Daawwannaa Beetel
Waajjiroota damee keenya warra Beetel jedhamanii beekaman akka daawwattu si affeerra. Waajjiroonni keenya tokko tokko agarsiisawwan daawwachiistota malee ilaalaman qabu.
Yuukreen
Odeeffannoo Daawwannaa
Agarsiisa
Daawwannaa ofiin daawwatamu dabalatee agarsiisawwan lama daawwachuu dandeessa. Agarsiisni tokko hojii lallabaa waggaa 100 duraa kaasee hanga harʼaatti Yuukreen keessatti hojjetamaa jiru argisiisa. Agarsiisni kun ariʼatama yeroo Yuukreen kutaa Tokkummaa Sooviyeet turtetti Dhugaa Baatota Yihowaarra gaʼaa turee fi obboloonni kumaan lakkaaʼaman gara Saayibeeriyaatti kan geeffaman akkamitti akka taʼe ibsa. Agarsiisni kan biraanimmoo Kitaabota Qulqulluu salphaatti hin argamne kan argisiisu yeroo taʼu, maqaan Waaqayyoo hiikawwan Kitaaba Qulqulluu Afaan Raashiyaa fi Afaan Yuukreen keessaa utuu hin baafamin kan ture akkamitti akka taʼe argisiisa. Daawwattoonni ofiin daawwachuu fi wiirtuu keessummootaatti nyaataa fi dhugaatii salphaa argachuu dandaʼu.
Teessoo fi Lakkoofsa Bilbilaa