GAAFFII DARGAGGOOTAA
Baasii Koo Toʼachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
“Dhiheenya kana ilaaluuf qofa suuqii tokko seeneen ture. Yommuun achii baʼu garuu, wantoota gatiin isaanii miʼaa taʼanii fi bituuf hin yaanne biteen baʼe!”—Kooliin.
Kooliin baasii isaa toʼachuu irratti rakkina akka qabu dubbateera. Atoo rakkina akkasii qabdaa? Taanaan mata dureen kun si gargaaruu dandaʼa.
Baasii kee toʼachuu kan qabdu maaliifi?
Ilaalcha dogoggoraa: Baasii kee toʼachuuf yaaluun bilisummaa si dhabsiisa.
Dhugaa jiru: Baasii kee toʼachuun bilisummaa si dhabsiisuu mannaa, bilisummaa dabalataa siif kenna. Kitaabni, I’m Broke! The Money Handbook jedhamu, “Waaʼee maallaqaa caalaatti beekaa yommuu deemtu, wantoota ammas taʼe gara fuulduraatti si barbaachisaniif maallaqa dabalataa argatta” jedheera.
Mee yaadi: Baasii kee toʼachuudhaan . . .
Yommuu si barbaachisutti maallaqa dabalataa qabaatta. Shamarreen umurii waggoota kurnanii keessa jirtuu fi Iineez jedhamtu akkana jetteetti: “Gara fuulduraatti Ameerikaa Kibbaa deemuun barbaada. Kanaafuu yommuun maallaqa qusadhutti, galma koo kana yaadachuufan yaala.”
liqii baayʼeen (ykn liqii tokko illee) si irra hin jiraatu. Kitaabni Qulqulluun, “Namni liqeeffate . . . nama isaaf liqeesseef garbicha dha” jechuudhaan dubbata. (Fakkeenya 22:7) Shamarreen Aanaa jedhamtus yaada kana irratti walii galti. Akkana jetteetti: “Liqiin jireenya kee toʼachuu dandaʼa; idaa irraa bilisa taʼuun garuu galmawwan kee irratti xiyyeeffachuuf si gargaara.”
Nama bilchaataa taʼuu kee argisiista. Namni baasii isaa toʼatu gaʼeessa taʼuuf caalaatti of qopheessa. Jiin inni dargaggeessa umurii waggaa 20 taʼe, “Kun yeroon of dandaʼee jiraadhuuf leenjii gaariidha; amma baasii koo toʼachuuf yaaluun koo fuuldurattis akkas gochuuf na gargaara” jedheera.
Yaada ijoo: Kitaabni, The Complete Guide to Personal Finance: For Teenagers and College Students jedhamu akkana jedheera: “Nama of dandaʼe taʼuuf, maallaqa kee qoʼachuu dandaʼuun tarkaanfii baayʼee barbaachisaa taʼe dha. Karaa buʼa qabeessa taʼeen baasii kee toʼachuun, dandeettii jireenya kee gara fuulduraatiif si fayyadu dha.”
Kana gochuu kan dandeessu akkamitti?
Dadhabina kee adda baasii bari. Yeroo hunda maallaqni kee si jalaa dhuma yoo taʼe, dursa wanti baasii hedduu si baasisu maal akka taʼe adda baafadhu. Namoota tokko tokkoof karaa intarneetii waa bituun, maallaqa hedduu akka baasan isaan taasisa. Warra kaaniif immoo guyyaa guyyaatti baasii xiqqoon isaan baasan dhuma jiʼaatti maallaqni isaanii akka isaan jalaa ‘dhumu’ godha.
“Baasii xiqqoon guyyaa guyyaatti baʼu walitti qabamee baayʼee taʼa. Kanaafis sanaafis kennaawwan xixiqqoon kenna, bunan dhuga, akkasumas suuqii keessaa wanta dabalataan bita, achiis dhuma jiʼatti maallaqni koo eessa akka dhaqen wallaala!”—Heelii
Bajata qopheeffadhu. Kitaabni Qulqulluu, “Karoorri nama dhimmee hojjetuu gara milkaaʼinaatti geessa” jedha. (Fakkeenya 21:5) Maallaqa itti fayyadamtu adda baafachuun kee maallaqni baastu maallaqa argattu irra akka hin caalle gochuuf si gargaara.
“Maallaqa argattu caalaa baasta yoo taʼe, maallaqa kee kan fixu maal akka taʼe adda baafachuudhaan wantoota si hin barbaachisne hirʼisi. Maallaqni baastu maallaqa argatuu gadi amma taʼutti baasii kee hirʼisi.”—Daaniʼel.
Karoora kee hordofi. Wantoonni maallaqa kee toʼachuu fi wantoota si hin barbaachisne bituu dhiisuuf si gargaaran hedduun jiru. Dargaggoonni tokko tokko malawwan armaan gaditti ibsaman baayʼee gaarii taʼee argataniiru:
“Yeroo baayʼee maallaqa akkuman argadheen mana baankiin kaawwadha, sababiin isaas akkas yoon godhe baasii hedduu baasuuf hin qoramu.”—Deeviid.
“Yommuun suuqii dhaqu maallaqa na barbaachisu qofan qabadha, akkas gochuun koo maallaqan baasuu yaade caalaa akkan hin baasne na gargaara.”—Eelan.
“Wanta tokko bituu koo dura yeroodhaaf irratti yaaduun koo, Wanti sun dhugumaan kan na barbaachisu taʼuu fi dhiisuu isaa adda baafachuuf na gargaara.”—Jeesiyaa.
“Waamicha hunda dhaquun na hin barbaachisu! Maallaqa hin qabu yoo taʼe lakki jechuun koo dogoggora hin qabu.”—Jeneefer.
Yaada ijoo: Maallaqa kee toʼachuun itti gaafatamummaa guddaa dha. Kooliin inni jalqaba irratti caqasames kana hubateera. Akkana jedheera: “Fuulduratti abbaa manaa yoon taʼe, qarshii hin qisaasu. Amma yeroon qeenxee taʼee jirutti qarshii sirriitti hin fayyadamuu yoon taʼe, gaaʼela koo irratti rakkina uumu dandaʼa.”
Gorsa gaarii: “Bajata hammamii akka baafate nama tokkotti himi, irra deddeebiʼee bajata kee akka siif gamaaggamus itti himadhu. Itti gaafatamummaan kan nutti dhagaʼamu taʼuun isaa gaarii dha!”—Vaaneesaa.