Odeeffannoo Daawwannaa
Daawwachuuf dhufuu kee dura beellama qabsiisuu qabdaa? Eeyyee. Namni baayʼatee iddoon akka hin dhiphannee fi namoonni hundi daawwannaa isaaniitti akka gammadaniif, warri daawwannaadhaaf dhufuu barbaadan hundi baayʼinni isaanii hammamiyyuu yoo taʼe, dursanii beellama akka qabsiisan gaafanna. Maaloo yoo xinnaate torban tokko dursii beellama qabsiisi. Guyyaa ayyaanaa ykn yeroo manni barumsaa cufamu yoo taʼemmoo sana caalaa dursitee beellama akka qabattu si jajjabeessina.
Namni dursee beellama hin qabsiisne daawwachuu ni dandaʼaa? Daawwachuuf dursitee beellama hin qabsiisne yoo taʼe, si daawwachiisuu dhiisuu dandeenya. Bakki qabnu muraasa waan taʼeef guyyaa tokko keessatti namoota murtaaʼan qofatu daawwachuu dandaʼa.
Daawwannaa keetiif saʼaatii meeqatti gaʼuu qabda? Daawwannaa kee yeroodhaan jalqabuuf, maaloo yeroon beellama qabatte gaʼuu isaa dura daqiiqaa 30 dursii argami.
Daawwachuuf beellama qabsiisuu kan dandeessu akkamitti? Liinkii “Daawwachuuf Beellama Qabsiisi” jedhu tuqi.
Beellama qabsiiste jijjiiruu ykn haquu ni dandeessaa? Eeyyee. Liinkii “Beellama Kee Ilaali ykn Jijjiiri” jedhu tuqi.
Guyyaan ati daawwachuuf filatte qabamaa yoo taʼe hoo? Beellamni daawwannaa tokko tokko yeroo jijjiiraman ykn yeroo haqaman iddoon jiraachuu waan dandaʼuuf, weebsaayiticha irra deddeebiʼii ilaali.
Daawwachuuf Beellama Qabsiisi
Beellama Kee Ilaali ykn Jijjiiri
Birooshura Daawwannaa Buufadhu
Teessoo fi Lakkoofsa Bilbilaa
Kallattiisaa Ilaali