Hawaasa Jalqabaa Kaanaadaatiif Lallabuu
Kaanaadaa keessatti afaanonni hawaasa jalqabaa 60 ol taʼan kan dubbataman siʼa taʼu, lammiileen Kaanaadaa gara 213,000 taʼan afaanota kana keessaa tokko afaan dhalootaa isaanii akka taʼe dubbatu.
Dhugaa Baatonni Yihowaas garaa hawaasota kanaa tuquuf afaanota kana keessaa tokko barataniiru. Xumura bara 2015tti namoonni 250 ol barumsa afaanota kana barsiisuuf Dhugaa Baatotaan qophaaʼe baratanii xumuraniiru.
Dabalataanis, Dhugaa Baatonni Yihowaa viidiyoowwan gaggabaaboo dabalatee, barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan afaanota hawaasni jalqabaa Kaanaadaa dubbatan saddeetitti hiikaniiru. Isaanis: Algoonkuyiin, Bilaakfuut, Pileeyins Kirii, Weesti Siwaampii Kirii, Inaktitat, Moohaawuk, Odaawwaa fi Noorzarni Ojibwaa dha a
Obboloonni afaan kana keessaa tokko baratan ulfaataa akka ture dubbataniiru. Kaarmaan akkana jetteetti: “Garee hiikkaa afaan Bilaakfuut gargaaruu yommuun jalqabetti, utuun waan tokko iyyuu hin beekin hojjechaa akkan ture natti dhagaʼame. Afaan kana akka gaariitti hin dandaʼun ture. Afaan Bilaakfuut dubbisuus taʼe, akkaataa afaanichi itti dubbatamu hubachuu hin dandaʼun ture.”
Teerans inni garee hiikkaa Weesti Siwaampii Kirii wajjin hojjetu, “Jechoonni hedduun dhedheeroo fi waamuuf kan nama rakkisani dha” jedheera. Daaniʼel inni Odoola Maanitooliin, Ontaariyootti tajaajilaa yeroo guutuu taʼe, “Hiikni jechootaa fi kitaabni seerlugaa hedduun hin jiru. Afaan Odaawaa barachuuf karaan gaarii taʼe, maanguddoota afaanicha akka gaariitti dandaʼan barbaaduu dha” jedheera.
Carraaqqiin kun hundi buʼaa argamsiiseeraa? Dubartiin hawaasa Oojibwaa tokko, carraaqqiin Dhugaa Baatonni Yihowaa godhan amantiiwwan kaan irraa adda akka isaan godhu dubbatteetti. Dhugaa Baatonni Yihowaa mana namootaa dhaqanii afaan Oojibwaatiin caqasoota isaaniif dubbisuudhaan namoonni waaʼee Kitaaba Qulqulluu mariʼachuun akka isaanitti tolu akka godhanis dubbatteetti.
Bert inni hojii hiikkaa hojjetuu fi gosa Bilad Tiraayib Albertaatti argamu gidduutti guddate akkana jechuudhaan wanta hubate dubbateera: “Miseensonni Bilaakfuut hedduun barreeffama qoma isaaniitti qabatanii ‘Kun afaan koo ti. Kun anaaf qophaaʼe!’ yommuu jedhan argeera. Viidiyoo afaan isaaniitiin qophaaʼe ilaalanii yommuu booʼan siʼa baayʼee argeera.”
Dubartiin afaan Kirii dubbattu tokko viidiyoo Macaafa Qulqulluu Qayyabachuu Kan Qabnu Maaliifi? jedhu afaan dhalootaa ishiitiin qophaaʼuu isaa baayʼee dinqisiifatteetti. Haati ishii akkuma ishii haasofsiisaa jirtutti akka itti dhagaʼame dubbatteetti.
Carraaqqii Guddaa Gochuu
Dhugaa Baatonni Yihowaa hedduun ergaa Kitaaba Qulqulluu hawaasota jalqabaa Kaanaadaa jiraachaa turan kanatti himuuf carraaqqii gudddaa godhaniiru. Teeransii fi haati manaan isaa Oorliin adeemsa godhan tokko hin irraanfatan. Akkana jedhaniiru: “Hawaasa Litil Giraand Raappiids jedhamu tokko keessatti lallabuuf gareedhaan konkolaataadhaan daandii cabbiidhaan uwwifame irra saʼaatii 12f deemnee turre. Deebiin arganne baayʼee kan nama dinqisiisu ture!”
Warri kaan immoo saba kanatti dhihaatanii jiraachuuf jecha naannoo isaanii mijataa taʼe dhiisanii deemaniiru. Daaniʼelii fi Liiʼaan Odoola Maanitooliin irratti jiʼa sadiif duula lallabaa irratti erga hirmaatanii booda achi deemanii jiraachuuf murteessaniiru. Daaniʼel, “Amantaa isaanii argachuu fi fedhii isaanii guddisuuf yeroo gaʼaa argachuun barbaachisaa taʼuu isaa hubanneerra” jedheera.
“Garaadhaa Waanan Isaan Jaalladhuufi”
Dhugaa Baatonni Yihowaa hawaasa kanaaf lallabuuf carraaqqii adda taʼe kan godhan maaliifi? Haadha manaa Bert kan taate Rooz, “Anis dhalattuu hawaasa kanaa taʼuun koo, akkasumas dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuudhaan faayidaa argachuun koo warra kaan gargaaruuf na kakaaseera” jetteetti.
Oorliin akkana jetteetti: “Uummanni Kirii Uumaa keenyaan geggeeffamuuf carraa akka argatan nan barbaada. Yihowaatti akka dhihaatanii fi rakkina yeroo harʼaatti isaan mudatu moʼuu akka dandaʼan isaan gargaaruun mirga guddaa dha.”
Maark garee hiikkaa Bilaakfuut keessa hojjeta. Hawaasa kanaaf lallabuuf kan carraaqe maaliif akka taʼe yeroo ibsu, “Garaadhaa waanan isaan jaalladhuufi” jedheera.
a Afaanota kana keessaa tokko tokko hawaasa jalqabaa Yunaayitid Isteetisiin ni dubbatamu.