Lallabuuf Jecha Jala Galaanaa Irra Deemuu
Galaanni Noorzi Sii ishii naannoo dhiha qarqara galaanaa bulchiinsa Jarmanii Shilaasviik Hoolisten jedhamtutti argamtu keessa, odoolawwan xixinnoo wal irraa faffagaatanii jiranii fi Haaligen jedhaman keessa namoota gara 300tu jiraata. Namoonni kun ergaa Kitaaba Qulqulluu Dhugaa Baatonni Yihowaa lallaban dhagaʼuu kan dandaʼan akkamitti?—Maatewos 24:14.
Dhugaa Baatonni gara odoolawwan xixinnoo tokko tokkoo deemuuf bidiruutti fayyadamu. Namoota odoolawwan xixinnoo kan biroo keessa jiran argachuuf garuu Dhugaa Baatonni muraasni mala kan biraatti fayyadaman; miillaan jala galaanichaa irra gara Kiilomeetira shanii deemu. Kun kan dandaʼamu akkamitti?
Dhaʼaawwan Galaanaatti Fayyadamuu
Dhugaa Baatonni kun Dhaʼaawwan galaanaatti fayyadamu. Ol kaʼiinsi galaana Noorzi Sii jedhamuu fi naannoo Haaligenitti argamuu saʼaatii jaʼa jaʼa gidduutti gara meetira sadii ol kaʼa ykn gadi buʼa! Yeroo ol kaʼiinsi bishaan kanaa gadi buʼutti jalli galaanichaa baayʼeen isaa alatti baʼa; yeroo kanatti Dhugaa Baatonni odoolawwan xixinnoo achitti argaman keessaa gara sadan isaanii deemuu dandaʼu.
Adeemsi kun maal fakkaata? Alriik inni garee Dhugaa Baatota Yihowaa kana gara iddoowwan kanaatti geessuu fi namoota daawwachiisuu irratti muuxannoo qabu akkana jedheera: “Iddoowwan Haaligen jedhaman keessaa gara iddoo isa tokkoo deemuuf gara saʼaatii lamaa fudhata. Yeroo baayʼee miilla qullaa deemna. Jala galaanaa kana ceʼuuf karaan buʼa qabeessaa fi mijaaʼaa taʼe isa kana dha. Yeroo qorraatti kophee boottii kaaʼanna.”
Haalli kun dhugaa fakkaachuu dhiisuu dandaʼa. Alriik akkana jedheera; “Pilaaneetii kan biraa irra deemaa waan jirtu sitti fakkaata. Jalli galaanichaa naannoon tokko tokko dhoqqeedhaan, naannoon tokko tokko immoo dhagaadhaan, naannoon tokko tokko immoo marga bishaan keessaatiin kan uwwifamani dha. Tuuta simbirroota galaanaa, ilbiisota kirab jedhaman, akkasumas bineensota kan biroo hedduu argita.” Gareen kun darbee darbee karaawwan qalʼoo afaan Jarmaniin Piriil jedhamanii fi qarqara bishaanichaa irra jiran irra ceʼuu qabu turan.
Namoonni miillaan deeman rakkina hedduutu isaan mudata. Alriik akkana jedhee akeekkachiiseera: “Yeroo hurriin galaana irraa kaʼu salphaatti baduu dandeessa. Yeroo danbaliin galaanaa ol kaʼu akka nu hin qabanneef koompaasii fi meeshaa GPS jedhamutti fayyadamna; akkasumas sagantaa keenya sirriitti hordofna.”
Carraaqqiin kun buʼaa argamsiiseeraa? Alriik muuxannoo namicha yeroo hundumaa barruu Masaraa Eegumsaa fi Dammaqaa! dubbisu tokkoo nutti hima. “Guyyaa tokko yeroon waan nu gaʼuu dideef namicha kana utuu hin argatin deebiʼuuf turre. Haa taʼu malee, utuu nuti hin deemin namichichi biskiliitii isaatiin dhufee nu bira gaʼee, ‘Masaraa Eegumsaa koo naa hin kennitanii?’ nuun jedhe. Barruu kana isaaf kennuu keenyatti baayʼee gammanneerra.”