Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhugaa Baatonni Yihowaa Kiristiyaanotadhaa?

Dhugaa Baatonni Yihowaa Kiristiyaanotadhaa?

 Eeyyee. Sababiiwwan armaan gaditti argaman Kiristiyaanota taʼuu keenya kan mirkaneessanidha:

  •   Barumsa Yesus Kiristosiifi amalootasaa sirritti hordofuuf carraaqii goona.—1 Phexros 2:21.

  •   Fayyina kan argannu karaa Yesus jechuunis, “maqaan kan biraa, ittiin fayyuun kan nuuf taʼu, waaqa jalaa ilmaan namootaaf” akka hin kennamne ni amanna.—Hojii Ergamootaa 4:12.

  •   Namoonni Dhugaa Baatota Yihowaa ennaa taʼan kan cuuphaman maqaa Yesusiinidha.—Maatewos 28:18, 19.

  •   Kadhannaa keenya kan dhiheessinu maqaa Yesusiinidha.—Yohannis 15:16.

  •   Yesus mataa akka taʼe, jechuunis dhiira hundarratti aangoo akka qabu ni amanna.—1 Qorontos 11:3.

 Haataʼu malee, amantiiwwan Kiristiyaanota jedhamanii waamaman kaanirraa karaawwan hedduudhaan garaagarummaa qabna. Fakkeenyaaf, Macaafni Qulqulluun Yesus kutaa Sillaasee utuu hin taʼin, Ilma waaqayyoo akka taʼe akka barsiisu amanna. (Miilkiyaas 2:10) Lubbuun hin duutu jennee hin amannu; Macaafa Qulqulluu keessa waan hin jirreef, Waaqayyo namoota barabaraaf ibidda qililleedhaan gubuudhaan akka adabus hin amannu; akkasumas namoonni amantii keessatti dursa fudhatanii geggeessan maqaa ulfinaa namoota kaanirra akka caalan argisiisuun waamamuu akka qaban hin amannu.—Lallaba 9:5; Hisqiʼel 18:4; Maatewos 23:8-10.