Dhimma ijoo ta'etti seeni

Kabajaan Affeeramtaniittu

Ayyaana Yaadannoo Duʼa Yesuus

Sanbadduraa, Ebla 4, 2017 (Ebla 12, 2025)

Sagantaawwan lama irratti bilisaan akka argamtan isin affeerra

Haasaa Addaa Kitaaba Qulqulluu Irratti Hundaaʼe

“Dhugaa Argachuun Ni Dandaʼamaa?”

Yesuus waaʼee dhugaa maal akka jedhee fi dhugaan eessatti akka argamu baradhu.

Iddoo haasaan addaa itti dhihaatu argadhu

Ayyaana Yaadannoo Duʼa Yesuus

Dhugaa Baatonni Yihowaa, sagantaa barbaachisaa taʼe kana irratti, ayyaana yaadannoo duʼa Yesuus akkuma inni ajajetti kabaju.—Luqaas 22:19.

Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman

Eenyufaatu irratti argamuu dandaʼa?

Namni barbaade irratti argamuu dandaʼa. Isinis maatii keessanii wajjin irratti argamuu dandeessu.

Sagantichi hammam dheerata?

Haasaan addaa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe daqiiqaa 30f dhihaata. Itti aansuudhaan, saʼaatii tokkoof mata duree Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe tokko irratti gaaffii fi deebiidhaan dhaggeeffattootaa wajjin mariʼanna.

Sagantaan ayyaana yaadannoo immoo gara saʼaatii tokkootiif geggeeffama.

Sagantaawwan kun eessatti geggeeffamu?

Iddoo isaa baruuf, liinkii “Iddoo ayyaanni yaadannoo itti kabajamu argadhu” ykn “Iddoo haasaan addaa itti dhihaatu argadhu” jedhu tuqi.

Saganticha irratti yoon argame qarshii kaffaluu ykn sagantaa kan biraa irratti akkan argamu waadaa galuun qabaa?

Lakki.

Qodaan buusii ni naanneffamaa?

Lakki. Walgaʼiiwwan keenya irratti qodaan buusii hin naanneffamu.​​—Maatewos 10:8.

Uffata adda taʼe uffachuun qabaa?

Lakki. Taʼus, Dhugaa Baatonni Yihowaa sagantichaaf kabaja akka qaban haala argisiisuun uffachuuf yaalu.

Ayyaana Yaadannoo irratti maalfaatu raawwatama?

Jalqabaa fi xumura walgaʼichaa irratti faarfannaan ni faarfatama, achiis tajaajilaan Dhugaa Baatu Yihowaa taʼe tokko kadhannaa dhiheessa. Saganticha irratti haasaan barbaachisummaa duuti Yesuus qabuu fi wanta Waaqayyoo fi Kiristoos nuuf godhan irraa faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsu ni dhihaata.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf, mata duree “Dhugaa Baatonni Yihowaa Irbaata Gooftaa Karaa Amantiiwwan Kaan Irraa Adda Taʼeen kan Kabajan Maaliifi?” jedhu ilaali.

Waggoota itti aananitti ayyaanni yaadannoo yoom kabajama?

2025: Sanbadduraa, Ebla 12

2026: Kamisa, Ebla 2

2027: Wiixata, Bitootessa 22

Odeeffannoo dabalataa argachuuf viidiyoowwan armaan gadii ilaali.

Duʼa Yesuus Yaadadhaa

Ayyaanni Yaadannoo akkamitti akka kabajamuu fi duuti Yesuus gara fuulduraatti yeroo gaarii akkamii akka fidu ilaali.

Yesuus kan Duʼe Maaliifi?

Cubbuu keenyaaf jedhee akka duʼe dhageesseetta taʼa. Haataʼu malee, aarsaan nama tokkoo namoota miliyoonaan lakkaaʼaman fayyaduu dandaʼaa?

Galma Walgaʼii Keenya Keessatti Maaltu Raawwatama?

Wanta achi keessatti raawwatamu ofuma kee ilaali.

Waraqaa affeerrii piriintiii godhachuu dandeessu kana buufadhu.