Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Hirriiba Gaʼaa Argachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Hirriiba Gaʼaa Argachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

 Barumsa herregaa irratti yoo kufte cimtee qoʼachuun akka si barbaachisu yaaduu dandeessa. Ispoortii tokko irratti buʼa qabeessa taʼuu yoo dadhabde immoo caalaatti shaakaluun akka si barbaachisu yaaduu dandeessa. Haa taʼu malee, haala lamaanuu keessatti wanti dhugumaan si barbaachisu hirriiba gaʼaa taʼuu dandaʼa. Mee maaliif akka taʼe haa ilaallu.

 Hirriiba rafuun kan si barbaachisu maaliifi?

 Hayyoonni akka jedhanitti dargaggoonni baayʼeen saʼaatii saddeetii hanga kudhanii rafuun isaan barbaachisa. Hirriiba gaʼaa argachuun kee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

  •   Hirriibni dandeettiin yaaduu kee akka qaramu godha. Hirriibni “nyaata sammuu” jedhamee waamameera. Mana barumsaatti, ispoortii irrattii fi dandeettii rakkina furuu irratti fooyyaʼiinsa gochuuf si gargaaruu dandaʼa.

  •   Hirriibni ilaalchii fi miirri kee akka fooyyaʼu godha. Namoonni hirriiba gaʼaa hin arganne miirri isaanii akka tasaa jijjiiramuu, gaddi ykn dhiphinni itti dhagaʼamuu fi hariiroo warra kaan wajjin qaban irratti rakkinni isaan mudachuu dandaʼa.

  •   Hirriibni balaa tasaa hirʼisuuf si gargaaruu dandaʼa. Qorannoon Yunaayitid Isteetis keessatti godhame tokko akka argisiisutti konkolaachistoonni umuriin isaanii waggaa 16 hanga 24 taʼe, konkolaachistoota umuriin isaanii waggaa 40 hanga 59 taʼe wajjin yeroo wal bira qabamanii ilaalaman “balaan tasaa isaan mudachuu isaa dura carraan isaan muguuf qaban gara harka lamaatiin caala.”

  •   Hirriibni fayya buleessa taʼuuf si gargaara. Hirriibni qaamni kee seelota isaa, tishuu fi hidda dhiigaa akka haaromsuu fi suphu isa gargaara. Kana malees hirriibni gaariin carraan garmalee furdachuuf, dhukkuba sukkaaraa fi kantara dhiigaatiin qabamuuf qabdu akka hirʼatu taasisa.

Akkuma bilbilli hojjechuu isaa itti fufuuf yeroo hunda chaarjiin isa barbaachisu, atis hojii kee irratti milkaaʼina argachuuf hirriibni gaʼaan si barbaachisa

 Hirriiba gaʼaa akka hin arganne wanti si dhoowwu maali dha?

 Hirriibni faayidaa olitti ibsaman kan qabu taʼus, dargaggoonni baayʼeen hamma isaan barbaachisu hin rafan. Fakkeenyaaf, wanta shamarreen waggaa 16 Iilaan jedhamtu dubbatte ilaali:

 “Barsiistuun tiyya barattoonni kutaa koo saʼaatii meeqatti akka rafan isaan gaafatte. Baayʼeen isaanii halkan gara saʼaatii 8:00⁠tti akka rafan dubbatan. Warri kaan immoo gara barii saʼaatii 11:00⁠tti akka rafan dubbatan. Barataa tokko qofatu galgala saʼaatii 3:30⁠tti akka rafu dubbate.”

 Hirriiba gaʼaa akka hin arganne wanti gufuu sitti taʼuu dandaʼu maali?

 Jireenya hawaasummaa. “Keessattuu galgala hiriyoota koo wajjin yeroon baʼu, salphumatti barfachuu fi yeroo koo gubuu nan dandaʼa.”—Paamiilaa.

 Itti gaafatamummaa. “Hirriiba nan jaaladha, garuu hojiin waan natti baayʼatuuf, hirriiba gaʼaa argachuun ulfaataa dha.”—Aanaa.

 Teknooloojii. “Hirriiba koo akkan dagadhu wanti na taasise inni guddaan bilbila koodha. Siree koo irra ciisee bilbila koo ilaaluu dhiisuun ulfaataa dha.”—Aniisaa.

 Hirriiba gaʼaa argachuu kan dandeessu akkamitti?

  •   Ilaalcha hirriibaaf qabdu qori. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Rakkinaan itti dadhabanii harka lama guutuu qabaachuu mannaa, gabiitti harka tokko guutuu qabaachuu wayya.” (Lallaba 4:6) Hirriibni wanta dirqama jireenyaaf barbaachisu dha malee qananii miti. Hirriiba malee hojii qulqullina qabu hojjechuu hin dandeessu, akkasumas bashannana kee irraa illee gammachuu guutuu hin argattu.

  •   Wanti hirriiba gaʼaa akka hin arganne si dhoorku inni guddaan maal akka taʼe adda baasi. Fakkeenyaaf, hiriyoota kee wajjin yeroo dabarsuudhaan ni barfattaa? Hojiin mana barumsaa fi mana keessaa akka sitti baayʼate sitti dhagaʼamaa? Bilbilli kee yeroo itti raftu si jalaa dabarsaa? Yookiin immoo erga raftee booda hirriiba irraa si kaasaa?

 Qabxiiwwan irratti yaadamuu qaban: Wanta hirriiba gaʼaa akka hin arganne si dhoorku mooʼuun hamma tokko carraaqqii gochuu gaafata, taʼus buʼaan isaa nama kiisa. Fakkeenyi 21:5, “Yaadni warra dhimmee hojjetuu buʼaa qaba” jedha.

 Dhugaadha, wanti nama tokko gargaare nama kan biraa gargaaruu dhiisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko guyyaa yeroo gabaabaadhaaf rafuun galgala hirriiba gaarii rafuuf akka gargaaru dubbatu. Warri kaan garuu guyyaa yeroo gabaabaadhaaf rafuun buʼaan isaa faallaa akka taʼe dubbatu. Kanaafuu, wanti siif gaarii taʼe isa kam akka taʼe adda baafadhu. Yaadawwan armaan gadii si gargaaruu dandaʼu:

  •   Yeroo itti aara galfatu qabaadhu. Rafuu kee dura kan boqottu yoo taʼe, hirriibni dafee si fudhachuun isaa hin oolu.

     “Yeroo raftutti waaʼee isaanii akka hin yaaddofne, hojii mana keessaa fi itti gaafatamummaa kan biroo dursanii fixuun gaarii dha.”—Maariyaa.

  •   Tarkaanfii fudhadhu. Haalli keessa jirtu akka si toʼatu heyyamuu mannaa sagantaa kee toʼadhu. Akkas yoo goote hirriiba gaʼaa si barbaachisu argachuu dandeessa.

     “Yeroo hunda yoo xinnaate saʼaatii saddeet rafuu na barbaachisa. Kanaafuu dursee kaʼuun yoo na barbaachise saʼaatii meeqatti rafuu akkan qabun murteessa.”—Viinsant.

  •   Yeroo wal fakkaatutti rafuuf yaali. Saʼaatiin uumamaan qaama kee keessa jiru yoo leenjiste si gargaaruu dandaʼa. Hayyoonni yeroo hunda saʼaatii wal fakkaatutti rafuu fi kaʼuun gaarii akka taʼe dubbatu. Jiʼa tokkoof yaaliitii miirri gaariin hammam akka sitti dhagaʼame hubadhu.

     “Yeroo hunda saʼaatii wal fakkaatutti kan raftu yoo taʼe, guyyaa itti aanutti sammuun kee ni haaroma. Kunis hojii hojjettu kam irratti iyyuu caalaatti buʼa qabeessa taʼuuf si gargaara.”—Jaared.

  •   Jireenya hawaasummaa wajjin haala walqabateen madaallii kee eeggadhu. Kitaabni Qulqulluun ‘barsiifata madaalamaa akka qabaannu’ dubbata, kunis wanta yeroo boqonnaa keetti raawwattu dabalata.—1 Ximotewos 3:2, 11.

     “Galgala sochiiwwan hawaasummaa koo daangessuu barachuun na barbaachisa ture. Bashannanaaf daangaa yoon kaaʼuu baadhe, yeroo baayʼee hirriiba koo irratti rakkinni na mudata!”—Rebeekaa.

  •   Bilbilli kees akka “boqotu” godhi! Yoo xinnaate rafuu kee saʼaatii tokko dura, Intarneetii sakattaʼuu ykn hiriyoota keetiif ergaa erguu irraa of qusadhu. Hayyoonni tokko tokko, ifni bilbila, televijinii ykn tableetii irraa dhufu rafuun akka sitti ulfaatu gochuu akka dandaʼu akeekkachiisaniiru.

     “Namoonni yeroo hunda akka argamtu si irraa eegu. Haa taʼu malee sirriitti boqochuuf, bilbila kee fayyadamuu dhaabuu qabda.”—Juuliisaa.