Saayinsiin Kitaaba Qulqulluu Wajjin Wal Simaa?
Deebii Kitaaba Qulqulluu
Eeyyee, Kitaabni Qulqulluun kitaaba saayinsii taʼuu baatus, saayinsii ilaalchisee odeeffannoowwan achi keessa jiran hundi sirrii dha. Kitaabni Qulqulluun saayinsii wajjin kan wal simuu fi yaada namoonni bara sanatti turan hedduun itti amanaa turan irraa baayʼee adda taʼe kan qabate akka taʼe fakkeenyota ibsan tokko tokko haa ilaallu.
Hawaan jalqaba qaba. (Uumama 1:1) Faallaa kanaatiin garuu, sheekkoowwan bara durii hawaan kan uumame utuu hin taʼin, wantoonni faffacaʼanii turan bifa qabachaa dhufanii uumama akka taʼan dubbatu. Warri Baabilon waaqayyittiin hawaa deesse galaanota lama irraa akka dhufte amanu. Sheekkoon kaan immoo hawaan hanqaaquu baayʼee guddaa taʼe tokko irraa akka dhufe dubbatu.
Hawaan guyyaa guyyaadhaan kan sochoʼu seerawwan uumamaatiin malee, kan waaqolii tolfamoon akka barbaadanitti isa toʼatan miti. (Iyoob 38:33; Ermiyaas 33:25) Sheekkoowwan addunyaa maratti dubbataman waaqolii tolfamoon ilmaan namootaa irratti taʼeewwan akka tasaa uumamanii fi yeroo tokko tokko immoo taʼeewwan gara jabinaa akka nama irraan geessisan barsiisu.
Lafti utuu homtuu jala hin jiraatin rarraatee jirti. (Iyoob 26:7) Namoonni bara durii addunyaan lafa diriiraa, qaama ykn bineensota baayʼee guguddaa, kan akka gafarsaa ykn qocaa irra taaʼee akka jiru amanu turan.
Lageenii fi fincaaʼaawwan bishaaniin guutaman garbaa fi maddawwan biroo irraa hurkuudhaan, bokkaa fi cabbii taʼanii gara lafaatti deebiʼu. (Iyoob 36:27, 28; Lallaba 1:7; Isaayaas 55:10; Amos 9:6) Giriikonni bara durii lageen garba lafa jala jiruun kan guutaman akka taʼan amanu turan; yaanni kun hanga jaarraa 18ffaatti itti fufeera.
Tulloonni ol kaʼu, ni kufu, akkasumas tulluuwwan yeroo ammaatti jiran yeroo taʼe tokkotti garba jala turan. (Faarfannaa 104:6, 8) Faallaa kanaatiin, sheekkoowwan hedduun tulluuwwan waaqolii tolfamoo isaaniitiin akka uumaman dubbatu.
Barsiifata qulqullinaa gaarii qabaachuun fayyaadhaaf eegumsa guddaa taasisa. Seerri saba Israaʼeliif kennamee ture, namni tokko reeffa yoo tuqe akka dhiqatu, namoonni dhukkuba daddarbaadhaan qabaman immoo namoota irraa adda baafamanii akka jiraatanii fi bobbaan namootaa karaa sirrii taʼeen akka awwaalamu ajaja ture. (Lewwoota 11:28; 13:1-5; Keessa Deebii 23:13) Faallaa kanaatiin immoo, yeroo ajajawwan kun kennamanitti warri Gibxii yaaliiwwan fayyaa itti fayyadaman keessaa tokko wanta bobbaan namaa itti makame madaa irra kaaʼuu ture.
Yaanni Kitaaba Qulqulluu akka saayinsiitti dogoggora taʼe jiraa?
Karaa sirrii taʼeen Kitaaba Qulqulluu yoo qorre deebiin gaaffii kanaa ‘hin jiru’ kan jedhu dha. Odeeffannoon Kitaabni Qulqulluun gama saayinsiitiin kennu sirrii akka hin taane kan yaadamu, ilaalchawwan dogoggoraa armaan gadii baramaa taʼan irratti hundaaʼuudhaani:
Ilaalcha dogoggoraa: Kitaabni Qulqulluun hawaan guyyoota saʼaatii 24 qaban jaʼa gidduutti akka uumame ibsa.
Dhugaa jiru: Akka Kitaabni Qulqulluun jedhutti Waaqayyo hawaan kan uumame guyyoonni uumamaa jalqabamuu isaanii dura akka taʼe ibsa; yeroon isaa garuu kallattiidhaan hin caqasamne. (Uumama 1:1) Kana malees, guyyoonni uumamaa Uumama boqonnaa 1 irratti ibsaman bara sirriitti hin beekamne kan argisiisani dha. Yeroon lafaa fi samii uumuuf fudhate guyyaa tokko akka taʼe yeroon itti ibsames jira.—Uumama 2:4, hiika bara 1899.
Ilaalcha dogoggoraa: Kitaabni Qulqulluun biqiltoonni kan uumaman aduu ishiin nyaata akka qopheessan gumaacha guddaa gootu uumamuu ishii dura akka taʼe ibsa.—Uumama 1:11, 16.
Dhugaa jiru: Kitaabni Qulqulluun biqiltoota dura “bantiiwwan waaqaa” ykn samiiwwan akka uumaman dubbata; wantoota samiin of keessatti qabate keessaa immoo urjiileen kan jiran siʼa taʼan, urjiilee kana keessaa immoo aduun ishii tokko dha. (Uumama 1:1) Guyyaa ykn bara jalqaba uumamaatti ifni aduu dimimmisa taʼe dhufuu jalqabee ture. Qilleensi naannoon qulqullaaʼaa yommuu deemus, “guyyaa” uumamaa sadaffaatti ifni aduu qilleensa keessa qaxxaamuree seenu humna biqiltoonni nyaata mataa isaanii qopheeffachuuf gaʼaa taʼe qabatee taʼuu dandaʼa. (Uumama 1:3-5, 12, 13) Aduun lafa irratti ifatti mulʼachuu kan jalqabde garuu sana booda dha.—Uumama 1:16.
Ilaalcha dogoggoraa: Kitaabni Qulqulluun aduun lafatti akka naannoftu dubbata.
Dhugaa jiru: Lallabni 1:5 akkana jedha: “Biiftuun in baati, in lixxi, iddoo dhufteettis in ariifatti, deebitees in baati.” Haa taʼu malee, yaanni kun nama lafa irra taʼee ilaaluuf aduun kan sochootu fakkaattee mulʼatti jechuuf malee yaada ergaa saayinsii dabarsu miti. Yeroo harʼaatti illee lafti aduutti akka naannoftu kan beeknu taʼus, “biiftuun in baati,” akkasumas ‘biiftuun in lixxi’ jenna.
Ilaalcha dogoggoraa: Kitaabni Qulqulluun lafti diriirtuu akka taate dubbata.
Dhugaa jiru: Kitaabni Qulqulluun jechoota akka “hanga andaara lafaatti” jedhanitti fayyadama; kana jechuun garuu lafti diriirtuu akka taate ykn andaara akka qabdu kan argisiisu miti. (Hojii Ergamootaa 1:8) Haaluma wal fakkaatuun, jechoonni “golee lafaa arfan” jedhan lafti roga afur akka qabdu hin argisiisu. Yaada kana yommuu dubbisnu guutummaa addunyaa kan argisiisu taʼuu isaa hubanna.—Isaayaas 11:12; Luqaas 13:29.
Ilaalcha dogoggoraa: Kitaabni Qulqulluun hammi naannawa wanta geengoo taʼe tokkoo kan beekamu dheerina wanta geengoo qixa lamaaniin darbu sadiin baayʼisuudhaan akka taʼe ibsa; taʼus herregni isaa inni sirriin diyaameetirii isaa 3.1416tiin (π) baayʼisuu dha.
Dhugaa jiru: Safarri ‘gaanii bishaanii sibiila boorrajjii’ 1 Mootota 7:23 fi 2 Seenaa 4:2 irratti ibsame, diyaameetiriin isaa “dhundhuma kudhan,” balʼinni isaa naannoo “dhundhuma soddomaa” akka taʼe ibsa. Safartuuwwan kun lakkoofsota hihhiraman gara lakkoofsa guutuu isatti dhihoo taʼetti siqsuudhaan taʼuu dandaʼa. Naannoon inni geengoon kan safarame karaa keessaatiin siʼa taʼu, diyaameetiriin gaanii bishaanii sanaa furdina hidhii isaa kan dabalatu taʼuu dandaʼa.