiisuudhaan dhiphina dabalataa sitti fiduu dandaʼu.

  • Dhiphinaan yoo liqimfamte mana yaalaa dhaqi. Gargaarsa ogeessa fayyaa gaafachuurraa duubatti hin jedhin.

Wantoota Dursa Kennituuf Adda Baasi

‘Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda baasaa beekaa.’—FILIPHISIYUS 1:10.

Kana jechuun: Wantoota dursa kennituuf of eeggannoodhaan qori.

  • Akka barbaachisummaa isaaniitti duraa duubaan hojii kee galmeessii qabadhu. Kun hojiiwwan caalaatti barbaachisoo taʼanirratti akka xiyyeeffattu si gargaara, akkasumas hojiiwwan yeroo kan biraa hojjechuu, warra kaaniif hiruu ykn dhiisuullee dandeessu warra kam akka taʼan si hubachiisa.

  • Torban tokkoof yeroo kee akkamitti akka fayyadamte galmeessii qabadhu. Achiis yeroo kee karaa caalaatti buʼa qabeessa taʼeen akkamitti itti fayyadamuu akka dandeessu yaadi. Caalaatti yeroo kee kan toʼattu yoo taʼe, dhiphinni sitti dhagaʼamu ni hirʼata.

  • Yeroo itti boqottu ramadi. Boqonnaa xinnoonillee humna kee haaressuu fi dhiphina kee hirʼisuu dandaʼa.

Gargaarsa Argadhu

“Yaaddoon garaa namaa keessa jiru gad isa qaba, dubbii gaariin garuu isa gammachiisa.”—FAKKEENYA 12:25.

Kana jechuun: Dubbiin warri kaan gaarummaa fi gara laafinaan dubbatan miirri gaariin akka sitti dhagaʼamu gochuu dandaʼa.

  • Wantoota tokko tokko nama si hubachuu dandaʼutti himi. Michuun kee tokko wantoota tokko tokko karaa adda taʼeen akka ilaaltu si gargaaruu ykn furmaata ati hin hubannellee sii kennuu dandaʼa. Kana malees, baʼaa kee ofirraa fuudhuun kee qoftillee miirri gaariin akka sitti dhagaʼamu gochuu dandaʼa.

  • Gargaarsa gaafadhu. Hojii tokko warra kaaniif kennuu ykn qooduu ni dandeessaa?

  • Namni wajjin hojjettu dhiphina yoo sirraan geessise, haala isaa fooyyessuuf mala barbaadi. Fakkeenyaaf, namni sun miirri akkamii akka sitti dhagaʼamu akka godhe gaarummaa fi malaan itti himuu dandeessaa? (Fakkeenya 17:27) Malli kun yoo milkaaʼuu dide, yeroo nama sanaa wajjin dabarsitu hirʼisuu ni dandeessaa?

Fedhii Hafuuraa Kee Guuttadhu

“Warri wantoota hafuuraa dheebotan gammadoo dha.”—MAATEWOS 5:3.

Kana jechuun: Namoota waan taaneef kan nu barbaachisu nyaata, uffataa fi mana qofa miti. Fedhii hafuuraas qabna. Gammadoo taʼuu yoo barbaanne fedhii keenya kana beekuu fi guuttachuu qabna.

  • Kadhannaan baayʼee nu gargaaruu dandaʼa. Waaqayyo ‘waan siif yaaduuf yaaddoo kee hundumaa isa irratti akka gattu’ si affeereera. (1 Pheexiros 5:7) Kadhannaa dhiheessuunii fi wantoota gaggaarii taʼanirratti xiinxaluun keenya keessa keenyatti nagaan akka nutti dhagaʼamu gochuu dandaʼa.—Filiphisiyus 4:6, 7.

  • Wantoota karaa hafuuraa si jajjabeessan dubbisi. Qajeelfamoonni barruu kana keessatti ibsaman Kitaaba Qulqulluu isa fedhii hafuuraa keenya guutuuf barreeffamerraa kan fudhatamanidha. Qajeelfamoonni kun “ogummaa fi dandeettii yaaduu” akka guddifannu nu gargaaru. (Fakkeenya 3:21) Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf maaliif galma hin baafattu? Kitaaba Fakkeenyaarraa jalqabuun gaarii taʼuu dandaʼa.