Galmawwan Mootummaa Dhugaa Baatota Miliyoona Tokko Tajaajilan
Dhugaa Baatonni Yihowaa bara 1999 fi 2015 gidduutti, Giddu Galeessa Ameerikaa a fi Meeksikoo keessatti Galmawwan Mootummaa 5,000 ol ijaaraniiru. Dhugaa Baatota miliyoona tokkoo fi namoota naannichatti walgaʼii keenya irratti argamaniif Galmawwan Mootummaa 700 ol taʼan ammas ni barbaachisu.
Kanaan dura, gumiiwwan naannoo kanatti argamaniif iddoowwan waaqeffannaa ijaarrachuun ulfaataa ture. Fakkeenyaaf, Meeksikoo keessatti Dhugaa Baatonni hedduun walgaʼii isaanii mana dhuunfaa keessatti godhachaa turan. Maaliif? Sababni inni tokko waggoota hedduudhaaf seerri dhaabbileen amantii mana akka hin ijaarranne dhorku jira ture. Haa taʼu malee, bara 1990mmanii keessa seerichi kan jijjiirame siʼa taʼu, Dhugaa Baatonni Yihowaa Galmawwan Mootummaa ijaarrachuu jalqaban. Taʼus, yeroo baayʼee galma tokko ijaaruun jiʼoota hedduu fudhata ture.
Guddina Saffisa Qabu
Bara 1999tti yeroo Tuutni Ijaarsa Galma Mootummaa, qophii haaraa Meeksikoo fi biyyoottan torban Giddu Galeessa Ameerikaa dabalatee, biyyoota qabeenya muraasa qabaniif Galma Mootummaa ijaaruuf godhameen hojjechuu yeroo jalqabetti adeemsi ijaarsaa saffisuu jalqabe. Bara 2010 kaasee, hojii ijaarsaa guutummaa naannoo sanaatti raawwatamu kan toʼatu waajjira damee Meeksiikootti argamu dha.
Tajaajiltonni hojii ijaarsaa yeroo naannoowwan fagootti argaman keessatti Galmawwan Mootummaa ijaaranitti rakkoowwan addaatu isaan mudata. Fakkeenyaaf, Paanaamaa keessatti tajaajiltoonni hojii ijaarsaa iddoo ijaarsaa tokko deemuudhaaf qarqara galaanaa irra gara saʼaatii sadii bidiruudhaan deemuu qabu turan. Gareen ijaarsaa magaalaa bulchiinsa Meeksikoo keessatti argamtuu fi Chiyaapaas jedhamtutti hojjechaa ture immoo bakka ijaarsaa fagootti argamutti meeshaalee ijaarsaa geessuuf xiyyaara xinnoo tokkotti fayyadamaa turan.
Faayidaa Galmawwan Mootummaa Haaraa
Namoonni Dhugaa Baatota hin taane illee yeroo baayʼee naannoo isaanii keessatti Galma Mootummaa haaraa arguu ni hawwu. Fakkeenyaaf, Namichi Honduraas keessa jiraatu tokko Dhugaa Baatonni naannoo isaatti Galma Mootummaa ijaaruu isaanii dura, namoonni kaan iddoo galmichi itti ijaarametti mana ragadaa ijaaruu barbaadanii akka turan dubbateera. Inni garuu kana hin barbaanne. Dhugaa Baatonni Yihowaa iddoo sana irratti Galma Mootummaa ijaaruuf akka jedhan yommuu itti himan, “Kun eebba guddaa dha!” jedhee ture.
Naannoowwan hedduutti, namoonni carraaqqiin hojjettoonni godhan baayʼee isaan dinqisiiseera. Namichi Guwaatimaalaa jiraatu tokko akkana jedheera: “Aadaa keenya keessatti yeroo baayʼee dubartoonni hojii mana keessaa qofa hojjetu. Iddoo kanatti garuu dubartoonni hojiima dhiironni hojjetan hojjechaa jiru. Dubartoota hojii sibiilaa fi keenyanii hojjetan arguun koo baayʼee na dinqisiiseera. Kun ajaaʼiba!” Namoonni ollaa tokko tokko, nyaataa fi wantoota kaan hojjetoota ijaarsaatiif bituuf kakaʼanii turan.
Diizaayiniin Galmawwan Mootummaa keenyaas namoota hedduu dinqisiiseera. Nikaaraaguwaa keessatti, injinariin tokko Galmi Mootummaa, mana baayʼee bareedaa meeshaalee qulqullina qabaniin ijaarame akka taʼe kantiibaa magaalattiitti himee ture. Gamoowwan magaalattii keessa jiran hunda caalaa qulqullinaan kan ijaarame taʼuu isaas dubbateera!
Dhugaa Baatonni Yihowaas, iddoo waaqeffannaa mijataa taʼe qabaachuu isaaniitti akka gammadan beekamaa dha. Barattoonni Kitaaba Qulqulluu erga Galmi Mootummaa haaraan ijaaramee booda caalaatti gara walgaʼii dhufuu akka jalqaban hubataniiru. Miseensonni gumii Meeksikoo keessatti argamu tokkoo warri hojii ijaarsaa irratti tajaajiltoota ijaarsaa deggeran galateeffannaa isaanii akkana jechuudhaan ibsaniiru: “Galma Mootummaa maqaa isaatiif kabajaa fi ulfina argamsiisu ijaaruuf mirga argachuu keenyatti Yihowaa baayʼee galateeffanna.”
a Hiikni jechootaa Merriam-Webster’s Collegiate Dictionary jedhamu maxxansi 11ffaan Giddu Galeessa Ameerikaa kan jedhamu, riippuublikii Guwaatimaalaa, Eel Saalvaador, Honduraas, Nikaaraaguwaa, Kostaa Rikaa, Paanaamaa fi Beeliiz akka taʼe ibsa.