Dhimma ijoo ta'etti seeni

Jaalalaan Tokko Taʼan—Walgaʼii Firaankifart, Jarmaniitti Taasifame

Jaalalaan Tokko Taʼan—Walgaʼii Firaankifart, Jarmaniitti Taasifame

Gaazexaan Frankfurter Rundschau jedhamu mata duree guddaa “Qophii Maatiin Waliin Dabarsan Fakkaata” jedhu qabatee baʼee ture. Warri walgaʼicha irratti argamanis kana irratti walii galaniiru.

Kaarlaa isheen Porto Riikoodhaa dhufte, “Manuma koo akkan jirutti akka natti dhagaʼamu taasisan!” jetteetti.

Saaraa isheen Awustiraaliyaatii dhufte immoo, “Waanuman maatii koo, iddoo fagoo jiru dubbisuu dhufe natti fakkaate” jetteetti.

Yaada akkasii akka kennan kan isaan taasise maali dha? Walgaʼii biyyoolessaa Dhugaa Baatota Yihowaa ti. Walgaʼiin kun Adoolessa 18 hanga 20, 2014tti Koomertisbaang-Areenaa, Firaankfart Aam Miin, Jarmaniitti taasifame. Namoota gara 37,000tu walgaʼicha irratti argame.

Hirmaattonni kun Kitaaba Qulqulluu irraa barachuuf walgaʼan. Sagantaan barumsaa kun dubbisa Kitaaba Qulqulluu, faarfannaa, kadhannaa, diraamaa lamaa fi barumsa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe dabalata.

Hirmaattonni achitti argaman Dhugaa Baatota biyya sanaa akkasumas keessummoota 3,000 ol taʼanii fi Afriikaa Kibbaa, Awustiraaliyaa, Biritaaniyaa, Giriik, Libaanon, Sarbiyaa fi Yunaayitid Isteetisii dhufani. Dhugaa Baatonni 234 taʼanii fi gosa tajaajila addaa akka misiyoonummaa irratti hirmaachaa jiranii fi biyyoota 70 dhufanis walgaʼicha irratti argamaniiru.

Sagantaawwan walgaʼichaa intarneetiidhaan kallattiidhaan iddoowwan Jarmanii keessa jiran 19 fi bakkawwan walgaʼii Ostiriyaa fi Siwiizarlaandi keessa jiraniif tamsaasamaniiru. Baayʼinni walii galaa namoota bakka hundatti argamanii 204,046 dha.

Garaa Garummaa Moʼuu

Firaankifartitti sagantichi Afaan Giriikii, Ingiliffaa fi Jarmaniin dhihaate. Iddoowwan kan biraatti haasaawwan siʼa tokkotti afaan 17tti kan hiikaman siʼa taʼu, afaanota kana keessaa tokko tokko Arabiffa, Afaan Chaayinaa, Afaan Turkii, Afaan mallattoo lamaa fi Taamiilii dha.

Dhugaa Baatonni afaan garaa garaa dubbatan, biyyoota garaa garaa fi aadaa garaa garaa keessaa kan dhufan taʼus, wal qoqqoodiinsi isaan gidduu hin turre; jaalalli tokko isaan taasiseera. (Yohannis 13:34, 35) Akka obboleessaa fi obboleettiitti wal ilaalu.

Tibeyaas inni Biritaaniyaatii dhufe, “Obbolummaan keenya addunyaa maraa daangaawwan hunda kan darbu taʼuu isaa ofuma keenyaa argineerra” jedheera.

Daaviyaanaa isheen Porto Riikoodhaa dhufte, “Dhugaa Baatota biyyoota 20 dhufanii wajjin wal argeera. Jaalalli Yihowaadhaaf, akkasumas walii keenyaaf qabnu tokko nu taasiseera” jetteetti.

Maalkam inni Awustiraaliyaatii dhufe, “Dhugaa Baatuu kanan taʼe mandara xinnoo tokko keessatti dha” jedheera. “Waaʼee obbolummaa keenya addunyaa maraa isa adda taʼee dubbiseera, akkasumas viidiyoo ilaaleera. Asitti immoo ijuma kootiinan arge. Kun immoo waaʼee obbolummaa kanaa caalaatti na hubachiiseera. Asitti argamuun koo amantii koo naa cimseera.”

Simannaa Hin Irraanfatamne

Dhugaa Baatonni gumiiwwan Firaankifart keessatti argaman 58 dhufan, keessummoota biyyoota biraatii dhufaniif kennaa fi sagantaa bashannanaa galgalaa qopheessanii turan.

Siintiyaa isheen Yunaayitid Isteetisii dhufte, “Simannaa nama ajaaʼibsiisutu nuu godhame; jaalalli, gaarummaanii fi arjummaan obbolootaa hammam guddaa akka ture matumaa hin irraanfadhu” jetteetti.

Siimoon inni Jarmanii jiraatu, “Jaalala guddaa, kolfa gammachuu fi miira obbolummaatu ture; walii walii keenya irraa wanta baayʼee barachuu dandeenya” jedheera.

Eemii isheen Awustiraaliyaatii dhufte akkana jechuudhaan wanta hubatte dubbatteetti: “Sagantaan galgalaa Dhugaa Baatota Yihowaa waan taaneef, of hacuucnee akka nuti hin jiraanne naa mirkaneesseera. Akkamitti yeroo gammachiisaa dabarsuu akka dandeenyu, jechuunis bashannana qulqulluu fi dhugaa taʼetti gammaduu beekna.”

Yaadannoowwan Nama Gammachiisan Fudhatanii Manatti Deebiʼuu

Walgaʼiin Firaankifartitti taasifame walgaʼiiwwan biyyoolessaa addunyaa maratti biyyoota sagal keessatti taasifaman keessaa tokko qofa dha.

Obboleessi biyya biraatii dhufee walgaʼii Firaankifartitti taasifame irratti hirmaate tokko miira isatti dhagaʼame yommuu gaafatametti akkana jedheera: “Fira, fakkeenyaaf obboleessa qabaachuu kee hin beekne tokko argatte jennee haa yaadnu. Takkaa erga wal bartanii booda mana isaa, akkasumas garaa isaa banee isin simata. Gammachuu guddaadhaan guutamtu. Amma miira sana 37,000n baayʼisaa. Achitti argamuun miirri akkasii akka namatti dhagaʼamu taasisa.”