Dhimma ijoo ta'etti seeni

Buʼaan Isaa Baayʼee Ishii Dinqisiiseera

Buʼaan Isaa Baayʼee Ishii Dinqisiiseera

 Haati qeenxeen Deziikaar jedhamtu qajeelchituu yeroo hundaa taʼuudhaan tajaajila ishii balʼifachuu barbaadde. Deziikaar Veenzuweelaa biyya namoonni hedduun rakkina dinagdeetiin dararamaa jiran keessa jiraatti. Taʼus, qajeelchituu taatee tajaajiluuf murteessite; akkuma yaaddes gootetti. Kanatti gammaddee utuu jirtuu garuu weerarri dhibee KOOVIID-19 ni jalqabe.

 Yeroo weerarri dhibee KOOVIID-19 jalqabutti, Deziikaar mala lallabaa haaraatti fayyadamuun ishiitti ulfaatee ture. Xalayaa barreessuun ishiidhaaf baayʼee rakkisaa ture. Kana malees, naannoo isaaniitti tajaajilli Intarneetii baayʼee miʼaa waan taʼeef, tajaajilaaf viidiyoo konfiransii fayyadamuu hin dandeessu ture. Akkana jetteetti: “Abdii kutadheen ture. Akkuma tasaa karaan kanaan dura bareen lallabuu hin dandeenye. Tajaajila qajeelchaa yeroo hundaa irratti buʼa qabeettii akka hin taane godheen yaade.”

 Achiis Amajjii 2021, waajjirri damee Dhugaa Baatota Yihowaa Veenzuweelaa duulli lallabaa addaa tokko akka geggeeffamu heyyama kenne. Sanbadduraa fi Dilbata shanan jiʼa sana keessa jiranitti haasaawwan sabaa filataman dhaabbata raadiyoo gara 60 fi chaanaalii televizyinii 7 akka tamsaafamu qophiin ni godhame. Dhugaa Baatonni Yihowaa namoonni sagantaa kana akka dhaggeeffatanii fi akka daawwatan namoota akka affeeran jajjabeeffaman. Kana malees, waajjirri damee gaaffiiwwanii fi caqasoota tokkoon tokkoon haasaa dhihaatuu wajjin wal qabate kan obboloonnii fi obboleettonni yeroo xalayaa barreessanii fi bilbilaan mariʼatanitti fayyadamuu dandaʼan qopheesseera. Akkasumas waajjirri damee tajaajilaaf bilbilaan ergaa gabaabaatti akka fayyadaman ibsee ture; kun Dhugaa Baatota Yihowaa Veenzuweelaa keessa jiran hedduudhaaf mala lallabaa haaraa ture.

 Deziikaar duula kana irratti hirmaachuun baayʼee ishii gammachiisee ture. Kanaan dura bilbilaan ergaa gabaabaatti fayyadamtee lallabdee kan hin beekne taʼus, yaaluuf murteessite. Taʼus gargaarsi ishii barbaachisa ture. Deziikaar, “Teknooloojiitti fayyadamuu ilaalchisee beekumsa hin qabun ture” jechuudhaan dhugaa isaa dubbatteetti. Kanaafuu, intalli ishii akka ishiitti argisiistu gaafatte; utuma baayʼee hin turinis Deziikaar duula sana irratti hirmaachuu dandeesseetti.

Deziikaar

 Bilbila ishiitiin ergaa gabaabaa erguudhaan, namoota beektu hedduun haasaawwan dursanii waraabaman sana akka dhaggeeffatan affeerte. Buʼaan isaas baayʼee ishii dinqisiiseera. Namoota ishiin affeerte hedduun haasicha erga dhaggeeffatanii booda gaaffii hedduu ishii gaafatan. Namoonni haasicha dhaggeeffachuu hin dandeenyes, wanta haasaawwan sana irratti ibsame ishii gaafatan. Deziikaar akkana jetteetti: “Yaadannoon qabadhe gabaabseen isaanitti hima. Jiʼatti deddeebii gaaffii 5 caalaa godhee hin beekun ture; dhuma duula kanaa irratti garuu deddeebii gaaffii 112 gochuu dandaʼeera!” a

 Kana malees, Deziikaar obboleettii ishii hangafaa Dhugaa Baatuu hin taanee fi ollaa ishii jiraattu haasaawwan sana raadiyoodhaan akka dhaggeeffattu afeertee turte. Deziikaar akkana jetteetti: “Kan nama ajaaʼibu obboleettiin koo tole jette. Dilbata Dilbata ganama saʼaatii 2:00​tti, gara mana ishii dhaqeen waliin dhaggeeffanna. Utuu haasichi dhihaatus taʼe haasicha booda gaaffii hedduu na gaafatti turte.” Obboleettiin Deziikaar Ayyaana Yaadannoo duʼa Yesuus irratti viidiyoo konfiransiidhaan kan argamte yommuu taʼu, Deziikaar tajaajila ishiitiif intarneetii ishii akka fayyadamtu ishiidhaaf heyyamte.

 Deziikaar akkana jetteetti: “Yihowaa guddaan galateeffadha. Baayʼee waan na jajjabeessaniif jaarsolii gumii koos baayʼeen galateeffadha. Deebiʼee tajaajila kootti akkan gammadu na gargaaraniiru.” (Ermiyaas 15:16) Deziikaar qajeelchaa yeroo hundaa taatee tajaajiluu ishii itti fufteetti; namoota karaa bilbilaa ergaa gabaabaa argattee fi fedhii argisiisanis hordofaa jirti.

a Dhugaa Baatonni Yihowaa seera eegumsa daataa wajjin haala wal simuun tajaajila isaanii raawwatu.