Dhimma ijoo ta'etti seeni

QAAMNI KANA TOLCHE JIRAA?

Gorora Cilalluun Wantootatti Ittiin Maxxanu

Gorora Cilalluun Wantootatti Ittiin Maxxanu

 Ogeeyyiin fayyaa, yaalii baqaqsanii hodhuutiif, akkasumas madaa qaamaa ittiin qabsiisuuf hapheen barbaachisaa taʼuu isaa erga hubatanii turaniiru. Hapheewwan yeroo harʼaa hojii irra oolaa jiran hedduun walʼaansa qaama keessaatiif hin taʼan. Summii qabu, erga maxxanfamanii booda ni gogu, akkasumas qaama jiidhina qabutti hin qabatan. Saayintistoonni gorora cilalluu a irratti qorannaa gochuudhaan tooftaa rakkoo kana ittiin furan argataniiru.

 Mee yaadi: Cilalluun kun balaa irra akka buʼe yommuu itti dhagaʼamu, gorora baala mukaa jiidhina qabutti maxxanuuf isa dandeessisu maddisiisa. Malli ittiin balaa of irraa ittisu kun cilalluu kana kan eegu yeroo taʼu, hamma tokko sochoʼuufis isa dandeessisa.

 Qorattoonni, gorora kana irratti qorannaa gochuudhaan wantoota hapheen uumamaa kun gaarii akka taʼu godhan hedduu argataniiru. Fakkeenyaaf, gororri isaa walitti dhufeenya keemikaalaa, (chemical bonding) akkasumas wal harkisa elektiroonii fi pirootoonii (electrostatic attraction) fayyadama. Bakka cilalluun itti of maxxanse sana keessa kan gadi seenu siʼa taʼu, yeroo dhiibbaan irratti godhamu wal keessaa yaaʼa. Qorattoonni, wanta amala gorora cilalluu qabu oomishuudhaan, haphee hapheewwan yeroo ammaatti yaalii fayyaatiif fayyadan caalaa cimaa taʼee fi qaama jiraataatti maxxanuu dandaʼu hojjechuu dandaʼaniiru. Akkasumas, hapheen kun “akkuma morgaan (cartilage) lafeetti maxxanu kutaalee qaamaa walitti qabsiisa” jedhameera.

 Hayyoonni, hapheen kun meeshaalee ogeessonni yaalii baqaqsanii hodhuu itti fayyadaman keessaa tokko yoo taʼe, qaama hodhuu fi shiboo fayyadamuun hafuu akka dandaʼu amanu. Morgaa suphuuf ykn wantoota yaalii fayyaatiif barbaachisan qaama keessatti iddoo barbaachisaa taʼetti maxxansuuf fayyaduu dandaʼa. Hapheen kun qaawwa onnee booyyee duuchuu, akkasumas qaawwa tiruu hantuutaa erbuu irratti buʼa qabeessa akka taʼe qorannoon mirkaneesseera.

 Saayintistoonni yeroo baayʼee uumamawwan addunyaa naannoo keenya jiran irratti qorannaa gochuudhaan rakkoowwan beekamoo taʼaniif furmaata argatu. Daayireektara dhaabbata haphee oomishuu kan taʼan Doonaaldi Ingibar, “Kun dhimma iddoo ilaaltu beekuu fi wanta tokko yommuu ilaaltu wanta hubatamuu qabu addaan baafachuu ti” jechuudhaan dubbataniiru.

 Maal sitti fakkaata? Hapheen uumamaa gorora cilalluu keessa jiru kun jijjiirama tirannaatiin argamee? Moo qaamni kana tolche jira?

a Maqaan saayinsaawaa isaa Eeriyon sabfaskas (Arion subfuscus) jedhama.