Dhimma ijoo ta'etti seeni

Birooshuroota Odeeffannoo Kennan

 

Dhugaa Baatota Yihowaa-Eenyufaʼi?

Wanta Dhugaa Baatonni Yihowaa hojjetanii fi akkamitti akka gurmaaʼan ilaalchisee odeeffannoo gabaabaa kenname.

Dhugaa Baatota Yihowaa fi Barreeffamoota Isaanii

Barreeffamoonni Dhugaa Baatota Yihowaa bifa maxxansaatiin kan qophaaʼanis taʼan intarneetii irratti kan argaman, namoonni Waaqayyotti akka dhihaatanii fi hubannaa Kitaaba Qulqulluu akka argatan gargaaru. Barreeffamoonni kun dubbistoota irratti dhiibbaa gaarii waan godhaniif jireenya isaanii fooyyessuu dandaʼu.

Dhugaa Baatota Yihowaa Hawaasicha Keessatti

Dhugaa Baatonni Yihowaa barumsa Kitaaba Qulqulluu kennaniin, akkasumas gargaarsa namoomaatiin hawaasa keessa jiraataniif gumaacha gaarii taasisaa jiru.

Dhugaa Baatota Yihowaa fi Tajaajilasaanii

Waaqeffannaa Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa inni guddaan olloota isaaniitti misiraachoo Kitaaba Qulqulluu keessa jiru himuudha. Lallabuuf malawwan akkamiitti fayyadamu? Tajaajilli isaanii kun hawaasa kan fayyadu akkamitti?

Dhugaa Baatota Yihowaa fi Jireenya Maatii

Dhugaa Baatonni Yihowaa qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu abbaa manaa, haadha manaa fi ijoollee fayyadan hojiirra oolchuuf ni carraaqu. Kunimmoo maatiin bakka nagaa fi jaalala qaba akka taʼu taasisa. Warri qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu ijoolleesaanii barsiisuu akka itti gaafatamummaa guddaatti ilaalu.

Dhugaa Baatota Yihowaa-Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman

Gaaffiiwwan waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa yeroo baayʼee gaafataman kudhaniif deebii kenname.

Dhugaa Baatota Yihowaa fi Yaalii Fayyaa

Dhugaa Baatonni Yihowaa jireenyi kennaa Waaqayyoo gatii guddaa qabu akka taʼetti ilaalu. Jireenyas taʼe dhiiga akka qulqulluutti ilaalu. Maatii isaaniitiif yaalii fayyaa gaarii taʼe argachuuf yaalu; filannoowwan yaalii fayyaa dhiiga malee kennamaniif fi buʼa qabeeyyii taʼan argachuurratti ogeeyyii fayyaa wajjin walii galu.

Dhugaa Baatota Yihowaa fi Tajaajila Uummataa Bakka Loltummaa Raawwatamu

Seerawwan addunyaa mirga namoota sababii sammuun isaanii isaaniif hin heyyamneef waraana irratti hin hirmaannee kabajuu erga jalqabanii tureera. Dhugaa Baatonni Yihowaa abbootiin taayitaa qajeelfama addunyaa hordofuudhaan tajaajila uummataa akka adabbiitti hin yaadamnee fi hawaasicha fayyadu, bakka loltummaa akka kennan yommuu filannoo isaaniif dhiheessan baayʼee galateeffatu.