Dhimma ijoo ta'etti seeni

GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU | GAAʼELA

Amala Hiriyaa Gaaʼelaa Kee Si Aarsuuf Ilaalcha Gaarii Qabaadhu

Amala Hiriyaa Gaaʼelaa Kee Si Aarsuuf Ilaalcha Gaarii Qabaadhu
  •   Ati wanta tokko yeruma feetetti raawwachuu barbaadda; hiriyaan gaaʼelaa kee garuu wanta hunda karooraan raawwachuu barbaaddi.

  •   Ati callisuu fi suuta jechuu jaallatta; hiriyaan gaaʼelaa kee ishiin salphaatti namaa wajjin walii galtu garuu yeroo hunda namootaa wajjin taʼuu jaallatti.

 Hiriyaan gaaʼelaa kee amala si aarsu qabdii? Amala akkasii irratti xiyyeeffachuun gaaʼela keessan miidhuu dandaʼa. Kitaabni Qulqulluun, “Namni dhimma tokko irra deddeebiʼee dubbatu . . . michoota walitti dhihaatan gargar baasa” jedhe.—Fakkeenya 17:9.

 Amalli si aarsu sun sii fi hiriyaa gaaʼelaa kee gidduutti rakkina akka uumu heyyamuu mannaa, amala sanaaf ilaalcha gaarii qabaachuuf carraaqqii gochuu ni dandeessa.

Mata duree kana keessatti

 Amala si aarsu sanaaf ilaalcha gaarii qabaachuu

 Tarii amalli si aarsu sun amala jaallattu tokkoo wajjin kan wal qabatu taʼuu dandaʼa. Mee fakkeenyota sadii haa ilaallu:

 “Abbaan manaa koo wanta tokko raawwachuu irratti ykn iddoo tokko deemuuf qophaaʼuu irratti yeroo baayʼee suuta jedha. Taʼus amalumti kun obsa qabeessa isa godheera; anaaf illee ni obsa. Suuta jechuun isaa yeroo tokko tokko kan na aarsu taʼus, amalawwan isa irratti jaalladhu keessaa tokko dha.”—Cheelsii.

 “Haati manaa tiyya tokko tokkoon karoora baafatti; wanta hunda karooraan akka goote akka ishiitti dhagaʼamu barbaaddi, kun immoo nama aarsuu dandaʼa. Karaa kan biraatiin immoo, wantoota xixinnoodhaaf xiyyeeffannaa kennuun ishii wanta akkamii iyyuu carraadhaaf akka hin dhiisne argisiisa.”—Kiristoofar.

 “Abbaan manaa koo wanta baayʼee irratti dantaa kan hin qabne fakkaachuu dandaʼa, kun immoo nama aarsa. Taʼus, yeroo waa raawwatu kan hin dhiphanne taʼuun isaa amalawwan akka inni na hawwatu godhan keessaa tokko dha. Haala nama dhiphisu keessatti dandeettii tasgabbaaʼuu qabaachuun isaa baayʼeen natti tola.”—Daaniyel.

 Akkuma Cheelsiin, Kiristoofarii fi Daaniyel hubatanitti, ciminnii fi dadhabinni hiriyaan gaaʼelaa tokko qabu yeroo baayʼee kutaawwan garaa garaa amaluma tokkoo taʼuu dandaʼu. Haalli isaa akkas taanaan, akkuma boca saantimaa kallattii tokkoon jiru isa kaan irraa adda baastee gatuu hin dandeenye, dadhabina sanas cimina sana irraa adda baastee balleessuu hin dandeessu.

 Amalawwan tokko tokko amala cimina argisiisu of keessaa akka hin qabne beekamaa dha. Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun namoonni tokko tokko ‘dafanii akka aaran’ dubbata. (Fakkeenya 29:22) Namni amala akkasii qabu tokko “jibba guddaa, aarii, dheekkamsa, iyya, [akkasumas] arrabsoo” of irraa fageessuuf carraaqqii cimaa gochuu qaba. aEfesoon 4:31.

 Haa taʼu malee, amalli tokko amaluma nama aarsu yoo taʼe gorsa Kitaaba Qulqulluu, “Namni tokko sababii nama kan biraa itti komatu yoo qabaate illee, wal dandaʼuu . . . keessan itti fufaa” jedhu hordofi.—Qolosaayis 3:13.

 Kana malees, amala gaarii amalli sun of keessatti qabate adda baafachuuf yaali; tarii amalli kun amala jalqaba hiriyaan gaaʼelaa kee akka si hawwattu godhe taʼuu dandaʼa. Abbaan manaa Jooseef jedhamu, “Amala nama aarsu tokko irratti xiyyeeffachuun, akkuma qara almaazii irratti xiyyeeffachuu ti; kanaan kan kaʼes miidhagina isaa utuu hin dinqisiifatin hafuu dandeessa” jedheera.

 Qajeelfama marii

 Jalqaba, kopha kophaatti gaaffiiwwan armaan gadii irratti yaadaa. Achiis deebiiwwan keessan irratti mariʼadhaa.

  •   Hiriyaan gaaʼelaa kee amala walitti isin buusuu dandaʼu qabdii ykn qabaa? Taanaan, amalli kun maali dha?

  •   Amalli kun dadhabina cimaa dha moo amaluma si aarsu dha?

  •   Amalli gaariin amala kanaa wajjin wal qabatu jiraa? Taanaan, amalli kun maali dha? Amala hiriyaa gaaʼelaa keetii kanaaf iddoo guddaa kan kennitu maaliifi?