Dhimma ijoo ta'etti seeni

Maqaa Dhugaa Baatota Yihowaa Jedhutti Kan Fayyadamtan Maaliifi?

Maqaa Dhugaa Baatota Yihowaa Jedhutti Kan Fayyadamtan Maaliifi?

 Yihowaan, maqaa Waaqayyoo isa hiikawwan Macaafa Qulqulluu hedduu keessatti argamudha. Hiikawwan tokko tokko keessattimmoo “Yaahwee” jedhamee hiikameera. (Uumama 22:14; Macaafa Qulqulluu afaan Oromoo, fuula 387 mataduree xiqqaa, “Amantii” jedhu ilaali.) Dhugaa baatuu kan jedhamummoo, nama ilaalcha ykn dhugaa ofiisaatii itti amanu tokko labsudha.

 Kanaaf, maqaan keenya inni Dhugaa Baatota Yihowaa jedhu, Kiristiyaanota waaʼee Yihowaa isa Uumaa wanta hundumaa taʼee dhugaasaa labsinu taʼuu keenya kan argisiisudha. (Mulʼata 4:11) Akkaataa jireenyaa keenyaan, akkasumas wanta Macaafa Qulqulluurraa baranne namootatti himuudhaan dhugaa baana.—Isaayaas 43:10-12; 1 Phexros 2:12